Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA KUDHA AFUR

‘Namoonni Hedduun Gara Isaa Dhufan’

‘Namoonni Hedduun Gara Isaa Dhufan’

“Ijoollee xixinnoon gara koo haa dhufan”

1-3. Warri ijoolleesaanii gara Yesuusitti yeroo fidan maaltu taʼe? Haalli kun waaʼee Yesuus maal nu barsiisa?

 YESUUS yeroon itti ajjeefamu dhihaachuusaa beekeera. Kan isa hafe torban muraasa qofa waan taʼeef, hojii hedduutu isa eeggata. Ergamootasaa wajjin naannoo Peeriyaa ishee Laga Yordaanosirraa kallattii bahaatiin argamtutti lallabaa jira. Karaarratti lallabaa kallattii kibbaatiin gara Yerusaalem deemaa jiru; achitti Yesuus yeroo dhumaatiif Ayyaana Faasikaa kabaja.

2 Yesuus geggeessitoota amantaa wajjin marii ulfaataa taʼe erga godhee booda namoonni hedduun isa biratti walitti qabaman. Namoonni ijoolleesaanii garasaatti fidaa jiru. Maarqos seenaa kana yeroo barreessetti jecha “ijoollee xixinnoo” jedhutti kan fayyadame yeroo taʼu, Luqaasimmoo jecha “daaʼimman” jedhutti fayyadame; kunis ijoolleen sun umurii garaagaraarra akka jiran argisiisa. (Luqaas 18:15; Maarqos 5:41, 42; 10:13) Yeroo baayʼee bakka ijoolleen jiranitti wacni akka jiraatu beekamaadha. Barattoonni Yesuus, ijoollee isaanii gara Yesuusitti akka hin finne warra sana dhoowwuuf yaalan; akkas kan godhan Gooftaan hojiin waan itti baayʼatuuf ijoolleedhaaf xiyyeeffannaa kennuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Maarree, Yesuus maal godhe?

3 Yesuus wanta raawwatamaa jiru yommuu argu ni aare. Garuu eenyutti aare? Ijoollee sanatti ykn warrasaaniitti aaree? Lakki, barattootasaatti aare. Akkana isaaniin jedhe: “Mootummaan Waaqayyoo warra akkanaatiif waan taʼeef, ijoollee xixinnoon gara koo haa dhufan, isaan dhowwuuf hin yaalinaa. Dhuguman isiniin jedha, namni Mootummaa Waaqayyoo akka mucaa xinnoo tokkootti hin simanne kam iyyuu matumaa itti hin galu.” Achiis Yesuus ijoollee sana ‘hammatee’ isaan eebbise. (Maarqos 10:13-16) Mee Yesuus daaʼimman dabalatee ijoollee xixinnoo hammatee yaadaan ilaali. Dhugumayyuu, Yesuus ijoollee ni jaallata. Haataʼu malee, seenaan kun Yesuus nama itti dhihaatamu akka taʼes nu barsiisa.

4, 5. (a) Yesuus nama itti dhihaatamu akka ture akkamitti beekna? (b) Boqonnaa kana keessatti gaaffilee kamfaa qorra?

4 Yesuus nama nyaara guuru, jaalala hin qabnee fi kooru utuu taʼee, ijoolleen sun garasaa hin dhufan turan; warrisaaniis sodaa malee isatti hin dhihaatan turan. Namoonni kun namni gaariin kun ijoolleesaanii hammatee yeroo eebbisu maaltu akka isaanitti dhagaʼamu yaadi; akkaataan Yesuus ijoollee isaanii itti qabe Waaqayyo duratti iddoo guddaa akka qaban kan argisiisu waan taʼeef baayʼee akka gammadan beekamaadha. Yesuus yeroo hojiin baayʼee barbaachisaa taʼe isa eeggachaa ture sanattillee, nama kamiyyuu caalaa kan itti dhihaatamu taʼuusaa argisiiseera.

