Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA SADDEET

“Kanaafan Ergame”

“Kanaafan Ergame”

1-4. (a) Yesuus dubartii biyya Samaariyaa tokkoof malaan kan lallabe akkamitti? Kunoo buʼaa akkamii argamsiise? (b) Ergamootasaatti maaltu dhagaʼame?

 YESUUSII fi ergamoonnisaa kallattii kaabaatiin Yihudaadhaa gara Galiilaa deemaa jiru. Karaa gabaabaan isaan irra deemaa jiran, karaa guyyaa sadii fudhatuu fi Samaariyaa keessa darbudha. Guyyaa walakkaa magaalaa xinnoo Siikaar jedhamtu bira gaʼanii takka boqotan.

2 Yeroo ergamoonnisaa nyaata bituu dhaqanitti, Yesuus boolla bishaanii magaalattiidhaa ala jiru tokko bira taaʼe. Yeroo kanatti dubartiin tokko bishaan waraabbachuu dhufte. Yesuus “karaa deemuu isaatiin waan dadhabeef” dubartii kana haasofsiisuu dhiisuu dandaʼa ture. (Yohaannis 4:6) Ishii haasofsiisuu mannaa, dunuunfatee utuu xinnoo boqotee namni isa komatu hin jiru. Akkuma Boqonnaa 4​ffaarratti ilaalle, dubartiin kun namni Yihudii taʼe kamiyyuu akka ishii tuffatu beekti. Yesuus garuu ishii haasofsiisuu jalqabe.

3 Haasaasaa kan jalqabe, wanta dubartittiin yeroo sana gochaa turte akka fakkeenyaatti fayyadameeti. Iddoo kana kan dhufte bishaan waraabbachuufi; Yesuusis waaʼee bishaan jireenyaa isa karaa hafuuraa dheebuu ishii baasuu dubbate. Dubartittiin irra deddeebitee yaada falmiitti geessuu dandaʼu kaasti turte. a Yesuus garuu yaada akkasiirratti xiyyeeffachuu mannaa malaan mariinsaanii akka itti fufu godheera. Dhimmawwan hafuuraarratti, jechuunis waaqeffannaa qulqulluu fi Yihowaarratti xiyyeeffatee ture. Dubartittiin ergaasaa kana namoota magaalattiitti himuu ishiitiin, isaanis Yesuusiin dhaggeeffachuuf fedhii waan argisiisaniif, wanti inni ishiitti hime faayidaa guddaa argamsiiseera.—Yohaannis 4:3-42.

4 Ergamoonnisaa yommuu deebiʼanii dhufan, Yesuus dubartii kanaaf yommuu dhugaa baʼu arguusaaniitti maaltu isaanitti dhagaʼame? Wanta arganitti kan gammadan hin fakkaatu. Yesuus dubartii kanaa wajjin dubbachuunsaallee isaan ajaaʼibsiiseera; haala isaarraa akka hubannutti ishiis hin haasofsiisne. Erga ishiin deemtee booda, nyaata fidanii dhufan sana akka nyaatu Yesuusiin gaafatan. Inni garuu, “Ani nyaatan nyaadhu qaba; isin garuu waaʼee isaa hin beektan” isaaniin jedhe. Jalqabarratti, wanta inni dubbate kallattiidhaan waan fudhataniif jechisaa bitaa isaanitti taʼee ture. Kanaaf, “Nyaanni koo, fedhii isa na erge sanaa raawwachuu fi hojii isaa xumuruu dha” jedhee isaaniif ibse. (Yohaannis 4:32, 34) Karaa kanaan, hojiin inni bakka guddaa kennuuf, nyaatarra akka isaaf caalu isaan barsiise. Isaanis hojii kanaaf ilaalchuma akkasii akka qabaatan barbaada ture. Ofii hojiin kun maalidha?

5. Hojiin Yesuus inni guddaan maal ture? Boqonnaa kana keessatti waaʼee maalii qorra?

5 Yeroo tokko Yesuus, “Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo . . . lallabuun qaba; sababiin isaas, ani kanaafan ergame” jedhee ture. (Luqaas 4:43) Eeyyee, Yesuus kan ergame, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo akka lallabuu fi akka barsiisuufi. b Duuka buutonni Yesuus yeroo harʼaa jiranis hojii kana hojjetu. Kanaaf, Yesuus maaliif akka lallabe, maal akka lallabee fi hojiisaa kanaaf ilaalcha akkamii akka qabu qoruun keenya barbaachisaadha.

