Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA TORBA

Isa Jabaatee Dhaabbate Sana Akka Gaariitti Yaadaa

Isa Jabaatee Dhaabbate Sana Akka Gaariitti Yaadaa

1-3. (a) Dhiphinni iddoo biqiltuu Getesemaanee keessatti Yesuusitti dhagaʼame hammam cimaa ture? Hamma kana kan dhiphatehoo maaliifi? (b) Yesuus jabaatee dhaabbachuudhaan fakkeenya akkamii nuu taʼeera? Kunoo gaaffilee akkamii kaasa?

 HAALLISAA baayʼee ulfaataa taʼeera. Yesuus sana dura wanti hamma kana nama dhiphisu isa mudatee hin beeku. Jireenyasaa isa lafarraa xumuruuf yeroo gabaabaatu isa hafe. Gaafa sana galgala duuka buutotasaa wajjin gara iddoo biqiltuu Getesemaanee dhaqe. Yesuus yeroo baayʼee isaanii wajjin iddoo kanatti dabarsa ture. Galgala sanatti garuu yeroo muraasaaf kophaasaa taʼuu barbaade. Kanaaf, ergamootasaa achitti dhiisee, kophaasaa iddoo biqiltuu kana keessa seenee jilbeenfatee kadhachuu jalqabe. Cimsee kadhachaa ture; baayʼee dhiphatee waan tureef dafqisaa “akka coccopha dhiigaa lafa irratti coccophe.”—Luqaas 22:39-44.

2 Yesuus hammana kan dhiphate maaliifi? Yeroo dhihoo booda miidhaa cimaan qaamasaarra akka gaʼu kan beeku taʼus, wanti baayʼee isa dhiphise kana hin turre. Wantoonni kana caalaa isa yaaddessan jiru turan. Waaʼeen maqaa Abbaasaa baayʼee isa yaaddesseera, abdiin ilmaan namootaa amanamummaasaarratti kan hundaaʼe taʼuusaas hubateera. Yesuus jabaatee dhaabbachuunsaa baayʼee barbaachisaa akka taʼe beeka. Yoo jabaatee dhaabbachuu baate maqaa Yihowaarratti arrabsoo guddaa fida. Haataʼu malee, Yesuus jabaatee dhaabbateera. Namni jabaatanii dhaabbachuurratti fakkeenya hundarra caalu taʼe kun, duʼuusaa daqiiqaa muraasa dura miira injifannootiin, “Ni raawwatame!” jedhe.—Yohaannis 19:30.

3 Kitaabni Qulqulluun, jabaatanii dhaabbachuurratti fakkeenya Yesuus nuu kaaʼe ‘akka gaariitti akka yaannu’ nu jajjabeessa. (Ibroota 12:3) Kanaa wajjin haala wal qabateen gaaffileen armaan gadii ni kaʼu: Qorumsawwan Yesuus dandamate tokko tokko kamfaʼi? Jabaatee akka dhaabbatu kan isa gargaare maalidha? Nutoo fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Deebii gaaffilee kanaa ilaaluu keenya dura, jabaatanii dhaabbachuun maalfaa akka dabalatu haa ilaallu.

Jabaatanii Dhaabbachuu Jechuun Maal Jechuudha?

4, 5. (a) “Jabaatanii dhaabbachuu” jechuun maal jechuudha? (b) Jabaatanii dhaabbachuun rakkina cimaa tokko keessa darbuu caalaa waan dabalatu akka qabu fakkeenyaan ibsuu kan dandeenyu akkamitti?

4 Hundi keenyayyuu darbee darbee “qorumsa garaa garaatiin . . . dhiphachuun” keenya hin oolu. (1 Pheexiros 1:6) Maarree, qorumsa keessa darbuun keenya qofti jabaannee akka dhaabbanne argisiisaa? Hin argisiisu. Yaanni Afaan Giriikii “jabaatanii dhaabbachuu” jedhamee hiikame, “dandeettii rakkina keessatti harka kennuu dhiisuu” argisiisa. Hayyuun tokko, jecha barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu jabaatanii dhaabbachuu argisiisuuf itti fayyadaman ilaalchisee akkana jedhaniiru: “Jabaatanii dhaabbachuun rakkina tokko akkasumatti dandaʼuu utuu hin taʼin, abdii cimaa qabaatanii dandamachuu argisiisa; . . . Namni amala kana qabu bubbee isatti bubbisaa jirutti garagalee utuu hin gitintirin dhaabbachuu dandaʼa. Namni akkasii wanta amanamummaansaa isaaf argamsiisurratti waan xiyyeeffatuuf, amalli kun rakkina guddaa sana ulfinatti jijjiiruu dandaʼa.”

