Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA SAGAL

“Dhaqaatii . . . Namoota Barattoota Koo Godhaa”

“Dhaqaatii . . . Namoota Barattoota Koo Godhaa”

Qotee bulaan tokko midhaansaa baayʼee taʼuusaatiin kan kaʼe kophaasaa sassaabuun yoo isatti ulfaate maal gochuu dandaʼa?

1-3. (a) Qotee bulaan tokko midhaan maasiisaarra jiru kophaasaa sassaabuun yoo isatti ulfaate maal godha? (b) Dhaloota Kiristoos Booda bara 33​tti rakkina akkamiitu Yesuusiin mudate? Rakkina kanaaf furmaata kan kennehoo akkamitti?

 QOTEE BULAA tokko rakkinni cimaan mudateera. Jiʼoota muraasa dura maasiisaa qotee midhaan facaaseera. Yeroo itti biqilu hawwiidhaan eegaa waan tureef, midhaanichi gaʼuusaa yeroo argu baayʼee gammade. Amma yeroon haamaa waan gaʼeef, dadhabbiinsaa isa kiiseera. Garuu wanti isa yaaddesse tokko jira: Midhaanichi baayʼee waan taʼeef kophaasaa sassaabuu hin dandaʼu. Rakkina kana furuuf, hojjettoota midhaan sassaabuurratti hojjetan qacaruuf murteesse. Yeroon midhaan sassaabuuf isa hafe baayʼee gabaabaa akka taʼe beekaa.

2 Rakkinni akkasii Dh.K.B. bara 33​tti Yesuus isa duʼaa kaʼe mudateera. Yeroo lafarratti tajaajilaa ture, sanyii dhugaa facaaseera. Yeroo kanatti midhaan hedduun haamaadhaaf gaʼee ture. Namoonni ergaa isaa fudhatan hedduun duuka buutotasaa taʼuun isaan barbaachisa ture. (Yohaannis 4:35-38) Maarree, Yesuus rakkina kanaaf furmaata kan kenne akkamitti? Gara samiitti deebiʼuusaa yeroo muraasa dura, gaara Galiilaatti argamu tokkorratti hojjettoota dabalataa akka barbaadan barattootasaatti himee ture; akkana isaaniin jedhe: “Kanaafuu, dhaqaatii saboota hundumaa keessaa namoota barattoota koo godhaa; . . . isaan cuuphaa; wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa.”—Maatewos 28:19, 20.

3 Namni tokko duuka buutuu Kiristoos jedhamuu kan dandaʼu hojii kana yoo hojjete qofadha. Amma gaaffilee sadii qorra. Yesuus hojjettoota dabalataa akka barbaadan barattoota isaa kan ajaje maaliifi? Duuka buutonnisaa hojjettoota kana akka barbaadan kan isaan leenjise akkamitti? Ajajni kun nuunis kan ilaallatu akkamitti?

Hojjettoonni Dabalataa kan Barbaachisan Maaliif Ture?

4, 5. Yesuus hojii jalqabee ture fiixaan baasuu kan hin dandeenye maaliifi? Erga inni gara samiitti deebiʼee booda hojicha kan hojjetanoo eenyufaʼi?

4 Yesuus Dh.K.B. bara 29​tti yommuu tajaajilasaa jalqabetti, hojii kana kophaasaa fiixaan baasuu akka hin dandeenye beeka ture. Yeroo gabaabaa lafarratti isa hafe keessatti, ergaa Mootummichaa lallabuu kan dandaʼu naannoo muraasattii fi namoota muraasaaf qofa ture. Adda durummaadhaan lallabaa kan ture “hoolota mana Israaʼel keessaa badaniif,” jechuunis Yihudootaa fi namoota gara Yihudiitti jijjiiramaniif ture. (Maatewos 15:24) Haataʼu malee, ‘hoolonni badan’ kun guutummaa biyya Israaʼel isa balʼinnisaa iskuweer kiilomeetira kuma hedduutti lakkaaʼamu keessa faffacaʼanii turan. Yeroo boodammoo misiraachoon kun guutummaa addunyaatti lallabamuu qaba.—Maatewos 13:38; 24:14.

