Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 11

Yihowaan Nu Dhagaʼaa?

Yihowaan Nu Dhagaʼaa?

Waaqayyo kadhannaa keenya ni dhagaʼa. 1 Phexros 3:12

Yihowaan ‘kadhata namaa ni dhagaʼa.’ (Faarfannaa 65:2) Garaadhaa akka isatti dubbannu barbaada.

Yihowaatti malee, eenyuttiyyuu kadhannaa hin dhiheessin.

Waaʼee wantoota hedduu kadhachuu dandeenya. 1 Yohannis 5:14

Yihowaan wanta gaarii gochuuf akka si gargaaru gaafadhu. Waaʼee nyaataa, waaʼee hojii, waaʼee manaa, waaʼee uffataafi waaʼee fayyaakee kadhachuus ni dandeessa.

Wanta inni sii godhe akka dinqisiifattu argisiisuuf, maqaa Yesusiin kadhadhu.

Fedhiin Waaqayyoo samiirrattis taʼe lafarratti akka raawwatamu kadhadhu.