Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA KUDHAN

“Jedhamee Barreeffameera”

“Jedhamee Barreeffameera”

“Dubbiin Kitaaba Qulqulluu . . . kun harʼa raawwatameera”

1-3. Yesuus namoonni magaalaa Naazireet wanta barbaachisaa taʼe akkamii akka hubatan barbaadee ture? Ragaa akkamii dhiheesse?

 YEROONSAA yeroo Yesuus tajaajilasaa itti jalqabedha. Kiristoos gara magaalaa Naazireet ishii itti guddatetti deebiʼeera. Kaayyoonsaa, namoonni wanta barbaachisaa taʼe tokko, jechuunis inni Masiihii waaʼeensaa bara dheeraa dura raajiidhaan dubbatame taʼuusaa akka hubatan gargaaruudha. Maarree, ragaa akkamii dhiheessa laata?

2 Namoonni hedduun dinqii raawwata jedhanii eeganii akka turan hin shakkisiisu. Yesuus dinqii hedduu raawwachuusaa dhagaʼaniiru. Taʼus, mallattoo akkasii isaaniif hin kennine. Kanaa mannaa, akkuma yeroo kaan godhu gara mana sagadaa dhaqe. Achittis dubbisuuf yommuu kaʼu, maraan kitaaba Isaayyaas isaaf kenname. Maraan kun baayʼee dheeraadha; Yesuusis yaada barbaadu hamma argatutti suuta jedhee ulee isa tokkorraa gara ulee isa kaaniitti kitaabicha maraa ture. Achiis sagaleesaa ol kaasee yaada yeroo ammaatti Isaayyaas 61:1-3​rratti argamu dubbisuu jalqabe.—Luqaas 4:16-19.

3 Namoonni isa dhaggeeffachaa turan, yaada caqasa kanaa akka beekan hin shakkisiisu. Yaanni kun raajii waaʼee Masiihichaa dubbatudha. Namoonni mana sagadaa sana keessa jiran hundi Yesuusiin ilaalaa jiru. Namni dubbatu hin jiru. Achiis, “Dubbiin Kitaaba Qulqulluu amma dhageessan kun harʼa raawwatameera” jedhe; itti fufee ibsa balʼaa isaaniif kennee taʼuu dandaʼa. Namoonni isa dhaggeeffachaa turan wanta inni dubbate kan dinqisiifatan taʼus, baayʼeensaanii dinqii arguu barbaaduu hin oolan. Yesuus garuu, fakkeenya Kitaabota Qulqulluu keessatti argamu tokkotti fayyadamuudhaan amantiin akka isaanitti hirʼate ija jabinaan saaxileera. Utuma baayʼee hin turin, namoonni magaalaa Naazireet kun isa ajjeesuuf yaalii godhan!—Luqaas 4:20-30.

4. Yesuus tajaajilarratti fakkeenya akkamii nuu taʼeera? Boqonnaa kana keessatti waaʼee maalii qorra?

4 Yesuus guyyaa sanatti mala guutummaa tajaajilasaarratti itti fayyadamaa turetti fayyadameera. Wanti inni dubbatuu fi wanti godhu Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamerratti akka hundaaʼu godheera. Dhugaadha, dinqii raawwachuunsaa hafuura Waaqayyoo akka qabu ifatti argisiisa. Taʼus, hunda caalaa bakka guddaa kan kennu Dubbii Waaqayyootiif ture. Yesuus gama kanaan fakkeenya akkamii akka nuu taʼe haa ilaallu. Gooftaan keenya Yesuus Dubbii Waaqayyoorraa akkamitti akka caqase, Dubbii kanaaf akkamitti akka falmee fi Dubbii kana akkamitti akka ibse qorra.

Dubbii Waaqayyoorraa Caqaseera

5. Yesuus namoonni isa dhaggeeffachaa turan maal akka beekan barbaadee ture? Wanti dubbate dhugaa taʼuusaa kan mirkaneesse akkamitti?

5 Yesuus namoonni ergaansaa eessaa akka dhufe akka beekan barbaada ture. “Wanti ani barsiisu, kan isa na erge sanaa ti malee kan koo miti” jedheera. (Yohaannis 7:16) Yeroo kan biraattimmoo, ‘Ofiin kakaʼee homaa hin godhu, kanaa mannaa wantoota kana kanan dubbadhu akkuma Abbaan na barsiisetti’ jedheera. (Yohaannis 8:28) Akkasumas, “Ani wantootan isinitti dubbadhe ofii kootiin kakaʼee hin dubbanne; kanaa mannaa, Abbaa isa naa wajjin tokkummaa qabutu hojii isaa hojjechaa jira” jedheera. (Yohaannis 14:10) Wanti ergaan Yesuus Waaqayyo biraa akka dhufe nuuf mirkaneessu tokko, irra deddeebiʼee Dubbii Waaqayyoorraa caqasuusaati.

