Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA KUDHA JAʼA

‘Yesuus Hamma Dhumaatti Isaan Jaallate’

‘Yesuus Hamma Dhumaatti Isaan Jaallate’

1, 2. Galgalli dhumaa Yesuus ergamootasaa wajjin dabarse maal fakkaata ture? Yeroon kun isaaf bakka guddaa qaba kan jennu maaliifi?

 YESUUSII fi ergamoonnisaa fooqii Yerusaalemitti argamu tokkorratti walitti qabamaniiru; Yesuus galgalli kun galgala dhumaa isaanii wajjin dabarsu taʼuusaa beeka. Yeroon gara Abbaasaa itti deebiʼu dhihaateera. Saʼaatii muraasa booda ni qabama; haala kanaan dura taʼee hin beekneenis amantiinsaa ni qorama. Yeroo muraasa booda akka ajjeefamu kan beeku taʼus, wanta ergamootasaatiif barbaachisu gochuurraa duubatti hin jenne.

2 Yesuus, isaan dhiisee akka deemu ergamootasaatti kan hime taʼus, yeroo gara fuulduraatiif isaan qopheessuuf waan isaanitti himu kan biraas qaba ture. Kanaaf, yeroo murteessaa taʼe kanatti fayyadamee, barumsa barbaachisaa amanamoo taʼuuf isaan gargaaru isaan barsiiseera. Wanta kanaan dura isaanitti dubbate hunda caalaa, wanti inni yeroo kanatti dubbate akka isaan jaallatu kan argisiisu ture. Yesuus waaʼee ofiisaa caalaa waaʼeen ergamootasaa kan isa yaaddesse maaliifi? Yeroo dhumaa isaanii wajjin dabarsu kanaaf hamma kana iddoo guddaa kan kennehoo maaliifi? Baayʼee waan isaan jaallatuufi.

3. Yesuus duuka buutotasaatti jaalala argisiisuuf hamma galgala isa dhumaatti akka hin eegne akkamitti beekna?

3 Yohaannis ergamaan waggoota hedduu booda galgala sana ilaalchisee akkana jedhee barreesseera: “Ayyaana Faasikaa dura, Yesuus saʼaatiin inni addunyaa kana dhiisee gara Abbaa itti dhaqu gaʼuu isaa waan beekeef, warra addunyaa keessa jiran, warra kan isaa taʼanii fi jaallachaa ture sana hamma dhumaatti ni jaallate.” (Yohaannis 13:1) Yesuus “warra kan isaa taʼan” akka jaallatu argisiisuuf hamma galgala sanaatti hin eegne. Guutummaa tajaajilasaarratti karaawwan addaddaatiin duuka buutotasaa akka jaallatu argisiiseera. Gama kanaan fakkeenyasaa hordofuun keenya, dhugumaan duuka buutotasaa akka taane waan argisiisuuf, karaawwan Yesuus jaalala itti argisiise tokko tokko qoruun keenya barbaachisaadha.

Obsa Argisiisuu

4, 5. (a) Yesuus barattootasaatti obsa argisiisuun kan isa barbaachise maaliifi? (b) Yesuus ergamoonnisaa sadan iddoo biqiltuu Getesemaanee keessatti yeroo rafanitti maal godhe?

4 Jaalallii fi obsi wal qabatu. Qorontos Tokkoffaan 13:4, “Jaalalli ni obsa” jedha; obsuunimmoo warra kaan dandaʼanii jiraachuu dabalata. Yesuus barattootasaatti obsa argisiisuun isa barbaachiseeraa? Eeyyee. Akkuma Boqonnaa 3​ffaarratti ilaalle, ergamoonnisaa amala gad of qabuu horachuun isaanitti ulfaatee ture. Yeroo garaagaraatti isaan keessaa eenyu akka caalu wal falmaniiru. Yeroo kanatti Yesuus maal godhe? Isaanitti aaruudhaan akka isaan matumaa jijjiiramuu hin dandeenye yaadeeraa? Lakki; galgala isa dhumaa sanatti dhimma kana ilaalchisee yommuu isaan gidduutti “falmii guddaan” kaʼettillee obsaan isaan gargaareera.—Luqaas 22:24-30; Maatewos 20:20-28; Maarqos 9:33-37.

