Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA SHAN

‘Badhaadhina Ogummaa Hunda’

‘Badhaadhina Ogummaa Hunda’

1-3. Yesuus Dh.K.B. bara 31​tti yeroo gaara tokkorratti lallabaa turetti haallisaa maal fakkaata ture? Dhaggeeffattoonnisaa kan dinqisiifatanoo maaliifi?

 YEROONSAA Dh.K.B. bara 31 ture. Yesuus Kiristoos magaalaa Qifirnaahom ishii namni itti baayʼatutti dhihaateera; magaalaan kun kaaba dhiha qarqara Galaana Galiilaatti argamti. Yesuus gaara achitti argamu tokkotti ol baʼee kophaasaa halkan guutuu kadhachaa bule. Yommuu bariʼus barattootasaa waamee isaan keessaa namoota 12 erga filatee booda ergamoota jedhee isaan moggaase. Yeroo kanatti namoota bakka fagoodhaa dhufan tokko tokko dabalatee, namoonni hedduun garasaa dhufanii balʼeensa gaara sanarratti argamurra taaʼan. Namoonni kun wanta Yesuus dubbatu dhaggeeffachuu fi dhukkubasaaniirraa fayyuuf hawwanii turan. Innis wanta hawwan isaaniif godheera.—Luqaas 6:12-19.

2 Yesuus namoota kanatti dhihaatee warra dhukkubsatan hunda fayyise. Namoota dhukkuba cimaadhaan qabaman hunda erga fayyisee boodas, taaʼee isaan barsiisuu jalqabe. a Wanti inni yeroo kanatti dubbate dhaggeeffattootasaa ajaaʼibsiisee taʼuu qaba. Namoonni kun nama akkasaatti barsiisu arganii hin beekan. Yesuus, barumsisaa fudhatama akka argatu gochuuf, duudhaa ykn barumsa warra rabbii yeroo sanatti beekamaa turerraa hin caqasne. Kanaa mannaa, irra deddeebiʼee Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaarraa caqasa ture. Ergaasaa kallattiidhaan dubbata, akkasumas jechoota hubachuuf salphaa taʼanitti fayyadama ture. Yeroo barsiisee xumuru, namoonni sun barumsasaa baayʼee dinqisiifatan. Namni isaan barsiise, nama namoota hanga harʼaatti jiraatan hunda caalaa ogummaa qabu waan taʼeef, barumsasaa dinqisiifachuunsaanii sirriidha!—Maatewos 7:28, 29.

“Namoonni hedduun sun akkaataa inni itti barsiise baayʼee dinqisiifatan”

3 Lallaba kana dabalatee wanti Yesuus dubbatee fi raawwate hedduun Dubbii Waaqayyoo keessatti galmeeffameera. “Badhaadhinni ogummaa . . . hundi” Yesuus keessa waan jiruuf, isa ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatu gadi fageenyaan qoruun keenya barbaachisaadha. (Qolosaayis 2:3) Ogummaan, dandeettii rakkina furuuf beekumsaa fi hubannaatti fayyadamuudha; maarree, Yesuus ogummaa kana eessaa argate? Ogummaa akka qabu kan argisiise akkamitti? Fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

‘Namni kun Ogummaa Kana Eessaa Argate?’

4. Namoonni Naazireetitti Yesuusiin dhaggeeffachaa turan gaaffii akkamii kaasan? Maaliif?

4 Yesuus gara magaalaa Naazireet iddoo itti guddate dhaqee, mana sagadaa achitti argamu keessatti barsiisuu jalqabe. Yeroo kanatti namoonni isa dhaggeeffatan hedduun ajaaʼibsiifannaadhaan, ‘Namni kun ogummaa kana eessaa argate?’ jedhanii gaafatan. Namoonni kun warrasaa fi obbolaasaa beeku; maatiinsaa hiyyeeyyii akka taʼanis beeku. (Maatewos 13:54-56; Maarqos 6:1-3) Namni anaaxii taʼe kun mana barumsaa warra rabbii isa beekamaa taʼe galee akka hin barannes beeku. (Yohaannis 7:15) Kanaaf, gaaffiinsaanii kun sirrii fakkaata.

5. Yesuus Maddi ogummaasaa maal akka taʼe kan ibse akkamitti?

5 Yesuus ogummaa kana kan qabaate sammuu mudaa hin qabne waan qabuuf qofa hin turre. Yeroo booda yommuu mana qulqullummaa keessatti barsiisaa turetti, ogummaa kana kan argate qaama isarra baayʼee caalu tokkorraa akka taʼe dubbateera. “Wanti ani barsiisu, kan isa na erge sanaa ti malee kan koo miti” jedheera. (Yohaannis 7:16) Eeyyee, Maddi ogummaa Yesuus Abbaasaa isa isa erge sanadha. (Yohaannis 12:49) Haataʼu malee, Yesuus Yihowaarraa ogummaa kan argate akkamitti?

6, 7. Yesuus Abbaasaarraa ogummaa kan argate karaawwan kamiini?

6 Hafuurri Yihowaa garaa fi sammuu Yesuus keessatti hojjechaa ture. Isaayyaas, Yesuus isa Masiihicha abdachiifame taʼe ilaalchisee raajii akkas jedhu dubbateera: “Hafuurri Yihowaa isa irra ni buufata, hafuurri ogummaa fi hafuurri hubannaa, hafuurri gorsaa fi hafuurri jabinaa, hafuurri beekumsaa fi hafuurri Yihowaa sodaachuu isa irra ni buufata.” (Isaayyaas 11:2) Yesuus hafuurri Yihowaa isarra buufatee yaadaa fi murtoosaa waan isaaf qajeelchuuf, dubbii fi gochasaatiin ogummaa hundarra caalu calaqqisiisuun isaa nama hin ajaaʼibsiisu.

7 Yesuus karaa adda taʼe kan biraatiinis Abbaasaarraa ogummaa argateera. Akkuma Boqonnaa 2​ffaarratti ilaalle, Yesuus nama taʼee dhalachuusaa dura waggoota hammana hin jedhamneef yeroo Abbaasaa wajjin jiraachaa turetti ilaalcha isaa akka gaariitti hubachuuf carraa argateera. Ilmi “hojjetaa dandeettii qabu” taʼee wantoota hundumaa uumuurratti yeroo Abbaasaa wajjin hojjechaa turetti ogummaa hammamii akka horate tilmaamuunillee ulfaataadha. Kanaaf, Ilmi nama taʼee dhalachuusaa dura ogummaatti fakkeeffamuunsaa sirriidha. (Fakkeenya 8:22-31; Qolosaayis 1:15, 16) Yesuus yeroo lafarratti tajaajilaa ture hundatti, ogummaa yeroo Abbaasaa bira turetti argate fayyadamuu dandaʼeera. b (Yohaannis 8:26, 28, 38) Kanaaf, dubbii fi gocha Yesuusirratti beekumsii fi hubannaa gadi fagoon mulʼachuunsaa nu ajaaʼibsiisuu hin qabu.

8. Nuti duuka buutonni Yesuus ogummaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

8 Duuka buutota Yesuus waan taaneef, Yihowaan inni Madda ogummaa taʼe ogummaa akka nuu kennu isa gaafachuu qabna. (Fakkeenya 2:6) Yihowaan dinqiidhaan ogummaa akka nuuf hin kennine beekamaadha. Haataʼu malee, ogummaa rakkina nu mudatu moʼuuf nu barbaachisu akka nuu kennu garaadhaa yoo isa kadhanne deebii nuu kenna. (Yaaqoob 1:5) Ogummaa kana argachuufimmoo carraaqqii guddaa gochuu qabna. Ogummaa kana “akkuma qabeenya guddaa dhokfamee jirutti” barbaaddachuu keenya itti fufuu qabna. (Fakkeenya 2:1-6) Eeyyee, Dubbii Waaqayyoo isa ogummaa Yihowaa qabate gadi fageenyaan qoʼachuu fi wanta barannee hojiirra oolchuu qabna. Fakkeenyi Ilmi Yihowaa keessumaa ogummaa argachuuf baayʼee nu gargaara. Mee karaawwan garaagaraa Yesuus ogummaa itti argisiise qoruudhaan akkamitti fakkeenyasaa hordofuu akka dandeenyu haa barannu.

Dubbii Ogummaa

Ogummaan Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsameera

9. Barumsi Yesuus ogummaadhaan akka guutamu kan godhe maalidha?

9 Namoonni hedduun wanta inni dubbatu dhagaʼuuf gara Yesuus dhufu turan. (Maarqos 6:31-34; Luqaas 5:1-3) Yommuu inni dubbatu hundatti ogummaan hundarra caalu afaansaa keessaa waan baʼuuf kun taʼuun isaa nama hin dinqisiisu. Barumsisaa Dubbii Waaqayyoo gadi fageenyaan akka beekuu fi miira namaa baayʼee akka hubatu argisiisa. Barumsisaa namoota hunda kan hawwatuu fi yeroon kan itti hin darbinedha. Mee fakkeenyota wanti Yesuus inni “Gorsaa Dinqii” jedhame dubbate ogummaa akka qabu argisiisan tokko tokko haa ilaallu.—Isaayyaas 9:6.

10. Yesuus amaloota gaggaarii akkamii akka horannu nu gorse? Maaliif?

10 Lallabnisaa inni gaararraa inni jalqaba boqonnaa kanaarratti ibsame, gabaasa barumsa Yesuus qabate isa dheeraadha; achirratti kan galmeeffame wanta Yesuus dubbate qofadha. Yesuus lallabasaa kanarratti dubbii fi amalli keenya gaarii taʼuu akka qabu qofa utuu hin taʼin, wanta kana gochuuf nu gargaarus nu barsiiseera. Yesuus yaannii fi miirri, dubbii fi gochatti akka nama geessu waan beekuuf, amaloota gaggaarii akka horannu, jechuunis akka of toʼannu, qajeelummaa akka jaallannu, gara laafina akka argisiisnu, naga qabeeyyii akka taanuu fi jaalala akka argisiisnu nu jajjabeesseera. (Maatewos 5:5-9, 43-48) Amaloota akkasii horachaa yommuu adeemnu, dubbii fi gochi keenya Yihowaa kan gammachiisu taʼa, warra kaan wajjinis walitti dhufeenya gaarii qabaanna.—Maatewos 5:16.

11. Yesuus kaʼumsi cubbuu maal akka taʼe kan ibse akkamitti?

11 Yesuus cubbuu ilaalchisee yommuu gorsa kennu, kaʼumsasaas ni caqasa ture. Gocha warra kaan miidhu raawwachuurraa akka fagaannu qofa utuu hin taʼin, aariin keenya akka nu toʼatu heyyamuu akka hin qabnes nu akeekkachiiseera. (Maatewos 5:21, 22; 1 Yohaannis 3:15) Ejja akka hin raawwanne qofa utuu hin taʼin, miira garaa keessaa madduu fi gocha kanatti geessurraa akka of eegnus nu akeekkachiiseera. Wanta hawwii gadheen keessa keenyatti akka uumamu godhu ilaaluurraa akka of qusannu nu gorseera. (Maatewos 5:27-30) Akka kanaan Yesuus amaloota argisiisnuuf qofa utuu hin taʼin, wanta amaloota akkasii argisiisuutti nu geessuufis xiyyeeffannaa akka kenninu nu barsiiseera. Ilaalchii fi fedhiin cubbuu raawwachuutti nama geessu kan akkamii akka taʼe ifa godheera.—Faarfannaa 7:14.

12. Duuka buutonni Yesuus gorsasaatiif ilaalcha akkamii qabu? Maaliif?

12 Dhugumayyuu, wanti Yesuus dubbate ogummaa dhugaa kan calaqqisiisudha! “Namoonni hedduun sun akkaataa inni itti barsiise baayʼee [dinqisiifachuun]” isaanii nama hin ajaaʼibsiisu. (Maatewos 7:28) Nutis duuka buutotasaa waan taaneef, gorsasaa isa ogummaarratti hundaaʼe hordofuu barbaanna. Gara laafina, nagaa fi jaalala dabalatee amaloota gaggaarii Yesuus barsiise horachuuf carraaqqii goona; amaloota kana horachuun keenya Yihowaa akka gammachiisu beekna. Aarii toʼannaa hin qabnee fi hawwii addaggummaa dabalatee miirawwanii fi fedhiiwwan Yesuus akka irraa fagaannu nu akeekkachiise of keessaa balleessuuf carraaqqii goona; kunis cubbuu hojjechuurraa fagaachuuf nu gargaara.—Yaaqoob 1:14, 15.

Jireenya Ogummaadhaan Geggeeffamu

13, 14. Yesuus jireenyaasaa keessatti maal akka godhu yeroo murteessetti hubannaa akka qabu kan argisiise akkamitti?

13 Yesuus dubbiisaatiin qofa utuu hin taʼin, gochasaatiinis ogummaa akka qabu argisiiseera. Murtoosaa, ilaalcha ofiif qabuu fi walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabu dabalatee guutummaan jireenyasaa ogummaa jechuun maal jechuu akka taʼe kan argisiisudha. Fakkeenyota Yesuus “ogummaa fi dandeettii [yaaduutiin]” akka geggeeffamu argisiisan tokko tokko ilaali.—Fakkeenya 3:21.

14 Ogummaan, hubannaa qabaachuus ni dabalata. Yesuus jireenyasaa keessatti maal akka godhu yeroo murteessetti ogummaa akka qabu argisiiseera. Utuu barbaadee, jireenya akkamii jiraachuu, mana akkamii ijaarrachuu, hojii akkamii hojjechuu, akkasumas addunyaarratti beekamummaa akkamii argachuu akka dandaʼu tilmaamuu dandeessaa? Yesuus wantoota kanaaf dursa kennuun, ‘wanta gatii hin qabnee fi akkuma bubbee duukaa fiiguu’ akka taʼe beeka. (Lallaba 4:4; 5:10) Jireenyi akkasii gowwummaa waan taʼeef faallaa ogummaati. Yesuus jireenya salphaa jiraachuu filateera. Maallaqa argachuu fi qabeenya sassaabbachuurratti hin xiyyeeffanne. (Maatewos 8:20) Wanta barsiisee wajjin haala wal simuun, ijjisaa kaayyoosaarratti qofa, jechuunis fedhii Waaqayyoo raawwachuurratti akka xiyyeeffatu godheera. (Maatewos 6:22) Yeroosaa fi humnasaa Mootummicha babalʼisuuf itti fayyadameera; kunimmoo wanta qabeenya caalaa barbaachisaa taʼee fi eebba guddaa argamsiisudha. (Maatewos 6:19-21) Kana gochuudhaan fakkeenya gaarii nuu taʼeera.

15. Duuka buutonni Yesuus, ijjisaanii fedhii Mootummichaa raawwachuurratti akka xiyyeeffate argisiisuu kan dandaʼan akkamitti? Kunoo ogummaa kan taʼe maaliifi?

15 Duuka buutonni Yesuus yeroo harʼaa jiranis Mootummaa Waaqayyoorratti xiyyeeffachuun ogummaa akka taʼe ni hubatu. Kanaaf, liqii hin barbaachisnerraa, akkasumas wantoota xiyyeeffannaa fi humna guddaa barbaadanirratti yeroosaanii gubuurraa ni fagaatu. (1 Ximotewos 6:9, 10) Obboloonni hedduun tajaajilasaaniirratti yeroo dabalataa dabarsuuf, akkasumas yeroosaanii guutuu tajaajiluuf jecha, jireenya salphaa jiraachuuf tarkaanfii tokko tokko fudhataniiru. Hojii Mootummichaatiif dursa kennuun, gammachuu guddaa waan argamsiisuuf, tarkaanfii akkasii fudhachuun ogummaa guddaadha.—Maatewos 6:33.

16, 17. (a) Yesuus wanta ofiirraa eeguun humnasaa akka beeku kan argisiise karaawwan kamiini? (b) Wanta ofirraa eegnuun humna keenya akka beeknu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Kitaabni Qulqulluun namni ogeessa taʼe humnasaas akka beeku dubbata; kunimmoo hanqina ofii beekuu kan dabalatudha. (Fakkeenya 11:2) Yesuus wanta ofiirraa eeguun nama humnasaa beeku ture. Namoonni ergaasaa dhagaʼan hundi duuka buutotasaa akka taʼan gochuu akka hin dandeenye beeka ture. (Maatewos 10:32-39) Namoota hundaaf dhuunfaatti lallabuu akka hin dandeenyes hubateera. Kanaaf, hojii barattoota gochuu akka hojjetaniif duuka buutotasaa leenjisuudhaan ogummaa akka qabu argisiiseera. (Maatewos 28:18-20) Duuka buutonnisaa biyyoota garaagaraa hedduuttii fi yeroo dheeraadhaaf namoota hedduudhaaf lallabuu waan dandaʼaniif, ‘hojii kan isaa irra caalu akka hojjetan’ amanee fudhateera. (Yohaannis 14:12) Yesuus gargaarsi warra kaanii akka isa barbaachisus hubateera. Yeroo lafa onaa keessa turetti gargaarsa maleekota isa tajaajiluuf dhufanii fudhateera, akkasumas gargaarsa maleekaa Getesemaanee keessatti isa jajjabeessuuf dhufee fudhateera. Ilmi Waaqayyoo yeroo gargaarsi guddaan isa barbaachisetti wawwaannaa dhiheesseera.—Maatewos 4:11; Luqaas 22:43; Ibroota 5:7.

17 Nutis wanta ofirraa eegnuun humna keenya akka beeknu argisiisuu qabna. Hojii lallabaa fi barattoota gochuurratti lubbuu guutuudhaan hirmaachuu akka barbaannu beekamaadha. (Luqaas 13:24; Qolosaayis 3:23) Kana malees, Yihowaan warra kaanii wajjin akka wal nu hin dorgomsiisnee fi nutis akkas gochuu akka hin qabne yaadachuu qabna. (Galaatiyaa 6:4) Ogummaa qabaachuun keenya dandeettii fi haala keenya tilmaama keessa galchuudhaan galma irra gaʼuu dandeenyu baafachuuf nu gargaara. Obboloonni itti gaafatamummaa qabanis ogummaa qabaachuun isaanii humnisaanii daangeffamaa taʼuusaa akka hubatanii fi yeroo tokko tokko gargaarsi akka isaan barbaachisu amananii akka fudhatan isaan gargaara. Humna isaanii beekuunsaanii Yihowaan obboleessi tokko “madda jajjabinaa guddaa” akka isaaniif taʼu gochuu akka dandaʼu hubachuudhaan, gargaarsa isaaniif godhamu gammachuudhaan akka fudhatan isaan kakaasa.—Qolosaayis 4:11.

18, 19. (a) Yesuus walitti dhufeenya barattootasaa wajjin qaburratti yaadasaatti akka hin cichinee fi wanta gaarii isaan qabanirratti akka xiyyeeffatu kan argisiisu maalidha? (b) Walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnurratti wanta gaarii isaan qabanirratti xiyyeeffachuu fi yaada keenyatti kan hin cichine taʼuu kan qabnu maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

18 Yaaqoob 3:17, “ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu . . . yaada ofiitti kan hin cichine” akka taʼe dubbata. Yesuus walitti dhufeenya barattootasaa wajjin qaburratti yaada ofiitti kan hin cichinee fi ilaalcha gaarii kan qabu ture. Dadhabinasaanii sirriitti kan beeku taʼus, wanta gaarii isaan qabanirratti xiyyeeffateera. (Yohaannis 1:47) Yeroo qabamutti isa dhiisanii akka baqatan kan beeke taʼus, amanamoo taʼuusaanii hin shakkine. (Maatewos 26:31-35; Luqaas 22:28-30) Pheexiros akka isa hin beekne dubbachuudhaan siʼa sadii isa ganeera. Taʼus, Yesuus Pheexirosiif wawwaannaa dhiheessee, akkasumas amanamummaasaa akka eegu isarratti amantii akka qabu ibsee ture. (Luqaas 22:31-34) Yesuus galgala duʼuusaa dura turetti yommuu gara Abbaasaatti kadhannaa dhiheessetti, dogoggora duuka buutotasaarratti hin xiyyeeffanne. Kanaa mannaa, “Isaanis dubbii kee eeganiiru” jechuudhaan wanta gaarii raawwatan dubbateera. (Yohaannis 17:6) Mudaa kan qaban taʼus, hojii lallabaa fi barattoota gochuu akka hojjetan itti gaafatamummaa isaaniif kenneera. (Maatewos 28:19, 20) Isaanirratti amantii akka qabu ibsuunsaa, hojii isaan ajaje hojjechuuf akka isaan kakaase hin shakkisiisu.

19 Duuka buutota Yesuus waan taaneef, nutis fakkeenyasaa hordofuu barbaanna. Ilmi Waaqayyoo inni mudaa hin qabne barattootasaa warra mudaa qabaniif erga obsee, nuti namoonni cubbamoota taanemmoo waliif obsuu hin qabnuu? (Filiphisiyus 4:5) Dadhabina obboloota keenyaarratti xiyyeeffachuu mannaa, wanta gaarii keessasaanii jirurratti xiyyeeffachuu qabna. Yihowaan akka ofitti isaan harkise yaadachuun keenya barbaachisaadha. (Yohaannis 6:44) Yihowaan, wantoota gaggaarii tokko tokko isaan keessatti argeera erga taʼee, nutis akkas gochuu qabna. Ilaalcha gaarii qabaachuun keenya ‘balleessaa tuffannee bira darbuuf’ qofa utuu hin taʼin, karaa warra kaan itti galateeffannu barbaaduufis nu kakaasa. (Fakkeenya 19:11) Obboloota keenyaaf amantii isaanirratti qabnu yeroo isaaniif ibsinu, jabaatanii Yihowaa akka tajaajilanii fi tajaajilasaaniirraa gammachuu akka argatan isaan gargaarra.—1 Tasalonqee 5:11.

20. Ogummaa seenaa Wangeelaa keessatti argamurraa faayidaa argachuuf maal gochuu qabna? Maaliif?

20 Eeyyee, seenaan Wangeelaa waaʼee jireenyaa fi tajaajila Yesuus ibsu ogummaa guddaa qabateera. Maarree, kennaa gita hin qabne kanarraa faayidaa argachuuf maal gochuu qabna? Yesuus xumura lallabasaa isa gaaraarratti, dhaggeeffattoonnisaa dubbiisaa isa ogummaarratti hundaaʼe dhagaʼuu qofa utuu hin taʼin, hojiirra oolchuu akka qabanis gorseera. (Maatewos 7:24-27) Ilaalcha, kakaʼumsaa fi gocha keenya, dubbii fi gocha Yesuus isa ogummaarratti hundaaʼee wajjin wal simsiisuun keenya, jireenya hundarra caalu jiraachuu fi daandii jireenya barabaraatti geessurra deemuu keenya itti fufuuf nu gargaara. (Maatewos 7:13, 14) Dhugumayyuu, barumsa Yesuus hojiirra oolchuun ogummaadha!

a Barumsi Yesuus guyyaa sanatti barsiise, lallabasaa isa gaararraa jedhamee beekama. Maatewos 5:3–7:27​rratti akka galmeeffametti, lallabnisaa kun lakkoofsota 107 kan qabatedha; gara daqiiqaa 20 qofa kan fudhatu taʼuu hin oolu.

b Yesuus yeroo cuuphametti yommuu “samiiwwan . . . banaman,” jireenya gara lafaa dhufuu isaa dura jiraate yaadatee akka ture haalasaarraa hubachuu dandeenya.—Maatewos 3:13-17.