5 Kanaaf, jabaatanii dhaabbachuun rakkina keessaa baʼuu hin dandeenye dandaʼanii jiraachuu qofa kan argisiisu miti. Akka Kitaaba Qulqulluu keessatti itti hojjetametti, namni jabaatee dhaabbatu sun amanamaa taʼuuf kutata, akkasumas rakkina keessatti ilaalcha gaarii qabaatee fi abdii isaa utuu hin dhabin itti fufa. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu: Namoonni lama sababii garaagaraatiin mana hidhaa galanii adabbii wal fakkaatu adabamaa jiru haa jennu. Inni tokko yakka raawwatee hidhame; yeroo mana hidhaatti dabarse hundatti aarii fi gaddaan dabarse. Inni tokko garuu amanamaa waan taʼeef hidhame; carraan kun amantiisaa argisiisuuf akka isa gargaaru waan beekuuf, ilaalcha gaarii fi ejjennoo cimaa qabaatee jiraata. Namni yakka raawwatee hidhame sun, dhugumaan jabaatee dhaabbachuu hin dandaʼu; Kiristiyaanni amanamaa taʼe sun garuu, amala gaarii kana argisiisuudhaan fakkeenya nuu taʼa.—Yaaqoob 1:2-4.

6. Amala jabaatanii dhaabbachuu horachuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Fayyina argachuu yoo barbaanne jabaannee dhaabbachuu qabna. (Maatewos 24:13) Haataʼu malee, uumamaan amala barbaachisaa taʼe kana hin qabnu. Amala kana horachuuf carraaqqii gochuu qabna. Akkamitti? Roomaan 5:3, “rakkinni jabaatanii dhaabbachuu akka argamsiisu” dubbata. Eeyyee, amala jabaatanii dhaabbachuu horachuu yoo barbaanne, qorumsa sababii amantii keenyaatiin nutti dhufu hundarraa hin baqannu. Yeroo sodaan nutti dhagaʼamuttillee qorumsa nurra gaʼu ija jabinaan dandamanna. Amala jabaatanii dhaabbachuu horachuu kan dandeenyu rakkoowwan guguddaa fi xixinnaa guyyaa guyyaadhaan nurra gaʼan moʼuu keenya yoo itti fufnedha. Rakkina tokko keessatti jabaannee yeroo dhaabbannu, cimina rakkina kan biraa dandamachuuf nu barbaachisu qabaanna. Dhugaadha, amala jabaatanii dhaabbachuu ofii keenyaan horachuu hin dandeenyu. “Humna Waaqayyo kennutti” amanamuu qabna. (1 Pheexiros 4:11) Yihowaan jabaannee akka dhaabannu nu gargaaruuf, Ilmasaa isa fakkeenya hundarra caalu nuu taʼe nuu kenneera. Mee Yesuus jabaatee dhaabbachuudhaan fakkeenya akkamii akka nuuf taʼe gadi fageenyaan haa qorru.

Yesuus Jabaatee kan Dhaabbate Qorumsa Akkamii Keessattidha?

7, 8. Yesuus galgala duʼuu isaa dura turetti qorumsa akkamii dandamate?

7 Yesuus ajjeefamuusaa dura, yeroo gara jabinaan isa dararanitti jabaatee dhaabbateera. Galgala sana baayʼee dhiphateera, haalli baayʼee gaddisiisaa taʼee fi nama salphisus isarra gaʼeera. Michuunsaa tokko dabarsee isa kenneera, michoonnisaa warri isatti dhihaatan isa dhiisanii baqataniiru, miseensonni mana murtii olaanaa Yihudootaa murtii jalʼinaa isarratti dabarsaniiru, isatti qoosaniiru, itti tufaniiru akkasumas abootteedhaan isa rukutaniiru. Haataʼu malee, haala kana hunda tasgabbaaʼee, karaa ulfina qabuu fi ija jabinaan dandamachuudhaan jabaatee dhaabbateera.—Maatewos 26:46-49, 56, 59-68.

