Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA KUDHA TOKKO

“Eenyu Iyyuu Akka Nama Kanaatti Matumaa Dubbatee hin Beeku”

“Eenyu Iyyuu Akka Nama Kanaatti Matumaa Dubbatee hin Beeku”

1, 2. (a) Loltoonni Yesuusiin akka qaban ergaman utuu isa hin qabin kan deebiʼan maaliifi? (b) Yesuus barsiisaa dandeettii guddaa qabu taʼuu kan dandaʼe maaliifi?

 FARIISONNI baayʼee aaraniiru. Yesuus mana qulqullummaa keessatti waaʼee Abbaasaa barsiisaa jira. Namoonni isa dhaggeeffachaa jiran wal qoqqoodaniiru; baayʼeensaanii isatti kan amanan taʼus, warri kaan garuu akka qabamu barbaadu. Geggeessitoonni amantaa aariisaanii toʼachuu waan dadhabaniif, Yesuusiin qabsiisuuf loltoota ergan. Haataʼu malee, loltoonni sun utuu isa hin qabin deebiʼan. Yeroo kanatti dura buutonni lubootaa fi Fariisonni, “Maaliif isa hin fidne?” jedhanii isaan gaafatan. Loltoonni kunis, “Eenyu iyyuu akka nama kanaatti matumaa dubbatee hin beeku” jedhanii deebisan. Barumsa Yesuus baayʼee waan dinqisiifataniif isa qabuu hin dandeenye. aYohaannis 7:45, 46.

2 Barumsa Yesuus kan dinqisiifatan loltoota kana qofa hin turre. Namoonni kan biroo hedduunis yeroo inni barsiisu dhaggeeffachuuf walitti qabamanii turan. (Maarqos 3:7, 9; 4:1; Luqaas 5:1-3) Yesuus barsiisaa akkasii taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Akkuma boqonnaa 8​ffaarratti ilaalle, dhugaa barsiisuu fi namoota barsiisu ni jaallata ture. Malawwan barsiisuu buʼa qabeeyyii taʼanis beeka ture. Mee malawwan inni itti fayyadame sadii fi fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

Karaa Salphaa Taʼeen Barsiisuu

3, 4. (a) Yesuus yeroo barsiisu jechoota salphaa taʼanitti kan fayyadame maaliifi? (b) Lallabni Gaararraa, Yesuus karaa salphaa taʼeen akka barsiise kan argisiisu akkamitti?

3 Yesuus beekumsa guddaa waan qabuuf jechoota baayʼee ulfaatoo taʼanitti fayyadamuu ni dandaʼa ture. Taʼus, dhaggeeffattoonnisaa baayʼeen “namoota hin barannee fi iddoo guddaa hin qabne” waan turaniif, yommuu barsiisu wanta isaan hubachuu hin dandeenye hin dubbanne. (Hojii Ergamootaa 4:13) Humnisaanii daangeffamaa taʼuusaa waan hubateef, takkaatti odeeffannoo hedduu isaanitti hin himne. (Yohaannis 16:12) Jechoonni inni itti fayyadame salphaa taʼanis, dhugaa barsiisu akka gaariitti kan dabarsan turan.

4 Lallabasaa Isa Gaararraa, Maatewos 5:3–7:27​rratti argamu akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Yesuus lallaba kanarratti gorsa gadi fageenya qabu kenneera. Haataʼu malee, yaada wal xaxaa taʼe hin dubbanne. Wanta inni dubbate mucaa xinnoon tokkollee hubachuu ni dandaʼa! Namoonni isa dhaggeeffachaa turan yeroo Yesuus haasaasaa xumuru “akkaataa inni itti barsiise baayʼee [dinqisiifachuun isaanii]” nama hin ajaaʼibsiisu; baayʼeen isaanii qonnaan bultoota, tiksootaa fi namoota qurxummii qaban taʼuu hin oolan.—Maatewos 7:28.

