Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA KUDHA SADII

‘Abbaa Nan Jaalladha’

‘Abbaa Nan Jaalladha’

1, 2. Yohaannis galgala dhumaa Yesuus ergamootasaa wajjin dabarse ilaalchisee maal ibse?

 MAANGUDDOON tokko biʼiiriisaa qalama keessa cuupheera; wanta yaadatu hedduus qaba. Maqaansaa Yohaannis jedhama; ergamoota Yesuus Kiristoos keessaa lubbuudhaan kan jiru isa qofadha. Yohaannis yeroo umuriinsaa gara waggaa 100 taʼe kanatti, galgala addaa Yesuus duʼuusaa dura turetti, jechuunis gara waggaa 70 dura innii fi ergamoonni kaan yeroo isaa wajjin dabarsanirratti yaadaa jira. Hafuurri Waaqayyoo waan isa geggeesseef, wantoota yeroo sanatti raawwataman balʼinaan yaadachuu fi barreessuu dandaʼeera.

2 Yesuus gaafa sana galgala yeroo muraasa booda akka ajjeefamu isaanitti himee ture. Yesuus dhiphatee duʼuuf fedhiidhaan kan of dhiheesse maaliif akka taʼe kan ibse Yohaannis qofadha; Yesuus akkana jedheera: “Ani Abbaa akkan jaalladhu addunyaan akka beekuuf, akkuma Abbaan na ajajettan hojjedha. Kaʼaa, asii haa deemnu.”—Yohaannis 14:31.

3. Yesuus Abbaasaa akka jaallatu kan argisiise akkamitti?

3 ‘Abbaa nan jaalladha.’ Yesuus wanta kamiyyuu caalaa iddoo guddaa kan kennu jaalala Abbaasaatiif qabuuf ture. Taʼus, Yesuus irra deddeebiʼee akkas hin jenne. Kitaaba Qulqulluu keessatti Yesuus kallattiidhaan Abbaasaa akka jaallatu akka dubbate kan ibsame Yohaannis 14:31​rratti qofadha. Taʼus, Yesuus akkaataa itti jiraateen jaalala Abbaasaatiif qabu ifatti argisiiseera. Guyyaa guyyaadhaan jaalala Yihowaadhaaf qabu karaa argisiisuun jiraate. Ija jabina argisiisuudhaan, ajajamuudhaan, akkasumas jabaatee dhaabbachuudhaan jaalala Waaqayyoof qabu argisiiseera. Tajaajilasaa hunda kan raawwate jaalala kanaan kakaʼeeti.

4, 5. Kitaabni Qulqulluun waaʼee jaalala isa kamii balʼinaan dubbata? Yesuus Yihowaadhaaf jaalala akkamii qaba ture?

4 Yeroo harʼaatti, namoonni jecha jaalala jedhu yeroo dhagaʼan, yeroo baayʼee jaalala sinsinnii miirumarratti hundaaʼee fi dhiira tokkoo fi dubartii tokko gidduutti yeroo gabaabaadhaaf uumamutu gara sammuu isaanitti dhufa. Waaʼee jaalala akkasii yeroo baayʼee sirbarratti ni dhagaʼu. Kitaabni Qulqulluunis waaʼee jaalala dhiira tokkoo fi dubartii tokko gidduutti uumamuu ni dubbata; garuu kan dubbatu karaa ulfina qabuunidha. (Fakkeenya 5:15-21) Haataʼu malee, Dubbiin Waaqayyoo kan xiyyeeffatu akaakuu jaalalaa kan biraarrattidha. Jaalalli kun, jaalala miirumarratti hundaaʼee fi yeroodhaaf namatti dhagaʼamee badu ykn jaalala goggogaa fi falaasamarratti hundaaʼe miti. Jaalalli kun miira nutti dhagaʼamuu fi wanta yaannu kan dabalatudha. Jaalalli akkasii keessa namaatii kan maddu, dhugaawwan buʼuuraa olaanoo taʼaniin kan geggeeffamuu fi gocha gaariidhaan kan ibsamudha. Jaalalli kun jaalala fakkeessaarratti hundaaʼe miti. Dubbiin Waaqayyoo, “Jaalalli matumaa hin badu” jedha.—1 Qorontos 13:8.