5 Galgala dhumaa sana gara boodaa, yeroo Yesuus ergamootasaa 11 wajjin gara iddoo biqiltuu Getesemaanee dhaqettis wanti obsasaa qoru uumamee ture. Ergamootasaa saddeet dhiisee, Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannisiin fudhatee iddoo biqiltuu sana keessa seene. Achiis Yesuus, “Ani hamma duʼaatti baayʼee gaddeera. Asuma turaatii . . . dammaqaa eegaa” isaaniin jedhe. Achiis isaanirraa xinnoo siqee, cimsee kadhachuu jalqabe. Yeroo dheeraadhaaf erga kadhatee boodas, gara ergamootasaa sadanitti deebiʼe. Maal gochaa turan? Yeroo inni baayʼee dhiphatee ture kanatti hirriba cimaa keessa turan! Maarree, dammaqinaan eeguu dadhabuusaaniitti isaanitti dheekkamee? Lakki; obsaan isaan jajjabeesse. Gaarummaadhaan isaanitti dubbachuunsaa, dhiphinaa fi dadhabinasaanii akka isaaniif hubate argisiisa. a “Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha” isaaniin jedhe. Yesuus galgala sana siʼa tokko qofa utuu hin taʼin, siʼa sadii rafanii yeroo isaan argettillee obsa isaanitti argisiiseera.—Maatewos 26:36-46.

6. Walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnurratti fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Yesuus ergamootasaatti abdii akka hin kutanne beekuun keenya baayʼee nu jajjabeessa. Obsaan isaan qabuunsaa buʼaa gaarii argamsiiseera; namoonni amanamoon kun gad of qabuu fi dammaqinaan eeguun barbaachisaa taʼuusaa yeroo booda barataniiru. (1 Pheexiros 3:8; 4:7) Walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnurratti fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Keessumaa jaarsoliin obsa qabaachuun isaan barbaachisa. Tarii jaarsi tokko yeroo dadhabee ykn dhimma dhuunfaasaatiin dhiphatee jirutti obboloonni rakkinasaanii isatti himachuu barbaadu taʼa. Yeroo tokko tokkommoo, namoonni gargaarsi isaan barbaachisu gorsa isaaniif kenname dafanii hojiirra hin oolchan taʼa. Taʼus, jaarsoliin obsa qabeeyyii taʼan “garraamummaadhaan” gorsu, akkasumas “tuuticha gara laafinaan” qabu. (2 Ximotewos 2:24, 25 Hojii Ergamootaa 20:28, 29) Ijoolleen yeroo tokko tokko gorsa ykn sirreeffama isaaniif kennamu dafanii hojiirra waan hin oolchineef, warris obsa argisiisuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuun isaan barbaachisa. Warri, jaalalaa fi obsa qabaachuunsaanii carraaqqii ijoolleesaanii leenjisuuf godhanitti abdii akka hin kutanne isaan gargaara. Obsi akkasii buʼaa gaarii argamsiisa.—Faarfannaa 127:3.

Wanta Isaan Barbaachisu Guutuu

7. Yesuus wanta karaa qaamaa duuka buutotasaatiif barbaachisu kan guute karaawwan kamiini?

7 Jaalalli gocha ofittummaarraa walaba taʼeen ibsama. (1 Yohaannis 3:17, 18) Jaalalli “faayidaa mataa isaa qofa hin barbaadu.” (1 Qorontos 13:5) Jaalalli Yesuus barattootasaatiif qabu, wanta karaa qaama isaan barbaachisu akka isaaniif guutu isa kakaaseera. Yeroo baayʼee, utuu isaan hin gaafatin wanta isaan barbaachisu isaaniif godha ture. Akka dadhaban yeroo hubatetti, “Gara bakka namni hin jirre tokkoo haa dhaqnu; achitti xinnoo boqodhaa” isaaniin jedheera. (Maarqos 6:31) Akka beelaʼan yeroo hubatettimmoo, ofumasaatiin kakaʼee isaaniifis taʼe namoota kumaan lakkaaʼamanii fi barumsasaa dhaggeeffachuuf dhufan kaaniif nyaata kenneera.—Maatewos 14:19, 20; 15:35-37.