5 Namoonni Yesuus kan itti dhihaatamu taʼuusaa hubatan kan biroon jiruu? Yesuus nama itti dhihaatamu taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Nutoo gama kanaan fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Mee haa ilaallu.

Yesuus kan Itti Dhihaatamu Taʼuusaa kan Hubatan Namoota Akkamiiti?

6-8. Yesuus yeroo baayʼee namoota akkamii wajjin taʼa ture? Ilaalchi inni isaaniif qabu ilaalcha geggeessitoonni amantaa isaaniif qabanirraa adda kan taʼe akkamitti?

6 Seenaawwan Wangeelaa yommuu dubbistu, namoonni baayʼeen Yesuusitti dhihaachuu kan barbaadan taʼuunsaa si dinqisiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, isaa wajjin haala wal qabateen yeroo baayʼee yaada akkana jedhu dubbisna: “Namoonni hedduun Galiilaa . . . irraa dhufan isa duukaa ni buʼan.” “Namoonni hedduun isa biratti . . . walitti qabaman.” ‘Namoonni hedduun gara isaa dhufan.’ ‘Namoonni hedduun isaa wajjin deemaa turan.’ (Maatewos 4:25; 13:2; 15:30; Luqaas 14:25) Eeyyee, yeroo baayʼee namoonni hedduun Yesuusii wajjin taʼu turan.

7 Namoonni kun namoota iddoo guddaa hin qabnee fi geggeessitoonni amantii akka doofaatti ilaaluudhaan isaan tuffatan turan. Fariisonnii fi luboonnis ifatti, “Uummanni Seericha hin beekne kun abaaramaa dha” jedhu turan. (Yohaannis 7:49) Yeroo boodas barreeffamoonni barsiisonni seeraa qopheessan, Fariisonnii fi luboonni ilaalcha akkasii akka qaban mirkaneessaniiru. Geggeessitoonni amantaa hedduun namoota kana ni tuffatu turan; isaanii wajjin nyaachuu, isaanirraa bituu ykn isaanii wajjin taʼuu hin barbaadan turan. Isaan keessaa tokko tokko, namoonni duudhaa geggeessitoonni amantaa barsiisan hin beekne abdii duʼaa kaʼuu akka hin qabne dubbatu turan. Namoonni iddoo guddaa hin qabne hedduun, geggeessitoota amantaa kana gargaarsa ykn qajeelfama gaafachuu mannaa, isaanirraa fagaachaa akka turan hin shakkisiisu. Yesuus garuu akka geggeessitoota amantaa kanaa hin turre.

8 Yesuus namoota iddoo guddaa hin qabnee wajjin yeroo ni dabarsa ture. Isaanii wajjin nyaateera, isaan fayyiseera, isaan barsiiseera, akkasumas abdii isaaniif kenneera. Yesuus namoonni hedduun carraa Yihowaa tajaajiluuf argatanitti akka hin fayyadamne beeka ture. (Maatewos 7:13, 14) Taʼus, tokkoon tokkoonsaanii carraa misiraachoo Mootummichaa itti dhagaʼanii fi duuka buutotasaa itti taʼan akka argatan barbaadee ture; baayʼeensaanii wanta sirrii taʼe gochuu akka dandaʼan beeka ture. Yesuus lubootaa fi Fariisota mata jabeeyyii taʼan sanarraa baayʼee adda ture! Kan nama ajaaʼibsiisu, luboonnii fi Fariisonnillee Yesuusitti ni dhihaatu turan; baayʼeensaanii jijjiirama godhanii isa duukaa buʼaniiru. (Hojii Ergamootaa 6:7; 15:5) Namoonni sooreyyii taʼanii fi aangoo guddaa qaban tokko tokkos Yesuusitti dhihaachuuf fedhii qabu turan.—Maarqos 10:17, 22.

