Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QOʼANNAA 1

Ittiin Lixa Gaarii

Ittiin Lixa Gaarii

Hojii Ergamootaa 17:22

YAADA IJOO: Ittiin lixni kee fedhii kan kakaasu, barumsa kee adda baasee kan beeksisuu fi dhaggeeffattoonni kee barumsichaaf xiyyeeffannaa kennuu kan qaban maaliif akka taʼe kan argisiisu taʼuu qaba.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Fedhii namootaa kakaasi. Gaaffii, yaada, muuxannoo, ykn oduu fedhii dhaggeeffattoota keetii kakaasu filadhu.

  • Barumsa kee ifa godhi. Ittiin lixni kee barumsichaa fi kaayyoo isaa dhaggeeffattoota keetiif ifa kan godhu taʼuu isaa mirkaneeffadhu.

  • Barumsichi maaliif barbaachisaa akka taʼe ifa godhi. Wanti ati dubbattu, wanta dhaggeeffattoota kee barbaachisu wajjin akka wal simu godhi. Barumsichi dhuunfaatti isaan gargaaruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe hubachuu qabu.