8, 9. (a) Yesuus wanta karaa hafuuraa barattootasaatiif barbaachisu akka hubatee fi fedhiisaanii akka guute kan argisiisu maalidha? (b) Yesuus yeroo mukarratti fannifamee turetti, haadhasaatiif garaadhaa akka yaadu kan argisiise akkamitti?

8 Yesuus wanta karaa hafuuraa barattootasaatiif barbaachisu hubatee fedhiisaanii isaaniif guuteera. (Maatewos 4:4; 5:3) Yommuu barsiisu, yeroo baayʼee xiyyeeffannaa addaa isaaniif kenna ture. Lallabni Gaararraa keessumaa kan dhihaate barattootasaa gargaaruufi. (Maatewos 5:1, 2, 13-16) Fakkeenyaan erga barsiisee booda “barattoota isaatiif . . . yeroo kophaa isaanii taʼanitti wanta hundumaa isaaniif ibsa ture.” (Maarqos 4:34) Yesuus guyyoota dhumaatti duuka buutonnisaa karaa hafuuraa sirriitti akka sooratan gochuuf, ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ akka isaaniif muudu raajii dubbatee ture. Garbichi amanamaan kun garee xinnoo Kiristiyaanota dibamoo obboloota Yesuus taʼan of keessatti qabatee fi Dh.K.B. bara 1919 kaasee “yeroo sirrii taʼetti nyaata” hafuuraa dhiheessaa jirudha.—Maatewos 24:45.

9 Yesuus guyyaa duʼetti, michummaan duuka buutonnisaa Yihowaa wajjin qaban akka isa yaaddessu argisiiseera. Mee haala armaan gadiirratti yaadi: Yesuus mukarratti fannifamee dhiphachaa jira. Yeroo hafuura fudhatu miilasaa gadi dhiibuudhaan qaamasaa ol harkisuun isa barbaachisa. Yeroo kanatti mismaarri qaamasaa baate madaa miilasaarra jiru caalaatti waan tarsaasuuf, akkasumas dugdisaa inni madaaʼe mukichatti waan rigamuuf, dhukkubbii cimaan akka isatti dhagaʼamu beekamaadha. Yeroo akkasiitti hafuura fudhachuunis taʼe dubbachuun salphaa akka hin taanee fi baayʼee akka nama dhukkubsu ifadha. Taʼus, Yesuus yeroo duʼuuf jedhu sanatti wanta haadhasaa Maariyaamiif jaalala guddaa akka qabu argisiisu dubbateera. Yesuus, Maariyaamii fi Yohaannis ergamaan naannoo sana dhaabbatanii yeroo argetti, akka isa dhagaʼaniif sagaleesaa ol kaasee jalqaba Maariyaamiin, “Dubartii nana, ilaa ilma kee!” jedhe. Achiis Yohaannisiin, “Ilaa, haadha tee!” jedhe. (Yohaannis 19:26, 27) Yesuus, ergamaan amanamaan kun karaa qaamaa qofa utuu hin taʼin, karaa hafuuraas wanta ishee barbaachisu akka isheedhaaf guutu beeka ture. b

Warri ijoolleesaaniitiif yaadan, obsa isaanitti argisiisu, wanta isaan barbaachisus isaaniif ni guutu

10. Warri, wanta ijoolleesaaniitiif barbaachisu isaaniif guutuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandaʼan akkamitti?

10 Warri ijoolleesaaniitiif yaadan fakkeenya Yesuusirratti xiinxaluunsaanii isaan gargaara. Abbaan maatiisaa jaallatu, wanta karaa qaamaa isaan barbaachisu isaaniif ni guuta. (1 Ximotewos 5:8) Mataan maatii ilaalcha madaalamaa qabuu fi jaalala qabeessa taʼe, yeroo maatiinsaa itti boqotuu fi itti bashannanu ni ramada. Hunda caalaammoo, warri Kiristiyaanota taʼan, karaa hafuuraa wanta ijoolleesaanii barbaachisu ni guutu. Akkamitti? Sagantaa dhaabbataa maatiidhaan Kitaaba Qulqulluu itti qoʼatan ni ramadu, akkasumas yeroon kun ijoolleesaanii kan jajjabeessuu fi kan gammachiisu akka taʼu gochuuf ni carraaqu. (Keessa Deebii 6:6, 7) Warri, tajaajilarratti hirmaachuun, akkasumas walgaʼiidhaaf qophaaʼuu fi irratti argamuun barsiifata gaarii taʼuusaa dubbii fi gochasaaniitiin ijoolleesaanii barsiisu.—Ibroota 10:24, 25.

