Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA LAMA

‘Karaa, Dhugaa fi Jireenya’

‘Karaa, Dhugaa fi Jireenya’

“Duuka buutuu koo taʼi”

1, 2. Ofuma keenyaan Yihowaatti dhihaachuu hin dandeenyu kan jennu maaliifi? Gama kanaan Yesuus Kiristoos maal nuuf godheera?

 KARAAN si jalaa badee beekaa? Hiriyaa ykn fira gaafachuu deemtee yeroo karaan itti si jalaa bade ni yaadatta taʼa. Yeroo karaa hin beeknerra geessu, karichi isa kam akka taʼe nama gaafatteettaa? Namni gaafatte sun karichi isa kam akka taʼe sitti himuu mannaa, gaarummaadhaan kakaʼee, “Koottu, ani sin geessa” utuu siin jedhee maaltu sitti dhagaʼama? Baayʼee akka gammaddu hin shakkisiisu.

2 Yesuus Kiristoos wanta kanaa wajjin wal fakkaatu nuu godhe. Ofuma keenyaan Waaqayyotti dhihaachuu hin dandeenyu. Ilmaan namootaa cubbuu waan dhaalaniif, karaan isaan jalaa badeera, jechuunis “jireenya isa kan Waaqayyoo [irraa] fagaataniiru.” (Efesoon 4:17, 18) Kanaaf, karaa kana argachuuf gargaarsi nu barbaachisa. Yesuus inni fakkeenya gaarii nuu taʼu, gorsa nuu kennuu fi karaa nutti argisiisuu caalaa wanta godhe qaba. Boqonnaa 1​ffaarratti akkuma ilaalle Yesuus, “Kottuutii duuka buutuu koo taʼi” jedhee nu affeereera. (Maarqos 10:21) Sababii affeerrii kana fudhachuu itti qabnus nuuf ibseera. Yeroo tokko Yesuus, “Karaan, dhugaanii fi jireenyi ana. Karaa koo yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara Abbaa dhufuu hin dandaʼu” jedheera. (Yohaannis 14:6) Mee sababiiwwan Abbaatti dhihaachuu kan dandeenyu karaa Ilmaa qofadha itti jennu muraasa haa ilaallu. Achiis, sababiiwwan kana sammuutti qabachuudhaan Yesuus ‘karaa, dhugaa fi jireenya’ kan taʼe akkamitti akka taʼe qorra.

Gaʼee Guddaa Yesuus Kaayyoo Yihowaa Keessatti Qabu

3. Waaqayyotti dhihaachuu kan dandeenyu karaa Yesuus qofa kan taʼe maaliifi?

3 Sababiin Yihowaatti dhihaachuu kan dandeenyu karaa Yesuus qofadha itti jennu inni guddaan, Waaqayyo Ilmasaatiif gaʼee guddaa waan kenneefi. a Abbaan, kaayyoosaa hunda galmaan gaʼuuf isatti fayyadama. (2 Qorontos 1:20; Qolosaayis 1:18-20) Gaʼee guddaa Ilmi qabu hubachuuf, iddoo biqiltuu Eedan keessatti yeroo Addaamii fi Hewaan Seexanaa wajjin taʼanii Yihowaarratti fincilanitti wanta uumame ilaaluun keenya barbaachisaadha.—Uumama 2:16, 17; 3:1-6.

4. Fincilli Eedan keessatti kaʼe, gaaffiin uumamawwan Yihowaa hunda ilaallatu akkamii akka kaʼu godhe? Yihowaan dhimma kanaaf furmaata kennuuf maal gochuuf murteesse?

4 Fincilli Eedan keessatti kaʼe gaaffiin uumama cufa keessatti iddoo guddaa qabu kun akka kaʼu godheera: ‘Qaamni maqaa Yihowaa jedhuun waamamu dhuguma karaawwansaa hundumaatiin qulqulluu, gaarii, qajeelaa fi jaalala qabeessadhaa?’ Yihowaanis dhimma baayʼee barbaachisaa taʼe kanaaf furmaata kennuuf, ilmasaa isa mudaa hin qabnee fi qaama hafuuraa taʼe gara lafaatti erguuf murteesse. Hojiin ilma kanaaf kennamu baayʼee ulfaataadha, maqaa Abbaasaa qulqulleessuu fi ilmaan namootaatiif furii taʼuuf jecha lubbuusaa aarsaa gochuu gaafata. Ilmi filatamu kun hamma duʼaatti amanamaa taʼuunsaa rakkina fincila Seexanni kaaseen dhufe hundaaf furmaata argamsiisa. (Ibroota 2:14, 15; 1 Yohaannis 3:8) Haa taʼu malee, Yihowaan samiirratti ilmaan mudaa hin qabnee fi miliyoona hedduutti lakkaaʼaman qaba. (Daaniʼel 7:9, 10) Maarree, dhimma baayʼee barbaachisaa taʼe kanaaf eenyuun filate? “Ilma isaa isa tokkicha” isa yeroo booda Yesuus Kiristoos jedhamee waamame filate.—Yohaannis 3:16.