5 Yesuus erga inni duʼee booda hojii baayʼeen akka hojjetamu hubatee ture. Ergamootasaa amanamoo taʼan 11n, “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, namni anatti amanu hundi hojii ani hojjedhus ni hojjeta; ani gara Abbaa waanan dhaquuf, inni hojii kana irra caalu ni hojjeta” jedheera. (Yohaannis 14:12) Ilmi Waaqayyoo gara samiitti waan deebiʼuuf, ergamootasaa qofa utuu hin taʼin namoonni gara fuulduraatti barattootasaa taʼan hundi, hojii lallabuu fi barsiisuu kana hojjechuu qabu. (Yohaannis 17:20) Yesuus gad of qabuudhaan hojiinsaanii kansaarra akka “caalu” amanee fudhateera. Kun kan taʼu akkamitti? Mee karaawwan sadii haa ilaallu.

6, 7. (a) Hojiin duuka buutonni Yesuus hojjetan kansaarra kan caalu karaawwan kamiini? (b) Yesuus duuka buutotasaarratti amantii qabaachuunsaa sirrii akka taʼe argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Tokkoffaa, duuka buutonni Yesuus naannoo balʼaa taʼetti tajaajilu. Yeroo harʼaatti hamma andaara lafaatti dhugaa baʼaa jiru; kunimmoo naannoo Yesuus itti lallaberra baayʼee caala. Lammaffaa, namoota hedduudhaaf lallabu. Barattoonni muraasni Yesuus leenjise lakkoofsi isaanii dabalee kuma hedduu taʼan. (Hojii Ergamootaa 2:41; 4:4) Yeroo ammaatti lakkoofsisaanii miliyoona hedduu taʼeera; waggaa waggaadhaan namoonni kuma dhibbaan lakkaaʼaman ni cuuphamu. Sadaffaammoo, bara dheeraadhaaf lallabu; hojiin lallabaa Yesuus waggaa sadii fi walakkaadhaaf erga tajaajilee boodas hanga harʼaatti, gara waggaa 2,000tiif itti fufeera.

7 Yesuus, duuka buutonnisaa “hojii kana irra caalu” akka hojjetan yommuu dubbatu amantii isaanirratti qabu ibsaa ture. Hojii inni iddoo guddaa kennuuf, jechuunis hojii “misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo” lallabuu fi barsiisuu adaraadhaan isaanitti kenneera. (Luqaas 4:43) Hojii kana amanamummaadhaan akka hojjetan isaanirratti amantii qaba ture. Kun nuuf hiika akkamii qaba? Hinaaffaa fi garaa guutuudhaan yommuu tajaajillu, Yesuus duuka buutotasaarratti amantii qabaachuunsaa sirrii akka taʼe argisiisna. Kun mirga guddaa mitii?—Luqaas 13:24.

Yesuus Duuka Buutonnisaa Dhugaa Akka Baʼan Leenjiseera

Jaalalli bakka namoonni argaman hundatti lallabuuf nu kakaasa

8, 9. Yesuus tajaajila ilaalchisee fakkeenya akkamii nuu taʼeera? Nutoo fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

8 Yesuus duuka buutotasaatiif leenjii gaarii tajaajilaaf isaan gargaaru kenneera. Hunda caalaammoo fakkeenya gaarii isaaniif taʼeera. (Luqaas 6:40) Boqonnaa darberratti, Yesuus tajaajilaaf ilaalcha akkamii akka qabu ilaallee turre. Mee waaʼee barattoota Yesuus warra isaa wajjin iddoo garaagaraatti tajaajilaa turanii yaadi. Yeroo inni qarqara haroo, naannoo gaarreenii, magaalota, iddoowwan gabaa fi manneen dhuunfaa dabalatee bakka namoonni argaman hundatti lallabu arganiiru. (Maatewos 5:1, 2; Luqaas 5:1-3; 8:1; 19:5, 6) Nama jabaatee hojjetu taʼuusaas arganiiru; ganama bariidhaa kaasee hamma galgalaatti lallaba ture. Yesuus tajaajilaaf iddoo guddaa kenna ture. (Luqaas 21:37, 38; Yohaannis 5:17) Akkas gochuuf wanti isa kakaase jaalala guddaa namootaaf qabu akka taʼe ifatti arguu dandaʼu. Gara laafinni namootaaf qabu fuulasaarraa ifatti mulʼata. (Maarqos 6:34) Fakkeenyi Yesuus duuka buutotasaarratti dhiibbaa akkamii godheera jettee yaadda? Utuu yeroo sana jiraattee fakkeenyisaa sirrattoo dhiibbaa akkamii godha ture?