8 Yesuus dhumarratti qaamnisaa baayʼee miidhamee ture. Garmalee waan reebameef, qaamnisaa “baayʼee dirmammaaʼee fi dhiigni isaa baayʼee dhangalaʼee” ture. Haala “garmalee akka dhiphatuu fi dafee akka hin duune” godhuun fannifamee ajjeefame. Yommuu harkaa fi miilasaatti mismaarri gurguddaan rukutamu hammam isa dhukkubee akka ture yaadi. (Yohaannis 19:1, 16-18) Muka irratti fannifame yommuu ol kaasanii fi ulfaatinni qaamasaa yommuu gad isa harkisu, akkasumas dugdisaa inni dirmammaaʼe yommuu mukichatti rigamu hammam akka isa dhukkube yaadi. Akkuma jalqaba boqonnaa kanaarratti ilaalle, Yesuus dhukkubbii cimaa akkasii qofa utuu hin taʼin, dhiphina baayʼee cimaa taʼes dandamachuun isa barbaachiseera.

9. “Muka dhiphinaa” keenya baannee Yesuus duukaa buʼuun maal dabalata?

9 Duuka buutota Kiristoos waan taaneef, haalawwan akkamii keessatti jabaannee dhaabbachuu qabna? Yesuus, “Namni kam iyyuu ana duukaa buʼuu yoo barbaade . . . muka dhiphinaa isaa [baatee] yeroo hunda ana duukaa haa buʼu” jedheera. (Maatewos 16:24) Yaanni “muka dhiphinaa” jedhu rakkina, salphina ykn duʼa argisiisuuf itti hojjetameera. Kiristoos duukaa buʼuun salphaa miti. Ulaagaaleen nuti hordofnu warra kaanirraa adda nu godhu. Kutaa addunyaa waan hin taaneef, namoonni addunyaa nu jibbu. (Yohaannis 15:18-20; 1 Pheexiros 4:4) Taʼus, Yesuus isa fakkeenya keenya taʼe hordofuu dhiisuu mannaa, muka dhiphinaa keenya baachuuf, jechuunis rakkachuuf, darbees duʼuufillee qophoofneerra.—2 Ximotewos 3:12.

10-12. (a) Mudaan namootaa Yesuusitti qorumsa kan taʼe akkamitti? (b) Haalawwan Yesuusitti qorumsa taʼan tokko tokko maalfaʼi?

10 Yesuus yeroo lafarratti tajaajilaa turetti, mudaan namootaas qorumsa isatti taʼeera. Yesuus, “hojjetaa dandeettii qabu [akka] taʼee” fi Yihowaan lafaa fi jireenya lafarratti argamu hunda uumuuf akka isatti fayyadame yaadadhu. (Fakkeenya 8:22-31) Kanaaf Yesuus, Yihowaan ilmaan namootaa amalootasaa akka calaqqisiisanii fi fayyaa guutuu qabaatanii akka jiraatan akka barbaadu beeka. (Uumama 1:26-28) Yesuus yommuu lafarra jiraachaa turetti miidhaa cubbuun ilmaan namootaarratti geessise kallattiidhaan argeera; kana malees, innumtiyyuu miira namaa qaba ture. Ilmaan namootaa jireenya mudaa hin qabnee fi Addaamii fi Hewaan jiraachaa turanirraa hammam akka fagaatan ijumasaatiin arguunsaa baayʼee isa gaddisiisee akka ture beekamaadha. Yeroo kanattis Yesuus jabaatee dhaabbachuun isa barbaachiseera. Maarree, cubbuu namootaatti abdii kutatee ilmaan namootaa yoomiyyuu jijjiiramuu akka hin dandeenye yaadeeraa? Mee haa ilaallu.

11 Yesuus Yihudoonni isa dhagaʼuu diduusaaniitti baayʼee waan gaddeef namoota duratti booʼeera. Mata jabeeyyii taʼuunsaanii hinaaffaasaa akka hirʼisu ykn lallabuusaa akka dhiisu isa godheeraa? Lakki; kanaa mannaa, “guyyuma guyyaadhaan mana qulqullummaa keessatti barsiisuu isaa itti fufe.” (Luqaas 19:41-44, 47) Yesuus, Fariisota gara jabeeyyii guyyaa Sanbataatti namicha tokko kan fayyisu taʼuu fi dhiisuusaa xiyyeeffannaadhaan hordofaa turanitti “baayʼee gaddee” ture. Mormitoota of jajoo taʼan sana sodaateeraa? Matumaa hin sodaanne! Yesuus ejjennoosaa hin laaffisne; achuma mana sagadaa gidduutti namicha sana fayyisuudhaan ija jabeessa taʼuusaa argisiiseera.—Maarqos 3:1-5.

