Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA JAʼA

“Ajajamuu Barateera”

“Ajajamuu Barateera”

1, 2. Abbaan tokko, ilmisaa yommuu isaaf ajajamu kan gammadu maaliifi? Yihowaan yeroo isaaf ajajamnu maaltu isatti dhagaʼama?

 ABBAAN tokko, yommuu ilmisaa hiriyootasaa wajjin taphatu karaa foddaa ilaalaa jira. Utuma taphachaa jiranii kubbaansaanii mooraa keessaa karaatti jalaa baʼe. Ijji mucaa sanaa kubbicharra jira. Yeroo kanatti, hiriyaansaa tokko fiigee kubbaa sana akka fidu itti hima; mucichi garuu akkas gochuu dida. Achiis, “Karaatti akkan baʼu naaf hin heyyamamu” jedha. Abbaansaas kanatti ni gammada.

2 Abbaan mucaa kanaa baayʼee kan gammade maaliifi? Kophaasaa karaatti akka hin baane mucaasaa ajajee waan tureefi. Mucaan kun abbaansaa isa ilaalaa akka jiru beekuu baatus ajajamaa jira; abbaansaa, ilmisaa ajajamuu barachaa akka jiruu fi kunis balaarraa akka isa eegu beeka. Miirri Abbaa keenya isa samiitti dhagaʼamus miira abbaa kanatti dhagaʼamee wajjin tokkodha. Waaqayyo amanamoo taanee jiraachuu fi wantoota gaggaarii inni gara fuulduraatti nuu qopheesse argachuu yoo barbaanne, isatti amanamuu fi isaaf ajajamuu barachuu akka qabnu beeka. (Fakkeenya 3:5, 6) Barsiisaa namoota hundarra caalu kan nuu erges kanaafi.

3, 4. Yesuus “ajajamuu barateera,” akkasumas ‘guutummaatti gaʼumsa qabaateera’ jedhamuu kan dandaʼu akkamitti? Fakkeenyaan ibsi.

3 Kitaabni Qulqulluun Yesuusiin ilaalchisee wanta nama ajaaʼibsiisu kana nutti hima: “Inni ilma Waaqayyoo yoo taʼe iyyuu, rakkoowwan isa irra gaʼan irraa ajajamuu barateera. Guutummaatti gaʼumsa erga qabaatee boodas, warri isaaf ajajaman hundi fayyina bara baraa akka argatan itti gaafatamummaan ni kennameef.” (Ibroota 5:8, 9) Ilmi kun waggoota hammana hin jedhamneef samiirra jiraachaa ture. Ilmi angafaa kun, Seexannii fi maleekonni kan biroon yeroo ajajamuu didan kan arge taʼus, Yihowaadhaaf ajajamuu isaa itti fufeera. Raajiin Kitaaba Qulqulluu, “Anis didaa hin turre” jedhu isarratti raawwatameera. (Isaayyaas 50:5) Maarree, Ilmi guutummaatti ajajamaa taʼe kun “ajajamuu barateera” jedhamuu kan dandaʼu akkamitti? Uumamni cubbuurraa walaba taʼe kun, ‘guutummaatti gaʼumsa qabaateera’ jedhamuu kan dandaʼuhoo akkamitti?

4 Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Namni mana ijaaru tokko meeshaa ijaarsaa haaraa taʼe bituu barbaade haa jennu. Namni kun meeshaa gaarii tokko bitate. Garuu, meeshaan kun dhuguma gaarii taʼuusaa akkamitti mirkaneeffachuu dandaʼa? Gaarii taʼuunsaa kan beekamu ittiin hojjetamee erga ilaalamee boodadha. Haalli Yesuusis kanaa wajjin wal fakkaata. Gara lafaa dhufuusaa durayyuu guutummaatti Yihowaadhaaf ajajamaa kan ture taʼus, gara lafaa erga dhufee booda karaa adda taʼeen ajajamuusaa argisiiseera. Lafarratti qorumsa samiirratti isa mudachuu hin dandeenyeen qoramee ilaalameera.