Yesuus kan Lallabe Maaliifi?

6, 7. Yesuus, “barsiisaan sabaa” hundi misiraachicha lallabuu ilaalchisee maaltu akka itti dhagaʼamu barbaada? Fakkeenyaan ibsi.

6 Yesuus, dhugaa barsiisaa ture sanaaf ilaalcha akkamii akka qabu haa ilaallu; achiis namoota barsiisaa tureef ilaalcha akkamii akka qabu qorra. Yesuus dhugaa Yihowaan isa barsiise namoota kaanitti himuu ilaalchisee maaltu akka isatti dhagaʼamu ibsuuf fakkeenya ifaa fi salphaa taʼe tokkotti fayyadameera. Akkas jedhe: “Barsiisaan sabaa inni waaʼee Mootummaa samii barate hundi, gooftaa manaa mana kuusaa isaa keessaa miʼa haaraa fi miʼa moofaa gad baasuu wajjin wal fakkaata.” (Maatewos 13:52) Gooftaan manaa fakkeenya kanarratti ibsame, mana kuusaasaa keessaa miʼa kan gad baasu maaliifi?

7 Gooftaan manaa kun kana kan godhu miʼasaa argisiifachuuf miti; yeroo tokko Hisqiyaas Mootichi qabeenyasaa warra kaanitti argisiifachuuf gad baasee ture; kunis rakkina isatti fideera. (2 Mootota 20:13-20) Gooftaan manaa kun akkas gochuuf kan isa kakaase maalidharee? Fakkeenyaaf, mana barsiisaa jaallattu tokkoo dhaqxe haa jennu. Innis xalayaa moofaa fi xalayaa haaraa baasee sitti argisiisa. Xalayaawwan kana kan isaaf erge abbaasaati; xalayaan inni tokko yeroo inni ijoollee turetti, inni tokkommoo dhiheenyatti isaaf ergame. Xalayaawwan kanaaf bakka guddaa akka kennu, gorsi isaan qabatan jireenyasaa baayʼee akka jijjiiree fi siinis si fayyaduu akka dandaʼu yeroo sitti himu fuullisaa gammachuudhaan ifee ture. Barsiisaan kun xalayaawwan kanaaf bakka guddaa akka kennu ifadha. (Luqaas 6:45) Xalayaawwan kana kan sitti argisiise, ittiin of jajuuf ykn faayidaa tokko argachuuf utuu hin taʼin, si gargaaruu fi baayʼee gati guddaa akka qaban sitti himuu waan barbaadeefi.

8. Dhugaan Dubbii Waaqayyoorraa baranne iddoo guddaa akka qabu nutti dhagaʼamuunsaa sirrii kan taʼe maaliifi?

8 Barsiisaa Guddicha kan taʼe Yesuusis, dhugaa Kitaaba Qulqulluu warra kaanitti himuuf wanti isa kakaase kanuma. Dhugaa kanaaf iddoo guddaa kenna. Dhugaa kana waan jaallatuuf, warra kaanitti himuuf hawwii guddaa qaba. “Barsiisaan sabaa,” jechuunis duuka buutonnisaa hundi akkas akka isaanitti dhagaʼamu barbaada. Nutoo akkas nutti dhagaʼamaa? Sababii dhugaa Dubbii Waaqayyoorraa baranne hunda jaallachuuf nu kakaasu qabna. Dhugaa yeroo dheeraa dura baranneefis taʼe, dhiheenyatti sirreeffamni irratti godhameef bakka guddaa kennina. Akkuma Yesuus nutis dhugaa kana hinaaffaadhaan namootatti himuu fi wanta Yihowaan nu barsiise jaallachuudhaan, warri kaanis dhugaa kana akka jaallatan gargaaruu dandeenya.