5, 6. Yihowaan Ilmasaarratti amantii akka qabu kan argisiise akkamitti? Amantiin isarratti qabu hoo maalirratti kan hundaaʼedha?

5 Yihowaan Yesuusiin filachuunsaa nu dinqisiisuu qabaa? Matumaa. Abbaan Ilmasaa isa tokkicharratti amantii guutuu qaba. Yesuus gara lafaa dhufuusaa jaarraawwan hedduu dura, Yihowaan Ilmisaa yeroo rakkinni isarra gaʼu hundumaatti amanamummaasaa akka eegu raajii dubbateera. (Isaayyaas 53:3-7, 10-12; Hojii Ergamootaa 8:32-35) Kana jechuun maal jechuu akka taʼe yaadi. Akkuma uumamawwan yaaduu dandaʼan kaanii Ilmis wanta barbaade filachuuf mirga qaba. Taʼus, Yihowaan Ilmasaarratti amantii waan qabuuf, amanamummaasaa akka eegu dursee dubbateera. Amantiin Yihowaan ilmasaarratti qabu maalirratti kan hundaaʼedha? Beekumsarratti kan hundaaʼedha. Yihowaan Ilmasaa sirriitti beeka; Ilmisaa isa gammachiisuuf fedhii guddaa akka qabu beeka. (Yohaannis 8:29; 14:31) Ilmi Abbaasaa ni jaallata, Yihowaanis Ilmasaa ni jaallata. (Yohaannis 3:35) Jaalalli Abbaa fi Ilmi waliif qaban gidduusaaniitti tokkummaa fi amanamummaan baduu hin dandeenye akka uumamu godheera.—Qolosaayis 3:14.

6 Gaʼee guddaa Ilmi qabu, amantii Abbaansaa isarratti qabuu fi jaalala cimaa lamaansaanii gidduu jiru yommuu ilaallu, Waaqayyotti dhihaachuun kan dandaʼamu karaa Yesuus qofa taʼuunsaa nu hin dinqisiisu. Taʼus, Waaqayyotti dhihaachuu kan dandeenyu karaa Yesuus qofadha sababii itti jennu kan biraas qabna.

Guutummaatti Abbaa kan Beeku Ilma Qofadha

7, 8. Yesuus, ‘Ilma malee’ guutummaatti Abbaa kan beeku akka hin jirre dubbachuunsaa sirrii kan taʼe maaliifi?

7 Yihowaatti dhihaachuu yoo barbaanne, ulaagaalee tokko tokko guutuu qabna. (Faarfannaa 15:1-5) Maarree, ulaagaalee Waaqayyoo guutuu fi isa biratti fudhatama argachuuf maal gochuun akka nu barbaachisu Ilma caalaa kan beeku jiraa? Yesuus akkana jedheera: “Abbaan koo wanta hunda anaaf kenneera; Abbaa malee guutummaatti Ilma kan beeku tokko illee hin jiru; akkasumas Ilmaa fi nama Ilmi isatti mulʼisuu barbaadu qofa malee, guutummaatti Abbaa kan beeku tokko illee hin jiru.” (Maatewos 11:27) Yesuus ‘Ilma malee’ guutummaatti Abbaa kan beeku akka hin jirre dubbachuunsaa sirriidha kan jennu maaliif akka taʼe haa ilaallu.

8 Ilmi “angafa uumama hundumaa” waan taʼeef, Yihowaa wajjin hariiroo adda taʼe qaba. (Qolosaayis 1:15) Erga Yesuus uumamee kaasee hanga uumamawwan hafuuraa kaan uumamanitti, jechuunis yeroo lamaansaanii qofti turanitti hariiroo cimaa Abbaa fi Ilma gidduu ture tilmaamuu dandeessaa? (Yohaannis 1:3; Qolosaayis 1:16, 17) Yesuus Abbaasaa cinaa yeroo turetti yaada, fedhii, ulaagaa fi daandiisaa barachuuf carraa addaa akkamii akka argate mee yaadi. Dhugumayyuu, Yesuus eenyuyyuu caalaa Abbaasaa beeka jedhamuunsaa sirriidha. Yesuus Abbaasaa wajjin hariiroo cimaa akkasii qabaachuunsaammoo, eenyuyyuu caalaa Abbaasaa mulʼisuuf akka isa gargaare beekamaadha.