Dhiifama Gochuuf Qophaaʼuu

11. Yesuus dhiifama gochuu ilaalchisee duuka buutotasaa maal barsiise?

11 Dhiifama gochuun karaawwan jaalalli itti ibsamu keessaa tokkodha. (Qolosaayis 3:13, 14) Qorontos Tokkoffaan 13:5, “[Jaalalli] miidhaa isa irra gaʼe galmeessee hin qabatu” jedha. Yesuus dhiifama gochuun barbaachisaa taʼuusaa duuka buutotasaa irra deddeebiʼee barsiiseera. Warra kaaniif dhiifama kan godhan “siʼa 77 malee, siʼa torba qofa” akka hin taane, jechuunis daangaa malee dhiifama akka godhan isaan gorseera. (Maatewos 18:21, 22) Namni balleessaa raawwate tokko gorsa isaaf kenname fudhatee yoo yaada geeddarate dhiifama gochuufii akka qaban isaan barsiiseera. (Luqaas 17:3, 4) Yesuus Fariisota fakkeessitoota taʼanirraa haala adda taʼeen, kan barsiisu dubbiidhaan qofa utuu hin taʼin, fakkeenya taʼuudhaani. (Maatewos 23:2-4) Yesuus michuunsaa baayʼee amanu yeroo isa gaddisiisettillee dhiifama gochuuf qophaaʼaa taʼuusaa kan argisiise akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

12, 13. (a) Galgala Yesuus qabametti Pheexiros kan isa gaddisiise akkamitti? (b) Yesuus erga duʼaa kaʼee booda, Pheexirosiif dhiifama akka godhe kana argisiise akkamitti?

12 Michoota Yesuus keessaa tokko kan taʼe Pheexiros nama gaarii ture; yeroo tokko tokko garuu wanta tokko kan dubbatuu fi kan godhu utuu itti hin yaadiin ture. Yesuus amaloota gaggaarii Pheexiros qabu waan hubateef, mirgawwan adda taʼan isaaf kenneera. Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannisii wajjin dinqiiwwan ergamoonni Yesuus kaan hin argine tokko tokko argeera. (Maatewos 17:1, 2; Luqaas 8:49-55) Akkuma olitti ilaalle, Pheexiros ergamoota Yesuusii wajjin iddoo biqiltuu Getesemaanee keessa seenan keessaa tokkodha. Taʼus, galgaluma sana yeroo Yesuus dabarfamee kennameettii fi qabametti, Pheexirosii fi ergamoonni kaan isa dhiisanii baqataniiru. Sana booda, Pheexiros yeroo Yesuus karaa seeraan ala taʼeen murtiitti dhihaateetti, ija jabinaan ala dhaabbatee ilaalaa ture. Booda garuu sodaatee siʼa sadii Yesuusiin akka hin beekne dubbachuudhaan dogoggora cimaa raawwateera! (Maatewos 26:69-75) Maarree, Yesuus maal godhe? Ati michuun kee tokko balleessaa akkasii utuu sirratti raawwatee maal goota?

13 Yesuus, Pheexirosiif dhiifama gochuuf qophaaʼaa ture. Yesuus, Pheexiros cubbuu raawwatetti baayʼee akka gadde beeka. Ergamaan gaabbe kun, “of toʼachuu dadhabee hirqinfatee booʼuu jalqabe.” (Maarqos 14:72) Yesuus guyyaa duʼaa kaʼetti Pheexirositti mulʼateera; kana kan godhe isa jajjabeessuu fi dhiifama akka isaaf godhe isatti himuuf taʼuu hin oolu. (Luqaas 24:34; 1 Qorontos 15:5) Achiis jiʼa lama utuu hin guutin, guyyaa Phenxeqosteetti namoota hedduudhaaf dhugaa baʼurratti dursa akka fudhatu isaaf heyyamuudhaan kabaja guddaa isatti argisiiseera. (Hojii Ergamootaa 2:14-40) Yesuus ergamoonnisaa isa dhiisanii baqachuusaaniitti haaloo isaanitti hin qabanne. Kanaa mannaa, erga duʼaa kaʼee booda “Obboloota koo” jedhee isaan waameera. (Maatewos 28:10) Yesuus waaʼee dhiifama gochuu barsiisuu qofa utuu hin taʼin, hojiidhaanis argisiiseera.

