Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QOʼANNAA 2

Bifa Mariitiin Dhiheessuu

Bifa Mariitiin Dhiheessuu

2 Qorontos 2:17

YAADA IJOO: Akkuma yeroo kaan dubbattutti, miira barumsa kee fi dhaggeeffattoota keetiif qabdu haala argisiisuun garaadhaa dubbadhu.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Kadhannaa fi of eeggannoodhaan qophaaʼi. Ofii kee irratti utuu hin taʼin, ergaa kee irratti xiyyeeffachuuf akka si gargaaru kadhadhu. Qabxiiwwan ijoo dabarsuu barbaaddu sammuutti qabadhu. Yaadicha jecha mataa keetiin ibsi; jechoota barreeffamicha irra jiran akkuma jiranitti dubbisuudhaan hin dhiheessin.

  • Garaadhaa dubbadhu. Dhaggeeffattoonni kee ergicha dhagaʼuun kan isaan barbaachisu maaliif akka taʼe yaadi. Xiyyeeffannaa isaaniif kenni. Yoo kana goote akkaataan itti dhaabbattu, fuulli kee fi sochiin qaamaa kee garaadhaa dubbachaa akka jirtuu fi miira michoomaa akka qabdu argisiisu.

  • Gara dhaggeeffattoota keetii ilaali. Bakka akkas gochuun nama hin mufachiisnetti ija dhaggeeffattoota keetii ilaalaa dubbadhu. Yommuu haasaa kennitu dhaggeeffattoota kee hundumaa ariitiidhaan ilaaluu mannaa yeroo tokkotti nama tokko ilaali.