Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA TOKKO

“Duuka Buutuu Koo Taʼi”—Yesuus Maal Jechuusaati?

“Duuka Buutuu Koo Taʼi”—Yesuus Maal Jechuusaati?

“Jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuun qaba?”

1, 2. Affeerriin hundarra caaluu fi namootaaf dhihaate isa kami? Maal jennee of gaafachuu dandeenya?

 AFFEERRII hanga ammaatti sii dhihaate keessaa kan baayʼee si gammachiise isa kami? Affeerrii sirna adda taʼe tokkorratti akka argamtu sii dhihaate, tariimmoo guyyaa cidhaa namoota baayʼee jaallattuurratti itti affeeramte ni yaadatta taʼa. Yookiin yeroo hojii bakka guddaa kennituuf tokko akka jalqabdu itti affeeramte ni yaadatta taʼa. Affeerriin akkasii sii dhihaatee beeka taanaan, affeerrii sanatti akka gammaddee fi akka mirga guddaatti akka ilaalte hin shakkisiisu. Haa taʼu malee, affeerriin kanarra baayʼee caalu tokko siif dhihaateera. Affeerriin kun hunda keenyaaf dhihaate. Deebiin affeerrii kanaaf kenninu jireenya keenyarratti jijjiirama guddaa fida. Murtoon kun, murtoo baayʼee barbaachisaa taʼedha.

2 Affeerriin kun maalidha? Affeerrii kana kan dhiheesse Ilma Waaqa Hundumaa Dandaʼuu kan taʼe Yesuus Kiristoos yeroo taʼu, affeerriin kunis Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffameera. Yesuus, Maarqos 10:21 irratti, “Kottuutii duuka buutuu koo taʼi” jedheera. Affeerriin Yesuus dhiheesse kun hunda keenya kan ilaallatudha. Kanaafuu, ‘Affeerrii kanaaf deebii akkamiin kenna?’ jennee of gaafachuu qabna. Tarii, ‘Affeerrii gaarii akkasii eenyutu fudhachuu dida?’ jettee yaadda taʼa. Kan nama ajaaʼibsiisu garuu, namoonni hedduun affeerrii kana hin fudhatan. Maaliif?

3, 4. (a) Namichi waaʼee jireenya barabaraa Yesuusiin gaafate, wantoota namoonni baayʼeen hawwan akkamii qaba ture? (b) Yesuus dargaggeessa bulchaa sooressa taʼe kanarratti amaloota gaggaarii akkamii arge?

3 Nama gara waggaa 2,000 dura affeerriin kun dhuunfaatti dhihaateef tokko akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Namichi kun nama baayʼee kabajamu ture. Wantoota namoonni baayʼeen hawwanii fi bakka guddaa kennaniif sadii, jechuunis dargaggummaa, qabeenyaa fi aangoo qaba ture. Kitaabni Qulqulluun namni kun, ‘dargaggeessa,’ “baayʼee sooressa,” akkasumas “bulchitoota keessaa tokko” akka ture ibsa. (Maatewos 19:20; Luqaas 18:18, 23) Dargaggeessi kun amala gaarii wantoota kana caalaa barbaachisaa taʼes qaba. Waaʼee Yesuus isa Barsiisaa Guddicha taʼee yeroo dhagaʼetti wanta dhagaʼetti gammadeera.

4 Bulchitoonni yeroo sana turan hedduun Yesuusiif ulfina isaaf malu hin kennine. (Yohaannis 7:48; 12:42) Bulchaan kun garuu isaanirraa adda ture. Kitaabni Qulqulluun waaʼee isaa akkana jedha: “Utuu [Yesuus deemaa jiruu] namni tokko fiigee dhufee, isa duratti jilbeenfatee, ‘Yaa Barsiisaa gaarii, jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuun qaba?’ jedhee isa gaafate.” (Maarqos 10:17) Namichi kun Yesuusii wajjin haasaʼuuf hawwii guddaa qaba ture; akkuma nama hiyyeessa ykn gad aanaa taʼe tokkootti utuma namoonni isa arganii gara isaatti fiige. Achiis kabaja isaaf qabu argisiisuuf isa duratti jilbeenfate. Kanaaf, namichi kun nama gad of qabuu fi wantoota hafuuraa dheebote ture. Yesuus amaloota gaggaarii akkasiitiif bakka guddaa kenna. (Maatewos 5:3; 18:4) Kanaaf, ‘Yesuus nama kana ilaalee isa jaallachuun’ isaa nama hin dinqisiisu. (Maarqos 10:21) Maarree, deebii akkamii isaaf kenne?

