Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seensa

Seensa

Waaqayyo abbaa jaalala qabeessa taʼee wajjin tokkodha. 1 Phexros 5:6, 7

Waaqayyo Uumaa keenya waan taʼeef, waaʼee keenya ni yaada. Akkuma abbaan ogeessaafi jaalala qabeessa taʼe tokko ijoolleesaa barsiisu, Waaqayyos namoonni bakka hundumaatti argaman akkamitti jireenya gaarii jiraachuu akka dandaʼan barsiisa.

Waaqayyo, dhugaawwan bakka guddaa qabaniifi gammachuudhaan akka guutamnu, akkasumas abdii akka qabaannu godhan nuu ibseera.

Waaqayyoon yoo dhaggeeffatte, si geggeessa, si eega, akkasumas rakkoowwan si mudatan akka mootu si gargaara.

Kana malees barabaraaf jiraatta!

Waaqayyo, “Gara koo kottaa! . . . Akka jiraattaniifis dubbii koo dhagaʼaa!” nuun jedheera. Isaayaas 55:3