9. (a) Yesuus namoota barsiisaa ture ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama ture? (b) Ilaalcha Yesuus namootaaf qabu qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Kutaa 3​ffaa keessatti balʼinaan akkuma ilaallu, Yesuus namoota barsiisus ni jaallata ture. Masiihichi, “isa rakkataa fi isa hiyyeessa taʼeef [akka gaddu]” raajiin dubbatamee ture. (Faarfannaa 72:13) Eeyyee, Yesuus namootaaf ni yaada. Yaadaa fi ilaalcha isaan hawwatuuf xiyyeeffannaa ni kenna ture; haalli isaan keessa jiran waan isa yaaddessuuf, baʼaa isaanitti ulfaatee jiruu fi gufuu dhugaa barachuun akka isaanitti ulfaatu godhu ni hubata ture. (Maatewos 11:28; 16:13; 23:13, 15) Fakkeenyaaf, dubartii biyya Samaariyaa sana yaadadhu. Yesuus xiyyeeffannaa ishiidhaaf kennuunsaa akka ishii ajaaʼibsiise hin shakkisiisu. Haala ishiin keessa jirtu hubachuunsaa, raajii taʼuusaa amanuu fi waaʼeesaa warra kaanitti himuuf ishii kakaaseera. (Yohaannis 4:16-19, 39) Nuti duuka buutonni Yesuus yeroo harʼaa jirru wanta namoonni haasofsiisnu garaasaaniitti yaadan hubachuu akka hin dandeenye beekamaadha. Taʼus, akkuma Yesuus namootaaf xiyyeeffannaa kennuu, akka isaaniif yaannu argisiisuu, akkasumas waaʼee wantoota isaan hawwatanii, rakkoowwan isaanii fi wantoota isaan barbaachisanii kaasuu dandeenya.

Yesuus Waaʼee Maalii Lallabe?

10, 11. (a) Wanti Yesuus lallabe maalidha? (b) Mootummaan Waaqayyoo kan barbaachise maaliifi?

10 Yesuus waaʼee maalii lallabe? Deebii gaaffii kanaa argachuuf wanta waldaaleen amantaa Kiristiyaanaa hedduun barsiisan qoraa turte taanaan, Yesuus jireenya hawaasummaa fooyyessuu barbaadee akka ture sitti dhagaʼama taʼa. Tariimmoo Yesuus jijjiirama siyaasaa fiduu akka barbaadu ykn iddoo guddaa kan kennu fayyina namootaatiif akka taʼe yaadda taʼa. Taʼus Yesuus, “Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo . . . lallabuun qaba” jechuudhaan ifatti dubbateera. Kun maalfaa dabalata?

11 Yesuus yeroo Seexanni maqaa Yihowaa arrabsettii fi akkaataan Waaqayyo itti bulchu qajeelaa taʼuusaa ilaalchisee gaaffii kaasetti samii keessa taʼee ilaalaa akka ture yaadadhu. Yesuus Abbaansaa inni qajeelaan Bulchaa jalʼaa uumamawwansaa wanta gaarii dhowwatu akka taʼetti yeroo himatamu baayʼee gaddee akka ture beekamaadha. Ilmi Waaqayyoo yeroo Addaamii fi Hewaan warri ilmaan namootaa hundaaf abbaa fi haadha taʼan soba Seexanaa amananitti baayʼee gaddee akka ture ifadha. Ilmi Waaqayyoo fincila kanaan kan kaʼe ilmaan namootaa cubbuu fi duʼaaf yeroo saaxilaman argeera. (Roomaa 5:12) Haataʼu malee, Abbaansaa gaaf tokko wantoota kanaaf furmaata akka kennu yeroo beeketti baayʼee akka gammade beekamaadha.

12, 13. Mootummaan Waaqayyoo wantoota akkamiitiif furmaata kenna? Yesuus tajaajilasaarratti Mootummaa kanaaf xiyyeeffannaa guddaa kan kenne akkamitti?