9. Dubartoonni Yesuusitti dhihaachuun kan isaanitti salphate maaliifi?

9 Dubartoonnis Yesuusitti dhihaachuu hin sodaatan turan. Geggeessitoonni amantaa garuu isaan tuffatu turan. Barsiisonni seeraa hedduun dubartoota barsiisuun sirrii akka hin taane isaanitti dhagaʼama ture. Dubartoonni seera duratti dhihaatanii ragaa akka baʼan isaaniif hin heyyamamu ture; ragoota amanamoo akka hin taanetti ilaalamu turan. Barsiisonni seeraa dubartoota taʼanii waan hin uumamneef kadhannaadhaan Waaqayyoon ni galateeffatu turan! Haataʼu malee, dubartoonni kun Yesuus akka isaan hin tuffanne hubatanii turan. Baayʼeensaanii isarraa barachuuf hawwii guddaa waan qabaniif isatti ni dhihaatu turan. Fakkeenyaaf, obboleettii Alaazaar kan taate Maariyaam, yommuu obboleettiinshee Maartaan nyaata qopheessuuf dhiphattee asii fi achi jechaa turtetti, miila Gooftaa jala teessee wanta inni dubbatu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa turte. Yesuus, Maariyaam wanta caalaatti barbaachisaa taʼeef dursa waan kenniteef ishee galateeffateera.—Luqaas 10:39-42.

10. Yesuus akkaataa namoota dhukkubsatan itti qabeen geggeessitoota amantaarraa adda kan ture akkamitti?

10 Namoonni dhukkubsatanis Yesuus karaa geggeessitoota amantaarraa faallaa taʼeen gaarummaadhaan akka isaan qabu waan beekaniif gara isaa ni dhufu turan. Seerri Musee namoonni dhukkuba nadaayii qaban dhukkubicha warra kaanitti akka hin dabarsineef namootatti akka hin makamne kan ajaju taʼus, karaa gaarummaa hin qabneen akka isaan qaban hin heyyamu ture. (Leewwota, boqonnaa 13) Taʼus, seerri yeroo booda barsiisonni seeraa baasan, namoonni dhukkuba nadaayii qaban akkuma bobbaatti akka nama jibbisiisan ibsee ture. Geggeessitoonni amantaa tokko tokko namoonni dhukkuba kana qaban akka isaanitti hin dhihaanne gochuuf dhagaa isaanitti darbatu turan. Namoonni haala akkasii keessa turan barsiisaa kamittiyyuu dhihaachuun akka isaanitti ulfaatu beekamaadha; taʼus namoonni kun Yesuusitti ni dhihaatu turan. Isaan keessaa inni tokko, “Yaa Gooftaa, yoo fedhii kee taʼe na fayyisuu dandeessa” jechuudhaan amantii guddaa akka qabu argisiiseera. (Luqaas 5:12) Boqonnaa itti aanurratti deebii Yesuus nama kanaaf kenne ni ilaalla. Seenaan kun Yesuus nama itti dhihaatamu akka ture argisiisa.

11. Fakkeenyi namoonni balleessaa raawwatanitti baayʼee gaddan salphaatti Yesuusitti dhihaachaa akka turan argisiisu isa kami? Kun taʼuunsaa barbaachisaa kan taʼehoo maaliifi?

11 Namoonni balleessaa raawwataniin kan kaʼe gaddi guddaan isaanitti dhagaʼamee tures bilisummaadhaan Yesuusitti dhihaatu turan. Fakkeenyaaf, wanta yeroo Yesuus mana Fariisii tokkootti nyaata nyaachaa turetti raawwatame haa ilaallu. Dubartiin cubbamtuu taʼuudhaan beekamtu tokko isa duratti jilbeenfattee cubbuu raawwattetti gaabbitee boossi turte. Dubartiin kun miilasaa imimmaansheetiin jiistee rifeensasheetiin haxoofti turte. Namichi Yesuusiin affeere, Yesuus dubartiin kun akka isatti dhihaattu heyyamuunsaa baayʼee isa naasisee fi isa komatee kan ture taʼus, inni garuu garaadhaa waan yaada geddaratteef gaarummaadhaan kakaʼee ishee galateeffateera, Yihowaan dhiifama akka isheedhaaf godhes mirkaneesseeraaf. (Luqaas 7:36-50) Yeroo harʼaattis namoonni cubbuu cimaa raawwataniin kan kaʼe gaddi guddaan isaanitti dhagaʼamu michummaa Waaqayyoo wajjin qaban haaressuuf gargaarsa barbaadu; kanaaf, namoonni isaan gargaaran salphaatti kan itti dhihaatamu taʼuu qabu. Wanti Yesuus nama itti dhihaatamu akka taʼu isa godhe maalidha?

