Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

QOʼANNAA 7

Sirrii fi Amansiisaa

Sirrii fi Amansiisaa

Luqaas 1:3

YAADA IJOO: Dhaggeeffattoonni kee xumura sirrii taʼe irra akka gaʼan gargaaruuf ragaawwan amansiisaa taʼanitti fayyadami.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Maddeen amansiisaa taʼanitti fayyadami. Yeroo dandaʼamu hundatti kallattiidhaan dubbisuudhaan yaadni kennitu Dubbii Waaqayyoo irratti akka hundaaʼu godhi. Saayinsii dhugaa taʼuun isaa mirkanaaʼe, oduu gabaafame, muuxannoo tokko ykn ragaa gargaaru kan biraa yoo caqaste, maddi odeeffannoo kee amansiisaa fi yeroon kan itti hin darbine taʼuu isaa dursii mirkaneessi.

  • Maddeen odeeffannootti sirriitti fayyadami. Ibsi caqasa irratti kennitu, yaada naannoo isaa jiru, guutummaa ergaa Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota “garbichi amanamaanii fi ogeessi” baasee wajjin kan wal simu akka taʼu godhi. (Mat. 24:45) Maddeen odeeffannoo Kitaaba Qulqulluudhaa ala taʼan yommuu caqastu wanta namni barreesse sun jechuu barbaade utuu hin jijjiirin itti fayyadami.

  • Ragicha akka hubatan gargaari. Caqasa tokko erga dubbistee ykn madda tokko erga caqastee booda, dhaggeeffattoonni kee xumura tokko irra akka gaʼan gargaaruuf gaaffiiwwan malaan qophaaʼan gaafadhu ykn qabxicha fakkeenyaan ibsi.