12 Dhimmoota furmaata argachuu qaban keessaa inni guddaan maalidha? Maqaan Yihowaa inni qulqulluun arrabsoo Seexannii fi warri Seexana cinaa goran irra tuulan hundarraa qulqullaaʼuu qaba. Maqaan Yihowaa inni bulchaa akkamii akka taʼes kan argisiisu waan taʼeef, olaantummaa qabaachuuf mirga akka qabu, jechuunis akkaataan inni itti bulchu hundarra akka caalu mulʼachuu qaba. Yesuus, nama kamiyyuu caalaa dhimma barbaachisaa taʼe kana hubateera. Akkamitti akka kadhatan yeroo duuka buutotasaa barsiisetti, jalqaba maqaan Abbaasaa akka qulqullaaʼu, achiis Mootummaan Abbaasaa akka dhufu, itti aansuudhaanimmoo fedhiin Waaqayyoo lafarratti akka raawwatamu akka kadhatan isaanitti himeera. (Maatewos 6:9, 10) Mootummaan Waaqayyoo inni Yesuus Kiristoosiin geggeeffamu, dhiheenyatti addunyaa Seexanaa isa mancaʼaa taʼe lafarraa balleessuudhaan bulchiinsi Yihowaa barabaraaf hundarra akka caalu argisiisa.—Daaniʼel 2:44.

13 Barumsi Yesuus Mootummaa kanarratti kan xiyyeeffatu ture. Wanti inni dubbatee fi wanti inni godhe hundi Mootummaan kun maal akka taʼee fi kaayyoo Yihowaa kan raawwatu akkamitti akka taʼe kan argisiisu ture. Yesuus, wanti akkamiiyyuu misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuu akka isa dhoowwu hin heyyamne. Yeroo lafarra turetti dhimmoonni hawaasaa furmaata barbaadan kan jiranii fi jalʼinni babalʼatee kan ture taʼus, ergaasaa fi hojiisaarratti xiyyeeffateera. Yesuus hojii Mootummichaatiif xiyyeeffannaa akkasii kennuunsaa, ilaalcha dhiphaa akka qabu, rakkinni namaa akka isaaf hin gallee fi akkaataan inni itti barsiisu kan nama nuffisiisu akka taʼe argisiisaa? Matumaa!

14, 15. (a) Yesuus, “Solomoon irra kan caalu” taʼuusaa kan argisiise akkamitti? (b) Ergaa lallabnuun fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Akkuma kutaa kana keessatti ilaallu, Yesuus barumsasaa karaa nama hawwatuun dhiheesse. Karaa garaa namootaa tuquun barsiisa ture. Akkaataan Yesuus itti barsiise, Solomoon Mooticha isa wanta Yihowaan isatti mulʼise barreessuuf jechoota nama gammachiisanii fi dhugaa taʼan barbaadaa ture sana nu yaadachiisa. (Lallaba 12:10) Yihowaan nama mudaa qabu kanaaf “gara balʼina” kenneera; Solomoon simbirroota, qurxummiilee, mukeetii fi bineensota dabalatee waaʼee wantoota garaagaraa hedduu dubbachuu dandaʼeera. Namoonni wanta Solomoon dubbatu dhagaʼuuf biyya fagoodhaa dhufu turan. (1 Mootota 4:29-34) Taʼus, Yesuus “Solomoon irra kan caalu” ture. (Maatewos 12:42) Ogummaasaatiinis taʼe “gara balʼina” isaatiin Solomoonirra baayʼee caala. Yesuus yommuu namoota barsiisu, beekumsa guddaa Dubbii Waaqayyoorraa argatetti fayyadameera, akkasumas simbirroota, bineensota, qurxummiilee, hojii qonnaa, haala qilleensaa, wantoota yeroo sanatti raawwatamaa turan, seenaa fi dhimmoota hawaasummaa ilaalchisee beekumsa guddaa qabutti fayyadama ture. Haataʼu malee, warra kaan ajaaʼibsiisuuf jedhee beekumsa isaatti fayyadamee hin beeku. Ergaansaa salphaa fi ifa ture. Namoonni wanta inni dubbatu dhaggeeffachuuf baayʼee hawwuunsaanii nama hin ajaaʼibsiisu!—Maarqos 12:37; Luqaas 19:48.

15 Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiranis fakkeenya Yesuus hordofuuf carraaqqii godhu. Nuti ogummaa fi beekumsa guddaa Yesuus qabu hin qabnu; taʼus, hundi keenyayyuu beekumsaa fi muuxannoo dhugaa Dubbii Waaqayyoo namoota barsiisuuf itti fayyadamuu dandeenyu muraasa qabna. Fakkeenyaaf warri, muuxannoo yommuu ijoollee guddisan argatanitti fayyadamanii jaalala Yihowaan ijoolleesaatiif qabu ibsuu dandaʼu. Warri kaanimmoo, fakkeenya bakka hojii ykn mana barumsaatti argatanitti, akkasumas muuxannoo namoota wajjin jiraachuudhaan argatanitti ykn wantoota barasaaniitti raawwatamaa jiranitti fayyadamuu dandaʼu. Yeroo namoota barsiisnu wantoota garaagaraatti fayyadamuu kan dandeenyu taʼus, kaayyoon keenya inni guddaan misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuu akka taʼe dagachuu hin qabnu.—1 Ximotewos 4:16.

