“Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”

Kitaabni kun kan qophaaʼe jireenyi fi tajaajilli Yesuus maal akka fakkaatu ibsa kennuuf qofa utuu hin taʼin, isa duukaa buʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe caalaatti akka hubannu nu gargaaruufi.

Seensa

Ammas taʼe barabaraaf Yihowaa gammachiisuu akka dandeessuuf, jaalala Yesuusiif qabdu guddifachuu fi faana isaa dhiheenyatti hordofuu kee itti fufi.

BOQONNAA 1

“Duuka Buutuu Koo Taʼi”—Yesuus Maal Jechuusaati?

Dhugumaan duuka buutuu Kiristoos taʼuun akka isa jaallannu dubbachuu caalaa wanta dabalatu qaba.

BOQONNAA 2

‘Karaa, Dhugaa fi Jireenya’

Abbaatti dhihaachuun kan dandaʼamu karaa Ilmaa qofadha. Yesuus kaayyoo Waaqayyo uumama cufa ilaalchisee qabu akka raawwachiisu gaʼeen iddoo guddaa qabu isaaf kennameera.

BOQONNAA 3

“Ani . . . Kanan Gad Of Qabu Dha”

Yesuus yeroo lafarratti tajaajilaa ture hundumaatti akka gad of qabu argisiiseera.

BOQONNAA 4

“Kunoo, Leenci Gosa Yihudaa”

Yesuus karaa sadiin, jechuunis dhugaadhaaf dhaabbachuudhaan, haqa deggeruudhaan, akkasumas ariʼatama dandamachuudhaan ija jabina akka leencaa argisiiseera.

BOQONNAA 5

‘Badhaadhina Ogummaa Hunda’

Yesuus dubbiisaatiin qofa utuu hin taʼin gocha isaatiinis ogummaa hundarra caalu akka qabu argisiiseera.

BOQONNAA 6

“Ajajamuu Barateera”

Yesuus Abbaa isaatiif guutummaatti ajajamaa taʼee utuu jiruu, “ajajamuu barateera,” akkasumas ‘guutummaatti gaʼumsa qabaateera’ jedhamuu kan dandaʼu akkamitti?

BOQONNAA 7

Isa Jabaatee Dhaabbate Sana Akka Gaariitti Yaadaa

Yesuus mudaa tokko malee jabaatee dhaabbateera. Jabaatee akka dhaabbatu maaltu isa gargaare? Gama kanaan fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

BOQONNAA 8

“Kanaafan Ergame”

Yesuus lafarra yeroo turetti lallabaa kan ture maaliif akka taʼe, maal lallabaa akka turee fi tajaajila isaatiif ilaalcha akkamii akka qabu dubbisi.

BOQONNAA 9

“Dhaqaatii . . . Namoota Barattoota Koo Godhaa”

Namni tokko dhugumaan duuka buutuu Kiristoos taʼuu kan dandaʼu hojii barattoota gochuu isa Yesuus ajaje yoo hojjete qofadha.

BOQONNAA 10

“Jedhamee Barreeffameera”

Dhugaa warra kaanitti yeroo himnu fakkeenya Yesuus hordofuuf Dubbii Waaqayyoorraa caqasuu, Dubbiisaatiif falmuu fi Dubbii isaa ibsuu qabna.

BOQONNAA 11

“Eenyu Iyyuu Akka Nama Kanaatti Matumaa Dubbatee hin Beeku”

Malawwan Yesuus barsiisuuf itti fayyadame keessaa sadan maalfaa akka taʼanii fi gama kanaan fakkeenya isaa hordofuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ilaali.

BOQONNAA 12

“Fakkeenyaan Malee Isaanitti hin Dubbatu Ture”

Kitaabni Qulqulluun sababiiwwan guguddaa Yesuus fakkeenyatti itti fayyadame lama nutti hima.

BOQONNAA 13

‘Abbaa Nan Jaalladha’

Fakkeenya Yesuus hordofuudhaan Yihowaadhaaf jaalala cimaa horachuu kan dandeenyu akkamitti?

BOQONNAA 14

‘Namoonni Hedduun Gara Isaa Dhufan’

Ijoollee xixinnoo dabalatee namoonni hedduun Yesuusitti ni dhihaatu turan. Yesuus hamma kana kan itti dhihaatamu taʼuu kan dandaʼe akkamitti?

BOQONNAA 15

“Baayʼee Isaaniif Gadde”

Fakkeenya Yesuus hordofuudhaan warra kaanitti gara laafina argisiisuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

BOQONNAA 16

‘Yesuus Hamma Dhumaatti Isaan Jaallate’

Yesuus yeroo lafarra tajaajilaa ture hundumaatti barattootasaa akka jaallatu argisiiseera. Nutoo walitti dhufeenya warra kaan wajjin qabnurratti jaalala akkasii argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

BOQONNAA 17

‘Kana Caalaa Eenyuyyuu Jaalala Guddaa Qabaachuu hin Dandaʼu’

Akkuma Yesuus jaalala ofittummaarraa walaba taʼe argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

BOQONNAA 18

“Ana Duukaa Buʼuu Kee Itti Fufi”

Guyyaa guyyaadhaan Yesuus duukaa buʼuu keenya yoo itti fufne, qalbii qulqulluu fi abdii amansiisaa qabaanna.