Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QOʼANNAA 6

Walitti Dhufeenya Caqasaa fi Barumsichaa Ifa Gochuu

Walitti Dhufeenya Caqasaa fi Barumsichaa Ifa Gochuu

Yohaannis 10:33-36

YAADA IJOO: Caqasa tokko erga dubbistee booda, callistee qabxii itti aanutti hin darbin. Dhaggeeffattoonni kee caqasni ati dubbistee fi qabxiin ati ibsaa jirtu walitti dhufeenya maalii akka qaban sirriitti hubachuu isaanii mirkaneessi.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Jechoota ijoo taʼan adda baasi. Caqasa tokko erga dubbistee booda, jechoota kallattiidhaan qabxii ijoo kee wajjin wal qabatan ifa godhi. Jechoota sana irra deebitee dubbisuu ykn gaaffii dhaggeeffattoonni kee jechoota ijoo akka adda baafatan gargaaru gaafachuudhaan kana gochuu dandeessa.

  • Qabxicha jabeessii ibsi. Caqasa tokko maaliif akka dubbistu yoo beeksiste, jechoonni ijoo caqasichaa sababii caqasa sana itti dubbistee wajjin akkamitti akka wal qabatan ibsi.

  • Ibsi kennitu salphaa akka taʼu godhi. Yaadawwan xixiqqoo barbaachisoo hin taanee fi qabxii ijoo keetiif gumaacha hin goone irratti ibsa kennuu irraa of qusadhu. Wanta dhaggeeffattoonni kee dursanii beekan irratti hundaaʼuudhaan, walitti dhufeenya caqasichaa fi yaada ijoo sana gidduu jiru ibsuu fi akka hubatamu gochuuf ragaan hangamii akka barbaachisu murteessi.