5. Fakkeenya yaanni Yesuus dubbatu salphaa, garuummoo ergaa guddaa kan dabarsu taʼuusaa argisiisu dubbadhu.

5 Yesuus yommuu barsiisu yeroo baayʼee himoota salphaa fi gabaabaa taʼan, garuummoo hiika guddaa qabanitti fayyadama ture. Kitaabonni maxxanfamuu jalqabuusaanii jaarraa hedduu dura, barumsa sammuu fi garaa dhaggeeffattootasaa keessaa hin badne barsiiseera. Fakkeenya tokko tokko ilaali: “Akka isinitti hin murteeffamneef warra kaanitti murteessuu dhiisaa.” “Namoota dhukkubsataniif malee, namoota fayyaadhaaf ogeessi fayyaa hin barbaachisu.” “Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha.” “Wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif, wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof deebisaa kennaa.” “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.” b (Maatewos 7:1; 9:12; 26:41; Maarqos 12:17; Hojii Ergamootaa 20:35) Jechoonni kun gara waggaa 2,000 dura kan dubbataman taʼus, ammayyuu salphaatti yaadatamu.

6, 7. (a) Karaa salphaa taʼeen barsiisuuf jechoota dafanii namaa galanitti fayyadamuu kan qabnu maaliifi? (b) Nama Kitaaba Qulqulluu barsiisnutti odeeffannoo baayʼisuurraa of qusachuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Nutoo karaa salphaa taʼeen barsiisuu kan dandeenyu akkamitti? Ulaagaan barbaachisaa taʼe tokko jechoota salphaa namoonni baayʼeen dafanii hubatanitti fayyadamuudha. Dhugaawwan buʼuuraa Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman wal xaxoo miti. Yihowaan kaayyoosaa kan ibse namoota garaa qajeelaa qabanii fi gad of qabaniifi. (1 Qorontos 1:26-28) Jechoonni salphaan of eeggannoodhaan filataman, dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu akka gaariitti dabarsu.

Karaa salphaa taʼeen barsiisi

7 Barumsa keenya salphaa gochuu yoo barbaanne, nama Kitaaba Qulqulluu barsiisnutti odeeffannoo baayʼee himuurraa of qusanna. Yeroo Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu wanta hunda gadi fageenyaan ibsuun nu hin barbaachisu; akkasumas barumsicha dafanii xumuruun dirqama akka taʼe goonee yaaduudhaan barumsa sanarra fiiguu hin qabnu. Kanaa mannaa, keeyyata hammamii akka qoʼannu yeroo murteessinu, wanta baratichaaf barbaachisuu fi dandeettiisaa tilmaama keessa galchuun keenya gaariidha. Kaayyoon keenya, baratichi duuka buutuu Kiristoos akka taʼuu fi Yihowaa akka waaqeffatu gargaaruudha. Kanaaf, baratichi wanta barachaa jiru sirriitti akka hubatu gargaaruuf yeroo gaʼaa ramaduu qabna. Dhugaan Kitaaba Qulqulluu garaasaa tuqee wanta barate hojiirra oolchuuf kan kakaʼu yoo akkas taʼe qofadha.—Roomaa 12:2.

Gaaffilee Sirrii Taʼan Gaafachuu

8, 9. (a) Yesuus gaaffiitti kan fayyadame maaliifi? (b) Yesuus, gibira mana qulqullummaa kaffaluu ilaalchisee xumura sirrii taʼerra akka gaʼu Pheexirosiin gargaaruuf gaaffiitti kan fayyadame akkamitti?

8 Yesuus qabxii barbaadamu dubbachuudhaan yeroo qusachuu kan dandaʼu taʼus, nama isa dhaggeeffatu gaaffii ni gaafata ture. Maaliif? Yeroo tokko tokko gaaffiitti kan fayyadamu, kakaʼumsa mormitootasaa saaxiluudhaan afaan isaan qabsiisuuf ture. (Maatewos 21:23-27; 22:41-46) Yeroo baayʼee garuu gaaffiitti kan fayyadamu, barattoonnisaa wanta yaadan akka dubbatan gochuuf, akkasumas sammuusaanii hojjechiisuu fi leenjisuuf ture. Fakkeenyaaf, “Maal isinitti fakkaata?” akkasumas, “Kana ni amantaa?” jedhee isaan gaafata ture. (Maatewos 18:12; Yohaannis 11:26) Yesuus gaaffiitti fayyadamuudhaan garaa barattootasaa tuqeera. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu.