Yesuus Nama Itti Dhihaatamu Taʼuu kan Dandaʼe Akkamitti?

12. Yesuus kan itti dhihaatamu taʼuunsaa kan nama hin dinqisiisne maaliifi?

12 Yesuus fakkeenya Abbaasaa isa samii guutummaatti akka hordofe yaadadhu. (Yohaannis 14:9) Kitaabni Qulqulluun, “[Yihowaan] tokkoon tokkoon keenya irraa fagoo miti” jedha. (Hojii Ergamootaa 17:27) Waaqa ‘kadhannaa namaa dhagaʼu’ kan taʼe Yihowaan yeroo hundumaa tajaajiltootasaattis taʼe namoota garaadhaa isa barbaadanii fi isa tajaajiluuf fedhii qaban hundatti dhihoodha. (Faarfannaa 65:2) Qaamni uumama cufa keessatti humna hundarra caalu fi iddoo guddaa qabu, eenyuyyuu caalaa kan itti dhihaatamu taʼuunsaa nama hin ajaaʼibsiisuu? Yesuusis akkuma Abbaasaa namoota ni jaallata. Boqonnaawwan itti aananirratti, jaalala guddaa Yesuus namootaaf qaburratti mariʼanna. Namoonni isatti dhihaachuun kan isaanitti salphate, akka isaan jaallatu ifatti waan argisiisuufi. Mee karaawwan Yesuus namoota akka jaallatu itti argisiise tokko tokko haa ilaallu.

13. Warri fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandaʼan akkamitti?

13 Namoonni, Yesuus dhuunfaatti akka isaaniif yaadu salphaatti hubachuu ni dandaʼu turan. Yesuus yeroo dhiphatee turettillee dhuunfaatti namootaaf akka yaadu argisiiseera. Akkuma olitti ilaalle, Yesuus hojiin kan isatti baayʼatu taʼus, yeroo warri ijoolleesaanii garasaatti fidanitti gaarummaadhaan kakaʼee ijoollee sanaaf yeroo kenneera. Yesuus warraaf fakkeenya gaarii taʼeera. Yeroo harʼaatti ijoollee guddisuun baayʼee ulfaataadha. Haataʼu malee, warri ijoolleensaanii isaanitti dhihaachuun akka isaanitti salphatu gochuu qabu. Warra yoo taatan, hojiin waan isinitti baayʼatuuf yeroo tokko tokko xiyyeeffannaa mucaan keessan barbaadu isaaf kennuun akka isin rakkisu beektu. Taʼus, hamma dandaʼame yeroo gabaabaa keessatti xiyyeeffannaa akka isaaf kennitan ni mirkaneessituufii? Waadaa galtan yoo eegdan, mucaan keessan obsa qabaachuun akka nama kiisu barata. Kana malees, yeroo hunda wanta isa rakkise ykn isa yaaddesse isinitti himuu yoo barbaade gammachuudhaan akka isa dhaggeeffattan ni hubata.

14-16. (a) Yesuus dinqii isa jalqabaa kan raawwate maaliifi? Dinqiin inni raawwate baayʼee ajaaʼibsiisaadha kan jennu maaliifi? (b) Dinqiin Yesuus Qaanaatti raawwate waaʼeesaa maal ibsa? Kunoo warraaf barumsa akkamii dabarsa?