14. Warra kaaniif dhiifama gochuu barachuu kan qabnu maaliifi? Dhiifama gochuuf qophaaʼoo taʼuu keenya argisiisuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

14 Nutis barattoota Kiristoos waan taaneef, warra kaaniif dhiifama gochuu barachuu qabna. Maaliif? Haala Yesuusirraa adda taʼeen, akkuma namoota balleessaa nurratti raawwatanii nutis cubbamootadha. Hundi keenya darbee darbee dubbiidhaanis taʼe gochaan ni dogoggorra. (Roomaa 3:23; Yaaqoob 3:2) Namni balleessaa nurratti raawwate tokko wanta godhetti gaabbee yeroo dhiifama nu gaafatu dhiifama yoo isaaf goone, Waaqayyos dhiifama nuuf godha. (Maarqos 11:25) Maarree, namoota balleessaa nurratti raawwataniif dhiifama gochuuf qophaaʼoo taʼuu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Jaalalli dogoggora xixinnoo warri kaan hojjetan bira darbuuf nu gargaara. (1 Pheexiros 4:8) Namoonni cubbuu nurratti raawwatan akkuma Pheexiros dogoggora raawwatanitti garaadhaa yoo gaabban, fakkeenya Yesuus hordofuudhaan dhiifama isaaniif gochuuf qophaaʼoo taʼuu barbaanna. Haaloo qabachuu mannaa, guutummaatti dhiifama gochuun keenya gaariidha. (Efesoon 4:32) Yoo akkas goone nagaa gumichaatiif gumaacha goona, nagaa keenyas ni eegganna.—1 Pheexiros 3:11.

Warra Kaan Amanuu

15. Yesuus barattoonnisaa dogoggora kan raawwatan taʼus kan isaan amane maaliifi?

15 Jaalallii fi warra kaan amanuun walitti dhufeenya cimaa qabu. Jaalalli, “waan hundumaa amana.” c (1 Qorontos 13:7) Yesuus barattootasaatiif jaalala waan qabuuf, utuma dogoggora raawwatanii isaan amana ture. Yihowaa garaadhaa akka jaallatanii fi fedhiisaa raawwachuu akka barbaadan ni amana ture. Yeroo dogoggora raawwatanittillee, kakaʼumsasaanii hin shakkine. Fakkeenyaaf, Yaaqoobii fi Yohaannis Mootummaasaa keessatti of cinaa akka isaan kaaʼu akka isaaniif gaafattu yeroo haadhasaanii erganitti, Yesuus amanamummaasaanii hin shakkine ykn mirga ergamootasaa taʼuu isaan hin dhoowwine.—Maatewos 20:20-28.

16, 17. Yesuus barattootasaatiif itti gaafatamummaa akkamii kenne?

16 Yesuus barattootasaatiif mirga addaddaa kennuudhaan akka isaan amanu argisiiseera. Yeroo garaagaraa lamatti karaa dinqii taʼeen yommuu namoota hedduu sooretti, nyaata akka hiran barattootasaatiif itti gaafatamummaa kenneera. (Maatewos 14:19; 15:36) Ayyaana Faasikaa yeroo dhumaatiif kabajuusaa dura, Pheexirosii fi Yohaannis gara Yerusaalem dhaqanii wanta ayyaanichaaf barbaachisu akka qopheessan godheera. Isaanis hoolaa, wayinii, maxinoo, baala hadhaaʼaa fi wantoota barbaachisan kan biroo qopheessaniiru. Kun hojii akka laayyootti ilaalamu hin turre; Yesuus Ayyaana Faasikaa karaa Seerri Musee ajajuun kabajuu qaba ture. Kana malees, Yesuus galgaluma sana itti aansuudhaan yeroo Ayyaana Yaadannoo duʼasaa hundeessetti, foonii fi dhiigasaa argisiisuuf wayinii fi maxinoo sanatti fayyadameera.—Maatewos 26:17-19; Luqaas 22:8, 13.