6, 7. (a) Yesuus Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaarraa yeroo hammamii caqaseera? Kunoo kan nama ajaaʼibsiisu maaliifi? (b) Barumsi Yesuus barumsa barsiisota seeraarraa adda kan taʼe akkamitti?

6 Dubbii Yesuus isa galmeeffame gadi fageenyaan yommuu qorru, kitaabota Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa walakkaadhaa ol taʼanirraa kallattiidhaan ykn al kallattiidhaan akka caqase hubanna. Kun taʼuunsaa nu hin dinqisiisu taʼa. Tarii, ‘Waggaa sadii fi walakkaadhaaf yommuu barsiisuu fi lallabu kitaabota kana hundumaarraa caqasuu ni dandaʼa ture’ jettee yaadda taʼa. Dhugaasaa dubbachuuf garuu, akkas godhee taʼuu dandaʼa. Wanta Yesuus dubbatee fi godhe keessaa kan galmeeffame muraasa qofa akka taʼe yaadadhu. (Yohaannis 21:25) Wanta Yesuus dubbatee fi barreeffamaan kaaʼame hunda saʼaatii muraasa keessatti dubbistee fixuuyyuu ni dandeessa taʼa. Saʼaatii muraasa waaʼee Waaqayyoo fi Mootummaasaa itti dubbate keessatti qofa Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa walakkaa olirraa caqasuu jechuun maal jechuu akka taʼe yaadi. Kana malees, Yesuus yeroo baayʼee maraa kitaabaa hin argatu ture. Lallabasaa isa Gaararraa isa baayʼee beekamaa taʼe yeroo dhiheessetti, kallattiidhaanis taʼe al kallattiidhaan Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaarraa yeroo baayʼee caqaseera; kan caqasees wanta yaadatti qabaterraa ture.

7 Yesuus Kitaabota Qulqulluurraa caqasuunsaa Dubbii Waaqayyootiif kabaja guddaa akka qabu argisiisa. “Namoonnis akkaataa inni itti barsiisu baayʼee dinqisiifatan; sababiin isaas, inni akka barsiisota seeraatti utuu hin taʼin, akka nama aangoo qabuutti isaan barsiisa ture.” (Maarqos 1:22) Barsiisonni seeraa, seera hayyoonni warra rabbii barsiisaa turan, jechuunis afoola barsiisuun isaan gammachiisa ture. Yesuus garuu afoola ykn wanta warri rabbii jedhan akka ragaatti caqasee hin beeku. Kanaa mannaa, Dubbiin Waaqayyoo aangoo olaanaa akka qabu waan amanuuf, yeroo baayʼee, “Jedhamee barreeffameera” jedha ture. Yommuu duuka buutotasaa barsiisuu fi yaada dogoggoraa sirreessu, irra deddeebiʼee akkas jedha ture.

8, 9. (a) Yesuus mana qulqullummaa yeroo qulqulleessetti, Dubbiin Waaqayyoo aangoo olaanaa akka qabu kan argisiise akkamitti? (b) Geggeessitoonni amantaa mana qulqullummaa keessatti Dubbii Waaqayyootiif kabaja akka hin qabne kan argisiisaan akkamitti?

8 Yesuus mana qulqullummaa Yerusaalemitti argamu yeroo qulqulleessetti, “‘Manni koo mana kadhannaa jedhama’ jedhamee barreeffameera; isin garuu holqa saamtotaa gochaa jirtu” jedheera. (Maatewos 21:12, 13; Isaayyaas 56:7; Ermiyaas 7:11) Guyyaa sana dura turetti, achitti dinqiiwwan ajaaʼibsiisoo taʼan hedduu raawwachaa ture. Yeroo kanatti ijoolleen baayʼee ajaaʼibsiifatanii isa jajuu jalqaban. Geggeessitoonni amantaa garuu aaranii wanta ijoolleen sun jechaa jiran dhagaʼuusaa isa gaafatan. Innis, “Eeyyee, nan dhagaʼa. ‘Afaan ijoollee fi afaan daaʼimmanii keessaa galata argamsiiste’ isa jedhame matumaa hin dubbisnee?” jedhee isaaniif deebise. (Maatewos 21:16; Faarfannaa 8:2) Yesuus, Dubbiin Waaqayyoo wanta ijoolleen sun gochaa jiran kan deggeru taʼuusaa isaan hubachiisuu barbaadee ture.