Ilaalcha Yesuus Tajaajilasaatiif Qabu

16, 17. (a) Yesuus tajaajilasaatiif ilaalcha akkamii qaba ture? (b) Yesuus jireenyisaa tajaajilasaarratti akka xiyyeeffatu akka godhe kan argisiise akkamitti?

16 Yesuus tajaajilasaatiif iddoo guddaa kenna ture. Namoonni barumsaa fi duudhaa namootaarraa bilisa baʼanii, eenyummaa Abbaasaa isa samii akka hubatan gargaaruun baayʼee isa gammachiisa ture. Yesuus namoonni Yihowaa biratti fudhatama akka argatanii fi abdii jireenya barabaraa akka qabaatan gargaaruuf fedhii guddaa qaba ture. Misiraachichi jajjabinaa fi gammachuu akka argamsiisu waan beekuuf, misiraachicha namootatti himuun baayʼee isa gammachiisa ture. Fedhii akkasii akka qabu kan argisiise akkamitti? Mee karaawwan sadan kana itti argisiise haa ilaallu.

17 Tokkoffaa, Yesuus jireenyisaa tajaajilasaarratti akka xiyyeeffatu godheera. Yesuus jireenya isaa keessatti iddoo guddaa kan kennu hojii lallabaatiif ture. Akkuma Boqonnaa 5​ffaarratti ilaalle, Yesuus jireenyasaa salphaa kan godhe kanaafi. Akkuma warra kaan gorsu, wanta caalaatti barbaachisaa taʼerratti xiyyeeffateera. Wantoota maallaqa hedduu gaafatan, kunuunsa barbaadan, suphamuu qabanii fi yeroo boodammoo bakka buufamuun isaan barbaachisu qabaachuudhaan yaannisaa akka hihiramu hin heyyamne. Wanti akkamiiyyuu tajaajilasaarraa duubatti akka isa harkisu waan hin barbaanneef jireenya salphaa jiraateera.—Maatewos 6:22; 8:20.

18. Yesuus tajaajilasaatiif guutummaatti kan of kenne karaawwan kamiini?

18 Lammaffaa, Yesuus tajaajilasaatiif guutummaatti of kenneera. Namoota misiraachicha itti himu barbaacha, guutummaa biyya Paalastiinaa keessa miillasaatiin kiilomeetira dhibbaan lakkaaʼamu deemeera; kunimmoo humna guddaa gaafata. Mana namootaatti, karaarratti, bakka gabaattii fi iddoo kan biraatti misiraachicha lallaba ture. Yeroo boqonnaan, nyaanni, bishaan ykn michootasaa wajjin bashannanuun isa barbaachisee turettillee namoota haasofsiiseera. Yeroo duʼuuf jedhuttillee misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo namootatti himuusaa itti fufee ture.—Luqaas 23:39-43.

19, 20. Yesuus hojiin lallabaa ariifachiisaa taʼuusaa fakkeenyaan kan ibse akkamitti?

19 Sadaffaa, Yesuus tajaajillisaa ariifachiisaa akka taʼe isatti dhagaʼameera. Marii dubartii biyya Samaariyaa sanaa wajjin godhe yaadadhu. Ergamoonni Yesuus haala akkasii keessatti misiraachicha warra kaanitti himuun barbaachisaa akka taʼe akka isaanitti hin dhagaʼamne ifadha. Yesuus akkana isaaniin jedhe: “Isin makarri gaʼuuf jiʼa afurtu hafa jettu mitii? Kunoo, ani isiniin nan jedha, ija keessan ol kaasaatii maasicha ilaalaa; inni addaatee haamaadhaaf gaʼeera.”—Yohaannis 4:35.