17 Yesuus barattootasaatiif itti gaafatamummaa kanarra caalullee kenneera. Fakkeenyaaf, akka lallabanii fi barattoota akka godhan itti gaafatamummaa guddaa isaaniif kenneera. (Maatewos 28:18-20) Akkuma olitti ilaalle, garee xinnoon duuka buutotasaa dibamoo taʼan of keessatti qabatee fi lafarratti argamu nyaata hafuuraa akka qopheessuuf itti gaafatamummaa guddaa akka isaaf kennu raajii dubbatee ture. (Luqaas 12:42-44) Yesuus yeroo ammaatti samii keessatti karaa hin mulʼanneen bulchaa kan jiru taʼus, gumiiwwan akka kunuunsaniif ‘namoota kennaa’ taʼaniif itti gaafatamummaa kennuudhaan duuka buutotasaa akka amanu argisiisuusaa itti fufeera.—Efesoon 4:8, 11, 12.

18-20. (a) Obboloota keenya akka amannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Jaarsoliin fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandaʼan akkamitti? (c) Boqonnaa itti aanurratti waaʼee maalii mariʼanna?

18 Walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnurratti fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Obboloota yeroo amannu akka isaan jaallannu argisiisna. Jaalala yoo qabaanne wanta gaarii isaan godhanirratti xiyyeeffanna malee, dogoggorasaanii hin funaanu. Yeroo garaagaraatti warri kaan nu aarsuu dandaʼu; jaalala qabaachuun keenya yeroo akkasiitti ariifannee kakaʼumsisaanii gaarii akka hin taane yaaduurraa of qusachuuf nu gargaara. (Maatewos 7:1, 2) Obbolootaaf ilaalcha gaarii yoo qabaanne, karaa isaan diiguun utuu hin taʼin, karaa isaan ijaaruun isaan qabna.—1 Tasalonqee 5:11.

19 Karaa kan biraan warra kaan amanuurratti fakkeenya Yesuus hordofuu itti dandeenyu maalidha? Obboloonni gumii keessatti itti gaafatamummaa qaban, warri kaan hamma humnasaanii karaa gaarii taʼeen akka hojjetan amanuudhaan, hojiiwwan barbaachisoo isaan hojjechuu dandaʼan isaaniif kennuunsaanii faayidaa qaba. Jaarsoliin muuxannoo qaban yeroo akkas godhan, obboloota gaʼumsa qabanii fi gumicha gargaaruuf ‘carraaqaniif’ leenjii isaan fayyadu kennu. (1 Ximotewos 3:1; 2 Ximotewos 2:2) Leenjiin akkasii kennamuunsaa baayʼee barbaachisaadha. Yihowaan hojiin Mootummichaa akka babalʼatu gochaa waan jiruuf, dhiironni gaʼumsa qaban leenjii argachuu qabu.—Isaayyaas 60:22.

20 Yesuus jaalala argisiisuudhaan fakkeenya gaarii nuu taʼeera. Kanaaf, karaan hunda caalaa fakkeenyasaa hordofuu itti dandeenyu jaalala argisiisuudha. Boqonnaa itti aanurratti karaa jaalalasaa itti argisiise isa guddaarratti mariʼanna; innis nuuf jedhee fedhiidhaan lubbuusaa dabarsee kennuusaati.

a Ergamoonni Yesuus kan rafan, qaamnisaanii waan dadhabeef qofa hin turre. Luqaas 22:45 “gadda irraa kan kaʼe waan dadhabaniif rafanii [akka] isaan arge” dubbata.

b Yeroo kanatti Maariyaam dubartii abbaan manaa irraa duʼe taʼuu hin ooltu; ijoolleenshee kaanimmoo barattoota Yesuus hin turre.—Yohaannis 7:5.

c Kana jechuun garuu wanta dhageenyu hundaa fi nama arginu hunda ni amanna jechuu miti. Kanaa manaa, jaalalli utuu hin barbaachisin hin komatu ykn hin shakku jechuudha. Namni jaalala qabu, ariifatee dogoggora warra kaaniirratti hin xiyyeeffatu ykn sababiin wanta tokko raawwachuu fi dubbachuuf itti kakaʼan sirrii akka hin taanetti hin yaadu.