Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QOʼANNAA 19

Garaa Tuquuf Carraaquu

Garaa Tuquuf Carraaquu

Fakkeenya 3:1

YAADA IJOO: Dhaggeeffattoonni kee wanta baratan akka dinqisiifatanii fi akka hojii irra oolchan gargaari.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Dhaggeeffattoonni kee akka of qoran gargaari. Namoonni si dhaggeeffatan miira isaanii akka qoran gargaaruuf gaaffii deebii hin barbaanne gaafadhu.

  • Kakaʼumsa gaarii akka qabaatan jajjabeessi. Dhaggeeffattoonni kee hojiiwwan gaarii taʼan hojjechuu kan qaban maaliif akka taʼe akka qoran jajjabeessi. Kakaʼumsa gaarii, jechuunis Yihowaadhaaf, namootaa fi barumsawwan Kitaaba Qulqulluutiif jaalala akka horatan gargaari. Ragaa dhiheessuudhaan isaan amansiisi malee, isaan hin ceephaʼin. Balleessaan akka isaanitti dhagaʼamu gochuu mannaa, haasaan kee akka isaan jajjabeessee fi wanta isaaniif dandaʼame hunda gochuuf akka isaan kakaase akka itti dhagaʼamu godhi.

  • Yihowaa irratti akka xiyyeeffatan godhi. Barumsawwan Kitaaba Qulqulluu, dhugaawwan buʼuuraa fi ajajawwan isaa, amala Waaqayyoo fi jaalala inni nuuf qabu akkamitti akka calaqqisiisan addeessi. Dhaggeeffattoonni kee miira Yihowaa hubachuu fi isa gammachiisuuf hawwii akka qabaatan godhi.