5 Namoota hanga harʼaatti jiraatan keessaa hamma Yesuus Yihowaa kan jaallatu hin jiru. Namni ajaja Yihowaa isa hundarra caalu kana eeguurratti Yesuusiin qixxaatu hin jiru: “Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan, akkasumas humna kee guutuudhaan jaalladhu.” (Maarqos 12:30) Yesuus jaalala akkasii kan horate akkamitti? Yommuu lafarra jiraachaa turetti jaalala cimaa Waaqayyoof qabu eegee kan itti fufe akkamitti? Nutoo fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

Jaalala Cimaa Bara Dheeraa Jiraate

6, 7. Fakkeenyi 8:22-31 waaʼee ogummaa qofa utuu hin taʼin, waaʼee Ilma Waaqayyoo akka dubbatu akkamitti beekna?

6 Nama tokko wajjin hojii tokko hojjechuu keetiin kan kaʼe, isaa wajjin caalaatti walitti dhihaachuudhaan michummaa cimaa uumuu dandeesseettaa? Muuxannoon akkasii jaalala Yihowaa fi Ilmasaa tokkicha gidduutti uumame hubachuuf si gargaaruu dandaʼa. Kitaaba kana keessatti Fakkeenyi 8:30 kana duras caqasameera; amma garuu caqasa kana yaada naannoosaatti argamuu wajjin wal bira qabnee qorra. Lakkoofsa 22 hanga 31​rratti, ogummaan namatti fakkeeffamee ibsameera. Yaanni kun Ilma Waaqayyoo akka argisiisu akkamitti beekna?

7 Lakkoofsa 22​rratti ogummaan, “Yihowaan jalqaba daandii isaa, hojiiwwan isaa warra bara durii keessaas isa jalqabaa godhee na uume” jedheera. Ogummaan ‘uumamee’ hin beeku; kanaaf, caqasni kun wanta kan biraa argisiisa jechuudha. Yihowaan yeroo hundumaa waan jiruuf, akkasumas yeroo hundumaa ogeessa waan taʼeef ogummaan jalqaba hin qabu. (Faarfannaa 90:2) Ilmi Waaqayyoo garuu, “angafa uumama hundumaa ti.” Inni hojiiwwan Yihowaa warra bara durii hundumaa keessaa isa jalqabaati. (Qolosaayis 1:15) Akka kitaaba Fakkeenyaarratti ibsametti, Ilmi Waaqayyoo laftii fi samiin uumamuusaanii dura jira ture. Kana malees Dubbicha, jechuunis Dubbii Himaa Waaqayyoo taʼuudhaan karaa mudaa hin qabneen ogummaa Yihowaa calaqqiseera.—Yohaannis 1:1.

8. Ilmi Waaqayyoo nama taʼuusaa dura maal hojjechaa ture? Uumama yommuu dinqisiifannu waaʼee maalii yaaduu dandeenya?

8 Ilmi Waaqayyoo, yeroo dheeraa gara lafaa dhufuusaa dura turetti maal hojjechaa ture? Lakkoofsi 30​ni, Waaqayyo duratti “hojjetaa dandeettii qabu” taʼee jiraachaa akka ture dubbata. Kana jechuun maal jechuudha? Qolosaayis 1:16, “Wantoonni samii keessa jiranii fi lafa irra jiran kaan hundi . . . karaa isaa uumaman. Wantoonni kaan hundi karaa isaa fi isaaf uumaman” jedha. Kanaaf, Yihowaan inni Uumaa taʼe, wantoota kaan hunda, jechuunis uumamawwan hafuuraa samiirra jiran, urjiilee, lafa, biqiltootaa fi bineeldota isheerra guutan, akkasumas ilmaan namootaa kan uume Ilmasaa isa Hojjetaa Dandeettii Qabu taʼetti fayyadameeti. Karaa tokko tokkoon, wal taʼiinsa Ilma kanaa fi Abbaasaa gidduu jiru, haala nama hojii ijaarsaa hojjetuu fi mahaandisii gidduu jirutti fakkeessuu dandeenya; namichi ijaaru sun qajeelfama mahaandisichaa guutummaatti hordofee ijaara. Uumama tokko yommuu dinqisiifannu, Mahaandisii Guddichaaf beekamtii kennaa jirra jechuudha. (Faarfannaa 19:1) Haataʼu malee, Uumaan keenyaa fi ‘hojjetaan isaa inni dandeettii qabu,’ yeroo dheeraadhaaf gammachuudhaan waliin hojjechuusaaniis ni yaadanna.

