Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA AFUR

“Kunoo, Leenci Gosa Yihudaa”

“Kunoo, Leenci Gosa Yihudaa”

“Inni ana dha”

1-3. Yesuusirra qorumsa cimaa akkamiitu gaʼe? Innoo maal godhe?

 NAMOONNI hedduun Yesuusiin qabuuf yaalaa jiru. Loltoonni, akkasumas namoonni goraadee fi ulee qabatan isaan wajjin jiru. Kaayyoo hamaadhaaf waliin taʼanii daandiiwwan Yerusaalem warra dukkanaaʼaa taʼanirra buʼanii Sulula Qedroon qaxxaamuruudhaan gara Gaara Ejersaa deemaa jiru. Addeessi kan goobante taʼus, namoonni kun gucaa fi ibsaa qabataniiru. Ibsaa kan qabatan duumessi addeessa waan haguugeefimoo, namni isaan barbaadan sun waan jalaa dhokatu isaanitti fakkaateeti? Yesuus ni sodaata jedhanii yaadaniiru taanaan baayʼee dogoggoraniiru.

2 Yesuus isa qabuuf dhufaa akka jiran beekeera. Taʼus, achuma dhaabbatee isaan eege. Namoonni baayʼeen Yihudaa isa duraan michuusaa ture duukaa buʼanii dhufaa jiru. Yihudaan eenyummaa isaa adda baafachuu akka dandaʼaniif Yesuusiin nagaa gaafatee erga dhungatee booda gooftaasaa qaanii tokko malee dabarsee kenne. Yesuus garuu yeroo kanattillee tasgabbaaʼee ture. Achiis fuulduratti baʼee, “Eenyuun barbaaddu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Yesuus nama Naazireet” jedhan.

3 Namni baayʼeen nama meeshaa waraanaa hidhate akkasii yommuu argu baayʼee sodaata. Namoonni Yesuusiin qabuu dhufanis kana eeguu hin oolan. Yesuus garuu hin sodaanne, hin baqanne, akkasumas naasuudhaan soba hin dubbanne. Kanaa mannaa tasgabbiidhaan, “Inni ana dha” jedhee deebiseef. Yesuus hammam akka tasgabbaaʼee fi hammam akka onnate yeroo argan baayʼee naʼan. Kanaaf, duubatti kukkufan!—Yohaannis 18:1-6; Maatewos 26:45-50; Maarqos 14:41-46.

4-6. (a) Ilmi Waaqayyoo maalitti fakkeeffameera? Maaliif? (b) Karaawwan Yesuus ija jabeessa taʼuusaa itti argisiise sadan kamfaʼi?

4 Yesuus, yommuu qorumsi guddaan akkasii isarra gaʼetti, tasgabbaaʼuu fi of qabuu kan dandaʼe maaliifi? Ija jabeessa waan tureefi. Ija jabinni amaloota geggeessaan tokko qabaachuu qabu keessaa tokkodha; amala kana argisiisuudhaan namni Yesuusiin qixxaatu hin jiru. Boqonnaa darberratti, Yesuus baayʼee akka gad of qabuu fi garraamii akka taʼe baranneerra. “Hoolicha” jedhamuunsaa sirriidha. (Yohaannis 1:29) Haataʼu malee, ija jabinni Yesuus argisiise maqaan adda taʼe tokko akka isaaf kennamu godheera. Kitaabni Qulqulluun Ilma Waaqayyoo ilaalchisee, “Kunoo, Leenci gosa Yihudaa!” jedha.—Mulʼata 5:5.

5 Yeroo baayʼee, leenci ija jabinaa wajjin wal qabsiifamee ibsama. Leenca guddaa qaamaan argitee beektaa? Taanaan, bineensa kanatti dhihaachuu kan dandeesse, dallaa keessa waan jiruuf akka taʼe beekamaadha. Leenca dallaa keessa jirullee ilaaluun nama sodaachisuu dandaʼa. Yommuu fuula bineensa guddaa fi humna qabeessa taʼe kanaa ilaaltuu fi innis si ilaalu, bineensi kun sodaatee baqachuu dandaʼa jettee matumaa hin yaaddu. Kitaabni Qulqulluun, ‘leenci bineensota hundumaa caalaa jabaa akka taʼee fi eenyu jalaa iyyuu akka hin baqanne’ dubbata. (Fakkeenya 30:30) Kiristoosis ija jabina akkasii argisiiseera.