9, 10. (a) Yesuus Abbaasaa kan mulʼise karaawwan kamiini? (b) Yihowaa biratti fudhatama argachuuf maal gochuu qabna?

9 Barumsi Yesuus barsiise yaadaa fi miiraa Yihowaa, akkasumas wanta inni tajaajiltootasaarraa barbaadu sirriitti akka beeku argisiisa. b Yesuus karaa dinqisiisaa taʼe kan biraatiinis Abbaasaa mulʼiseera. “Namni ana arge hundi Abbaas argeera” jedheera. (Yohaannis 14:9) Yesuus wanta dubbatee fi godhe hundumaatiin fakkeenya Abbaasaa guutummaatti hordofeera. Kanaaf, Kitaaba Qulqulluurraa Yesuus jechoota humna qabanii fi namatti tolanitti fayyadamee akka barsiise, gara laafinaan kakaʼee namoota akka fayyisee fi isaaniif gaddee akka booʼe yeroo dubbisnu, wantoota sana kan dubbatee fi kan godhe Yihowaa akka taʼe goonee yaaduu dandeenya. (Maatewos 7:28, 29; Maarqos 1:40-42; Yohaannis 11:32-36) Fedhiin Abbaan qabuu fi akkaataan inni waan tokko itti raawwatu, dubbii fi gocha Ilmasaarratti akka gaariitti mulʼateera. (Yohaannis 5:19; 8:28; 12:49, 50) Kanaaf, Yihowaa biratti fudhatama argachuu yoo barbaanne, barumsawwan Yesuus hojiirra oolchuu fi fakkeenyasaa hordofuu qabna.—Yohaannis 14:23.

10 Yesuus Yihowaa wajjin michummaa cimaa waan qabuu fi guutummaatti fakkeenyasaa waan hordofuuf, Abbaan karaa Ilmasaa akka isatti dhihaannu murteessuunsaa nu hin ajaaʼibsiisu. Yihowaatti dhihaachuu kan dandeenyu karaa Yesuus qofa kan taʼe maaliif akka taʼe hubanneerra; kanaaf, amma Yesuus “Karaan, dhugaanii fi jireenyi ana. Karaa koo yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara Abbaa dhufuu hin dandaʼu” yeroo jedhu maal jechuu isaa akka taʼe haa qorru.—Yohaannis 14:6.

“Karaan . . . Ana”

11. Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu kan dandeenyu karaa Yesuus qofa kan taʼe maaliifi?

11 Karaa Yesuus yoo taʼe malee, Waaqayyotti dhihaachuun akka hin dandaʼamne baranneerra. Kun nuuf hiika akkamii akka qabu tokko tokkoon haa ilaallu. Yesuus “Karaa” dha; kunis Waaqayyo wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu kan dandeenyu karaa isaa qofa akka taʼe argisiisa. Kun kan taʼe maaliifi? Yesuus hamma duʼaatti amanamaa taʼuudhaan, lubbuusaa aarsaa furii godhee kenneera. (Maatewos 20:28) Utuu furiin kun dhihaachuu baatee Waaqayyootti dhihaachuu hin dandeenyu turre. Cubbuun, Yihowaa isa Waaqa qulqulluu taʼe biratti fudhatama waan hin qabneef, isaa fi ilmaan namootaa gidduutti dallaan akka uumamu godheera. (Isaayyaas 6:3; 59:2) Aarsaan Yesuus garuu dallaan kun akka diigamu godheera; aarsaan isaa dhiifama cubbuu argamsiisa. (Ibroota 10:12; 1 Yohaannis 1:7) Qophii Waaqayyo karaa Kiristoos nuu godhe yoo fudhannee fi qophii kanarratti amantii yoo qabaanne, Yihowaa biratti fudhatama ni arganna. Karaan ‘Waaqayyotti araaramuu’ itti dandeenyu kan biraan hin jiru.—Roomaa 5:6-11.

