Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QOʼANNAA 12

Jaalala Qabaachuu fi Miira Namootaa Hubachuu

Jaalala Qabaachuu fi Miira Namootaa Hubachuu

1 Tasalonqee 2:7, 8

YAADA IJOO: Dhaggeeffattoota kee garaadhaa akka jaallattuu fi isaan gargaaruu akka barbaaddu argisiisi.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Waaʼee dhaggeeffattoota keetii yaadi. Rakkina isaan mudachaa jiru yaadachuudhaan garaa kee qopheessi. Maal akka isaanitti dhagaʼamu tilmaamuuf yaali.

  • Jechoota kee of eeggannoodhaan filadhu. Dhaggeeffattoota kee haaromsuu, jajjabeessuu fi cimsuuf yaalii godhi. Utuu hin barbaachisin jechoota isaan mufachiisanitti hin fayyadamin, akkasumas namoota hin amanne ykn wanta isaan itti amanan akka tuffattu karaa argisiisuun hin dubbatin.

  • Akka isaaniif yaaddu argisiisi. Sagalee gaarummaa argisiisuu fi sochii qaamaa sirrii taʼeen dhaggeeffattoota keetiif garaadhaa akka yaaddu argisiisi. Ibsa fuula keetiin kennituuf of eeggannoo godhi; darbii darbii seeqi.