6 Yesuus karaawwan sadiin, jechuunis dhugaadhaaf dhaabbachuudhaan, haqa deggeruudhaan, akkasumas ariʼatama dandamachuudhaan ija jabina akka leencaa kan argisiise akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Nutis uumamaan ija jabeeyyii taanus taʼuu baannus, ija jabina argisiisuudhaan akkamitti fakkeenya Yesuus hordofuu akka dandeenyu ilaalla.

Ija Jabinaan Dhugaadhaaf Dhaabbateera

7-9. (a) Yesuus yeroo mucaa waggaa 12 turetti maaltu taʼe? Haalli sun kan nama sodaachisu akka taʼe kan sitti dhagaʼamu maaliifi? (b) Yesuus mana qulqullummaa keessatti barsiisotaa wajjin yeroo mariʼatetti ija jabina kan argisiise akkamitti?

7 Addunyaa Seexana isa “abbaa sobaa” taʼeen bulu kana keessatti dhugaadhaaf dhaabbachuun yeroo baayʼee ija jabina gaafata. (Yohaannis 8:44; 14:30) Yesuus ejjennoo akkasii qabaachuuf hamma nama guddaa taʼutti hin eegne. Yeroo mucaa waggaa 12 turetti, Yerusaalemitti ayyaana Faasikaa erga kabajanii booda warrasaa biraa achitti hafe. Maariyaamii fi Yoseef guyyaa sadiif isa barbaacha jooraa turan. Dhumarrattis mana qulqullummaa keessatti isa argatan. Achitti maal gochaa ture? ‘Barsiisota gidduu taaʼee isaan dhaggeeffachaa fi gaaffii isaan gaafachaa ture.’ (Luqaas 2:41-50) Barsiisota akkasii wajjin mariʼachuun maal akka fakkaatu yaadi.

8 Barreessitoonni seenaa, geggeessitoonni amantaa beekamoo taʼan tokko tokko ayyaana booda achuma mana qulqullummaatti hafanii kutaawwan fuuldura mana qulqullummaa jiran keessaa isa tokkotti namoota barsiisuu akka amaleeffatan ibsaniiru. Namoonnis isaan fuuldura taaʼanii isaan dhaggeeffatu, akkasumas gaaffii isaan gaafatu turan. Barsiisonni kun namoota baratanidha. Seera Musee dabalatee, seerotaa fi aadaawwan namootaa yeroo yeroodhaan itti daddabalaman akka gaariitti kan baratan turan. Namoota akkasii gidduu utuu teessee maaltu sitti dhagaʼama? Ni sodaattaa? Akka sodaattu beekamaadha. Yeroo kanatti mucaa waggaa 12 utuu taateehoo maaltu sitti dhagaʼama? Ijoollee hedduun ni sodaatu. (Ermiyaas 1:6) Ijoolleen tokko tokko mana barumsaatti xiyyeeffannaa barsiisotasaanii harkisuu hin barbaadan; wanta tokko akka isaan gaafatanii fi adda baasanii akka isaan waaman hin barbaadan; matumaa wanti isaan qaanessu ykn akka itti qoosamu godhu akka uumamus hin barbaadan.

9 Yesuus garuu, namoota baratan kana gidduu taaʼee, sodaa tokko malee gaaffii ciccimaa isaan gaafachaa ture. Wanta kanarra caalus godheera. Seenaansaa, “Namoonni isa dhaggeeffatan hundis hubannaa fi deebii inni kennu baayʼee dinqisiifatu turan” jedha. (Luqaas 2:47) Kitaabni Qulqulluun yeroo sanatti Yesuus maal akka jedhe nutti himuu baatus, barumsa sobaa barsiisota amantii sana biratti fudhatama qabu akka irra hin deebine mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (1 Pheexiros 2:22) Dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu waan dubbateef, namoonni isa dhaggeeffachaa turan mucaan waggaa 12 kun hubannaa fi ija jabina akkasiitiin wanta itti amanu ibsuu dandaʼuunsaa isaan ajaaʼibsiisee akka ture beekamaadha.