12. Yesuus “karaa” kan taʼe akkamitti?

12 Kadhannaa wajjin haala wal qabateenis Yesuus “karaa” dha. Yihowaan kadhannaa garaadhaa dhiheessinu akka dhagaʼu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu, kadhannaa keenya karaa Yesuus yoo dhiheessine qofadha. (1 Yohaannis 5:13, 14) Yesuusiyyuu akkana jedheera: “Isin wanta akkamii iyyuu Abbaa yoo kadhattan, inni maqaa kootiin isiniif ni kenna. . . . Gammachuun keessan guutuu akka taʼuuf, kadhadhaa ni argattu.” (Yohaannis 16:23, 24) Maqaa Yesuusiin Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu fi “Abbaa keenya” jennee isa waamuu dandeenya. (Maatewos 6:9) Yesuus fakkeenya nuu taʼuudhaanis “karaa” dha. Akkuma olitti ibsame Yesuus fakkeenya Abbaasaa guutummaatti hordofeera. Kanaaf, fakkeenyi Yesuus karaa Yihowaa gammachiisuun jiraachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nu barsiisa. Kanaaf, Yihowaatti dhihaachuuf faana Yesuus hordofuu qabna.—1 Pheexiros 2:21.

“Dhugaan . . . Ana”

13, 14. (a) Yesuus dhugaa kan dubbatu taʼuusaa kan argisiise akkamitti? (b) Yesuus “dhugaa” taʼuuf maal gochuu qaba ture? Maaliif?

13 Yesuus yeroo hunda raajiin Abbaansaa dubbate dhugaa akka taʼe ni barsiisa ture. (Yohaannis 8:40, 45, 46) Yesuus dubbii gowwoomsaa dubbatee hin beeku. (1 Pheexiros 2:22) Namoonni isa mormanillee, “daandii Waaqayyoo dhugaadhaan” akka barsiisu amananiiru. (Maarqos 12:13, 14) Taʼus Yesuus, “Dhugaan . . . ana” yommuu jedhu, dubbiisaa, lallabasaa fi barumsasaatiin dhugaa akka beeksise dubbachuusaa qofa hin turre. Kun dubbii caalaa wanta dabalatu qaba.

14 Yihowaan jaarraawwan hedduu dura namoonni Kitaaba Qulqulluu barreessan raajiiwwan waaʼee Masiihichaa, jechuunis waaʼee Kiristoos wanta hedduu akka barreessan akka godhe yaadadhu. Raajiiwwan kun waaʼee jireenya, tajaajilaa fi duʼa Yesuus balʼinaan ibsu. Kana malees, Seerri Musee wantoota Masiihichaaf gaaddidduu taʼan hedduu qabateera. (Ibroota 10:1) Maarree, Yesuus hamma duʼaatti amanamaa taʼuudhaan raajiiwwan waaʼeesaa dubbataman hundi akka raawwataman godheeraa? Yihowaan Waaqa raajii dhugaa dubbatu taʼuunsaa mirkanaaʼuu kan dandaʼu yoo akkas taʼe qofadha. Itti gaafatamummaan ulfaataa taʼe kun kan kenname Yesuusiif ture. Yesuus jireenyasaatiin, jechuunis dubbii fi gochasaa hundaan raajiiwwan waaʼeesaa dubbataman akka raawwataman godheera. (2 Qorontos 1:20) Yesuus wanta lafarratti raawwateen raajiin Yihowaan dubbate akka raawwatamu waan godheef “dhugaa” akka taʼe argisiiseera.—Yohaannis 1:17; Qolosaayis 2:16, 17.

“Jireenyi Ana”

15. Ilmatti amanuu jechuun maal jechuudha? Kana gochuunoo maal argamsiisa?

15 “Jireenya isa dhugaa” argachuu kan dandeenyu karaasaa qofa waan taʼeef, Yesuus “jireenya” dha. (1 Ximotewos 6:19) Kitaabni Qulqulluun, “Ilmatti kan amanu jireenya bara baraa qaba; Ilmaaf kan hin ajajamne garuu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irra jiraata malee jireenya hin argu” jedha. (Yohaannis 3:36) Ilma Waaqayyootti amanuu jechuun maal jechuudha? Isa malee jireenya argachuu akka hin dandeenye amanuu jechuudha. Kana malees, amantii keenya hojiidhaan argisiisna, Yesuusirraa barachuu keenya itti fufna, akkasumas barumsaa fi fakkeenyasaa hordofuuf carraaqqii goona jechuudha. (Yaaqoob 2:26) Kiristiyaanonni dibamoon “tuuta xinnoo” taʼan Ilma Waaqayyotti amanuun isaanii samiirratti jireenya hafuuraa hin badne isaaniif argamsiisa, “tuutni uummataa guddaan” kutaa “hoolota kan biroo” taʼanimmoo lafa jannata taaturratti jireenya barabaraa mudaa hin qabne argatu.—Luqaas 12:32; 23:43; Mulʼata 7:9-17; Yohaannis 10:16.

16, 17. (a) Yesuus namoota duʼaniifillee ‘jireenya’ akka taʼe kan argisiisu akkamitti? (b) Amanannaa akkamii qabaachuu dandeenya?

