Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QOʼANNAA 15

Amantii Guutuudhaan Dubbachuu

Amantii Guutuudhaan Dubbachuu

1 Tasalonqee 1:5

YAADA IJOO: Dhugaatti cimsitee akka amantuu fi wanti dubbachaa jirtu barbaachisaa taʼuu isaa argisiisi.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Gad fageenyaan qophaaʼi. Ragaan Kitaaba Qulqulluu xumura nama amansiisu tokko irra gaʼuuf akkamitti akka dandeessisu hanga hubattutti barreeffamicha qoʼadhu. Qabxiiwwan guguddaa haasaa keetii jechoota salphaa muraasaan ibsuuf yaali. Faayidaa barumsichi dhaggeeffattoota keetiif argamsiisu irratti xiyyeeffadhu. Hafuura qulqulluu argachuuf kadhadhu.

  • Jechoota amantii kee ibsanitti fayyadami. Akkuma jirutti barreeffamicha irraa dubbisuu mannaa, jechoota mataa keetiitti fayyadami. Ibsa wanta dhiheessaa jirtu irratti amantii akka qabdu argisiisu filadhu.

  • Yaada kee garaa guutuudhaan cimsii ibsi. Sagalee gaʼaa taʼeen dubbadhu. Kana gochuun kan nama hin mufachiisne yoo taʼe ija dhaggeeffattoota keetii ilaalaa dubbadhu.