Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QOʼANNAA 16

Kan Nama Ijaaruu fi Nama Jajjabeessu

Kan Nama Ijaaruu fi Nama Jajjabeessu

Iyoob 16:5

YAADA IJOO: Wantoota haala jiru sana fooyyessanii fi dhaggeeffattoonni kee amanannaa akka qabaatan godhan irratti xiyyeeffadhu.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Dhaggeeffattoota keetiif ilaalcha gaarii qabaadhu. Obboloonni kee Yihowaa gammachiisuu akka barbaadan amanannaa qabaadhu. Gorsa kennuu kan qabdu yoo taʼe illee, hamma dandaʼametti jalqaba garaadhaa galateeffadhu.

  • Waaʼee rakkinaa baayʼee hin dubbatin. Haasaa kee keessatti waaʼee rakkinaa ibsuu kan qabdu kaayyoo kee galmaan gaʼuuf barbaachisaa yoo taʼe qofa dha. Guutummaan haasaa keetii wantoota nama jajjabeessan irratti kan xiyyeeffate haa taʼu.

  • Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti itti fayyadami. Wantoota Yihowaan ilmaan namootaatiif raawwate, raawwachaa jiruu fi gara fuulduraatti raawwatu irratti akka xiyyeeffatan godhi. Dhaggeeffattoonni kee abdii fi jajjabina akka argatan godhi.