14 Yesuus, wanti namoota yaaddessu isas akka yaaddessu argisiiseera. Fakkeenyaaf, dinqii jalqabaa inni raawwate haa ilaallu. Yesuus cidha gaaʼelaa magaalaa Qaanaa ishee Galiilaatti godhame tokkorratti argamee ture. Cidha sanarratti daadhiin wayinii ni dhume; kunimmoo wanta baayʼee nama qaanessu ture! Haatisaa Maariyaam wanta taʼe ilmasheetti himte. Maarree, Yesuus maal godhe? Keessummeessitoonni gaaniiwwan dhagaa guguddaa jaʼatti bishaan akka guutan itti hime. Achiis dhamdhamee akka ilaaluuf geggeessaa cidhichaatti kennan; innis daadhii wayinii gaarii akka taʼe hubate. Yesuus warra kaan gowwoomsuuf bishaanichi daadhii daadhii akka jedhu godhee? Lakki; bishaantu “gara daadhii wayiniitti jijjiirame.” (Yohaannis 2:1-11) Namoonni wanta tokko gara wanta kan biraatti jijjiiruuf yeroo dheeraadhaaf hawwaa turaniiru. Fakkeenyaaf, jaarraawwan hedduudhaaf liidii gara warqiitti jijjiiruuf yaalii gochaa turaniiru. Liidii fi warqiin elemantoota baayʼee wal fakkaatan taʼanis, namoonni kun milkaaʼina argachuu hin dandeenye. a Bishaanii fi wayiniinoo wal fakkaatuu? Bishaan elemantoota lama qofa qaba. Wayiniin garuu elementoota hedduu of keessaa qaba. Haataʼu malee, Yesuus cidha gaaʼelaa kanarratti dinqii baayʼee ajaaʼibsiisaa taʼe akkasii kan raawwate maaliifi? Daadhii wayinii qabaachuunsaanii baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliif ture?

15 Daadhiin wayinii dhumuunsaa misirroota lamaaniif rakkina salphaa hin turre. Israaʼel durii keessatti keessummoota keessummeessuun wanta bakki guddaan kennamuuf ture. Misirroonni cidhasaaniirratti daadhiin wayinii yeroo dhumu baayʼee qaanaʼu; waggoota sana booda jiranitti yommuu guyyaan cidhasaanii yaadatamu hundatti dhimmi kunis ni yaadatama ture. Haalli kun akkuma isaan yaaddesse, Yesuusiinis yaaddesseera. Rakkinasaanii kanaaf furmaata kan kenne kanaafi. Namoonni wanta isaan yaaddesse Yesuusitti kan himan maaliif akka taʼe hubattee?

Ijoolleen keessan, isinitti dhihaachuu akka dandaʼanii fi garaadhaa akka isaaniif yaaddan akka hubatan godhaa

16 Warri, seenaa kanarraas barumsa gaarii argattu. Mucaan keessan rakkina isa dhiphise tokko isinitti himuu yoo barbaade maal gootu? Wanti isa yaaddesse salphaa akka taʼetti ilaaluudhaan akka isin biraa deemu gochuuf yaaltu taʼa. Tarii isatti kolfuufillee qoramuu dandeessu. Rakkinnisaa rakkina keessanii wajjin yommuu wal bira qabamu, wayittuu kan hin lakkaaʼamne fakkaachuu dandaʼa. Haataʼu malee, rakkinichi isaaf salphaa akka hin taane yaadadhaa. Dhimmi tokko nama jaallattan kan yaaddessu erga taʼee, isiniinoo yaaddessuu hin qabuu? Mucaan keessan rakkinnisaa akka isin yaaddessu yoo hubate, wanta akkamiiyyuu isinitti himuun isatti salphata.