5. Yesuus ajajamuunsaa baayʼee barbaachisaa kan ture maaliifi? Boqonnaa kana keessatti maal ilaalla?

5 Yesuus hojii lafarratti akka hojjetu isaaf kenname raawwachuuf ajajamaa taʼuu qaba ture. Yesuus inni ‘Addaam isa boodaa’ taʼe qorumsa keessattillee Yihowaadhaaf ajajamuudhaan wanta Addaam inni duraa utuu hin raawwatin hafe raawwateera. (1 Qorontos 15:45) Taʼus, Yesuus kan ajajame dirqama isatti taʼee miti. Kanaa mannaa, sammuu, garaa fi lubbuu guutuudhaan ajajameera. Kanas gammachuudhaan godhe. Fedhii Abbaasaa raawwachuun isaaf nyaata caalaa iddoo guddaa qaba ture. (Yohaannis 4:34) Ajajamuu ilaalchisee fakkeenya Yesuus hordofuuf maaltu nu gargaara? Mee jalqaba ajajamuuf maaltu akka isa kakaase haa ilaallu. Akkumasaa kakaʼumsa qabaachuun keenya qorumsa moʼuu fi fedhii Waaqayyoo raawwachuuf nu gargaara. Akkuma Kiristoos ajajamuun keenya eebbawwan akkamii akka nuuf argamsiisus ni ilaalla.

Ajajamuuf kan Isa Kakaase Maalidha?

6, 7. Sababiiwwan Yesuus akka ajajamu isa kakaasan tokko tokko maalfaʼi?

6 Yesuus kan ajajame, amala gaggaarii waan qabuufi. Akkuma Boqonnaa 3​rratti ilaalle, Kiristoos gad of qaba. Namoonni kooran eenyuufiyyuu ajajamuu hin barbaadan; kan gad of qabnu yoo taʼe garuu fedhiidhaan Yihowaadhaaf ajajamna. (Baʼuu 5:1, 2; 1 Pheexiros 5:5, 6) Yesuus wanta jaallatuu fi wanta jibbu qabaachuunsaas ajajamuuf isa kakaaseera.

7 Hunda caalaammoo, Yesuus Abbaasaa isa samii ni jaallata ture. Waaʼeen jaalala kanaa boqonnaa 13​ffaarratti balʼinaan ibsama. Yesuus jaalala akkasii qabaachuunsaa Waaqayyoon sodaachuuf isa kakaaseera. Yihowaadhaaf jaalalaa fi sodaa guddaa waan qabuuf, isa gaddisiisuu hin barbaadu. Kadhannaansaa akka isaaf dhagaʼamu kan godhe sodaa inni Waaqayyoof qabudha. (Ibroota 5:7) Sodaan inni Yihowaadhaaf qabu kun, yommuu Mootii taʼee bulchuttis ni mulʼata.—Isaayyaas 11:3.

Bashannanni filattu wanta hamaa akka jibbitu kan argisiisudhaa?

8, 9. Akkuma raajiidhaan ibsametti, Yesuus qajeelummaa fi jalʼina ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama? Miira isaa kana kan argisiisehoo akkamitti?

8 Yihowaa jaallachuun wanta inni jibbu jibbuus ni dabalata. Fakkeenyaaf, Masiihicha ilaalchisee raajiin akkana jedhu dubbatameera: “Ati qajeelummaa jaallattee jalʼina jibbite. Waaqayyo inni Waaqa kee taʼe hiriyoota kee caalchisee zayitii gammachuutiin kan si dibe kanaafi.” (Faarfannaa 45:7) ‘Hiriyoonni’ Yesuus, mootota karaa hidda dhalootaa Daawit Mootichaa dhufanidha. Hundasaaniiyyuu caalaa Yesuus dibamuusaatti sababii itti gammadu qaba. Akkas kan jennu maaliifi? Badhaasni inni argatu kansaaniirra baayʼee kan caaluu fi bulchiinsisaa faayidaa barabaraa kan argamsiisu waan taʼeefi. Jaalalli inni qajeelummaadhaaf qabuu fi jibbi inni jalʼinaaf qabu karaa hundumaatiin Waaqayyoof ajajamuuf waan isa kakaaseef, badhaasa guddaa argateera.

