Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 12

Maatii Gammachuu Qabu

Maatii Gammachuu Qabu

Jaalalli maatiin gammachuu akka qabaatu godha. Efesoon 5:33

Waaqayyo gaaʼelli dhiira tokkoofi dubartii tokko qofa gidduutti akka raawwatamu seera kenneera.

Abbaan manaa jaalala qabeessa taʼe, gaarummaafi hubannaadhaan haadha manaasaa wajjin jiraata.

Haati manaas abbaa manaashee deggeruu qabdi.

Ijoolleen warrasaaniitiif abboomamuu qabu.

Garraamiifi amanamaa taʼi malee, hamaafi gantuu hin taʼin. Qolosaayis 3:5, 8-10

Dubbiin Waaqayyoo, abbaan manaa akka dhagna ofiisaatti haadha manaasaa jaallachuu akka qabu, haati manaas abbaa manaasheetiif ulfina guddaa kennuu akka qabdu dubbata.

Saalqunnamtiin gaaʼelaan alatti raawwatamu dogoggoradha. Hiriyaa gaaʼelaa tokkoo ol qabaachuunis dogoggora.

Dubbiin Yihowaa, maatiiwwan akkamitti gammachuu argachuu akka dandaʼan barsiisa.