9 Yeroo tokko namoonni gibira sassaaban Pheexirosiin, “Barsiisaan keessan gibira mana qulqullummaa hin kaffaluu?” jedhanii gaafatanii turan. c Pheexirosis yeruma sana, “Ni kaffala” jedhee deebise. Yesuus garuu akkana jedhee isa gaafate: “Simoon, maal sitti fakkaata? Mootonni lafaa gibira yookiin qaraxa eenyu irraa fudhatu? Ijoollee isaanii irraa moo keessummoota irraa fudhatu?” Pheexirosis, “Keessummoota irraa fudhatu” jedhee isaaf deebise. Achiis Yesuus, “Yoos immoo ijoolleen gibira kaffaluu irraa walaba dha” jedhe. (Maatewos 17:24-27) Pheexiros maatiin moototaa gibira akka hin kaffalle waan beekuuf, ergaan Yesuus dabarsuu barbaade isaaf galeera. Yesuus Ilma Mootii isa samii isa mana qulqullummaa sana keessatti waaqeffatamuu waan taʼeef, gibira kaffaluuf dirqamni isarra hin jiru. Yesuus Pheexirosiif deebii gabaabaa kennuu mannaa, xumura sirriirra akka gaʼuu isa gargaaruuf malaan gaaffiitti fayyadameera; tarii akkas kan godhe gara fuulduraatti deebii kennuusaa dura sirriitti irratti yaaduu akka qabu isa barsiisuu barbaadee taʼuu dandaʼa.

Gaaffilee xiyyeeffannaa nama haasofsiistuu harkisanitti fayyadami

10. Manaa gara manaatti yeroo lallabnu, karaa buʼa qabeessa taʼeen gaaffiitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Tajaajila keenyarratti karaa buʼa qabeessa taʼeen gaaffiitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Manaa gara manaatti yommuu lallabnu, gaaffii fedhii namootaa kakaasu gaafachuudhaan marii jalqabuu dandeenya. Fakkeenyaaf, balbala kan nuu banan maanguddoo yoo taʼan, “Umrii keessanitti haalli addunyaa kan jijjiirame akkamitti?” jennee kabajaan isaan gaafachuu dandeenya. Hamma deebii kennanitti erga eegnee booda, “Addunyaan jireenyaaf mijaaʼaa akka taʼu gochuuf maaltu barbaachisa jettanii yaaddu?” jennee isaan gaafachuu dandeenya. (Maatewos 6:9, 10) Balbala kan nuu bante haadha mucaa qabatte yoo taatemmoo, “Yeroo mucaan kee guddatu addunyaan kun maal akka fakkaattu yaaddee beektaa?” jennee ishii gaafachuu dandeenya. (Faarfannaa 37:10, 11) Yommuu mana tokkotti dhihaannu wantoota addaddaa hubannee ilaaluudhaan, gaaffii xiyyeeffannaa nama haasofsiisnuu harkisu kaasuu dandeenya.

11. Yeroo Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu, karaa buʼa qabeessa taʼeen gaaffiitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Yeroo Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu, karaa buʼa qabeessa taʼeen gaaffiitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Gaaffii itti yaadametti fayyadamuun keenya, namni qoʼachiisnu miirasaa akka ibsu gochuu dandaʼa. (Fakkeenya 20:5) Fakkeenyaaf, kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! d jedhamurraa barumsa 43ff isa “Kiristiyaanonni Dhugaatii Alkooliitiif Ilaalcha Akkamii Qabaachuu Qabu?” jedhu qoʼachaa jirra haa jennu. Barumsi kun Waaqayyo garmalee dhuguu fi machiidhaaf ilaalcha akkamii akka qabu ibsa. Deebiin barataan keenya kennu wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu akka hubate kan argisiisu taʼuu dandaʼa; garuu wanta barachaa jiru irratti walii galaa? Tarii, “Ilaalchi Waaqayyo dhimma kanarratti qabu sirrii sitti fakkaataa?” jennee isa gaafachuu dandeenya. Akkasumas, “Gorsa kana jireenya kee keessatti akkamitti hojiirra oolchuu dandeessa?” jennee isa gaafachuu dandeenya. Haa taʼu malee, gaarummaa fi kabajaan isa haasofsiisuu qabna. Utuu hin barbaachisin, gaaffii isa qaanessu isa gaafachuu hin barbaannu.—Fakkeenya 12:18.