9 Sana booda geggeessitoonni amantaa sun walitti qabamanii, “Aangoo maaliitiin wantoota kana hojjetta?” jedhanii isa gaafatan. (Maatewos 21:23) Yesuus aangoosaa eessaa akka argate irra deddeebiʼee dubbata ture. Yaada haaraa taʼe barsiisaa hin turre. Wantuma Dubbiin Abbaasaa jedhu ibsaa ture. Kanaaf, luboonnii fi barsiisonni seeraa kun Yihowaas taʼe Dubbiisaatiif kabaja tokkollee akka hin qabne argisiisaa turan. Yesuus yaannisaanii hamaa taʼuusaa saaxiluudhaan isaan balaaleffachuunsaa sirrii ture.—Maatewos 21:23-46.

10. Akkaataa Dubbii Waaqayyootti itti fayyadamnuun fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Meeshaalee bara Yesuusitti hin turre akkamii qabna?

10 Kiristiyaanonni dhugaan yeroo harʼaa jiranis, akkuma Yesuus tajaajilarratti Dubbii Waaqayyootti fayyadamu. Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman, ergaa Kitaaba Qulqulluu namootatti himuuf fedhii kan qaban taʼuusaaniitiin beekamu. Barreeffamoonni keenya yaada Kitaaba Qulqulluu kan qabatanidha. Nutis tajaajila keenyarratti Kitaaba Qulqulluutti fayyadamna; yeroo namootaa wajjin haasofnu hundatti Kitaaba Qulqulluurraa caqasuun nutti tola. (2 Ximotewos 3:16) Namni tokko caqasa Kitaaba Qulqulluu akka isaaf dubbisnu, akkasumas faayidaa fi hiika Dubbiin Waaqayyoo qabu akka itti himnu yommuu nuuf heyyamu baayʼee gammanna. Akka Yesuus waan hunda yaadachuu baannus, meeshaalee bara Yesuusitti hin turre hedduu qabna. Kitaaba Qulqulluu guutuu yeroodhaa gara yerootti afaanota hedduudhaan qophaaʼuu fi meeshaalee caqasa Kitaaba Qulqulluu argachuun akka nuuf salphatu godhan hedduu qabna. Kanaafuu, carraa arganne hundatti yaada Kitaaba Qulqulluu namootaaf dubbisuuf haa murteessinu.

Dubbii Waaqayyootiif Falmuu

11. Yesuus Dubbii Waaqayyootiif yeroo baayʼee falmuun kan isa barbaachise maaliifi?

11 Yesuus yeroo baayʼee Seexannii fi hordoftoonnisaa Dubbii Waaqayyootti karaa sirrii hin taaneen yeroo fayyadaman argeera; taʼus, kun akka isa hin ajaaʼibsiisne beekamaadha. Kadhannaa gara Abbaasaatti dhiheesserratti, “Dubbiin kee dhugaa dha” jedheera. (Yohaannis 17:17) Yesuus, Seexanni ‘bulchaa addunyaa kanaa,’ akkasumas ‘sobduu fi abbaa sobaa’ akka taʼe beeka. (Yohaannis 8:44; 14:30) Yesuus yeroo Seexanni isa qoraa turetti siʼa sadii Kitaabota Qulqulluurraa caqaseera. Yeroo Seexanni kitaaba Faarfannaarraa caqasa tokko jalʼisee caqasetti, Yesuus gochasaa kana saaxiluudhaan Dubbii Waaqayyootiif falmeera.—Maatewos 4:6, 7.

12-14. (a) Geggeessitoonni amantaa Seera Museetiif kabaja akka hin qabne kan argisiisan akkamitti? (b) Yesuus Dubbii Waaqayyootiif kan falme akkamitti?