17. Garraamummaa argisiisuudhaan Yesuus fakkeenya akkamii nuuf taʼa? Amalli kun jabina argisiisa kan jennuhoo maaliifi?

17 Akkuma Boqonnaa 3​ffaarratti ilaalle, Yesuus garraamii fi kan gad of qabudha. (Maatewos 11:29) Garraamummaan amala namatti toludha; namni garraamii taʼe amala gad of qabuus akka qabu ifadha. Amalli kun kutaa firii hafuuraati; namni garraamii taʼe ogummaa Waaqayyoo akka qabu argisiisa. (Galaatiyaa 5:22, 23; Yaaqoob 3:13) Yesuus haala baayʼee nama aarsu keessattillee akka of toʼatu argisiiseera. Garraamummaa kan argisiise dadhabaa waan taʼeef miti. Hayyuun tokko, “Amala garraamummaa duuba jabinni akka sibiilaa jira” jedhaniiru. Yeroo baayʼee aarii keenya toʼannee warra kaan garraamummaadhaan qabuun jabina akka gaafatu beekamaadha. Taʼus, gargaarsa Yihowaatiin fakkeenya Yesuus hordofuudhaan garraamummaa argisiisuu ni dandeenya; amala kana horachuun keenya namoonni caalaatti akka nutti dhihaatan godha.

18. Fakkeenyi Yesuus yaadasaatti kan hin cichine taʼuusaa argisiisu isa kami? Amalli kun namni tokko kan itti dhihaatamu akka taʼu godha kan jennuhoo maaliifi?

18 Yesuus yaadasaatti kan hin cichinedha. Yommuu Yesuus Xiiroos keessa turetti, dubartiin tokko intallishee “jinniidhaan qabamtee akka malee dhiphachaa” waan turteef garasaa dhufte. Yesuus wanta isheen barbaaddu gochuuf fedhii akka hin qabne karaawwan addaddaa sadiin argisiiseera. Tokkoffaa, calluma jedheera; lammaffaa, wanta isheen barbaaddu gochuufii kan hin qabne maaliif akka taʼe itti himeera; sadaffaammoo, fakkeenya yaada kana caalaatti ifa godhu itti himeera. Haataʼu malee, kan ishee haasofsiise gara jabinaan ykn yaadasaatti akka ciche karaa argisiisuun turee? Nama iddoo guddaa qabu waan taʼeef, deebii isaaf kennuuf onnachuunshee rakkina keessa akka ishee galchuhoo dubbateeraa? Lakki. Ishee gargaaruu akka hin barbaanne ifatti kan argisiise taʼus, sodaa tokko malee isa kadhachuushee itti fufteetti. Yesuus dubartiin kun isa kadhachuushee akka itti fuftu kan ishee kakaase amantii guddaa qabaachuushee akka taʼe waan hubateef intalashee fayyise. (Maatewos 15:22-28) Yesuus yaadasaatti kan hin cichine, namoota dhagaʼuuf fedhii kan qabuu fi yeroo barbaachisaa taʼutti tole kan jedhu taʼuunsaa namoonni akka isatti dhihaatan godheera!

Atoo Nama Itti Dhihaatamudhaa?

19. Dhugumaan nama itti dhihaatamu taʼuu keenya akkamitti beekuu dandeenya?

19 Namoonni baayʼeen nama itti dhihaatamu akka taʼan isaanitti dhagaʼama. Fakkeenyaaf, namoonni aangoo qaban tokko tokko namoonni yeroo kamittiyyuu isaan haasofsiisuu akka dandaʼan dubbatu. Taʼus Kitaabni Qulqulluun, “Namoonni hedduun jaalala amanamaa akka qaban dubbatu, nama amanamaa garuu eenyutu argachuu dandaʼa?” jedha. (Fakkeenya 20:6) Namoonni bilisummaadhaan akka nutti dhihaatan akka barbaannu dubbachuun salphaadha; haataʼu malee, gama kanaan fakkeenya Yesuus hordofaa jirraa? Deebiinsaa ilaalcha nuti ofiif qabnurratti utuu hin taʼin, ilaalcha warri kaan nuuf qabanirratti kan hundaaʼedha. Phaawulos, “Yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun keessan namoota hundumaa biratti kan beekame haa taʼu” jedheera. (Filiphisiyus 4:5) Tokkoon tokkoon keenya, ‘Warri kaan ilaalcha akkamii naaf qabu? Namoonni natti dhihaachuun isaanitti salphataa?’ jennee of gaafachuun keenya gaariidha.