9, 10. (a) Hariiroon Yihowaa fi Ilmasaa gidduu jiru akka cimu kan godhe maalidha? (b) Wanti hariiroo Abbaa kee isa samii wajjin qabdu siif cimsuu dandaʼu maalidha?

9 Namoonni mudaa qaban lama yeroo waliin hojjetan, darbee darbee walitti buʼuu dandaʼu. Yihowaa fi Ilmasaa gidduu garuu wanti akkasii hin jiru! Yesuus yeroo dheeraa hammana hin jedhamneef Abbaasaa wajjin hojjechaa kan ture taʼus, “Yeroo hunda isa duratti nan gammadan ture” jedheera. (Fakkeenya 8:30) Eeyyee, Abbaasaa wajjin taʼuun isa gammachiisa ture; Abbaansaas isaa wajjin taʼuusaatti ni gammada ture. Yesuus amaloota Abbaasaa caalaatti yeroo baratu caalaatti isa fakkaachaa akka dhufe beekamaadha. Kanaaf, hariiroon Yihowaa fi Ilmasaa gidduu jiru baayʼee cimaa taʼuunsaa nama hin dinqisiisu. Jaalalli kun jaalala bara dheeraa jiraatee fi baayʼee cimaa taʼedha.

10 Maarree, kun nuuf hiika akkamii qaba? Tarii Yihowaa wajjin yoomiyyuu hariiroo akkasii qabaachuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼama taʼa. Yesuus Ilma Yihowaa isa angafaa waan taʼeef, jaalalli isaa fi Abbaasaa gidduu jiru baayʼee addadha. Nutis carraa dinqisiisaa taʼe qabna. Yesuus Abbaasaatti dhihaachuu kan dandaʼe, isaa wajjin waan hojjeteef akka taʼe yaadadhu. Yihowaan jaalalaan kakaʼee ‘isaa wajjin akka hojjennu’ carraa nuu kenneera. (1 Qorontos 3:9) Tajaajilarratti fakkeenya Yesuus yommuu hordofnu, Waaqayyoo wajjin akka hojjennu yeroo hunda yaadachuu qabna. Yeroo kanatti, jaalalli nuu fi Yihowaa gidduu jiru caalaatti guddachaa deema. Kun mirga guddaadha.

Yesuus Jaalala Guddaa Yihowaadhaaf Qabu Eegee kan Jiraate Akkamitti?

11-13. (a) Jaalala akka biqiltuu tokkootti ilaaluun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Yesuus ijoollummaasaatti jaalala cimaa Yihowaadhaaf qabu eegee kan jiraate akkamitti? (b) Ilmi Waaqayyoo gara lafaa dhufuusaa duras taʼe sana booda, Yihowaarraa barachuuf fedhii akka qabu kan argisiise akkamitti?

11 Jaalala garaa keenya keessa jiru akka biqiltuu tokkootti ilaaluun keenya jaalala Yihowaadhaaf qabnu cimsachuuf nu gargaara. Akkuma abaaboo bareedaan tokko akka guddatuuf kunuunsi isa barbaachisu, jaalalli Yihowaaf qabnus guddachuu kan dandaʼu carraaqqii yoo goonedha. Akkas hin goonu taanaan jaalalli keenya laafuu fi baduu dandaʼa. Yesuus jaalala Yihowaadhaaf qabu akka laayyootti hin ilaalle. Yeroo lafarra turetti jaalallisaa akka guddatuu fi akka dagaaguuf carraaqqii godheera. Mee kana kan godhe akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

12 Yesuus ijoollummaasaatti Yerusaalemitti mana qulqullummaa keessa yeroo turetti maal akka jedhe yaadadhu. Warrasaatiin, “Maaliif na barbaaddan? Mana Abbaa koo keessa taʼuu akkan qabu hin beektanii?” jedhee ture. (Luqaas 2:49) Haala isaarraa akka hubannutti, Yesuus ijoollummaasaatti wantoota nama taʼuusaa dura beeku hin yaadatu ture. Taʼus, Yihowaadhaaf jaalala cimaa qaba ture. Jaalalli akkasii waaqeffannaa dhiheessuudhaan akka ibsamus beeka ture. Kanaaf, Yesuus mana Abbaansaa itti waaqeffatamuuf iddoo guddaa kenna ture. Achitti argamuun waan isa gammachiisuuf, achii deemuu hin barbaadu ture. Achi kan dhaqu, wanta raawwatamu ilaaluuf qofa hin turre. Waaʼee Yihowaa barachuu fi wanta beeku dubbachuuf hawwii guddaa qaba ture. Yesuus umuriinsaa waggaa 12 taʼuusaa durayyuu miira akkasii qaba ture; sana boodas umuriisaa guutuu fedhii akkasii qabaatee itti fufeera.

13 Yesuus gara lafaa dhufuusaa durayyuu Abbaasaarraa barachuuf hawwii guddaa qaba ture. Akkuma Isaayyaas 50:4-6​rratti ibsametti, Yihowaan Ilmasaa hojii Masiihicha taʼee raawwatuuf qopheessuuf barumsa adda taʼe isaaf kenneera. Barumsi isaaf kenname rakkoowwan Masiihicha mudatan tokko tokkos kan ibsu ture; taʼus, Yesuus Yihowaarraa barachuuf hawwii guddaa qaba ture. Yeroo booda Yesuus lafarratti dhalatee nama gaʼeessa erga taʼee booda, gara mana Abbaasaa dhaqee waaqeffannaa achitti geggeeffamurratti hirmaachuu fi achitti barsiisuuf fedhii guddaa qaba ture. Kitaabni Qulqulluun Yesuus yeroo hunda gara mana qulqullummaa fi mana sagadaa deemaa akka ture dubbata. (Luqaas 4:16; 19:47) Nutis jaalalli Yihowaadhaaf qabnu cimaa taʼee akka itti fufu yoo barbaanne, Yihowaa waaqeffachuuf, akkasumas waaʼeesaa barachuu fi caalaatti isatti dhihaachuuf walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarratti argamuu qabna.

“Kadhachuudhaaf kophaa isaa gaara tokkotti ol baʼe”

14, 15. (a) Yesuus kophaasaa taʼuu kan barbaade maaliifi? (b) Kadhannaan Yesuus Abbaasaatti dhiheesse, baayʼee akka isatti dhihaatuu fi akka isa kabaju kan argisiisu akkamitti?

14 Yesuus yeroo hunda kadhannaa dhiheessuudhaanis jaalala guddaa Yihowaadhaaf qabu eegee jiraateera. Yesuus namatti kan dhihaatuu fi warra kaanii wajjin taʼuun kan isa gammachiisu taʼus, kophaa taʼuufis yeroo ni ramada ture. Fakkeenyaaf, Luqaas 5:16, “Kadhachuuf yeroo baayʼee bakka namni hin jirre dhaqa ture” jedha. Maatewos 14:23 irrattis, “Namoota sana erga geggeessee boodas kadhachuudhaaf kophaa isaa gaara tokkotti ol baʼe. Yommuu dhihus kophaa isaa achuma ture” jedha. Yesuus yeroo kanattis taʼe yeroo kan biraatti kophaa taʼuu kan barbaade, namoota waan jibbuuf utuu hin taʼin, kophaasaa akka garaasaatti kadhannaadhaan Abbaasaa haasofsiisuu waan barbaadeefi.

15 Yesuus kadhannaasaarratti yeroo tokko tokko jecha “Aabbaa” jedhutti fayyadama ture. (Maarqos 14:36) Akkuma yeroo harʼaa bara Yesuusittis, jechi “Aabbaa” jedhu jecha jaalalaa mucaan tokko abbaasaa waamuuf itti fayyadamu ture. Jechi kun jechoota daaʼimni tokko afaan ittiin hiikkatu keessaa tokkodha. Taʼus, jecha kabaja argisiisudha. Jechi kun Yesuus Abbaasaa isa jaallatamaa wajjin hariiroo cimaa akka qabu qofa utuu hin taʼin, aangoo Yihowaan abbaa taʼuudhaan qabu baayʼee akka kabajus kan argisiisudha. Kadhannaan Abbaasaatti dhiheessellee baayʼee akka isatti dhihaatuu fi akka isa kabaju argisiisa. Fakkeenyaaf, Yohaannis boqonnaan 17 kadhannaa Yesuus isa garaadhaa maddee fi dheeraa taʼe qabateera; Yesuus kadhannaa kana kan dhiheesse galgala duʼuusaa dura turettidha. Kadhannaa Yesuus dhiheesse kana qoʼachuudhaan fakkeenyasaa hordofuuf carraaqqii gochuu qabna; akkas kan goonu garuu, kadhannaasaa akkuma jirutti irra deebiʼuudhaan utuu hin taʼin, hamma nuuf dandaʼame yeroo baayʼee Abbaa keenya isa samiitti kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuudhaani. Akkas gochuun keenya, jaalalli isaaf qabnu cimaa taʼee akka itti fufu godha.

16, 17. (a) Yesuus wanta dubbateen jaalala Abbaasaatiif qabu kan argisiise akkamitti? (b) Yesuus arjummaa Abbaasaa kan ibse akkamitti?

16 Akkuma olitti ilaalle, Yesuus ‘Abbaa nan jaalladha’ jedhee irra deddeebiʼee hin dubbanne. Taʼus, yeroo baayʼee jaalala Abbaasaatiif qabu karaa kan biraatiin ibsa ture. Kana kan godhe akkamitti? Yesuus, “Gooftaa samii fi lafaa kan taate yaa Abbaa, . . . uummata duratti sin jajadha” jedheera. (Maatewos 11:25) Kutaa 2​ffaa kitaaba kanaa yeroo qoʼannetti, Yesuus namoonni Abbaasaa akka beekan gargaaruudhaan isa jajachaa akka ture ilaalleerra. Fakkeenyaaf, Yihowaa abbaa ilmasaa jireenya gadhiisii jiraachaa tureef dhiifama gochuuf fedhii guddaa qabu, hamma inni qalbiisaatti deebiʼee gara isaa dhufutti eegaa turee fi fagoodhaa isa argee fiigee isa hammatetti fakkeesseera. (Luqaas 15:20) Seenaa kana yeroo dubbisnu, akkaataan Yesuus jaalalaa fi dhiifama Yihowaa itti ibse garaa keenya baayʼee tuqa.

17 Yesuus arjummaasaatiif Abbaasaa yeroo baayʼee ni jajata ture. Abbaan keenya inni samii hunda keenyaaf hafuura qulqulluu nu barbaachisu akka nuu kennu mirkanaaʼoo taʼuu akka dandeenyu ibsuuf, warra cubbamoota taʼan akka fakkeenyaatti fayyadameera. (Luqaas 11:13) Yesuus, Yihowaan arjummaadhaan abdii akka nuu kennes dubbateera. Yeroo gara samiitti deebiʼee Abbaasaa wajjin itti jiraatu hawwiidhaan akka eegus ni dubbata ture. (Yohaannis 14:28; 17:5) Yesuus, Yihowaan namoonni “tuuta xinnoo” taʼan samiirratti Masiihichaa wajjin akka bulchaniif abdii akka isaaniif kenne duuka buutotasaatti himeera. (Luqaas 12:32; Yohaannis 14:2) Akkasumas, namicha yakka raawwatee isa biratti fannifamee ture tokkotti Jannata keessa jiraachuuf abdii akka qabu itti himeera. (Luqaas 23:43) Yesuus karaa kanaan arjummaa Abbaansaa qabu dubbachuunsaa, jaalalli isaaf qabu cimaa taʼee akka itti fufu akka isa gargaare beekamaadha. Duuka buutonni Kiristoos hedduun waaʼee Yihowaa dubbachuunsaanii fi abdii inni namoota isa jaallataniif kenne warra kaaniitti himuunsaanii, jaalala isaaf qabanii fi amantii isarratti qaban baayʼee akka isaaniif cimse hubataniiru.

Akka Yesuusitti Yihowaa Ni Jaallattaa?

18. Karaan Yesuus duukaa buʼuu itti dandeenyu inni guddaan maalidha? Maaliif?

18 Karaan Yesuus duukaa buʼuu itti dandeenyu inni guddaan garaa, lubbuu, sammuu fi humna keenya guutuudhaan Yihowaa jaallachuudha. (Luqaas 10:27) Jaalala kana kan argisiisnu miira nutti dhagaʼamuun qofa utuu hin taʼin gocha keenyaani. Yesuus Abbaasaatiif miira jaalalaa qabaachuu ykn ‘Abbaa nan jaalladha’ jedhee dubbachuu caalaa wanta godhe qaba. “Abbaa akkan jaalladhu addunyaan akka beekuuf, akkuma Abbaan na ajajettan hojjedha” jedheera. (Yohaannis 14:31) Seexanni, namni jaalala ofittummaarraa walaba taʼeen kakaʼee Yihowaa tajaajilu akka hin jirre dubbateera. (Iyyoob 2:4, 5) Yesuus soba Seexanni hamminaan kakaʼee dubbateef deebii hundarra caalu kennuuf, ija jabinaan tarkaanfii fudhachuudhaan Abbaasaa hammam akka jaallatu addunyaatti argisiiseera. Yesuus hamma duʼaatti ajajameera. Atoo, fakkeenya Yesuus ni hordoftaa? Dhugumaan Yihowaa akka jaallattu addunyaatti ni argisiistaa?

19, 20. (a) Sababiiwwan guguddaan yeroo hunda walgaʼiirratti argamuu itti barbaannu maalidha? (b) Qoʼannaa dhuunfaa, xiinxaluu fi kadhannaa akkamitti ilaaluu qabna?

19 Uumamaan Waaqayyootti dhihaachuu fi jaalala isaaf qabnu argisiisuuf fedhii guddaa qabna. Kanaan kan kaʼes, Yihowaan karaa jaalalli isaaf qabnu akka cimu godhuun akka isa waaqeffannu qophii nuu godheera. Gara walgaʼii gumii yommuu deemtu, achitti kan argamtu Waaqa kee waaqeffachuuf akka taʼe yaadadhu. Waaqeffannaan kun kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuu, faarfannaa galataa faarfachuu, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuu fi yeroo dandaʼamutti hirmaannaa gochuu dabalata. Walgaʼiiwwan kun Kiristiyaanota kaan jajjabeessuufis carraa sii kennu. (Ibroota 10:24, 25) Yeroo hunda walgaʼii gumiirratti Yihowaa waaqeffachuun kee jaalala isaaf qabdu caalaatti cimsachuuf si gargaara.

20 Yommuu qoʼannaa dhuunfaa goonu, yommuu xiinxalluu fi yommuu kadhannaa dhiheessinus jaalalli Waaqayyoof qabnu ni guddata. Yeroo akkasiitti Yihowaa wajjin kophaa keessan akka jirtan godhii yaadi. Dubbii Waaqayyoo yommuu qoʼattuu fi irratti xiinxaltu, Yihowaan yaadasaa sii ibsaa jira. Yommuu kadhannaa dhiheessitummoo, garaakee isaaf banaa jirta. Kadhannaa dhiheessuun, waan tokko akka nuu godhu Yihowaa gaafachuu caalaa wanta dabalatu qaba. Kadhannaan eebba argatteef Yihowaa galateeffachuu fi hojiiwwansaa warra dinqisiisoo taʼaniif isa jajachuufis carraa sii bana. (Faarfannaa 146:1) Kana malees, gammachuu fi miira hoʼaadhaan namoota duratti Yihowaa jajachuudhaan akka isa galateeffattuu fi akka isa jaallattu argisiisuu dandeessa.

21. Yihowaa jaallachuun baayʼee barbaachisaadha kan jennu maaliifi? Boqonnaawwan itti aananirratti waaʼee maalii baranna?

21 Gammachuu barabaraa argachuuf Waaqayyoon jaallachuu qabda. Addaamii fi Hewaan Waaqayyoon jaallachuu isaanii itti fufaniiruu utuu taʼee barabaraaf gammachuudhaan jiraatu turan. Atis qorumsa amantii akkamiiyyuu moʼuu fi rakkina akkamiiyyuu dandamachuu kan dandeessu Waaqayyoof jaalala yoo qabaattedha. Duuka buutuu Yesuus taʼuu kan dandeessus jaalala kana yoo qabaattedha. Dhugaadha, jaalalli Waaqayyoof qabnu jaalala namootaaf qabnuu wajjinis wal qabata. (1 Yohaannis 4:20) Boqonnaawwan itti aananirratti Yesuus jaalala namootaaf qabu akkamitti akka argisiise qorra. Boqonnaa itti aanurratti, namoonni hedduun Yesuusitti dhihaachuu kan dandaʼan maaliif akka taʼe baranna.