Affeerrii Adda Taʼe

5. Yesuus dargaggeessa sooressa taʼe sanaan maal jedhe? Dargaggeessa kanatti ‘wanti itti hirʼate tokko’ qabeenya isaa hunda kennuu akka hin taane akkamitti beekna? (Miiljalees ilaali.)

5 Yesuus, Abbaan isaa gaaffii barbaachisaa jireenya barabaraa argachuu ilaalchisee kaʼuuf deebii akka kenne ibseera. Yeroo kanatti Kitaabota Qulqulluurraa caqase; dargaggeessi sunis Seera Musee amanamummaadhaan eegaa akka jiru dubbate. Yesuus garuu hubannaa adda taʼe waan qabuuf, nama kana ilaalchisee wanta dhokataa taʼe tokko beekuu dandaʼeera. (Yohaannis 2:25) Yesuus, dargaggeessi kun karaa hafuuraa rakkina guddaa tokko akka qabu hubateera. Kanaaf, “Wanta tokkotu sitti hirʼata” isaan jedhe. “Wanta tokko” kan jedhame maalidha? Yesuus, “Dhaqi, wanta qabdu gurguriitii hiyyeeyyiidhaaf kenni” isaan jedhe. (Maarqos 10:21) Yesuus, namni tokko Waaqayyoon tajaajiluu yoo barbaade deegaa taʼuu qaba jechuusaa turee? Akkas jechuu isaa hin turre. a Kiristoos yeroo kanatti wanta caalaatti barbaachisaa taʼe tokko ibsaa ture.

6. Yesuus dargaggeessa bulchaa sooressa taʼe sanaaf affeerrii akkamii dhiheesse? Deebiin dargaggeessi sun kenne, wanta garaasaa keessa jiru ilaalchisee maal ifa godhe?

6 Yesuus wanti nama kanatti hirʼate maal akka taʼe ibsuuf, “Kottuutii duuka buutuu koo taʼi” jechuudhaan carraa gaarii tokko isaaf kenne. Mee yaadi, Ilmi Waaqa Isa Hundaa Olii isa duukaa akka buʼu kallattiidhaan isa affeeraa jira! Yesuus badhaasa tilmaamuu hin dandeenye akka argatu waadaa isaaf gale. “Samii irratti qabeenya ni argatta” isaan jedhe. Dargaggeessi bulchaa sooressa taʼe kun affeerrii addaa isaaf dhihaate kana fudhateeraa? Seenaansaa, “Yommuu kana dhagaʼu ni gadde; qabeenya hedduu waan qabuufis gaddaa achii deeme” jedha. (Maarqos 10:21, 22) Wanti Yesuus dubbate garaa dargaggeessa kanaa keessa rakkinni akka jiru ifa godheera. Dargaggeessi kun qabeenyasaa baayʼee jaallata ture; aangoo fi ulfina qabuufis iddoo guddaa akka kennu hin shakkisiisu. Jaalalli inni wantoota kanaaf qabu, jaalala Kiristoosiif qaburra baayʼee kan caalu taʼuunsaa nama gaddisiisa. ‘Wanti isatti hirʼatu tokko’ fedhii ofii aarsaa gochuudhaan Yesuusii fi Yihowaa garaa guutuudhaan jaallachuudha. Dargaggeessi kun jaalala akkasii waan hin qabneef, affeerrii adda taʼe kana utuu hin fudhatin hafeera. Affeerriin kun siifis dhihaateera. Akkas kan jennu maaliifi?