12 Dadhabinni duuka buutotasaas Yesuusitti qorumsa taʼee ture. Akkuma Boqonnaa 3​ffaarratti baranne, iddoo guddaa argachuuf akka hawwan irra deddeebiʼanii argisiisaniiru. (Maatewos 20:20-24; Luqaas 9:46) Kanaan kan kaʼes Yesuus, akka gad of qaban irra deddeebiʼee isaan gorseera. (Maatewos 18:1-6; 20:25-28) Isaan garuu gorsasaa dafanii hojiirra hin oolchine. Galgala yeroo dhumaatiif isaanii wajjin dabarsetti, isaan keessaa eenyu akka caalu “falmii guddaa” keessa galanii turan. (Luqaas 22:24) Maarree, Yesuus jijjiiramuu hin dandaʼan jedhee abdii isaanitti kutateeraa? Lakki. Wanta gaarii isaan keessa jirurratti xiyyeeffachuudhaan, yeroo hundumaa isaaniif obsaa, akkasumas akka jijjiiraman abdachaa ture. Yihowaa akka jaallatanii fi fedhiisaa raawwachuu akka barbaadan beeka ture.—Luqaas 22:25-27.

Mormiin nurra gaʼu abdii akka nu kutachiisu heyyamnamoo, hinaaffaadhaan lallabuu keenya itti fufna?

13. Qorumsawwan Yesuus dandamatee wajjin wal fakkaatan akkamii nu mudachuu dandaʼu?

13 Qorumsawwan Yesuus mudate nuunis mudachuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, namoonni ergaa Mootummichaa fudhachuu hin barbaanne, darbees mormii kaasan nu mudachuu dandaʼu. Maarree, deebiin akkasii abdii akka nu kutachiisu heyyamnamoo hinaaffaadhaan lallabuu keenya itti fufna? (Tiitoo 2:14) Mudaan obboloonni keenya qabanis qorumsa nutti taʼuu dandaʼa. Wanti utuu itti hin yaadin dubbatan ykn raawwatan miira keenya miidhuu dandaʼa. (Fakkeenya 12:18) Dogoggorri obboloonni keenya raawwatan abdii akka isaanitti kutannu godhamoo, dogoggorasaanii bira darbuudhaan wanta gaarii isaan qabanirratti xiyyeeffanna?—Qolosaayis 3:13.

Jabaatee Dhaabbachuuf kan Isa Gargaare Maalidha?

14. Wantoonni Yesuus jabaatee akka dhaabatu isa gargaaran lamaan maalfaʼi?

14 Yesuus yeroo salphinni, wanti abdii nama kutachiisuu fi rakkinni garaagaraa isarra gaʼetti, jabaatee dhaabbachuudhaan amanamummaasaa akka eegu maaltu isa gargaare? Wantoonni lama isa gargaaraniiru. Tokkoffaa, gara olii ilaaleera, jechuunis “Waaqayyo inni jabaatanii dhaabbachuu . . . namaaf kennu” akka isa gargaaru kadhateera. (Roomaa 15:5) Lammaffaa, fuuldurasaa ilaaleera, jechuunis buʼaa jabaatee dhaabbachuunsaa argamsiisurratti xiyyeeffateera. Mee qabxiilee kana tokko tokkoon haa ilaallu.

15, 16. (a) Yesuus humna isaatiin qofa jabaatee dhaabbachuu akka dandaʼu akka isatti hin dhagaʼamne wanti argisiisu maalidha? (b) Yesuus Abbaasaarratti amantii akkamii qaba ture? Maaliif?

15 Yesuus, Ilma Waaqayyoo isa mudaa hin qabne taʼus, humna isaatiin qofa jabaatee dhaabbachuu akka dandaʼu isatti hin dhagaʼamne. Kanaa mannaa, Abbaansaa inni samii akka isa gargaaru kadhateera. Phaawulos ergamaan, “Kiristoos . . . sagalee guddaa fi imimmaaniin gara isa duʼa irraa isa oolchuu dandaʼu sanaatti wawwaannaa fi iyyata dhiheesse” jedheera. (Ibroota 5:7) Yesuus iyyata qofa utuu hin taʼin, wawwaannaas akka “dhiheesse” qalbeeffadhu. Jechi “wawwaannaa” jedhu gargaarsa argachuuf garaadhaa cimsanii kadhachuu argisiisa. Yesuus irra deddeebiʼee Yihowaatti wawwaannaa dhiheesseera. Fakkeenyaaf, iddoo biqiltuu Getesemaanee keessatti irra deddeebiʼee kadhannaa garaadhaa madde dhiheesseera.—Maatewos 26:36-44.