Dargaggoonni Kiristiyaanota taʼan hedduun waaʼee amantiisaanii ija jabinaan warra kaanitti ni himu

10. Dargaggoonni Kiristiyaanota taʼan, ija jabina argisiisuudhaan fakkeenya Yesuus kan hordofan akkamitti?

10 Yeroo harʼaatti, dargaggoonni Kiristiyaanota taʼan hedduun fakkeenya Yesuus hordofaa jiru. Haala Yesuusirraa adda taʼeen, dargaggoonni kun mudaa akka qaban beekamaadha. Taʼus, isaanis akkumasaa dhugaadhaaf dhaabbachuuf hamma nama guddaa taʼanitti hin eegan. Mana barumsaattis taʼe naannoosaaniitti, namoota malaan gaaffii tokko tokko gaafatu, ni dhaggeeffatu, akkasumas waaʼee dhugaa kabajaan isaanitti himu. (1 Pheexiros 3:15) Dargaggoonni kun, ijoolleen isaan faana baratan, barsiisonnii fi olloonnisaanii duuka buutota Kiristoos akka taʼan gargaaraniiru. Ija jabinnisaanii Yihowaa akka gammachiisu beekamaadha! Kitaabni Qulqulluun dargaggoota fixeensa barraaqaa isa namatti toluu fi hedduu taʼe wajjin wal fakkeessa.—Faarfannaa 110:3.

11, 12. Yesuus nama guddaa erga taʼee booda dhugaadhaaf falmuudhaan ija jabina kan argisiise akkamitti?

11 Yesuus nama guddaa erga taʼee boodas irra deddeebiʼee dhugaadhaaf falmuudhaan ija jabina argisiiseera. Mormiin isarra gaʼuu kan jalqabe, tajaajilasaa isa namoonni baayʼeen sodaachisaa akka taʼetti ilaalan yeroo eegaletti ture. Yesuus, Seexana isa diinota Yihowaa hunda caalaa humna qabuu fi hamaa taʼe yeroo morme kanatti, angafa ergamootaa humna qabu utuu hin taʼin nama ture. Yesuus yeroo Seexanni karaa sirrii hin taaneen Kitaabota Qulqulluurraa caqasu, isa mormuudhaan sobasaa ifatti saaxileera. Dhumarrattis ija jabinaan, “Seexana nana, na duraa deemi!” isaan jedheera.—Maatewos 4:2-11.

12 Yesuus yaalii Dubbii Abbaasaa jalʼisuuf ykn karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamuuf godhamu ija jabinaan mormuudhaan, tajaajilasaarratti fakkeenya gaarii nuu taʼeera. Akkuma yeroo harʼaa, yeroo sanattis barumsi amantaa sobaa babalʼatee ture. Yesuus geggeessitoota amantii barasaa turaniin, “Aadaa keessan isa dhalootaa dhalootatti dabarsitaniin dubbii Waaqayyoo gatii dhabsiistu” jedheera. (Maarqos 7:13) Yeroo sanatti geggeessitoonni amantaa kun baayʼee kan kabajaman taʼus, Yesuus jaamotaa fi fakkeessitoota taʼuusaanii sodaa tokko malee saaxileera. a (Maatewos 23:13, 16) Maarree, ija jabina argisiisuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

13. Fakkeenya Yesuus hordofuu ilaalchisee maal yaadachuu qabna? Mirga akkamii arganneerra?

13 Nuti akka Yesuus garaa namaa dubbisuu akka hin dandeenyee fi namatti murteessuuf aangoo akka hin qabne beekna. Taʼus, ija jabinaan dhugaadhaaf falmuudhaan fakkeenyasaa hordofuu ni dandeenya. Fakkeenyaaf, soba yeroo baayʼee Waaqa, kaayyoosaa fi Dubbiisaa ilaalchisee dubbatamu saaxiluudhaan, addunyaa olola Seexanaatiin dukkanaaʼe kana keessatti ifa ibsuu dandeenya. (Maatewos 5:14; Mulʼata 12:9, 10) Namoonni, garbummaa barumsa sobaa isa sodaadhaan akka guutaman isaan godhee fi hariiroo Waaqayyoo wajjin qaban jalaa balleesse jalaa bilisa akka baʼan gargaarra. Waadaan Yesuus, ‘Dhugaan bilisa isin baasa’ jechuudhaan gale yommuu raawwatamu arguun mirga guddaadha!—Yohaannis 8:32.

Ija Jabinaan Haqa Deggereera

14, 15. (a) Karaan Yesuus “haqni maal akka taʼe” ifa itti godhe inni tokko maalidha? (b) Yesuus dubartii biyya Samaariyaa tokkoo wajjin haasaʼuudhaan jibba halaalaa akka hin deggerre kan argisiise akkamitti?

14 Raajiin Kitaaba Qulqulluu, Masiihichi “haqni maal akka taʼe” sabootaaf akka ifa godhu dubbata. (Maatewos 12:18; Isaayyaas 42:1) Yesuus yeroo lafarra turetti akkas gochuu akka jalqabe beekamaadha. Walitti dhufeenya namootaa wajjin qabuun haqa qabeessaa fi loogiirraa walaba taʼuusaa ija jabina guddaadhaan argisiiseera. Fakkeenyaaf, jibba halaalaa fi mankaraarsitummaa amantaa namoonni baayʼeen argisiisaa turanirraa fagaateera.

15 Yesuus boolla bishaanii Siikaar biratti dubartii biyya Samaariyaa tokko yommuu haasofsiisu, duuka buutonnisaa baayʼee isaan ajaaʼibee ture. Maaliif? Yeroo sanatti Yihudoonni namoota Samaariyaa baayʼee jibbu turan; jibbi kun sana durayyuu waggoota hedduudhaaf kan turedha. (Izraa 4:4) Kana malees, warri rabbii tokko tokko dubartoota ni tuffatu turan. Seerri warra rabbii inni yeroo booda barreeffamaan kaaʼame, dhiirri tokko dubartii wajjin akka hin haasofne kan dhowwuu fi Seera Waaqayyoo barachuun dubartootaaf akka hin malle kan ibsu ture. Keessumaa dubartoonni Samaariyaa xuraaʼoo akka taʼanitti ilaalamu turan. Yesuus jibba halaalaa akkasii hin deggerre; Masiihii taʼuusaallee ishiidhaaf ibsuudhaan dubartii biyya Samaariyaa (jireenya gadhiisii jiraachaa turte) sana ifatti barsiiseera.—Yohaannis 4:5-27.

16. Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran jibba halaalaarraa fagaachuuf ija jabinni kan isaan barbaachisu maaliifi?

16 Namoota halaalatti nama jibban wajjin yeroo dabarsitee beektaa? Namoonni akkasii namoota sanyii ykn lammii biraa taʼanitti tuffiidhaan ni qoosu, waaʼee namoota saala faallaa taʼanii tuffiidhaan ni dubbatu ykn namoota haalli diinagdeesaanii ykn sadarkaan hawaasicha keessatti qaban kansaaniirraa adda taʼe ni tuffatu taʼa. Duuka buutonni Kiristoos garuu jibba akkasii hin deggeran; jibba halaalaa akkamiiyyuu garaasaanii keessaa balleessuuf carraaqqii guddaa godhu. (Hojii Ergamootaa 10:34) Hundi keenyayyuu loogiirraa fagaachuuf ija jabeeyyii taʼuu qabna.

17. Yesuus mana qulqullummaa keessatti tarkaanfii akkamii fudhate? Maaliif?

17 Yesuus ija jabeessa taʼuunsaa saba Waaqayyoo qulqulleessuuf, akkasumas qophii waaqeffannaa qulqulluutiif barbaachisu gochuuf jabaatee akka hojjetu isa kakaaseera. Yeroo tajaajilasaa jalqabetti, mooraa mana qulqullummaa Yerusaalem keessatti daldaltootaa fi namoota maallaqa jijjiiran yommuu argu baayʼee aare. Aarii qajeelinaatiin kakaʼees namoota sassatoo taʼan sana ariʼeera, miʼasaaniis gaggaragalcheera. (Yohaannis 2:13-17) Yeroo tajaajilasaa xumuruuf jedhuttis akkasuma godheera. (Maarqos 11:15-18) Akkas gochuun namoonni iddoo guddaa qaban diina akka isatti taʼan gochuu kan dandaʼu taʼus, tarkaanfii fudhachuurraa duubatti hin jenne. Maaliif? Akkuma ijoollummaasaatii jalqabee dubbachaa turetti, manni qulqullummaa sun mana Abbaasaa waan taʼeefi. (Luqaas 2:49) Waaqeffannaa qulqulluu achi keessatti dhihaatu faaluun jalʼina waan taʼeef, Yesuus gocha akkasii callisee bira darbuu hin dandaʼu. Hinaaffaansaa ija jabinaan tarkaanfii barbaachisu akka fudhatu isa kakaaseera.

18. Kiristiyaanonni qulqullina gumii eeguu wajjin haala wal qabateen ija jabina argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?

18 Duuka buutonni Kiristoos yeroo harʼaatti argamanis, sabni Waaqayyoo qulqulluu taʼuunsaa fi qophiin waaqeffannaa qulqulluu baayʼee isaan yaaddessa. Kiristiyaanni tokko cubbuu cimaa akka raawwate yoo beekan callisanii bira darbuu mannaa, nama sana ykn jaarsolii ija jabinaan haasofsiisu. (1 Qorontos 1:11) Dhimmichi jaarsoliitti himamuusaa ni mirkaneeffatu. Jaarsoliinis nama karaa hafuuraa dhukkubsate sana gargaaruu fi sabni Yihowaa qulqulluu akka taʼu gochuuf tarkaanfii fudhachuu dandaʼu.—Yaaqoob 5:14, 15.

19, 20. (a) Bara Yesuusitti jalʼina akkamiitu babalʼatee ture? Yesuus dhiibbaa akkamii moʼe? (b) Duuka buutonni Kiristoos dhimmoota siyaasaa fi fincilarratti kan hin hirmaanne maaliifi?

19 Kana jechuun garuu, Yesuus jalʼina yeroo sanatti raawwatamaa ture hunda sirreessuuf yaalii godheera jechuudhaa? Yeroo sanatti, iddoo hundumaatti jalʼinni raawwatamaa akka ture beekamaadha. Biyyisaa bulchaa saba biraatiin qabamtee turte. Loltoonni warra Roomaa humna guddaa qaban Yihudoota cunqursaa turan; warri Roomaa gibira humnaa ol isaan gaafachaa fi sirna waaqeffannaasaanii gidduu galaa turan. Kanaaf, namoonni yeroo sana jiraachaa turan hedduun Yesuus dhimma siyaasaa keessa akka galu barbaaduunsaanii nama hin ajaaʼibsiisu. (Yohaannis 6:14, 15) Yesuus yeroo kanattis ija jabina qabaachuun isa barbaachiseera.

20 Yesuus Mootummaansaa kutaa addunyaa akka hin taane ibseera. Duuka buutonnisaa dhimmoota siyaasaarraa akka fagaatan, akkasumas misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuurratti akka xiyyeeffatan fakkeenya taʼuudhaan isaan leenjiseera. (Yohaannis 17:16; 18:36) Yeroo namoonni baayʼeen isa qabuuf dhufanitti siyaasa keessa galuurraa of qusachuu ilaalchisee barumsa guddaa kenneera. Pheexiros ariifatee goraadeesaa luqqifatee gurra namicha tokkoo kutee ture. Yeroo kanatti Yesuus Pheexirosirra goruu dandaʼa ture. Fincila kaasuun utuu sirrii taʼee, galgala Ilma Waaqayyoo isa balleessaa hin qabnerra miidhaan gaʼe sanatti kana gochuun sirrii taʼa ture. Yesuus garuu yeroo sanatti, “Goraadee kee manʼee isaatti deebisi; warri goraadee luqqifatan hundi goraadeedhaan badu” jechuudhaan seera hamma harʼaatti duuka buutotasaatiif hojjetu kenneera. (Maatewos 26:51-54) Nagaa buusuuf jecha ejjennoo akkasii qabaachuun yeroo sanattis taʼe yeroo harʼatti ija jabina gaafata. Sabni Waaqayyoo yeroo harʼaas, waraana, duula sanyii balleessuu, jeequmsa uumuu fi gochawwan kana fakkaatanirratti akka hin hirmaanne argisiisaniiru. Kana gochuufimmoo ija jabina guddaa qabaachuun isaan barbaachiseera.

Ija Jabinaan Ariʼatama Dandamateera

21, 22. (a) Yesuus qorumsi hundarra caalu isarra gaʼuusaa dura gargaarsa akkamii argateera? (b) Yesuus hamma dhumaatti ija jabeessa taʼuusaa kan argisiise akkamitti?

21 Ilmi Yihowaa lafarratti mormii guddaan akka isarra gaʼu beeka ture. (Isaayyaas 50:4-7) Akkuma jalqaba boqonnaa kanaarratti ibsame, Yesuus akka ajjeefamu yeroo baayʼee doorsifameera. Maarree, ariʼatamni akkasii utuma isarra gaʼuu ija jabina argisiisuu kan dandaʼe akkamitti? Namoonni hedduun isa qabuuf dhufuusaanii dura Yesuus maal gochaa ture? Kadhannaa garaadhaa madde Yihowaatti dhiheessaa ture. Yihowaanoo maal godhe? Kitaabni Qulqulluun kadhannaan Yesuus akka “isaaf dhagaʼame” nutti hima. (Ibroota 5:7) Yihowaan Ilmasaa ija jabeessa taʼe kana jajjabeessuuf maleekaa tokko samiirraa erge.—Luqaas 22:42, 43.

22 Yesuus erga jajjabina argatee booda barattootasaatiin, “Kaʼaa, haa deemnu” jedhe. (Maatewos 26:46) Mee wanta inni dubbate kanarratti yaadi. Yesuus, “Haa deemnu” kan isaaniin jedhe, michootasaa akka gadhiisan namoota isa qabuuf dhufan akka gaafatu, michoonnisaa isa dhiisanii akka baqatan, akkasumas kophaasaa haalli dhiphisaan baayʼee cimaa taʼe akka isarra gaʼu utuma beekuu ture. Kophaasaa yakki isarratti raawwatameera, itti qoosameera, dararameera, akkasumas duʼa suukanneessaa duʼeera. Taʼus, yeroo kana hundatti ija jabeessa taʼuusaa argisiiseera.

23. Yesuus yeroo lubbuunsaa duʼaaf saaxilamee turetti dantaa dhabee hin turre kan jennu maaliif akka taʼe ibsi.

23 Yesuus nama dantaa hin qabne turee? Hin turre; nama dantaa hin qabne taʼuu fi ija jabina dhugaa argisiisuun tokko miti. Yesuus of eeggatoo akka taʼan, jechuunis fedhii Waaqayyoo raawwachuusaanii itti fufuu akka dandaʼaniif ogummaadhaan balaarraa akka of eegan duuka buutotasaa barsiiseera. (Maatewos 4:12; 10:16) Yeroo kanatti garuu Yesuus, karaan itti rakkina kana keessaa baʼan kan biraan akka hin jirre beekee ture. Fedhiin Waaqayyoo maal akka taʼes beekeera. Yesuus ejjennoosaa eeguuf kutatee ture; kanaaf, filannaan inni qabu qorumsa isatti dhufaa jirutti kallattiidhaan deemuu qofa ture.

Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo ariʼatamni isaanirra gaʼu ija jabina argisiisaniiru

24. Qorumsi akkamiiyyuu yoo nurra gaʼe ija jabeeyyii taʼuu akka dandeenyu akkamitti beekna?

24 Duuka buutonni Yesuus hedduun fakkeenya Gooftaasaanii hordofuudhaan ija jabina argisiisaniiru. Baayʼeensaanii yeroo isaanitti qoosametti, yeroo ariʼatamanitti, yeroo hidhamanitti, yeroo dararamanitti, darbees hamma duʼaatti jabaatanii dhaabbataniiru. Namoonni mudaa qaban ija jabina akkasii qabaachuu kan dandaʼan akkamitti? Ija jabina akkasii kan argisiisan ofumasaaniitiin hin turre. Akkuma Yesuus, isaanis gargaarsa Waaqayyo argataniiru. (Filiphisiyus 4:13) Kanaaf, wanta gara fuulduraatti si mudachuu dandaʼu matumaa hin sodaatin. Amanamummaa kee eeguuf yoo kutatte Yihowaan ija jabina si barbaachisu siif kenna. Fakkeenya Geggeessaa keenya Yesuusirraa jajjabina argachuu kee itti fufi; Yesuus, “Jabaadhaa! Ani addunyaa moʼeera” jedheera.—Yohaannis 16:33.

a Barreessitoonni seenaa awwaalli warra rabbii, awwaala raajotaa fi awwaala abbootii amantii isa ulfinni guddaan kennamuuf wajjin baayʼee akka wal fakkaatu ibsaniiru.