Jaarsoliin nama itti dhihaatamu taʼuuf carraaqqii godhu

20. (a) Jaarsoliin gumii nama itti dhihaatamu taʼuunsaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Jaarsolii gumiirraa wanta humnasaaniitii ol taʼe eeguu kan hin qabne maaliifi?

20 Keessumaa jaarsoliin gumii kan itti dhihaatamu taʼuuf ni carraaqu. Yaada Isaayyaas 32:1, 2​rratti ibsame hojiirra oolchuuf wanta dandaʼan hunda godhu. Caqasichi akkana jedha: “Tokkoon tokkoon isaaniis bakka bubbee jalaa itti dhokatan, bakka bokkaa yandoo jalaa dahoo itti argatan ni taʼu; biyya bishaan hin qabne keessatti akkuma yaaʼaawwan bishaanii, biyya waxalame keessattis akkuma gaaddisa qarsaa guddaa ni taʼu.” Jaarsi tokko warra kaaniif eegumsaa fi boqonnaa akkasii argamsiisuu kan dandaʼu, kan itti dhihaatamu yoo taʼe qofadha. Yeroo ulfaataa taʼe kana keessatti jaarsoliin itti gaafatamummaa hedduu waan qabaniif, warra kaaniif yeroo ramaduun yeroo hunda salphaa akka hin taane beekamaadha. Taʼus, jaarsoliin hoolota Yihowaa gargaaruuf yeroo kan hin qabne fakkaatanii mulʼachuu hin qaban. (1 Pheexiros 5:2) Obboloonni gumii keessa jiranis obboloota amanamoo kanarraa wanta humnasaaniitii ol taʼe eeguu hin qaban; hundi keenyayyuu gad of qabuudhaan jaarsolii deggeruu qabna.—Ibroota 13:17.

21. Warri ijoolleensaanii salphaatti akka isaanitti dhihaatan gochuu kan dandaʼan akkamitti? Boqonnaa ittaanurratti waaʼee maalii ilaalla?

21 Warri yeroo ijoolleensaanii isaan barbaadan hundatti isaan haasofsiisuuf carraaqqii godhu. Kun dhimma akka laayyootti ilaalamu miti. Warri, ijoolleensaanii bilisummaadhaan iccitiisaanii isaaniitti himachuu akka dandaʼan akka hubatan barbaadu. Kanaaf, warri Kiristiyaanota taʼan, yommuu mucaansaanii dogoggora raawwate tokko itti himu ykn ilaalcha sirrii hin taane akka qabu argisiisu, garraamummaa argisiisuu fi akka hin dheekkamne of eeggachuu qabu. Warri yommuu obsaan ijoolleesaanii leenjisan, ijoolleensaanii waaʼee wanta akkamiiyyuu isaan haasofsiisuuf bilisummaan akka isaanitti dhagaʼamu gochuu qabu. Dhugaadha, hundi keenya akkuma Yesuus nama itti dhihaatamu taʼuu barbaanna. Boqonnaa itti aanurratti, waaʼee gara laafina Yesuus argisiisee ilaalla; amaloota guguddaa Yesuus nama itti dhihaatamu akka taʼu godhan keessaa kun isa tokkodha.

a Barattoonni keemistirii liidii fi warqiin gabatee peredikiirratti baayʼee walitti dhihaatanii akka jiran beeku. Atamiin liidii niwukilasii isaa keessatti warqii caalaa pirotonota dabalataa sadii qaba. Saayintistoonni liidii xinnoo gara warqiitti jijjiiruu kan dandaʼan taʼus, adeemsi isaa humna hedduu fixa; kunimmoo baasii guddaa gaafata.