Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QOʼANNAA 11

Miira Hoʼaa Qabaachuu

Miira Hoʼaa Qabaachuu

Roomaa 12:11

YAADA IJOO: Miira hoʼaadhaan dubbachuudhaan dhaggeeffattoota kee hojiidhaaf kakaasi.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Barumsichi garaa kee akka tuqu godhi. Haasaa kee yommuu qophooftu, ergaan kee hangam barbaachisaa akka taʼe gad fageenyaan yaadi. Garaadhaa dubbachuu akka dandeessuuf, barumsa kee akka gaariitti beeki.

  • Waaʼee dhaggeeffattoota keetii yaadi. Odeeffannoon ati dubbistu ykn barsiistu warra kaan akkamitti akka fayyadu xiinxali. Dhaggeeffattoonni kee dinqisiifannaa qaban akka guddifatan karaa godhuun barumsicha akkamitti dhiheessuu akka dandeessu yaadi.

  • Haasaan kee akka humna qabaatu godhi. Miira hoʼaadhaan dubbadhu. Miira kee ibsuuf, sochii qaamaa uumama keetiin qabdutti fayyadami, akkasumas garaadhaa dubbachaa akka jirtu fuula kee irraa akka mulʼatu godhi.