Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QOʼANNAA 18

Barumsa Dabalataa kan Kennu

Barumsa Dabalataa kan Kennu

1 Qorontos 9:19-23

YAADA IJOO: Dhaggeeffattoonni kee wanta buʼaa qabu tokko akka baratan akka itti dhagaʼamu gochuudhaan yaada isaanii kakaasi.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Wanta dhaggeeffattoonni kee sana dura beekan yaadi. Wantuma isaan sana dura dhagaʼan irra deebitee dubbachuu mannaa, barumsicha kallattii kan biraatiin akka ilaalan isaan gargaari.

  • Qorannaa godhi, akkasumas irratti xiinxali. Qabxiiwwan ijoo taʼan fakkeenyaan ibsuuf, yeroo dandaʼamutti yaadawwan baayʼee hin beekamne ykn taʼeewwan haaraa taʼanitti fayyadami. Waaʼee barumsa keetii, akkasumas walitti dhufeenya barumsichaa fi odeeffannoowwan caqasuu yaadde gidduu jiru gad fageenyaan yaadi.

  • Faayidaa barumsa keetii argisiisi. Qabxiiwwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan jireenya dhaggeeffattoota kee guyyaa guyyaa keessatti akkamitti akka isaan gargaaran ibsi. Haalawwan, ilaalchawwanii fi gochawwan dhaggeeffattoota kee ilaallatan irratti ibsa kenni.