9 Ilaalchi Yesuus qajeelummaafis taʼe jalʼinaaf qabu kan mulʼate akkamitti? Fakkeenyaaf, Yesuus duuka buutonnisaa qajeelfama inni hojii lallabaa ilaalchisee isaaniif kenneef ajajamuusaaniitiin eebba argatanitti maaltu isatti dhagaʼame? Baayʼee gammade. (Luqaas 10:1, 17, 21) Namoonni Yerusaalem gargaarsa inni jaalalaan kakaʼee isaaniif godhe fudhachuu dhiisuudhaan yommuu irra deddeebiʼanii ajajamuu didanittoo maaltu isatti dhagaʼame? Namoonni magaalattii Yihowaadhaaf ajajamuu waan didaniif booʼeera. (Luqaas 19:41, 42) Yesuus yeroo namoonni wanta gaarii godhan ni gammada, yeroo jalʼina raawwatanimmoo ni gadda.

10. Gocha qajeelummaa fi gocha dogoggoraa ilaalchisee miira akkamii qabaachuu qabna? Kana gochuufoo maaltu nu gargaara?

10 Miira Yesuusitti dhagaʼamerratti xiinxaluun keenya, sababii Yihowaadhaaf itti ajajamnu qoruuf nu gargaara. Mudaa qabaannus jaalala wanta gaarii taʼeef qabnuu fi jibba wanta gaarii hin taaneef qabnu guddifachuu ni dandeenya. Yihowaan miira innii fi Ilmisaa qaban qabaachuuf akka nu gargaaru kadhachuu qabna. (Faarfannaa 51:10) Wantoota miira akkasii nu jalaa mancaasanirraas fagaachuu qabna. Bashannanaa fi hiriyoota keenya of eeggannoodhaan filachuun keenya barbaachisaadha. (Fakkeenya 13:20; Filiphisiyus 4:8) Akka Kiristoos kakaʼumsa sirrii yoo qabaanne, kan ajajamnu waan nurraa eegamuuf qofa miti. Wanta sirrii taʼe kan goonu, akkas gochuun waan nu gammachiisuufi. Wanta gaarii hin taane gochuurraa kan fagaannummoo, narratti beekama jennee waan sodaannuuf utuu hin taʼin gocha sana waan jibbinuufi.

“Inni Cubbuu Tokko Illee hin Hojjenne”

11, 12. (a) Yesuus akkuma tajaajilasaa jalqabeen maaltu isa mudate? (b) Seexanni jalqabarratti Yesuusiin kan qore akkamitti? Yeroo kanatti mala haxxummaa akkamii fayyadame?

11 Yesuus lafarratti tajaajilasaa akkuma jalqabeen jibbi cubbuuf qabu qorameera. Erga cuuphamee booda utuu nyaata hin nyaatin guyyaa 40 fi halkan 40 lafa onaa keessatti dabarseera. Dhumarrattis Seexanni isa qoruuf dhufe. Haxxummaa Diyaabilos hubattee?—Maatewos 4:1-11.

12 Seexanni jalqabarratti, “Ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagoonni kun daabboo akka taʼan ajaji” jedheen. (Maatewos 4:3) Yesuus yeroo hammanaatiif erga soomee booda maaltu isatti dhagaʼame? Kitaabni Qulqulluun, “Ni beelaʼe” jechuudhaan ifatti dubbata. (Maatewos 4:2) Kanaaf, Seexanni taʼe jedhee Yesuus hamma beelaʼuttii fi hamma dadhabutti erga eegee booda, fedhii nyaataa inni qabutti fayyadamee isa qore. Seexanni, “Ilma Waaqayyoo yoo taate” jechuudhaan akka isatti qooses qalbeeffadhu. Seexanni, Yesuus “angafa uumama hundumaa” akka taʼe beeka. (Qolosaayis 1:15) Taʼus, Yesuus dhiibbaan Seexanaa akka hin ajajamne akka isa godhu hin heyyamne. Yesuus humnasaatti fayyadamee fedhii ofittummaa guuttachuun fedhii Waaqayyoo wajjin akka wal hin simne beeka. Akkas gochuurraa fagaachuudhaan, wanta isa barbaachisus taʼe qajeelfama argachuuf Yihowaatti akka amanamu argisiiseera.—Maatewos 4:4.

13-15. (a) Qorumsi lammaffaa fi sadaffaan Seexanni Yesuusiin qoruuf itti fayyadame maalidha? Yesuus hoo deebii kan kenne akkamitti? (b) Yesuus Seexanarraa of eeguuf yeroo hunda dammaqaa akka ture akkamitti beekna?

13 Qorumsa lammaffaarrattimmoo, Seexanni, Yesuusiin gara fiixee mana qulqullummaatti ol baase. Yeroo kanatti Seexanni Dubbii Waaqayyoo jalʼisee caqasuudhaan, maleekonni waan isa oolchaniif fiixee mana qulqullummaarraa gad of darbachuudhaan wanta namoota ajaaʼibsiisu akka raawwatu Yesuusiin gaafate. Namoonni mana qulqullummaa keessa turan dinqii akkasii utuu ilaalaniiru taʼee, sana booda Yesuus Masiihicha abdachiifame taʼuusaa namni gaaffii kaasu jiraachuu dandaʼaa? Namoonni sun dinqii kanarratti hundaaʼanii Yesuus Masiihii taʼuusaa amananiiru utuu taʼee qorumsii fi rakkinni hedduun isarra ni gaʼa turee? Tarii gaʼuu dhiisuu dandaʼa ture. Haataʼu malee Yesuus, Waaqayyo kan barbaadu Masiihichi gad of qabee hojiisaa akka hojjetu malee, dinqii akkasii raawwachuudhaan namoonni akka isatti amanan dhiibbaa akka godhu akka hin taane beeka. (Isaayyaas 42:1, 2) Yeroo kanattis, Yesuus Yihowaadhaaf ajajameera. Beekamtii argachuuf hin hawwine.

14 Aangoo argachuufoo hawweeraa? Qorumsa isa sadaffaarratti, Seexanni siʼa tokko qofa yoo isa waaqeffate mootummoota addunyaa hundumaa akka isaaf kennu Yesuusitti hime. Yesuus, affeerraa Seexanni isaaf dhiheesserratti yaadeeraa? Yeruma sana, “Seexana nana, na duraa deemi!” jedhee isaaf deebise. Itti dabaluudhaanis, “‘Waaqa kee Yihowaa waaqeffadhu; isa qofaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi’ kan jedhu barreeffameera” isaan jedhe. (Maatewos 4:10) Wanti akkamiiyyuu waaqa kan biraa akka waaqeffatu dhiibbaa isarratti gochuu hin dandaʼu. Yesuus addunyaa keessatti aangoo argachuuf jedhee matumaa Yihowaadhaaf ajajamuu hin dhiisu.

15 Seexanni yeroo kanatti abdii kutateeraa? Dhugaadha, akkuma Yesuus isa ajajetti isa biraa deemeera. Taʼus, Wangeelli Luqaas, “[Diyaabilos] hanga yeroo mijaaʼaa kan biraa argatutti isa dhiisee deeme” jedha. (Luqaas 4:13) Seexanni Yesuusiin qoruuf hamma dhumaatti yeroo mijaaʼaa barbaadaa ture. Kitaabni Qulqulluun, Yesuus ‘karaa hundumaan akka qorame’ nutti hima. (Ibroota 4:15) Yesuus yeroo hundumaa dammaqinaan jiraateera; nutis akkasuma gochuu qabna.

16. Seexanni tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran kan qoru akkamitti? Carraaqqii inni godhu moʼuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

16 Yeroo harʼaattis Seexanni tajaajiltoota Waaqayyoo qoruusaa itti fufeera. Kan nama gaddisiisu, mudaa qabaachuun keenya yeroo baayʼee nu qoruun akka isaaf salphatu godha. Seexanni uumamaan fedhii ofittummaa, kooraa fi fedhii aangoo argachuu akka qabnu beeka. Nu qoruuf qabeenyatti kan fayyadamu kanaafi. Kanaaf, yeroo tokko tokko haqaan of qoruun keenya barbaachisaadha. Yaada 1 Yohaannis 2:15-17​rratti argamurratti xiinxaluun keenya gaariidha. Yommuu akkas goonu, hawwiin foonii, hawwiin qabeenyaa, akkasumas fedhiin dinqisiifannaa warra kaanii argachuuf qabnu, jaalala Abbaa keenya isa samiitiif qabnu nu jalaa hirʼisuu fi dhiisuusaa of gaafachuu dandeenya. Addunyaan kun, Seexana isa bulchaasaa taʼe faana baduuf akka jedhu yaadachuu qabna. Kanaaf, carraaqqii Seexanni haxxummaadhaan cubbuutti nu galchuuf godhu haa fashaleessinu. Akkasumas fakkeenya Gooftaa keenya isa “cubbuu tokko illee hin hojjenne” sanaa haa hordofnu.—1 Pheexiros 2:22.

‘Yeroo Hundumaa Wanta Isa Gammachiisun Godha’

17. Yesuus Abbaasaatiif ajajamuu ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama? Taʼus namoonni tokko tokko yaada akkamii kaasuu dandaʼu?

17 Ajajamuun cubbuurraa fagaachuu caalaa wanta dabalatu qaba; Kiristoos wanta Abbaansaa isa ajaje hunda raawwateera. ‘Ani yeroo hundumaa wanta isa gammachiisun godha’ jedheera. (Yohaannis 8:29) Yesuus ajajamuunsaa gammachuu guddaa isaaf argamsiiseera. Namoonni tokko tokko ajajamuun Yesuusiif salphaa akka taʼe dubbatu taʼa. Tarii, ‘Yesuus ajajamuun kan isa barbaachisu Yihowaa isa mudaa hin qabneef qofadha; nuti garuu yeroo baayʼee abbootii taayitaa mudaa qabaniif akka ajajamnu nurraa eegama’ jedhu taʼa. Haataʼu malee, Yesuusis namoota mudaa qabaniif ajajamaa ture.

18. Yesuus ijoolleedhaaf fakkeenya akkamii taʼeera?

18 Yesuus warrisaa Yoseefii fi Maariyaam mudaa kan qaban taʼus ijoollummaasaatti isaaniif ajajamaa ture. Ijoollee kaan caalaa hirʼina warrasaa hubachuu akka dandaʼu beekamaadha. Maarree, isaaniif ajajamuu dideeraa? Yookiin maatiisaanii akkamitti bulchuu akka qaban isaanitti himeeraa? Yesuus isa mucaa waggaa 12 ilaalchisee Luqaas 2:51, “Isaaniif bitamuu isaas itti fufe” jedha. Yesuus ijoollee warrasaaniitiif ajajamuu fi isaan kabajuuf carraaqqii godhaniif fakkeenya taʼeera.—Efesoon 6:1, 2.

19, 20. (a) Yesuus namoota mudaa qabaniif ajajamuu ilaalchisee haalli rakkisaan adda taʼe akkamii isa mudateera? (b) Kiristiyaanonni dhugaan yeroo harʼaatti argaman obboloota itti gaafatamummaa qabaniif ajajamuu kan qaban maaliifi?

19 Namoota mudaa qabaniif ajajamuu ilaalchisee, haalli rakkisaan Kiristiyaanota dhugaa yeroo harʼaa mudachuu hin dandeenye Yesuusiin mudateera. Mee barri inni keessa jiraate maal akka fakkaatu yaadi. Mana qulqullummaa Yerusaalemitti argamuu fi qophii lubummaa dabalatee, sirni amantaa Yihudootaa inni yeroo dheeraadhaaf Yihowaa biratti fudhatama argachaa ture gumii Kiristiyaanaatiin bakka buufamuuf jedha ture. (Maatewos 23:33-38) Yeroo kanatti, geggeessitoonni amantaa hedduun barumsa sobaa falaasama Giriikiirraa fudhatame barsiisaa turan. Mana qulqullummaa keessatti malaanmaltummaan babalʼatee waan tureef, Yesuus mana qulqullummaa sana “holqa saamtotaa” jedhee waameera. (Maarqos 11:17) Maarree, Yesuus gara mana qulqullummaa fi manneen sagadaa dhaquu dhiiseeraa? Hin dhiisne. Yihowaan yeroo sanattis qophiiwwan kanatti fayyadamaa ture. Yesuus, Waaqayyo tarkaanfii fudhatee jijjiirama hamma fidutti ajajamuudhaan ayyaanota mana qulqullummaa keessatti kabajamanirratti argamaa fi gara mana sagadaa Yihudootaa dhaqaa ture.—Luqaas 4:16; Yohaannis 5:1.

20 Yesuus haalawwan akkasii keessatti erga ajajamee, Kiristiyaanonni dhugaan yeroo harʼaatti argamanis ajajamuu hin qabaniiree? Yeroo waaqeffannaa qulqulluun inni yeroo dheeraa dura raajiidhaan dubbatame deebiʼee itti hundeeffame keessa jirra. Waaqayyo, Seexanni sabasaa akka mancaasu matumaa akka hin heyyamne waadaa galeera. (Isaayyaas 2:1, 2; 54:17) Obboloonni gumii keessa jiran hundi mudaa akka qabanii fi cubbuu akka raawwatan beekamaadha. Haataʼu malee, dogoggorri warri kaan raawwatan Yihowaadhaaf akka hin ajajamne, walgaʼii gumiirraa akka hafnu ykn jaarsolii akka qeeqnu nu taasisuu qabaa? Matumaa! Kanaa mannaa, obboloota gumii keessatti itti gaafatamummaa qaban garaa guutuudhaan deggerra. Walgaʼiiwwan gumii fi walgaʼiiwwan guguddaarratti ni argamna, gorsa Kitaaba Qulqulluu nuu kennamus hojiirra ni oolchina; akka kanaan ajajamoo taʼuu keenya argisiisna.—Ibroota 10:24, 25; 13:17.

Wanta walgaʼii Kiristiyaanaarratti barannu hojiirra ni oolchina

21. Yesuus, Waaqayyoof akka hin ajajamne yeroo namoonni dhiibbaa isarraan geessisanitti deebii fakkeenya nuuf taʼu akkamii kenne?

21 Yesuus michootasaa isaaf yaadan dabalatee, eenyuyyuu Yihowaadhaaf akka hin ajajamne dhiibbaa akka isarratti godhu hin heyyamne. Fakkeenyaaf, Pheexiros ergamaan, dhiphachuu fi duʼuun akka isa hin barbaachisne isa amansiisuuf yaalee ture. Pheexiros garaa akka ofitti hin jabaanne kan isa gorse isaaf yaadee taʼus, Yesuus cimsee isa mormeera. (Maatewos 16:21-23) Yeroo harʼaatti, firoonni keenya nuuf yaadanii seeraa fi qajeelfama Waaqayyootiif ajajamuu keenya akka dhiisnu nu amansiisuuf yaalu taʼa. Yeroo akkasiitti akkuma duuka buutota Yesuus jaarraa jalqabaatti turanii, “Namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof akka bulchaa keenyaatti ajajamuu qabna” jenna.—Hojii Ergamootaa 5:29.

Akkuma Kiristoos Ajajamuun Eebba Argamsiisa

22. Yesuus gaaffii isa kamiif deebii kenne? Akkamitti?

22 Guyyaa Yesuus ajjeefametti, Seexanni qorumsa baayʼee ulfaataa taʼe isatti fideera. Guyyaa baayʼee ulfaataa taʼe sanatti Yesuus karaa adda taʼeen ‘ajajamuu barateera.’ Fedhiisaa utuu hin taʼin, fedhii Abbaasaa raawwateera. (Luqaas 22:42) Yesuus umuriisaa guutuu amanamaa taʼee itti fufuudhaan ajajamuurratti fakkeenya hundarra caalu nuu taʼeera. (1 Ximotewos 3:16) Kana gochuudhaan, gaaffii Seexanni bara dheeraa dura, ‘Namni mudaa hin qabne tokko qorumsa keessatti Yihowaadhaaf ajajamuu ni dandaʼaa?’ jechuudhaan kaaseef deebii kenneera. Addaamii fi Hewaan Waaqayyoof hin ajajamne. Yesuus garuu gara lafaa dhufee hamma duʼaatti ajajamuudhaan Seexanni sobduu taʼuusaa saaxileera. Yesuus inni uumamawwan Yihowaa hundarra caalu, deebii hundarra caalu kenneera. Aarsaa guddaa kan isa kaffalchiise taʼus ajajameera.

23-25. (a) Ajajamuun amanamummaa wajjin kan wal qabatu akkamitti? Fakkeenyaan ibsi. (b) Boqonnaa ittaanurratti maal ilaalla?

23 Yeroo Yihowaadhaaf ajajamnu akka isa jaallannuu fi umurii keenya guutuu isaaf amanamoo taʼuu akka barbaannu argisiisna. Yesuus ajajamuudhaan, amanamummaasaa eeguu fi ilmaan namootaa hundaaf faayidaa argamsiisuu dandaʼeera. (Roomaa 5:19) Yihowaanis baayʼee isa eebbiseera. Nutis Gooftaa keenya Kiristoosiif yoo ajajamne Yihowaan nu eebbisa. Kiristoosiif ajajamuun, “fayyina bara baraa” argamsiisa.—Ibroota 5:9.

24 Amanamoo taʼuun keenya eebba kan biraas nuuf argamsiisa. Fakkeenyi 10:9, “Namni garaa qulqulluudhaan deddeebiʼu sodaa malee deema” jedha. Amanamummaa, mana guddaa xuubiiwwan ciccimoodhaan ijaaramaa jirutti yoo fakkeessine, gochi ajajamuudhaan raawwannu tokkommoo xuubii tokkotti fakkeeffamuu dandaʼa. Xuubiin tokko kophaa isaa faayidaa guddaa kan hin qabne fakkaachuu dandaʼa; garuu tokkoon tokkoonsaa barbaachisaadha. Xuubiiwwan hedduun yommuu walirra naqaman, mana bareedaa taʼe tokko argamsiisu. Haaluma wal fakkaatuun, guyyaa guyyaadhaan, akkasumas waggaadhaa gara waggaatti ajajamuu keenya yommuu itti fufnu, amanamummaa mana bareedaa wajjin wal fakkaatu horanna.

25 Namni yeroo dheeraadhaaf ajajamaa jiraate jabaatee akka dhaabbatus ni argisiisa. Fakkeenya Yesuus gama kanaan nuu kaaʼe boqonnaa ittaanurratti ilaalla.