Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QOʼANNAA 13

Faayidaa Barumsichaa Ifa Gochuu

Faayidaa Barumsichaa Ifa Gochuu

Fakkeenya 3:21

YAADA IJOO: Dhaggeeffattoonni barumsi kee jireenya isaanii irratti dhiibbaa akkamii akka godhu akka hubatan gargaari, akkasumas wanta barataniin maal akka godhan isaanitti argisiisi.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Waaʼee dhaggeeffattoota keetii yaadi. Odeeffannoon ati isaaniif kennaa jirtu dhaggeeffattoota keetiif maaliif akka barbaachisu xiinxali, akkasumas mata duree sana keessaa caalaatti kan isaan gargaaru isa kam akka taʼe yaadi.

  • Guutummaa haasaa kee keessatti wanta dhaggeeffattoonni kee gochuu qaban argisiisi. Jalqabumaa kaasee dhaggeeffattoonni hundi, ‘Kun wanta na ilaallatu dha’ jechuu qabu. Tokkoon tokkoon qabxiiwwan guguddaa yommuu ibsitu akkamitti hojii irra akka oolchan argisiisi. Walitti qabaatti dubbachuu irraa of qusadhu.