9 Duuka buutota Kiristoos waan taaneef, tajaajilarratti fakkeenyasaa hordofna. Kanaaf, namoota hundaaf ‘guutummaatti dhugaa baʼuuf’ wanta dandeenyu hunda goona. (Hojii Ergamootaa 10:42) Akkuma Yesuus mana namootaa dhaqnee lallabna. (Hojii Ergamootaa 5:42) Manasaaniitti isaan argachuuf, yeroo barbaachisutti sagantaa keenyarratti sirreeffama ni goona. Karaarratti, bakka bashannanaatti, naannoo daldalaattii fi bakka hojiitti yeroo namootaaf lallabnu dandeettii yaaduu keenyatti fayyadamna. Tajaajilarratti “jabaannee kan hojjennuu fi carraaqqii cimaa kan goonu,” mirga kanaaf bakka guddaa waan kenninuufi. (1 Ximotewos 4:10) Jaalalli guddaan namootaaf qabnu, iddoo fi yeroo namoonni argaman hundatti isaaniif lallabuuf carraa barbaaduuf nu kakaasa.—1 Tasalonqee 2:8.

“Namoonni 70n sun gammachuudhaan deebiʼan”

10-12. Yesuus duuka buutonnisaa akka lallaban erguusaa dura barumsa barbaachisaa akkamii isaan barsiise?

10 Yesuus akkamitti akka tajaajilan qajeelfama balʼaa isaaniif kennuudhaanis duuka buutotasaa leenjiseera. Jalqaba ergamootasaa 12n, achiis barattootasaa 70n lallabaaf erguusaa dura, isaan leenjisuuf walitti isaan qabee ture. (Maatewos 10:1-15; Luqaas 10:1-12) Luqaas 10:17, “Namoonni 70n sun gammachuudhaan deebiʼan” waan jedhuuf, leenjiin kun buʼaa gaarii argamsiiseera. Haalli barattoota Yesuus bara durii turanii haala bara keenya jirurraa adda taʼus, qajeelfama isaaniif kenne lamarraa barumsa guddaa arganna; mee haa ilaallu.

11 Yesuus barattoonnisaa Yihowaatti akka amanaman barsiiseera. Akkana isaaniin jedhee ture: “Warqii yookiin meetii yookiin sibiila diimaa sabbata keessanitti hin gudunfatinaa; yookiin karaadhaaf korojoo nyaataa yookiin uffata lama yookiin kophee yookiin ulee hin qabatinaa; sababiin isaas, namni hojjetu wanta nyaatu argachuu qaba.” (Maatewos 10:9, 10) Bara duriitti imaltoonni saantima ni guduunfatu, akkasumas korojoo nyaata itti baatanii fi kophee dabalataa ni qabatu turan. a Yesuus barattoonnisaa waaʼee wantoota kanaa akka hin dhiphanne yommuu isaanitti himu, “Yihowaan wanta isin barbaachisu waan isiniif kennuuf, guutummaatti isatti amanamaa” isaaniin jechaa ture. Keessummoota simachuun Israaʼel keessatti baramaa waan tureef, Yihowaan namoonni misiraachicha fudhatan akka isaan simatan kakaasuudhaan, wanta isaan barbaachisu isaaniif guuta ture.—Luqaas 22:35.

12 Yesuus barattoonnisaa wantoota yaadasaanii hihiranirraa akka fagaatanis isaan barsiiseera. “Karaa [irratti] eenyuun iyyuu nagaa hin gaafatinaa” isaaniin jedhee ture. (Luqaas 10:4) Yesuus warra kaaniif dantaa akka dhaban ykn namoota akka cufan dubbachuusaa turee? Matumaa akkas hin turre. Bara duriitti nagaa gaafachuun gabaabsanii nagaa wal gaafachuu caalaa waan dabalatu qaba ture. Akka aadaa bara duriitti nagaa wal gaafachuun, wantoota addaddaa gochuu fi marii dheeraa gochuu gaafata ture. Hayyuun Kitaaba Qulqulluu tokko akkana jedhaniiru: “Namoonni naannoo baha fagoo jiraatan nagaa kan wal gaafatan akka keenya xinnuma gad jechuudhaan ykn harka wal fuudhuudhaan utuu hin taʼin, irra deddeebiʼanii wal hammachuudhaan, baayʼee gad jechuudhaan, akkasumas lafaatti gombifamuudhaan ture. Kana hunda gochuunimmoo yeroo dheeraa fudhata.” Yesuus barattoonnisaa barsiifata akkasii akka hin hordofne yommuu isaanitti himu, “Ergaan isin qabattan ariifachiisaa waan taʼeef, yeroo keessanitti karaa caalaatti buʼa qabeessa taʼeen fayyadamuu qabdu” isaaniin jechuusaa ture. b

13. Qajeelfama Yesuus duuka buutotasaa jaarraa jalqabaatti turaniif kenne akka hordofnu argisiisuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?

13 Nutis qajeelfama Yesuus duuka buutotasaa jaarraa jalqabaatti turaniif kenne hojiirra oolchuu barbaanna. Yommuu tajaajila keenya raawwannu, guutummaatti Yihowaatti amanamna. (Fakkeenya 3:5, 6) ‘Hundumaa dura Mootummicha barbaaduu keenya yoo itti fufne’ matumaa wantoota jireenyaaf nu barbaachisan akka hin dhabne beekna. (Maatewos 6:33) Tajaajiltoonni yeroo guutuu addunyaa maratti waaʼee Mootummichaa lallaban, yeroo rakkisaa taʼettillee harki Yihowaa gabaabaa akka hin taane arganiiru. (Faarfannaa 37:25) Wantoota xiyyeeffannaa keenya hihiranirraa fagaachuu akka qabnus ni hubanna. Yoo of eeggachuu baanne, addunyaan kun salphaatti yaada keenya hihiruu dandaʼa. (Luqaas 21:34-36) Haataʼu malee, yeroon kun yeroo yaanni keenya itti hihiramu miti. Jireenyi namootaa balaadhaaf saaxilamee waan jiruuf, ergaan keenya ariifachiisaadha. (Roomaa 10:13-15) Tajaajilli keenya hammam barbaachisaa akka taʼe yaaduun keenya, addunyaan kun yaada keenya hihiruudhaan yeroo fi humna tajaajilaaf oolchuu qabnu akka nu jalaa fudhatu heyyamuurraa nu eega. Yeroon hafe gabaabaa, midhaan sassaabamummoo hedduu taʼuusaa yaadachuu qabna.—Maatewos 9:37, 38.

Hojiin Kun Nuunis ni Ilaallata

14. Ajajni Maatewos 28:18-20​rratti kenname duuka buutota Kiristoos hunda kan ilaallatu akka taʼe wanti argisiisu maalidha? (Miiljalees ilaali.)

14 Yesuus inni duʼaa kaʼe, “Dhaqaatii . . . namoota barattoota koo godhaa” jechuudhaan duuka buutotasaatiif itti gaafatamummaa guddaa kenneera. Yesuus akkas kan jedhe, duuka buutotasaa gaafa sana gaara Galiilaatti argamurra turan qofa yaadatti qabatee miti. c Hojiin inni kenne “saboota hundumaa keessaa namoota” barattootasaa gochuu kan gaafatuu fi “hanga dhuma sirna kanaatti” kan itti fufudha. Ifatti akka hubannutti, hojiin kun nuun dabalatee duuka buutota Kiristoos hunda kan ilaallatudha. Mee amma wanta Yesuus Maatewos 28:18-20​rratti dubbate gadi fageenyaan haa qorru.

15. Ajaja Yesuus namoota barattootasaa akka goonu nuu kenneef ajajamuun keenya sirrii kan taʼe maaliifi?

15 Yesuus ajaja kana kennuusaa dura, “Samii fi lafa irratti aangoon hundi anaaf kennameera” jedheera. (Lakkoofsa 18) Dhuguma Yesuus aangoo guddaa hammanaa qabaa? Eeyyee qaba! Hogganaa maleekotaa waan taʼeef, maleekota miliyoonaan lakkaaʼaman ni ajaja. (1 Tasalonqee 4:16; Mulʼata 12:7) “Gumichaaf mataa” waan taʼeef, duuka buutotasaa lafarratti argamanirratti aangoo qaba. (Efesoon 5:23) Bara 1914 jalqabeemmoo, samiirratti Mootii taʼee bulchaa jira. (Mulʼata 11:15) Warra duʼanillee duʼaa kaasuuf aangoo qaba. (Yohaannis 5:26-28) Yesuus aangoo guddaa akka qabu jalqabarratti dubbachuudhaan, wanta itti aanu yeroo dubbatetti yaada dhiheessaa utuu hin taʼin ajaja kennaa akka jiru argisiiseera. Yesuus ofiin of muudee utuu hin taʼin, aangoosaa kan argate Yihowaan isaaf kennee waan taʼeef, isaaf ajajamuun keenya sirriidha.—1 Qorontos 15:27.

16. Yesuus, “Dhaqaa” yommuu nuun jedhu maal akka goonu nu ajajuusaati? Ajaja kana hojiirra oolchuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

16 Yesuus ajaja kana yeroo kennu, jalqabarratti “Dhaqaa” jedheera. (Lakkoofsa 19) Karaa kanaan, ergaa Mootummichaa namootatti himuuf dursa fudhachuu akka qabnu nutti himeera. Hojii kana hojjechuuf malawwan addaddaatti fayyadamuu dandeenya. Namoota dhuunfaatti argachuuf malli inni hundarra caalu, manaa gara manaa dhaqanii lallabuudha. (Hojii Ergamootaa 20:20) Karaa alidilee taʼeen lallabuufis carraa arganne hundatti ni fayyadamna; yeroo hunda marii misiraachicha lallabuuf nu dandeessisu jalqabuuf yaalii goona. Dhugaadha, akkaataan itti lallabnu, akka naannoo fi haala keenyaaf taʼutti jijjiiramuu dandaʼa. Haataʼu malee, wanti hin jijjiiramne tokko jira: ‘Dhaqnee’ namoota isaaniif malu barbaaduu qabna.—Maatewos 10:11.

17. ‘Namoota barattoota Yesuus kan goonu’ akkamitti?

17 Yesuus itti aansuudhaan, kaayyoon ajaja kanaa ‘saba hundumaa keessaa namoota barattoota isaa gochuu’ akka taʼe ibseera. (Lakkoofsa 19) ‘Namoota barattoota isaa kan goonu’ akkamitti? Barataa kan jedhamu nama waa barachaa jirudha. Barattoota gochuun garuu, namoonni beekumsa akka argatan gargaaruu qofa kan argisiisu miti. Namoota fedhii qaban yommuu Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu, kaayyoon keenya namoonni kun duuka buutota Kiristoos akka taʼan gargaaruudha. Hamma nuuf dandaʼametti, namoonni barsiisnu Yesuusiin akka Barsiisaasaaniitti ilaalanii fakkeenyasaa hordofuudhaan akka inni jiraatetti akka jiraatanii fi hojii inni hojjete akka hojjetan isaan gargaaruu barbaanna.—Yohaannis 13:15.

18. Cuuphaan, jireenya barataa tokkoo keessatti tarkaanfii guddaa kan taʼe maaliifi?

18 Yaanni, “Maqaa Abbaatiin, maqaa Ilmaa fi maqaa hafuura qulqulluutiin isaan cuuphaa” jedhu kutaan hojii kanaa inni guddaan maal akka taʼe argisiisa. (Lakkoofsa 19) Cuuphaan mallattoo namni tokko guutummaatti Waaqayyoof of murteessuusaa argisiisu waan taʼeef, tarkaanfii guddaa barataan tokko jireenyasaa keessatti fudhatudha. Kanaaf, tarkaanfiin kun fayyinaaf barbaachisaadha. (1 Pheexiros 3:21) Eeyyee, barataan cuuphame tokko hamma dandaʼe Yihowaa tajaajiluusaa itti fufuudhaan, eebba barabaraa addunyaa haaraa keessatti argamu abdiidhaan eeggachuu dandaʼa. Namni tokko cuuphamee barataa Kiristoos akka taʼu gargaartee beektaa? Tajaajila keenya keessatti wanti kana caalaa nama gammachiisu hin jiru.—3 Yohaannis 4.

19. Namoota haaraa maal barsiisna? Erga cuuphamanii boodas isaan barsiisuu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?

19 Yesuus itti fufee, “Wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa” jechuudhaan kutaan hojii kanaa inni lammaffaan maal akka taʼe ibseera. (Lakkoofsa 20) Waaqayyoo fi namoota jaallachuu, akkasumas warra kaan duuka buutota gochuu dabalatee ajajawwan Yesuus kenne akka eegan isaan barsiisna. (Maatewos 22:37-39) Dhugaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu ibsuu fi amantiisaaniitiif falmuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe suutuma suuta isaan barsiisna. Ulaagaa barbaadamu guutanii gumichaa wajjin tajaajilarratti hirmaachuu yeroo jalqabanitti, isaanii wajjin tajaajiluudhaan wanta dubbannuunis taʼe gocha keenyaan hojii kanarratti hirmaannaa gaarii gochuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe isaan barsiisna. Namni tokko cuuphameera jechuun sana booda isa barsiisuun nu hin barbaachisu jechuu miti. Namoonni dhiheenyatti cuuphaman rakkoowwan yeroo Kiristoos duukaa buʼanitti isaan mudatan dandamachuuf qajeelfamni dabalataa isaan barbaachisuu dandaʼa.—Luqaas 9:23, 24.

“Guyyaa Hundumaa Isinii Wajjinan Jira”

20, 21. (a) Hojii Yesuus nuu kenne yommuu hojjennu sodaachuu kan hin qabne maaliifi? (b) Yeroon kun yeroo hinaaffaa keenya itti hirʼisnu kan hin taane maaliifi? Murtoon keenya maal taʼuu qaba?

20 Yesuus dhumarratti, “Kunoo, ani hanga dhuma sirna kanaatti guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira” jechuudhaan yaada baayʼee nama jajjabeessu dubbateera. (Maatewos 28:20) Yesuus hojiin kun hojii ulfaataa akka taʼe hubateera. Hojiin kun yeroo tokko tokko namoonni akka nu jibban gochuu akka dandaʼus beeka. (Luqaas 21:12) Taʼus, sodaachuu hin qabnu. Geggeessaan keenya hojii kana gargaarsa malee kophaa keenya akka hojjennu nurraa hin eegu. Qaamni “samii fi lafa irratti aangoon hundi” isaaf kenname nuu wajjin taʼuudhaan hojii kana akka fiixaan baasnu akka nu gargaaru beekuun keenya nu hin jajjabeessuu?

21 Yesuus yommuu tajaajila keenya raawwannu “hanga dhuma sirna kanaatti” nuu wajjin akka taʼu waadaa nuu galeera. Hamma dhumni dhufutti hojii Yesuus nuu kenne hojjechuu keenya itti fufuu qabna. Yeroon kun yeroo itti hinaaffaa keenya hirʼisnu miti. Hojii hojjennu hedduu qabna. Namoonni fedhii qaban baayʼeen dhufaa jiru. Duuka buutota Kiristoos waan taaneef, hojii guddaa nuu kenname hojjechuuf haa murteessinu. Yeroo, humnaa fi qabeenya keenyatti fayyadamnee ajaja Kiristoos, “Dhaqaatii . . . namoota barattoota koo godhaa” jechuudhaan nuu kenne raawwachuuf haa kutannu.

a Sabbanni maallaqaa sabbata mudhiitti hidhamuu fi kiisii maallaqa keessa kaaʼan qabudha. Korojoon nyaataa korojoo guddaa yeroo baayʼee gogaarraa hojjetamuu fi gateettiirratti baatamudha; korojoon kun nyaataa fi wantoota barbaachisan kan biroo baachuuf tajaajila.

b Yeroo tokko Eelsaaʼi raajichi qajeelfama akkasii kennee ture. Yeroo tajaajilaasaa Gehaaziin gara dubartii ilmishii jalaa duʼe tokkootti ergetti, “Namni yoo sitti dhufe nagaa isa hin gaafatin” isaan jedhee ture. (2 Mootota 4:29) Hojiin isaaf kenname ariifachiisaa waan taʼeef, utuu hin barbaachisin yeroo gubuu hin qabu ture.

c Duuka buutonnisaa hedduun Galiilaa keessa waan turaniif, Yesuus inni duʼaa kaʼe “obboloota 500 caalanitti” kan mulʼate yeroo yaada Maatewos 28:16-20​rratti argamu dubbatetti taʼuu hin oolu. (1 Qorontos 15:6) Kanaaf, yeroo Yesuus barattoota gochuu ilaalchisee ajaja kennetti, namoonni dhibbaan lakkaaʼaman dhagaʼaa turan jechuudha.