Ragaa Amansiisaa Dhiheessuu

12-14. (a) Yesuus dandeettii ragaa amansiisaa dhiheessuuf qabutti kan fayyadame akkamitti? (b) Yesuus, Fariisonni jinnii kan baasu humna Seexanaatiin akka taʼe yeroo dubbatanitti ragaa amansiisaa akkamii dhiheesse?

12 Yesuus sammuunsaa mudaa kan hin qabne waan taʼeef, ragaa dhiheessee warra kaan amansiisuurratti dandeettii guddaa qaba. Himata sobaa mormitoonnisaa dhiheessan fashaleessuufis yaada amansiisaa taʼe dhiheessa ture. Yeroo baayʼee, ragaa amansiisaa taʼetti fayyadamee duuka buutotasaatiif barumsa gaarii kenna ture. Mee fakkeenya tokko tokko haa ilaallu.

13 Yesuus, nama jinniidhaan qabame, qaro dhabeessa taʼee fi arrabnisaa hidhame tokko erga fayyisee booda Fariisonni, “Namni kun bulchaa jinniiwwanii Biʼeelzebuliin [Seexanaan] yoo taʼe malee, jinniiwwan hin baasu” jedhanii isa himatan. Wanti dubbatan kun, jinnii baasuuf humni humna namaatii ol taʼe akka barbaachisu akka amanan argisiisa. Haataʼu malee, Yesuus humna kana kan argate Seexanarraa akka taʼe dubbatan. Himannisaanii kun soba qofa utuu hin taʼin, wanta hin fakkaannedha. Kanaaf, Yesuus yaannisaanii dogoggora taʼuusaa saaxiluuf akkana jedhe: “Mootummaan wal qoqqoodu hundi ni bada; magaalaan yookiin manni wal qoqqoodu hundis jabaatee hin dhaabbatu. Haaluma wal fakkaatuun, Seexanni Seexana kan baasu yoo taʼe, wal qoqqoodeera jechuu dha; maarree mootummaan isaa akkamitti jabaatee dhaabbata?” (Maatewos 12:22-26) Yesuus yeroo akkas jedhu, “Ani bakka buʼaa Seexanaa isa hojii Seexanaa diigu yoon taʼe, Seexanni miidhaa fi kufaatiisaatiif hojjeta jechuudhakaa” isaaniin jechaa ture. Maarree, ragaa amansiisaa taʼe kana akkamitti haaluu dandaʼu?

14 Yesuus sana boodas ragaa amansiisaa dhiheessuusaa itti fufeera. Yesuus, barattoonni Fariisotaa tokko tokkoyyuu hafuurota hamoo akka baasan waan beekuuf, “Ani jinniiwwan kanan baasu Biʼeelzebuliin yoo taʼe, ilmaan [ykn barattoonni] keessan hoo humna eenyuutiin isaan baasu?” jechuudhaan gaaffii salphaa, garuummoo ergaa guddaa qabu isaan gaafate. (Maatewos 12:27) Yesuus, “Ani jinnii kanan baasu humna Seexanaatiin yoo taʼe, barattoonni keessanis humnuma kanaan baasu jechuudhakaa” isaaniin jechaa ture. Yeroo kanatti Fariisonni waan jedhan wallaalan! Barattoonnisaanii humna Seexanaatiin akka hojjetan amanuu hin barbaadan. Yesuus gaaffii kanatti fayyadamuudhaan xumura isaan hin barbaannerra akka gaʼanii fi baayʼee akka dogoggoran akka hubatan godheera. Akkaataa Yesuus itti isaan amansiise dubbisuun qoftillee baayʼee nama hin gammachiisuu? Namoonni yeroo Yesuus yaada kana dubbatetti achi turan, wanta inni dubbate qofa utuu hin taʼin, akkaataa itti dubbates waan ilaalaniif baayʼee gammadanii akka turan hin shakkisiisu.