12 Yesuus warri kaan Kitaabota Qulqulluutti karaa sirrii hin taaneen yeroo fayyadaman, Dubbii Waaqayyootiif ni falma ture. Barsiisonni amantaa bara sanaa Dubbii Waaqayyoo jalʼisanii ibsu turan. Wantoota xixinnoo Seera Musee keessatti ibsaman eeguurratti garmalee kan xiyyeeffatan taʼus, dhugaawwan buʼuuraa seeronni kun irratti hundaaʼan hojiirra oolchuun barbaachisaa akka taʼe garuu isaanitti hin dhagaʼamu ture. Karaa kanaan wantoota alaan mulʼataniif xiyyeeffannaa kennuudhaan waaqeffannaa fakkeessaarratti hundaaʼe jajjabeessu turan; wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan, fakkeenyaaf, haqaa, gara laafinaa fi amanamummaa dagatanii turan. (Maatewos 23:23) Maarree, Yesuus Seera Waaqayyootiif kan falme akkamitti?

13 Yesuus Lallabasaa isa Gaaraarratti irra deddeebiʼee, “Akka jedhame dhageessaniittu” jechuudhaan Seera Museerraa caqaseera. Itti aansee, “Isinittan hima” jechuudhaan dhugaa buʼuuraa baayʼee barbaachisaa taʼee fi seericha duuba jiru ibsa ture. Yeroo kanatti Seericha mormaa turee? Lakki; kanaa mannaa Seerichaaf falmaa ture. Fakkeenyaaf, namoonni isa dhaggeeffachaa turan, seera “Hin ajjeesin” jedhu sirriitti beeku. Haataʼu malee, Yesuus nama tokko jibbuun dhugaa buʼuuraa seera kana duuba jiru mormuu akka taʼe dubbateera. Haaluma wal fakkaatuun, namni tokko hiriyaa gaaʼelaasaatii alatti nama kan biraadhaaf miira addaa yoo qabaate, dhugaa buʼuuraa seerri Waaqayyoo ejja ilaalchisee kenne irratti hundaaʼe akka mormu argisiisa.—Maatewos 5:17, 18, 21, 22, 27-39.

14 Dhumarrattis Yesuus, “‘Michuu kee jaalladhu, diina kee jibbi’ akka jedhame dhageessaniittu. Ani garuu isiniin nan jedha, diinota keessan jaallachuu fi warra isin ariʼataniif kadhachuu keessan itti fufaa” jedheera. (Maatewos 5:43, 44) Haataʼu malee, ajajni “diina kee jibbi” jedhu Dubbii Waaqayyoo keessaa kan fudhatamedhaa? Lakki, yaanni kun yaada geggeessitoonni amantaa ofiisaaniitiin uumanii barsiisaa turanidha. Namoonni kun, Seera Waaqayyoo isa mudaa hin qabne ilaalcha namootaatiin busheessaniiru. Yesuus sodaa tokko malee Dubbii Waaqayyoo miidhaa duudhaan namootaa geessisurraa eegeera.—Maarqos 7:9-13.

15. Yesuus yaada Seerri Waaqayyoo garmalee cimaa fi rakkisaadha jedhu akka mormu kan argisiise akkamitti?

15 Geggeessitoonni amantaa Seerri Waaqayyoo garmalee cimaa fi rakkisaa akka fakkaatu godhaniiru. Barattoonni Yesuus maasii keessa utuu darbanii asheeta yommuu ciratan, Fariisonni tokko tokko seera Sanbataa akka cabsan dubbatan. Yesuus Dubbii Waaqayyoo ilaalcha madaallii isaa hin eegne kanarraa eeguuf, fakkeenya Kitaabota Qulqulluu keessatti argamu tokkotti fayyadameera. Yaada Daawitii fi namoonnisaa yeroo beelaʼanii turanitti iddoo qulqulluutii alatti daabboo ilaalchaa akka nyaatan dubbatu caqaseera. Akka kanaan Yesuus, Fariisonni sun araaraa fi gara laafina Yihowaa akka hin hubanne ifa godheera.—Maarqos 2:23-27.