20 Yesuus akkas kan jedhe waqtii haamaa sammuutti qabateeti. Haalasaarraa hubachuun akka dandaʼamutti jiini kun jiʼa Kiisluu (Sadaasa/Muddee) ture. Haamaan garbuu kan jalqabu, jiʼa afur booda, jechuunis naannoo Ayyaana Faasikaa isa Niisaan 14​tti kabajamuttidha. Kanaaf, qonnaan bultoonni yeroo sanatti waaʼeen haamaa isaan hin yaaddessu ture. Ammayyuu yeroo dheeraa qabu. Hojiin namoota sassaabuuhoo ariifachiisaa turee? Eeyyee, namoonni hedduun dhagaʼuuf, barachuuf, akkasumas barattoota Kiristoos taʼuu fi abdii dinqisiisaa Yihowaan isaaniif qopheesse argachuuf qophaaʼoo turan. Yesuus namoota kana yeroo ilaalu, maasii midhaan addaatee haamaadhaaf gaʼee fi qilleensaan asiif achi raafamu keessa guute yaadaan ilaalaa ture. c Namoonni sun misiraachicha dhagaʼuuf qophaaʼoo waan turaniif, hojichi ariifachiisaa ture. Kanaan kan kaʼes, Yesuus namoonni magaalaa tokkoo isaan bira akka turu gochuuf yommuu yaalanitti, “Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo magaalota kaanittis lallabuun qaba; sababiin isaas, ani kanaafan ergame” isaaniin jedheera.—Luqaas 4:43.

21. Fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

21 Karaawwan sadan kanaan fakkeenya Yesuus hordofuu dandeenya. Jireenya keenya adda durummaadhaan tajaajila keenyarratti akka xiyyeeffatu gochuu dandeenya. Hojiin kan nutti baayʼatuu fi itti gaafatamummaa maatii kan qabnu yoo taʼellee, akkuma Yesuus yeroo hunda hinaaffaadhaan tajaajiluudhaan hojii lallabaatiif dursa akka kenninu argisiisuu dandeenya. (Maatewos 6:33; 1 Ximotewos 5:8) Hojii kana deggeruuf yeroo, humnaa fi qabeenya keenya arjummaadhaan kennuudhaan, tajaajila keenyaaf guutummaatti of kennuu dandeenya. (Luqaas 13:24) Kana malees, hojiin keenya ariifachiisaa taʼuusaa yeroo hunda yaadachuu qabna. (2 Ximotewos 4:2) Carraa arganne hundatti fayyadamnee lallabuu qabna.

22. Boqonnaa ittaanurratti waaʼee maalii ilaalla?

22 Yesuus erga inni duʼee boodas hojichi akka itti fufu nuuf mirkaneessuunsaa, hojiin kun iddoo guddaa akka qabu argisiisa. Duuka buutonnisaa lallabuu fi barsiisuusaanii akka itti fufan isaan ajajeera. Boqonnaa itti aanurratti waaʼee kanaa ilaalla.

a Fakkeenyaaf, inni nama Yihudii taʼee utuu jiruu dubartii biyya Samaariyaa maaliif akka haasofsiise isa gaafachuudhaan, jibba bara dheeraadhaaf saboota lamaan gidduu ture caqasteetti. (Yohaannis 4:9) Kana malees, sabnishii sanyii Yaaqoob akka taʼan dubbatteetti; Yihudoonni bara sanaammoo yaada kana cimsanii mormu turan. (Yohaannis 4:12) Yihudoonni, warri Samaariyaa biyya Faarsi Kutaah jedhamturraa waan dhufaniif, “Warra Kutaah” jedhanii isaan waamu turan.

b Lallabuu jechuun ergaa tokko labsuu ykn beeksisuu jechuudha. Barsiisuun, lallabuu wajjin hiika wal fakkaatu kan qabu taʼus, ergaa tokko gadi fageenyaa fi balʼinaan ibsuu dabalata. Akka gaariitti barsiisuun, barattoonni garaansaanii tuqamee wanta dhagaʼan hojiirra akka oolchan isaan kakaasuuf mala barbaaduu dabalata.

c Barreeffamni tokko caqasa kana ilaalchisee akkana jedheera: “Midhaan yeroo haamaadhaaf gaʼu bifa magariisaarraa gara bifa keellootti ykn daalachaatti jijjiirama; kunis haamaadhaaf akka gaʼe argisiisa.”