15-17. Fakkeenya Yesuus dhugaa waaʼee Abbaasaa ibsu karaa garaa namaa tuquun barsiisuuf, jecha “caalchisee” jedhutti akkamitti akka fayyadame argisiisu kenni.

15 Yesuus dhugaa waaʼee Abbaasaa ibsu karaa nama jajjabeessuu fi nama gammachiisuun barsiisuufis ragaa amansiisaa ni dhiheessa ture. Yeroo baayʼee kana kan godhu jecha “caalchisee” jedhutti fayyadamee dhaggeeffattoonnisaa wanta beekan tokko caalaatti akka amanan gochuudhaan ture. Karaa kanaan wantoota lama wal bira qabanii ragaa dhiheessuun garaa namaa tuquu dandaʼa. Mee fakkeenya lama haa ilaallu.

16 Yesuus barattoonnisaa akkamitti kadhachuu akka qaban akka isaan barsiisu yeroo isa gaafatanitti, abbaan cubbuu qabu tokkollee ijoolleesaatiif “kennaa gaarii kennuu” akka barbaadu dubbateera. Achiis akkana isaaniin jedhe: “Isin hamoota taatanii utuu jirtanii ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, Abbaan keessan inni samii immoo warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu caalchisee hin kennuu ree?” (Luqaas 11:1-13) Yesuus yaada kana kan dubbate, yaada lama wal bira qabuudhaani. Warri cubbamoo taʼan ijoolleesaanii kan kunuunsan erga taʼee, Abbaan keenya inni samii inni karaa hundumaatiin qajeelaa taʼe, tajaajiltootasaa amanamoo gad of qabanii isa kadhataniif caalchisee hafuura qulqulluu akka kennu beekamaadha!

17 Yesuus dhiphina dandamachuu ilaalchisee yeroo gorsa kennettis mala akkasiitti fayyadameera. Akkana jedhe: “[Arraagessonni] sanyii hin facaasan, hin haamanis; gootaraa yookiin mana kuusaa hin qaban; garuu Waaqayyo isaan ni soora. Maarree isin allaattiiwwan caalaa gatii guddaa hin qabdanii? Abaaboowwan akkamitti akka guddatan ilaalaa: Isaan hin dhamaʼan, hin foʼanis; . . . Waaqayyo biqiltoota dirree keessaa warra harʼa mulʼatanii boru gara iddoo ibiddaatti darbataman akkanatti itti uwwisa erga taʼee, isin namoota amantii xinnoo qabdan nana, isinitti immoo kana caalaa hin uwwisuu ree?” (Luqaas 12:24, 27, 28) Yihowaan simbirrootaafis taʼe abaaboowwaniif kunuunsa kan godhu erga taʼee, namoota isa jaallatanii fi isa waaqeffataniifimmoo caalaatti kunuunsa akka godhu beekamaadha! Yesuus ragaawwan akkasii dhiheessuunsaa garaa dhaggeeffattootasaa akka tuqe hin shakkisiisu.

18, 19. Nama Waaqa ijaan arguu hin dandeenyetti akka hin amanne dubbatu tokkoof ragaa akkamii dhiheessuu dandeenya?

18 Nutis tajaajila keenyarratti barumsawwan sobaa saaxiluufis taʼe dhugaa waaʼee Yihowaa ibsu barsiisuuf ragaa amansiisaa dhiheessuu barbaanna. (Hojii Ergamootaa 19:8; 28:23, 24) Haataʼu malee, ragaa amansiisaa dhiheessuu jechuun yaada wal xaxaa taʼe dubbachuu jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Akka Yesuusirraa barannetti, caalaatti buʼa qabeessa kan taʼe, ragaa amansiisaa karaa salphaa taʼeen dhiheessuudha.

