Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA KUDHA SADDEET

“Ana Duukaa Buʼuu Kee Itti Fufi”

“Ana Duukaa Buʼuu Kee Itti Fufi”

1-3. (a) Yesuus ergamootasaa biraa kan deeme haala akkamiitiini? Kun taʼuusaatti sababii itti gaddan hin qaban kan jennu maaliifi? (b) Yesuus gara samiitti erga deebiʼee booda jireenya akkamii jiraachaa akka jiru beekuun kan nu barbaachisu maaliifi?

 NAMOONNI 11 gaara tokkorra dhaabbataniiru. Nama baayʼee jaallatanii fi kabajan tokko ilaalaa jiru. Qaamni isaan ilaalaa jiran nama kan fakkaatu taʼus, Yesuus isa duʼaa kaʼee fi deebiʼee maleekota Yihowaa hundumaa caalaa jabaa taʼedha. Yesuus ergamoonnisaa Gaara Ejersaa kanarratti yeroo dhumaatiif akka isaa wajjin wal argan isaanitti himeera.

2 Gaarri Yerusaalem gamatti Sulula Qedroon ceʼee argamu kun, Yesuusiin waan hedduu akka yaadachiise beekamaadha. Magaalaan Bitaaniyaa naannoo kanatti argamti; magaalaan kun bakka Yesuus Alaazaariin duʼaa itti kaasedha. Yesuus torban muraasa dura, injifannoodhaan gara Yerusaalem kan gale, mandara Beetafaagee ishee naannoo kanatti dhihoo jirturraa kaʼeeti. Tarii iddoon biqiltuu Getesemaanees kan argamu Gaara Ejersaarratti taʼuu hin oolu; Yesuus qabamuusaa dura baayʼee dhiphatee kan ture iddoo kanattidha. Ammammoo michootasaa fi duuka buutotasaa dhiisee deemuuf gaaruma kanarratti qophaaʼaa jira. Kanaaf, gaarummaadhaan haasaa dhumaa erga isaaniif dhiheessee booda, lafarraa ol kaʼuu jalqabe. Ergamoonnisaas achuma dhaabbatanii Gooftaansaanii inni jaallatamaan yommuu gara samiitti ol baʼu dinqisiifannaadhaan ilaaluu jalqaban. Dhumarrattis, duumessi ijasaanii duraa isa dhokse; sana booda isa hin argine.—Hojii Ergamootaa 1:6-12.

3 Yesuus ergamootasaa wajjin kan taʼu yeroo dhumaatiif waan taʼeef, yeroon kun kan nama gaddisiisu fakkaata. Haataʼu malee, maleekonni lama isaan jajjabeessaniiru. (Hojii Ergamootaa 1:10, 11) Ergamoonnisaa Yesuus gara samii deemuusaatti sababii itti gammadan garaagaraa qabu. Dubbiin Waaqayyoo haala Yesuus sana booda irratti argamu nutti hima. Yesuus gara samiitti erga deebiʼee booda jireenya akkamii akka jiraate barachuun keenya barbaachisaadha. Maaliif? Yesuus Pheexirosiin, “Ana duukaa buʼuu kee itti fufi” akka jedhe yaadadhu. (Yohaannis 21:19, 22) Hundi keenyayyuu yeroo gabaabaadhaaf qofa utuu hin taʼin, yeroo hundumaa ajaja kana eegu qabna. Kana gochuufimmoo, Gooftaan keenya yeroo ammaatti maal gochaa akka jiruu fi samiirratti hojiin akkamii akka isaaf kenname beekuun nu barbaachisa.

Jireenya Yesuus Gara Samiitti Erga Deebiʼee Booda Jiraate

4. Kitaabni Qulqulluun wanta Yesuus gara samiitti erga deebiʼee booda raawwatame dursee kan ibse akkamitti?

4 Kitaabni Qulqulluun, Yesuus yeroo samii gaʼeetti wanta raawwatames taʼe gammachuu Abbaasaa fi maleekotatti dhagaʼame ilaalchisee wanta dubbatu hin qabu. Yesuus gara samiitti deebiʼee utuma baayʼee hin turin wanta achitti raawwatame garuu nutti hima. Yihudoonni jaarraawwan 15 oliif sirna qulqulluu taʼe tokko hordofaa turaniiru. Waggaatti al tokko lubni olaanaan mana qulqullummaa keessaa Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe keessa seenee, dhiiga aarsaawwan Guyyaa Araaraatti dhihaatanii taabota kakuu duratti facaasa ture. Guyyaa sanatti lubni olaanaan sun Masiihichaaf gaaddidduu taʼa. Yesuus gara samiitti erga deebiʼee booda kaayyoo sirna kanaa yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha raawwateera. Yeroo kanatti samii keessa bakka ulfina qabeessa Yihowaan itti argamu, jechuunis iddoo uumama cufa keessatti hunda caalaa qulqulluu taʼe seenuudhaan gatii aarsaasaa Abbaasaa duratti dhiheesseera. (Ibroota 9:11, 12, 24) Yihowaan gatii aarsaa kanaa fudhateeraa?

5, 6. (a) Yihowaan aarsaa furii Kiristoos akka fudhate wanti argisiisu maalidha? (b) Furicharraa kan fayyadaman eenyufaʼi? Akkamitti?

5 Wanta Yesuus gara samiitti erga deebiʼee guyyoota muraasa booda raawwatamerraa kaʼuudhaan, deebii gaaffii kanaa argachuu dandeenya. Kiristiyaanonni 120 taʼan fooqii Yerusaalemitti argamu tokko keessatti utuu walitti qabamanii jiranii, akkuma tasaa sagaleen akka bubbee huursu tokko mana isaan keessa jiran guute. Wanti arraba ibiddaa fakkaatu mataasaaniirra buʼe; isaanis hafuura qulqulluudhaan guutamanii qooqa garaagaraatiin dubbachuu jalqaban. (Hojii Ergamootaa 2:1-4) Taʼeen kun sabni haaraan, jechuunis Israaʼel hafuuraa dhalachuusaa kan argisiisu ture; sabni haaraan kun, “sanyii filatamaa” fi “luboota mootota taʼan” warra fedhiin Waaqayyoo lafarratti akka raawwatamu godhanidha. (1 Pheexiros 2:9) Kanaaf, Yihowaan aarsaa furii Kiristoos akka fudhatee fi akka itti gammade beekamaadha. Hafuurri qulqulluun dhangalaʼuunsaa, eebbawwan jalqabaa furichi argamsiise keessaa tokkodha.

6 Yeroo sanaa jalqabee furiin Kiristoos, duuka buutotasaa addunyaa maratti argamaniif faayidaa argamsiisaa tureera. Kutaa “tuuta xinnoo” Kiristoosii wajjin samiirratti bulchaniis taane, kutaa “hoolota kan biroo” bulchiinsasaa keessatti lafarra jiraatanii, aarsaa Kiristoosirraa faayidaa ni arganna. (Luqaas 12:32; Yohaannis 10:16) Abdiin keenyas taʼe dhiifama cubbuu argachuun keenya aarsaa kanarratti kan hundaaʼedha. Furichatti ‘amanuu’ keenya kan itti fufnuu fi guyyaa guyyaadhaan Yesuus duukaa kan buunu yoo taʼe, qalbii qulqulluu fi abdii amansiisaa qabaanna.—Yohaannis 3:16.

7. Yesuus gara samiitti erga deebiʼee booda aangoo akkamiitu isaaf kenname? Isa deggeruu kan dandeessuhoo akkamitti?

7 Yesuus gara samiitti erga deebiʼee booda maal hojjechaa ture? Yesuus aangoo guddaan isaaf kennameera. (Maatewos 28:18) Yihowaan, gumii Kiristiyaanaarratti isa muudeera; innis hojiisaa kana jaalalaa fi haqaan raawwachaa tureera. (Qolosaayis 1:13) Akkuma raajiidhaan dubbatametti, Yesuus dhiirota bilchina qabanii fi hoolotasaatiif kunuunsa godhan filateera. (Efesoon 4:8) Fakkeenyaaf, “saboota kaaniif ergamaa” akka taʼuuf Phaawulosiin filateera; Phaawulos iddoowwan fagoo taʼanitti misiraachicha akka babalʼisu hojiin isaaf kennamee ture. (Roomaa 11:13; 1 Ximotewos 2:7) Gara dhuma jaarraa jalqabaatti, Yesuus gumiiwwan Eeshiyaa ishee bulchiinsa Roomaa jalatti argamtu keessa turaniif ergaa gorsaa fi sirreeffama qabate ergeera. (Mulʼata, boqonnaa 2-3) Atoo Yesuus mataa gumii Kiristiyaanaa taʼuusaa ni amantaa? (Efesoon 5:23) Karaan akka isa deggertu itti argisiistu inni tokko qajeelfama jaarsoliin gumii kee keessa jiran kennan hordofuudha.

8, 9. Bara 1914​tti Yesuusiif aangoo akkamiitu kenname? Kun, murtoo goonurratti dhiibbaa akkamii gochuu qaba?

8 Bara 1914​ttimmoo Yesuusiif aangoon kanarra caalu kennameera. Bara sanatti Mootii Mootummaa Masiihichaa taʼee muudameera. Akkuma Yesuus bulchuu jalqabeen, “samii keessatti waraanni ni kaʼe.” Buʼaansaa maal taʼe? Seexannii fi jinniiwwansaa gara lafaatti gad darbataman; yeroo sanatti lafarratti yeroon baayʼee ulfaataa taʼe jalqabeera. Waraanni, yakki, shororkeessummaan, dhukkubni, kirkirri lafaa fi beelli yeroo ammaatti babalʼatee jiru Yesuus samiirratti bulchaa akka jiru nu yaadachiisa. Seexanni ‘bulchaa addunyaa kanaa’ taʼee kan itti fufu ‘yeroo gabaabduudhaaf’ qofadha. (Mulʼata 12:7-12; Yohaannis 12:31; Maatewos 24:3-7; Luqaas 21:11) Yeroo ammaatti, Yesuus namoonni addunyaa maratti argaman bulchiinsa Masiihichaa akka fudhatan carraa isaaniif kennaa jira.

9 Kanaaf, Masiihicha isa Mootii taʼe cinaa dhaabbachuun keenya baayʼee barbaachisaadha. Murtoo guyyaa guyyaadhaan goonurratti, addunyaa isa mancaʼaa taʼe kana biratti utuu hin taʼin, Yesuus biratti fudhatama argachuuf carraaqqii gochuu qabna. Yesuus inni “Mootii moototaa fi Gooftaa gooftotaa” taʼe, ilmaan namootaa yommuu ilaalu, wantoota isa aarsanis taʼe wantoota baayʼee isa gammachiisan ni arga. (Mulʼata 19:16) Akkas kan jennu maaliifi?

Aarii fi Gammachuu Masiihicha Isa Mootii Taʼetti Dhagaʼamu

10. Yesuus amala akkamii qaba? Taʼus, wanti Gooftaan keenya akka aaru isa godhu maalidha?

10 Gooftaan keenya akkuma Abbaasaa gammadaadha. (1 Ximotewos 1:11) Yesuus yeroo nama turetti, nama dogoggora funaanu ykn salphaatti gammachiisuun hin dandaʼamne hin turre. Haataʼu malee, wantoonni yeroo ammaatti lafarratti raawwatamaa jiran hedduun akka isa aarsan beekamaadha. Yesuus, dhaabbilee amantaa akka isa bakka buʼan sobaan dubbatan hundatti ni aara. Raajii akkana jedhu dubbateera: “Mootummaa samiitti kan galu, nama fedhii Abbaa koo isa samii raawwatu qofa malee nama, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jedhu hunda miti. Guyyaa sanatti namoonni hedduun, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, nuti . . . maqaa keetiin dinqiiwwan hedduu hin raawwannee?’ naan jedhu. Yeroo sanatti ani immoo, ‘Ani matumaa isin hin beeku! Isin warri hammina hojjettan nana, na biraa deemaa!’ isaaniin nan jedha.”—Maatewos 7:21-23.

11-13. Yesuus namoota maqaasaatiin “dinqiiwwan hedduu” raawwatanitti dubbii cimaa dubbachuunsaa, namoota tokko tokkotti bitaa taʼuu kan dandaʼu maaliifi? Wanti Yesuus akka aaru isa godhe maalidha? Fakkeenyaan ibsi.

11 Namoonni yeroo harʼaatti Kiristiyaanota ofiin jedhan hedduun, Yesuus maaliif akkas akka jedhe isaaniif hin galu taʼa. Yesuus namoota maqaasaatiin “dinqiiwwan hedduu” raawwatanitti dubbii cimaa akkasii kan dubbate maaliifi? Waldaaleen Kiristiyaana ofiin jedhan hedduun dhaabbilee arjoomaa ni hundeessu; namoota hiyyeeyyii ni gargaaru; hospitaalotaa fi manneen barumsaa ni ijaaru, akkasumas karaa kan biraatiin gargaarsa ni godhu. Taʼus, Yesuus isaanitti aaruunsaa sirrii kan taʼe maaliif akka taʼe hubachuuf fakkeenya tokko ilaali.

12 Hiriyoonni gaaʼelaa tokko bakka tokko dhaquu barbaadan haa jennu. Yeroo kanatti ijoolleesaanii fudhatanii deemuu waan hin dandeenyeef, dubartii ijoollee isaaniif kunuunsitu qacaran. Qajeelfama salphaa akkana jedhu isheedhaaf kennan: “Ijoollee keenya nuu kunuunsi. Nyaata isaaniif kenni, qulqullinaan isaan qabi, balaarraas isaan eegi.” Warri kun yommuu deebiʼanii dhufan garuu, ijoolleensaanii beelaan hubamanii waan turaniif baayʼee aaran. Ijoolleensaanii xuraaʼaniiru, dhukkubsataniiru, akkasumas daddaalachaaʼaniiru. Gargaarsa barbaadanii kan booʼan taʼus, isheen garuu booʼichasaaniitiif xiyyeeffannaa hin kennine. Maaliif? Masalaalii yaabbattee foddaa qulqulleessaa waan turteefi. Warri ijoollee sanaa baayʼee aaranii, maaliif kana akka goote ishee gaafatan. Isheenis akkana jettee deebiste: “Wantan hojjedhe kana hunda ilaalaa! Foddaan hin qulqulloofnee? Manichas susupheera; kana hunda kanan godhe isiniif jedheeni.” Warri kun deebiisheetti kan gammadan sitti fakkaataa? Matumaa gammaduu hin dandaʼan! Hojii kana hunda akka hojjettu namni ishee gaafate hin jiru; isaan ijoolleesaanii akka kunuunsitu qofa barbaadan. Qajeelfamasaanii fudhachuu diduusheetti baayʼee aaraniiru.

13 Dhaabbileen Kiristiyaana ofiin jedhanis waanuma dubartiin kun goote godhaniiru. Yesuus, namoota dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu akka barsiisanii fi karaa hafuuraa qulqulluu akka taʼan akka isaan gargaaran duuka buutotasaatiif qajeelfama kenneera. (Yohaannis 21:15-17) Taʼus, dhaabbileen Kiristiyaana ofiin jedhan qajeelfamasaa kanaaf ajajamuu didaniiru. Namoonni karaa hafuuraa akka beelaʼan, barumsa sobaatiin akka burjaajaʼanii fi barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu akka hin hubanne godhaniiru. (Isaayyaas 65:13; Amoos 8:11) Addunyaa kana fooyyessuuf carraaqqii kan godhan taʼus, isaaf waan hin ajajamneef Yesuus isaanitti aara. Addunyaan kun mana akka diigamu mallattoon irratti godhamee wajjin wal fakkaata. Dubbiin Waaqayyoo addunyaan Seexanni bulchu kun yeroo dhihootti akka balleeffamu dubbata.—1 Yohaannis 2:15-17.

14. Yeroo ammaatti hojiin Yesuusiin gammachiisu isa kami? Maaliif?

14 Karaa kan biraatiinimmoo, Yesuus samiirra taaʼee namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman hojii barattoota gochuu yeroo lafarra turetti ajaje hojjechaa akka jiran yeroo argu baayʼee akka gammadu beekamaadha. (Maatewos 28:19, 20) Masiihicha isa Mootii taʼe gammachiisuu dandaʼuun mirga guddaadha! Kanaaf, ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ deggeruu keenya itti fufuuf haa murteessinu. (Maatewos 24:45) Qeesotarraa haala adda taʼeen, gareen obboloota dibamoo muraasa of keessatti qabate kun, Yesuusiif ajajamuudhaan hojii lallabaa geggeessaa fi amanamummaadhaan hoolota Kiristoos sooraa jira.

15, 16. (a) Yesuus yeroo ammaatti namoonni baayʼeen jaalala kan hin qabne taʼuu isaaniitti maaltu isatti dhagaʼama? Kana akkamitti beekna? (b) Yesuus waldaalee Kiristiyaana ofiin jedhanitti kan aaru maaliifi?

15 Mootiin keenya yeroo ammaatti namoonni baayʼeen jaalala kan hin qabne taʼuu isaaniitti akka aaru beekamaadha. Yesuus guyyaa Sanbataatti namoota fayyisuusaatti Fariisonni isa ceephaʼanii turan. Namoonni kun Seera Musee fi afoola wajjin haala wal qabateen, ilaalchasaanii isa duubatti hafaa taʼerra darbanii yaaduu kan hin dandeenye, warra kaaniif kan hin gaddinee fi ilaalcha goggogaa kan qaban turan. Dinqiiwwan Yesuus raawwate namootaaf faayidaa hedduu argamsiisaniiru. Dinqiiwwan kun namootaaf gammachuu fi boqonnaa kan argamsiisan, akkasumas amantiisaanii kan isaaniif cimsan taʼus, Fariisonni ilaalchasaanii kana hin jijjiirre. Yesuus waaʼeesaanii maaltu itti dhagaʼame? Yeroo tokko, “mata jabina isaaniitti baayʼee gaddee aariidhaan warra naannoo isaa jiran” ilaalee ture.—Maarqos 3:5.

16 Yeroo ammaatti Yesuus wantoota kana caalaa ‘baayʼee isa gaddisiisan’ hedduu argaa jira. Geggeessitoonni waldaalee Kiristiyaanaa, aadaa fi barumsasaanii isa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal hin simneen geggeeffamu; kanaan kan kaʼes, karaa hafuuraa jaamaniiru. Kana malees, misiraachoon Mootummaa Waaqayyoo lallabamuunsaa isaan aarsa. Biyyoota hedduu keessatti qeesonni, Kiristiyaanota ergaa Yesuus lallabe lallabuuf garaadhaa carraaqqii godhanirratti ariʼatama kakaasu. (Yohaannis 16:2; Mulʼata 18:4, 24) Yeroo baayʼee qeesonni kun, akka waan gochi akkasii Yesuusiin gammachiisutti, hordoftoonnisaanii gara waraanaa dhaqanii lubbuu namootaa akka balleessan jajjabeessu!

17. Namoonni dhugumaan duuka buutota Yesuus taʼan kan isa gammachiisan akkamitti?

17 Haala kanarraa adda taʼeen, warri dhugumaan duuka buutota Yesuus taʼan, namootatti jaalala argisiisuuf carraaqqii godhu. Akkuma Yesuus utuma mormiin isaanirra gaʼuu misiraachicha ‘akaakuu namootaa hundatti’ himu. (1 Ximotewos 2:4) Jaalala guddaa walitti argisiisu; jaalalli mallattoo ittiin beekaman isa guddaadha. (Yohaannis 13:34, 35) Obbolootasaaniitti jaalalaa fi kabaja yeroo argisiisan, dhugumaan Yesuus duukaa buʼaa akka jiran argisiisu; Masiihicha isa Mootii taʼes baayʼee gammachiisu!

18. Wanti Gooftaa keenya gaddisiisu maalidha? Nutoo isa gammachiisuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Gooftaan keenya jaalalli duuka buutonnisaa Yihowaadhaaf qaban yommuu qabbanaaʼuu fi isa tajaajiluusaanii yommuu dhiisan akka gaddus hin dagatin. (Mulʼata 2:4, 5) Haataʼu malee, Yesuus namoota hamma dhumaatti jabaatanii dhaabbatanitti ni gammada. (Maatewos 24:13) Kanaaf, haala akkamiiyyuu keessatti ajaja Kiristoos, “Ana duukaa buʼuu kee itti fufi” jechuudhaan kenne haa yaadannu. (Yohaannis 21:19) Mee amma eebbawwan Masiihichi inni Mootii taʼe, warra hamma dhumaatti jabaatanii dhaabbataniif qopheesse tokko tokko haa ilaallu.

Eebbawwan Tajaajiltoonni Mootichaa Argatan

19, 20. (a) Yesuus duukaa buʼuun yeroo ammaattillee eebbawwan akkamii argamsiisa? (b) Kiristoos “Abbaa Bara Baraa” akka nuuf taʼu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

19 Yesuus duukaa buʼuun, yeroo ammaattillee jireenya gammachuu qabu argamsiisa. Kiristoosiin akka Gooftaa keenyatti ilaaluudhaan qajeelfamasaa yoo hojiirra oolchinee fi fakkeenyasaa yoo hordofne, qabeenya gati guddaa qabuu fi namoonni addunyaa baayʼee kan barbaadan taʼus argachuu hin dandeenye arganna. Fakkeenyaaf, mirga hojii jireenyi keenya kaayyoo fi gammachuu akka qabaatu godhurratti hirmaachuu arganna, maatii jaalala dhugaa fi tokkummaa qabu qabaanna, akkasumas qalbii qulqulluu fi nagaa sammuu arganna. Gabaabumatti, jireenya gammachuu dhugaa qabu qabaanna. Garuu, faayidaan argannu kan biraanis jira.

20 Yihowaan namoota ajajamoo taʼaniif “Abbaa Bara Baraa” akka taʼu Yesuusiin filateera. Yesuus, Addaam isa abbaa ilmaan namootaa taʼee fi ijoolleesaa rakkinatti dabarsee kenne bakka buʼa. (Isaayyaas 9:6, 7) Yesuusitti amanuudhaan, “Abbaa Bara Baraa” akka nuuf taʼetti kan isa ilaallu yoo taʼe, abdii jireenya barabaraa amansiisaa taʼe qabaanna. Kana malees, caalaatti Yihowaatti dhihaanna. Akkuma hanga ammaatti baranne, guyyaa guyyaadhaan fakkeenya Yesuus hordofuuf carraaqqii gochuun, karaa guddaa ajaja Waaqayyoo isa, “Ijoollee jaallatamoo waan taataniif, Waaqayyoon kan fakkaattan taʼaa” jedhuuf akka ajajamnu itti argisiisnudha.—Efesoon 5:1.

21. Duuka buutonni Kiristoos addunyaa dukkanaan liqimfame keessatti ifa kan calaqqisiisan akkamitti?

21 Fakkeenya Yesuusii fi fakkeenya Yihowaa hordofuuf yommuu carraaqqii goonu mirga dinqisiisaa taʼe arganna: Addunyaa hamaa taʼe kana keessatti ifa guddaa calaqqisiisna. Nuti duuka buutonni Kiristoos addunyaa dukkanaan liqimfamee fi namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman Seexanaan gowwoomfamanii amalasaa itti argisiisan kana keessatti ifa guddaa, jechuunis ifa dhugaa Kitaaba Qulqulluu, ifa amaloota gaggaarii, akkasumas ifa gammachuu, nagaa fi jaalala dhugaarraa maddu bakka hundatti calaqqisiisaa jirra. Yeroo akkas goonu, caalaatti Yihowaatti dhihaanna; kunimmoo galma hundarra caaludha.

22, 23. (a) Namoonni amanamummaadhaan Yesuus duukaa buʼuusaanii itti fufan gara fuulduraatti eebbawwan akkamii argatu? (b) Murtoon keenya maal taʼuu qaba?

22 Yihowaan Masiihicha isa Mootii taʼetti fayyadamee gara fuulduraatti maal sii gochuu akka barbaadus yaadi. Mootiin kun yeroo dhihootti sirna Seexanaa isa hamaa taʼe kanarratti waraana bana. Waraana kanarratti Yesuus akka injifatu beekamaadha! (Mulʼata 19:11-15) Sana booda, Bulchiinsi Barkumee Kiristoos ni jalqaba. Bulchiinsisaa inni samiirraa, ilmaan namootaa amanamoo taʼan hundi mudaarraa walaba akka taʼan gochuudhaan furicharraa guutummaatti akka fayyadaman godha. Dargaggeessa fayyaa guutuu fi jabina qabu taatee maatii tokkummaa qabuu wajjin lafa gara jannataatti jijjiiruurratti gammachuudhaan yommuu hirmaattu sitti haa mulʼatu! Dhuma Barkumee sanaatti, Yesuus Mootummicha Abbaasaatiif deebisa. (1 Qorontos 15:24) Amanamummaadhaan Kiristoos duukaa buʼuu kee yoo itti fufte, eebba dinqisiisaa tilmaamuunillee hin dandaʼamne, jechuunis “bilisummaa ijoollee Waaqayyoo isa ulfina qabeessa” argatta! (Roomaa 8:21) Eeyyee, yeroo sanatti eebbawwan Addaamii fi Hewaan dhaban hunda ni arganna. Ilmaanii fi intaloota Yihowaa taana; cubbuu Addaam nutti fiderraa barabaraaf walaba taana. “Duutis kana booda hin jiraatu.”—Mulʼata 21:4.

23 Dargaggeessa bulchaa sooressa taʼee fi Boqonnaa 1​ffaarratti waaʼeesaa ilaalle yaadadhu. Dargaggeessi kun afeerrii Yesuus, “Kottuutii duuka buutuu koo taʼi” jechuudhaan isaaf dhiheesse hin fudhanne. (Maarqos 10:17-22) Ati garuu matumaa dogoggora akkasii hin raawwatin! Afeerrii Yesuus kana, gammachuu fi miira hoʼaadhaan fudhadhu. Jabaattee dhaabbachuudhaan guyyaa guyyaadhaan Tiksee Gaarii kana duukaa buʼuu kee akka itti fuftu ni abdanna. Akkas yoo goote waadaan Yihowaan gale hundi yeroo raawwatamu ni argita!