16 Yesuus namoota duʼaniifis ‘jireenya’ dha. Yesuus, michuusaa Alaazaariin duʼaa kaasuusaa dura, obboleettii Alaazaar kan taate Maartaadhaan, “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni anatti amanu yoo duʼe illee deebiʼee ni jiraata” jedhee ture. (Yohaannis 11:25) Yihowaan “furtuuwwan duʼaa fi Awwaalaa” Yesuusiif kenneera; kunis akka namoota duʼaa kaasuuf aangoon akka isaaf kenname argisiisa. (Mulʼata 1:17, 18) Yesuus inni ulfina gonfate furtuuwwan kanatti fayyadamee balbaloota awwaala yaadannoo banuudhaan warra achi keessa jiran hunda gadhiisisa.—Yohaannis 5:28, 29.

17 Yesuus, “Karaan, dhugaanii fi jireenyi ana” jechuudhaan, jireenyii fi tajaajilli inni lafarratti dabarse kaayyoo akkamii akka qabu gabaabsee ibseera. Yaanni kun yeroo harʼaatti nuuf hiika guddaa qaba. Yesuus itti aansuudhaan, “Karaa koo yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara Abbaa dhufuu hin dandaʼu” akka jedhes yaadadhu. (Yohaannis 14:6) Wanti Yesuus dubbate kun akkuma yeroo sanaa yeroo harʼaattis ergaa guddaa nuuf dabarsa. Kanaaf, Yesuus duukaa yoo buune, karaarraa akka hin badne amanannaa guutuu qabaachuu dandeenya. Karaa “gara Abbaa” geessu kan nutti argisiisu isa qofadha.

Affeerrii Kana ni Fudhattaa?

18. Duuka buutuu Yesuus taʼuun maal dabalata?

18 Yesuus gaʼee guddaa waan qabuu fi Abbaa akka gaariitti waan beekuuf, isa duukaa buʼuun keenya barbaachisaadha. Akkuma boqonnaa darberratti ilaalle, duuka buutota Yesuus taʼuun, jechaa fi miiraan qofa utuu hin taʼin gochaanis kan argisiifamudha. Kiristoos duukaa buʼuun, barumsasaa fi fakkeenyasaa hordofuu dabalata. (Yohaannis 13:15) Kitaabni dubbisaa jirtu kun gama kanaan si gargaara.

19, 20. Kitaabni kun carraaqqii Kiristoos duukaa buʼuuf gooturratti wanta si gargaaruu dandaʼu akkamii qabateera?

19 Boqonnaawwan itti aananirratti, waaʼee jireenyaa fi tajaajila Yesuus balʼinaan qorra. Boqonnaawwan kun kutaalee sadiitti hiramaniiru. Jalqaba, amalootaa fi akkaataa Yesuus wantoota garaagaraa itti raawwatu gabaabsinee ilaalla. Achiis, hinaaffaadhaan lallabuu fi barsiisuudhaan fakkeenya nuu kaaʼe qorra. Sana boodammoo, jaalala kan argisiise akkamitti akka taʼe ilaalla. Boqonnaa 3​ffaarraa jalqabee saanduqa, “Yesuus Duukaa Buʼuu kan Dandeessu Akkamitti?” jedhu arganna. Caqasoonnii fi gaaffileen saanduqa kana keessatti argaman, dubbiidhaanis taʼe gochaan fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe xiinxaluuf nu gargaaru.

20 Yihowaadhaaf galanni haa taʼuutii, cubbuu dhaalteen kan kaʼe isarraa fagaachuudhaan karaarraa baduurraa ooluu dandeessa. Yihowaan aarsaa guddaa kaffaluudhaan, karaa isa biratti fudhatama argachuun itti dandaʼamu akka nutti argisiisuuf jaalalaan kakaʼee Ilmasaa nuuf ergeera. (1 Yohaannis 4:9, 10) Afeerrii Yesuus, “Duuka buutuu koo taʼi” jechuudhaan dhiheesse fudhachuu fi hojiirra oolchuudhaan, jaalala guddaa kanaan kakaatee tarkaanfii akka fudhattu hawwina!—Yohaannis 1:43.

a Gaʼeen Ilmi qabu baayʼee barbaachisaa waan taʼeef, Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaawwan ulfinaa raajiidhaan dubbataman hedduun isaaf kennamaniiru.—Saanduqa, “ Maqaawwan Ulfinaa Yesuus Kiristoosiif Kennaman” jedhu ilaali.

b Fakkeenyaaf, wanta Yesuus Maatewos 10:29-31; 18:12-14, 21-35; 22:36-40​rratti dubbate ilaali.