19 Fakkeenyaaf, namni tokko Waaqa ijaan arguu hin dandeenyetti akka hin amanne yoo nutti hime, deebii akkamii kennina? Seera sababaa fi buʼaatti fayyadamnee ragaa isaaf dhiheessuu dandeenya. Buʼaa tokko yoo argine, buʼaa sanaaf wanti sababa taʼe akka jiru ifadha. Akkana jennee isa gaafachuu dandeenya: “Naannoo namni hin jiraanne tokkotti mana bareedaa nyaanni keessa guute (buʼaa) utuu argitee, namni kana godhe (sababa) akka jiru hin amantuu? Maarree, lafa ishii bareedduu taatee fi nyaata ishiirra guute hunda (buʼaa) yommuu arginu, qaamni wanta kana hunda uume (sababa) akka jiru amanuuf hin kakaanuu? Kitaabni Qulqulluuniyyuu, ‘Manni hundi nama taʼe tokkoon akka ijaaramu beekamaa dha; inni wantoota hundumaa tolche garuu Waaqayyo dha’ jedha.” (Ibroota 3:4) Dhugaadha, ragaa baayʼee amansiisaa taʼe yoo dhiheessinellee, namni hundi amanuu dhiisuu dandaʼa.—2 Tasalonqee 3:2.

Ragaa garaa namaa tuqu dhiheessi

20, 21. (a) Amaloota Yihowaa fi karaa inni waan tokko itti raawwatu addeessuuf, wantoota garaagaraa wal bira qabuudhaan ragaa dhiheessuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Boqonnaa itti aanurratti waaʼee maalii ilaalla?

20 Tajaajilarrattis taʼe gumiirratti waaʼee amaloota Yihowaa fi karaa inni wanta tokko itti raawwatu yeroo barsiisnu, mala akkasiitti fayyadamuudhaan ragaa dhiheessuu dandeenya. Fakkeenyaaf, barumsi Waaqayyo hamoota barabaraaf guba jedhu, barumsa Yihowaa salphisu taʼuusaa ibsuuf akkana jechuu dandeenya: “Abbaan jaalala qabeessa taʼe tokko, harka mucaasaa ibiddaan gubuudhaan isa adabaa? Maarree, Abbaan keenya inni samii inni jaalala qabeessa taʼe yaada namoota barabaraaf gubuu jedhullee baayʼee kan jibbu sitti hin fakkaatuu?” (Ermiyaas 7:31) Obboleessa keenya dhiphate tokko Yihowaan akka isa jaallatu isaaf mirkaneessuuf akkana isaan jechuu dandeenya: “Yihowaan simbirri xinnoonillee gatii akka qabdu kan isatti dhagaʼamu erga taʼee, siin dabalatee tokkoon tokkoon waaqeffattootasaa lafarratti argamaniif caalaatti akka yaaduu fi akka isaan jaallatu beekamaadha!” (Maatewos 10:29-31) Ragaa akkasii dhiheessuun garaa namootaa tuquuf nu gargaaruu dandaʼa.

21 Malawwan Yesuus barsiisuuf itti fayyadame sadii qofa erga ilaallee boodallee, loltoonni utuu isa hin qabin deebiʼan sun, “Eenyu iyyuu akka nama kanaatti matumaa dubbatee hin beeku” yeroo jedhan arbeessuusaanii akka hin turre hubachuu dandeenyeerra. Malli barsiisuu Yesuus caalaatti ittiin beekamu fakkeenyatti fayyadamuu taʼuu hin oolu; boqonnaa ittaanurratti waaʼee kanaa ilaalla.

a Loltoonni kun loltoota yaaʼii Saanhedriiniif hojjetanii fi aangoo dura buutota lubootaa jala kan jiran taʼuu hin oolan.

b Yaada dhumarratti ibsamee fi Hojii Ergamootaa 20:35​rratti argamu kan caqase Phaawulos ergamaadha. Phaawulos yaada kana (nama yommuu Yesuus yaada kana dubbatetti turerraa ykn Yesuus isa duʼaa kaʼerraa) dhagaʼee ykn Yihowaan mulʼataan isaaf ibsee taʼuu dandaʼa.

c Yihudoonni waggaa waggaadhaan gibira mana qulqullummaatiif saantima meetii lama, jechuunis mindaa guyyaa lamaa akka kaffalan isaanirraa eegama ture. Barreeffamni tokko, “Gibirri kun adda durummaadhaan aarsaa gubamu isa guyyaa guyyaadhaan dhihaatuu fi aarsaawwan sabicha bakka buʼuudhaan dhihaatan hunda bituuf kan oolu ture” jedheera.

d Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaaʼe.