Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seensa

Seensa

Nama Kitaaba Kana Dubbisuuf:

“Kottuutii duuka buutuu koo taʼi.” (Maarqos 10:21) Yesuus Kiristoos akkas jechuudhaan, nutis isa duukaa akka buunu nu afeereera. Atoo afeerriisaa fudhatteettaa? Afeerrii isaa fudhachuun kee jireenya keerratti jijjiirama guddaa fida. Akkamitti?

Yihowaan, Ilmisaa tokkichi lubbuusaa furii godhee akka kennu gara lafaatti isa ergeera. (Yohaannis 3:16) Ilmisaa kun nuuf duʼuu qofa utuu hin taʼin, akkamitti jiraachuu akka qabnus nutti argisiiseera. Wanta godhe hundaan amanamummaasaa eegeera, akkasumas Abbaasaa gammachiiseera. Yesuus akkamitti Abbaasaa fakkaachuu akka dandeenyus nutti argisiiseera. Dubbii fi gocha Yesuusirraa daandii fi fedhii Abbaasaa guutummaatti hubachuu dandeenya.—Yohaannis 14:9.

Kitaabni Qulqulluun, Yesuus ‘faana isaa dhiheenyatti akka hordofnuuf fakkeenya akka nuuf taʼe’ dubbata. (1 Pheexiros 2:21) Caalaatti Yihowaatti dhihaachuu, yeroo ammaatti jireenya kaayyoo qabu jiraachuu, akkasumas daandii jireenya barabaraarra deemuu keenya itti fufuu yoo barbaanne, faana Kiristoos dhiheenyatti hordofuu qabna.

Imala kana jalqabuufimmoo, jireenya inni lafarratti dabarse beekuun nu barbaachisa. Kanaafuu, seenaawwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee Yesuus dubbatan of eeggannoodhaan qoruu qabna. Wantoota Yesuus dubbatee fi raawwaterratti xiinxaluun keenya, akkasumas dubbii fi gocha keenyaan akkamitti fakkeenyasaa hordofuu akka dandeenyu yaaduun keenya, isa duukaa buʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe caalaatti hubachuuf nu gargaara.

Barreeffamni kun jaalala Yesuusii fi Yihowaadhaaf qabdu guddifachuuf kan si gargaaru akka taʼu hawwina. Jaalalli kun faana Yesuus dhiheenyatti hordofuudhaan ammas taʼe barabaraaf Yihowaa gammachiisuuf kan si kakaasu haa taʼu.

Qopheessitoota