16 Yesuus Abbaansaa ‘isa kadhannaa namaa dhagaʼu’ akka taʼe waan beekuuf, wawwaannaasaas akka dhagaʼu amantii guutuu qaba ture. (Faarfannaa 65:2) Ilmi angafaa kun nama taʼee dhalachuusaa dura, Abbaansaa kadhannaa tajaajiltoonni isaa amanamoon dhiheessaniif deebii kennaa akka ture argeera. Fakkeenyaaf Yesuus, Yihowaan Daaniʼel raajichi kadhannaa garaadhaa madde dhiheessee xumuruusaa dura deebii isaaf kennuuf yeroo maleekaa tokko ergu ijumasaatiin argeera. (Daaniʼel 9:20, 21) Kanaaf, Yihowaan Ilmisaa inni tokkichi “sagalee guddaa fi imimmaaniin” yommuu miira isaa isaaf ibsu akka isa dhagaʼu beekamaadha. Yihowaan wawwaannaa Ilmasaa dhagaʼuudhaan, jabaatee akka dhaabbatu akka isa jajjabeessuuf maleekaa tokko ergeera.—Luqaas 22:43.

17. Jabaannee dhaabbachuuf gara samii ol ilaaluu kan qabnu maaliifi? Akkas gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

17 Nutis jabaannee dhaabbachuuf, gara Waaqa “isa humna [nuu] kennu sanaa” ilaaluu qabna. (Filiphisiyus 4:13) Ilmi Waaqayyoo inni mudaa hin qabne gargaarsa argachuuf Yihowaatti wawwaannaa dhiheessuun akka isa barbaachisu erga isatti dhagaʼamee, nutoo caalaatti akkas nutti dhagaʼamuu hin qabuu? Akkuma Yesuus irra deddeebinee Yihowaatti wawwaannaa dhiheessuun nu barbaachisuu dandaʼa. (Maatewos 7:7) Yihowaan maleekaa tokko akka nuu ergu eeguu baannus, Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe Kiristiyaana amanamaa “halkanii fi [guyyaa] wawwaannaa fi kadhannaa” isatti dhiheessuuf deebii akka kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (1 Ximotewos 5:5) Dhukkuba, nama jaallannu duʼaan dhabuu fi ariʼatama mormitoonni keenya nurraan gaʼan dabalatee qorumsi addaddaa yoo nurra gaʼellee, Yihowaan kadhannaa keenya dhagaʼuudhaan ogummaa, ija jabinaa fi humna jabaannee dhaabbachuuf nu barbaachisu nuuf kenna.—2 Qorontos 4:7-11; Yaaqoob 1:5.

Yihowaan jabaannee dhaabbachuuf akka nu gargaaru garaadhaa yoo isa kadhanne deebii nuu kenna

18. Wanti Yesuus jabaatee akka dhaabbatu isa gargaare kan biraan maalidha?

18 Yesuus jabaatee akka dhaabbatu wanti isa gargaare inni lammaffaanimmoo, rakkina isarra gaʼaa jirurra dabarsee wanta gara fuulduraatti argaturratti xiyyeeffachuusaati. Kitaabni Qulqulluun, “Inni gammachuu isa dura jiruuf jedhee . . . hamma muka dhiphinaa irratti fannifamee duʼutti jabaatee dhaabbateera” jedha. (Ibroota 12:2) Fakkeenyi Yesuus abdiin, gammachuunii fi jabaatanii dhaabbachuun akka wal qabatan argisiisa. Abdiin gammachuu argamsiisa, gammachuunimmoo jabaannee dhaabbachuuf nu gargaara. (Roomaa 15:13; Qolosaayis 1:11) Yesuus jabaatee dhaabbachuunsaa eebba hedduu akka argamsiisu beeka. Amanamaa taʼuunsaa maqaa Abbaasaa akka qulqulleessuu fi ilmaan namootaa cubbuu fi duʼa jalaa furuuf akka dandeessisu beeka. Kana malees, Yesuus ilmaan namootaa ajajamoo taʼaniif eebba dabalataa argamsiisuuf, Mootii taʼee bulchuu fi Luba Olaanaa taʼee tajaajiluuf abdii qaba ture. (Maatewos 20:28; Ibroota 7:23-26) Yesuus eebbawwan kanaa fi abdii isaa isa dinqisiisaa taʼerratti xiyyeeffachuunsaa gammachuu guddaa isaaf argamsiiseera, gammachuun kunimmoo jabaatee dhaabbachuuf isa gargaareera.

19. Yeroo amantiin keenya qoramu abdii fi gammachuu qabaachuun keenya, akkasumas jabaannee dhaabbachuun keenya kan nu gargaaru akkamitti?

19 Nutis akkuma Yesuus jabaannee dhaabbachuuf abdii fi gammachuu qabaachuun nu barbaachisa. Phaawulos ergamaan, “Abdichatti gammadaa” erga jedhee booda itti dabaluudhaan, “Rakkina keessatti jabaadhaa dhaabbadhaa” jedheera. (Roomaa 12:12) Yeroo ammaatti sababii amantii keetiin rakkinni cimaan sirra gaʼaa jiraa? Taanaan, yeroo hundumaa abdii keerratti xiyyeeffadhu. Jabaattee dhaabbachuun kee maqaa Yihowaatiif ulfina akka fidu hin dagatin. Eebbawwan dinqisiisoo Mootummichi fidurratti xiyyeeffadhu. Jannata keessa jiraachuun maal akka fakkaatu yaadaan ilaaluuf yaali. Wantoonni dinqisiisoon Yihowaan waadaa gale yeroo raawwataman, fakkeenyaaf, yeroo maqaansaa qulqulleeffamu, akkasumas hamminni, dhukkubnii fi duuti lafarraa balleeffamu haallisaa maal akka fakkaatu yaaduun garaan keenya gammachuudhaan akka guutamu godha; gammachuun kunimmoo qorumsa akkamiiyyuu keessatti jabaannee dhaabbachuuf nu gargaara. Eebba Mootummicha jalatti argannu wajjin yommuu wal bira qabamee ilaalamu, rakkinni sirna kana keessatti nurra gaʼu kamiyyuu “yeroo muraasaaf kan turuu fi salphaa” dha.—2 Qorontos 4:17.

‘Faana Isaa Dhiheenyatti Hordofi’

20, 21. Yihowaan maal nurraa eega? Murtoon keenyahoo maal taʼuu qaba?

20 Yesuus duuka buutuusaa taʼuun salphaa akka hin taanee fi jabaatanii dhaabbachuu akka gaafatu beeka. (Yohaannis 15:20) Fedhiisaatiin rakkina keessatti jabaatee dhaabbateera; fakkeenyisaa warra kaan akka jabeessus beeka. (Yohaannis 16:33) Yesuus mudaa waan hin qabneef guutummaatti jabaatee dhaabbateera; nuti garuu mudaa qabna. Maarree, Yihowaan maal nurraa eega? Pheexiros, “Kiristoos faana isaa dhiheenyatti akka hordoftan fakkeenya isiniif taʼuudhaan isiniif jedhee dhiphateera” jedheera. (1 Pheexiros 2:21) Yesuus akkaataa qorumsa itti dandamateen “fakkeenya” nuu taʼeera. a Seenaan inni jabaatee dhaabbachuudhaan galmeessise “faana” isaa ykn bakka miillisaa ejjetee wajjin wal fakkeeffamuu dandaʼa. Faanasaa guutummaatti hordofuu hin dandeenyu; garuu “dhiheenyatti” hordofuu ni dandeenya.

21 Kanaaf, hamma dandeenye fakkeenya Yesuus hordofuuf haa murteessinu. Fakkeenya Yesuus caalaatti hordofuun keenya “hanga dhumaatti,” jechuunis hamma dhuma sirna kanaatti ykn hamma dhuma jireenya keenya isa ammaatti jabaannee dhaabbachuuf akka nu gargaaru haa yaadannu. Dursee kan dhufu isa kam akka taʼe beekuu baannus, Yihowaan jabaannee dhaabbachuu keenyaaf barabaraaf akka nu eebbisu garuu beekna.—Maatewos 24:13.

a Jechi afaan Giriikii “fakkeenya” jedhamee hiikame kallattiidhaan, “barreeffama garagalfamu” jechuudha. Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti jecha kanatti kan fayyadame Pheexiros ergamaa qofadha; jechi kun “wanta barsiisaan dabtara daaʼimmaniirratti barreessu argisiisa; daaʼimni tokkos hamma isaaf dandaʼame wanta barreeffame sana fakkeessee barreessuuf yaala.”