16. Geggeessitoonni amantaa ajaja Museen wal hiikuu ilaalchisee kenne kan jalʼisan akkamitti? Yesuus hoo maal jedhe?

16 Geggeessitoonni amantaa kun qajeelfamoota Seera Waaqayyoo eeguu dhiisuuf isaan gargaarus qopheeffatanii turan. Fakkeenyaaf, Seerichi namni tokko haadha manaasaarratti “wanta qaanessaa” taʼe yoo arge akka ishii hiiku ni heyyama ture; kun rakkina cimaa maaticharratti qaanii fidu taʼuu hin oolu. (Keessa Deebii 24:1) Haataʼu malee, bara Yesuus lafarra turetti geggeessitoonni amantaa namni tokko sababii akkamiitiiniyyuu haadha manaa isaa akka hiiku isaaf heyyamuuf seera kanatti fayyadamu turan; fakkeenyaaf, nyaata jalaa yoo gubdellee ishii hiikuu akka dandaʼu dubbatu turan. a Yesuus namoonni kun yaada Museen geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreesse garmalee akka jalʼisan ifa godheera. Achiis gaaʼelli hundeeffamuu kan qabu dhiira tokkoo fi dubartii tokko qofa gidduutti akka taʼe, akkasumas wanti wal hiikuuf sababa taʼuu dandaʼu ejja qofa akka taʼe dubbachuudhaan ulaagaa jalqabaa Yihowaan gaaʼelaaf baase ibseera.—Maatewos 19:3-12.

17. Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran Dubbii Waaqayyootiif falmuu ilaalchisee fakkeenya Yesuus kan hordofan akkamitti?

17 Duuka buutonni Kiristoos yeroo harʼaatti argamanis, yaalii Kitaabota Qulqulluu jalʼisuuf godhamu mormuu akka qaban isaanitti dhagaʼama. Geggeessitoonni amantaa, ulaagaan amalaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu yeroon kan itti darbe akka taʼe yeroo dubbatan Kitaaba Qulqulluu akka morman argisiisu. Amantaawwan sobaa barumsawwan sobaa isaan barsiisan Kitaaba Qulqulluurratti akka hundaaʼan yeroo dubbatanis Kitaaba Qulqulluu mormaa jiru. Dubbii Waaqayyoo isa qulqulluu taʼeef falmuuf mirga argachuu keenya akka ulfina guddaatti ilaalla; fakkeenyaaf, Waaqayyo kutaa Sillaasee akka hin taane saaxiluun nu gammachiisa. (Keessa Deebii 4:39) Kana kan goonu garuu malaan, garraamummaadhaan, akkasumas ulfina guddaadhaan taʼuu qaba.—1 Pheexiros 3:15.

Dubbii Waaqayyoo Ibsuu

18, 19. Fakkeenyawwan Yesuus Dubbii Waaqayyoo ibsuurratti dandeettii guddaa akka qabu argisiisan kamfaʼi?

18 Kitaabonni Qulqulluun Afaan Ibrootaa yeroo barreeffamanitti Yesuus samii keessa ture. Gara lafaa dhufee Dubbii Waaqayyoo ibsuuf carraa argachuusaatti baayʼee akka gammade beekamaadha. Fakkeenyaaf, erga duʼaa kaʼee booda, yeroo barattootasaa lamaa wajjin karaa gara Emaahusitti geessurratti wal argetti wanta taʼe yaadi. Eenyummaasaa beekuusaanii dura, duʼa Gooftaasaanii isa jaallatamaa taʼetti baayʼee akka gaddanii fi akka jeeqaman itti himaa turan. Maarree, yeroo kanatti maal godhe? “Musee fi Raajota hunda irraa jalqabee wantoota Kitaabota Qulqulluu hunda keessatti waaʼee isaa dubbataman isaaniif ibsuu jalqabe.” Yeroo kanatti maaltu isaanitti dhagaʼame? “Yommuu inni karaa irratti nutti dubbachaa fi Kitaabota Qulqulluu akka gaariitti nuuf ibsaa ture sanatti garaan keenya nu keessatti gubachaa hin turree?” waliin jedhaniiru.—Luqaas 24:15-32.

19 Guyyuma sana saʼaatii muraasa booda, Yesuus ergamootasaa fi namoota kan biroo wajjin wal arge. Yeroo kanatti maal akka godhe hubadhu: “Hiika Kitaabota Qulqulluu akka hubataniif guutummaatti sammuu isaanii isaaniif bane.” (Luqaas 24:45) Yeroon gammachiisaa taʼe sun, wantoota hedduu Yesuus isaaniifis taʼe warra isa dhaggeeffatan hundaaf gochaa ture akka isaan yaadachiise hin shakkisiisu. Yeroo baayʼee caqasoota dhaggeeffattoonnisaa sirriitti beekan caqasuu fi karaa ilaalchasaaniirratti jijjiirama fiduun ibsuudhaan, Dubbii Waaqayyoorraa hubannaa haaraa fi gadi fageenya qabu akka argatan godha ture.

20, 21. Yesuus wanta Yihowaan harangamaa bobaʼaa ture tokko biratti Museetti hime kan ibse akkamitti?

20 Yeroo tokko Yesuus tuuta Saduqootaa wajjin mariʼachaa ture. Saduqoonni garee geggeessitoota amantaa Yihudootaa duʼaa kaʼuutti hin amannee turan. Yesuus akkas isaaniin jedhe: “Duʼaa kaʼuu warra duʼanii ilaalchisee wanta Waaqayyo akkana jedhee isinitti dubbate hin dubbisnee? Inni, ‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoobi’ jedheera. Inni Waaqa warra jiraatoo ti malee, Waaqa warra duʼanii miti.” (Maatewos 22:31, 32) Saduqoonni caqasa kana sirriitti beeku; caqasicha kan barreesse Musee isa isaan ulfina guddaa kennaniifidha. Ibsi Yesuus kenne kun humna guddaa akka qabu hubattee?

21 Museen Dh.K.D. naannoo bara 1514​tti, harangamaa bobaʼaa ture tokko biratti Yihowaa wajjin haasaʼee ture. (Baʼuu 3:2, 6) Yeroo sanatti Abrahaam erga duʼee waggaan 329, Yisihaq erga duʼee waggaan 224, Yaaqoob erga duʼeemmoo waggaan 197 darbee ture. Taʼus, Yihowaan yeroo sanattillee, ‘Ani Waaqa isaaniiti’ jedheera. Saduqoonni sun Yihowaan akka waaqolii warra duʼanirratti bulchu jedhamanii yaadamanii akka hin taane beeku. Inni akkuma Yesuus jedhe “Waaqa warra jiraatoo ti.” Kun maal jechuudha? Dhumarratti Yesuus, “hundi isaanii isaaf jiraatoo” akka taʼan ibsuudhaan yaada humna guddaa qabu dubbateera. (Luqaas 20:38) Tajaajiltoonni Yihowaa jaallatamoo taʼanii fi duʼaan boqotan, yaadannoosaa isa daangaa hin qabnee keessa jiru. Kaayyoon Yihowaan namoota kana duʼaa kaasuuf qabu mirkanaaʼaa waan taʼeef, akka waan lubbuudhaan jiraniitti ilaalamuu dandaʼu. (Roomaa 4:16, 17) Kun Yesuus Dubbii Waaqayyoo karaa ajaaʼibsiisaa taʼeen ibsaa akka ture kan argisiisu mitii? Uummanni isa dhaggeeffachaa turan ‘baayʼee dinqisiifachuunsaanii’ nama hin ajaaʼibsiisu.—Maatewos 22:33.

22, 23. (a) Dubbii Waaqayyoo ibsuu ilaalchisee fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Boqonnaa itti aanurratti waaʼee maalii ilaalla?

22 Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiranis, akkuma Yesuus Dubbii Waaqayyoo ibsuuf mirga argataniiru. Dhugaadha, nuti sammuu mudaarraa bilisa taʼe hin qabnu. Taʼus, yeroo baayʼee warra kaanitti caqasuma isaan beekan isaanitti argisiisnee, karaa kanaan dura yaadanii hin beekneen isaaniif ibsuu dandeenya. Fakkeenyaaf, namoonni kun Maqaa Waaqayyoos taʼe maalummaa Mootummaasaa beekuu baatanis, umuriisaanii guutuu irra deddeebiʼanii, “Maqaan kee haa qulqullaaʼu,” akkasumas “Mootummaan kee haa dhufu” jedhanii kadhachaa turan taʼa. (Maatewos 6:9, 10) Namni tokko dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman akkasii ilaalchisee ibsa ifaa fi salphaa taʼe akka isaaf kenninu yommuu nuuf heyyamu baayʼee gammanna!

23 Karaawwan guguddaan fakkeenya Yesuus hordofuudhaan dhugaa Kitaaba Qulqulluu warra kaan itti barsiisnu, Dubbii Waaqayyoorraa caqasuu, dubbii kanaaf falmuu fi dubbii kana ibsuudha. Itti aansuudhaan, malawwan gaggaarii Yesuus dhaggeeffattoonnisaa dhugaa Kitaaba Qulqulluu akka hubatan gargaaruuf itti fayyadame muraasa ilaalla.

a Barreessaa seenaa jaarraa jalqabaa kan taʼe Joseefas Fariisii haadha manaasaa hiike yeroo taʼu, yeroo booda “sababii akkamiitiiniyyuu (yeroo baayʼee sababii kan dhiheessan dhiirotadha)” hiriyaa gaaʼelaa hiikuun akka heyyamamu dubbateera.