7. Affeerriin Yesuus dhiheesse nuunis akka ilaallatu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

7 Affeerriin Yesuus, dargaggeessa sanaaf ykn namoota muraasaaf qofa kan dhihaate hin turre. Yesuus, “Namni kam iyyuu ana duukaa buʼuu yoo barbaade . . . yeroo hunda ana duukaa haa buʼu” jedheera. (Luqaas 9:23) “Namni kam iyyuu” garaadhaa “yoo barbaade” duuka buutuu Kiristoos taʼuu akka dandaʼu qalbeeffadhu. Waaqayyo namoota garaa qajeelaa qaban akkasii gara Ilmasaatti harkisa. (Yohaannis 6:44) Yesuus affeerrii kana kan dhiheesse, namoota sooreyyii, namoota hiyyeeyyii, namoota sanyii ykn lammii tokkoo, akkasumas namoota bara sanatti jiraatan qofaaf utuu hin taʼin namoota hundumaafi. Kanaaf, affeerriin Yesuus, “Kottuutii duuka buutuu koo taʼi” jechuudhaan dhiheesse siinis ni ilaallata. Maarree, Kiristoos duukaa buʼuuf fedhii qabaachuu kan qabdu maaliifi? Kunhoo maalfaa dabalata?

Duuka Buutuu Kiristoos Taʼuun Maaliif Barbaachise?

8. Namoonni hundi geggeessaa akkamiitu isaan barbaachisa? Maaliif?

8 Gaggeessaa gaariin akka nu barbaachisu amannee fudhachuu qabna. Amananis amanuu baatanis, namoonni hundi geggeessaan akkasii akka isaan barbaachisu beekamaadha. Raajii Yihowaa kan taʼe Ermiyaas hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee akkana jedheera: “Yaa Yihowaa, daandiin namaa aangoo isaa jala akka hin jirre akka gaariitti nan beeka. Yommuu deemus ofii isaatiin tarkaanfii isaa illee qajeelchuu hin dandaʼu.” (Ermiyaas 10:23) Namoonni ofiin of bulchuuf dandeettiis taʼe mirga hin qaban. Seenaan ilmaan namootaa namoonni ofiin of bulchuunsaanii rakkina akka isaanitti fide mirkaneessa. (Lallaba 8:9) Bulchitoonni bara Yesuusitti turan, namoota cunqursaa, miidhaa fi dogoggorsaa turan. Yesuus, namoonni yeroo sana turan “akka hoolota tiksee hin qabnee” akka turan hubateera. (Maarqos 6:34) Yeroo harʼaattis ilmaan namootaa haaluma akkasii keessatti argamu. Gareedhaanis taʼe dhuunfaatti bulchaan amanuu fi kabajuu dandeenyu nu barbaachisa. Maarree, Yesuus bulchaa akkasiitii? Sababiiwwan Yesuus bulchaa akkasiiti itti jennu muraasa haa ilaallu.

9. Geggeessitoota kaanirraa Yesuusiin adda kan godhu maalidha?

9 Tokkoffaa, Yesuusiin kan filate Yihowaadha. Geggeessitoota ilmaan namootaa kan filatan, namootuma akkasaanii mudaa qaban, yeroo baayʼee gowwoomfamanii fi murtoo sirrii hin taane godhanidha. Yesuus garuu geggeessaa adda taʼedha. Maqaan ulfinaa isaaf kenname kana nuu mirkaneessa. Jechi “Kiristoos” jedhu, akkuma jecha “Masiihii” jedhuu, hiika “Isa Dibame” jedhu qaba. Eeyyee, tajaajila qulqulluu taʼeef Yesuusiin kan dibe ykn kan muude Gooftaa Olaanaa uumama cufaati malee eenyuyyuu miti. Yihowaan Ilmasaa ilaalchisee akkana jedheera: “Ilaa, tajaajilaan koo inni ani filadhe, inni ani jaalladhu, inni ani itti gammadu isa kana! Ani hafuura koo isa irra nan kaaʼa.” (Maatewos 12:18) Uumaa keenya caalaa geggeessaan akkamii akka nu barbaachisu kan beeku hin jiru. Yihowaan ogummaasaatiin gita waan hin qabneef, filannaa inni godhetti amanamuuf sababii gaʼaa qabna.—Fakkeenya 3:5, 6.

10. Yesuus ilmaan namootaatiif fakkeenya hundarra caalu kan taʼe akkamitti?

10 Lammaffaa, Yesuus karaa mudaa hin qabnee fi hojiidhaaf nama kakaasuun fakkeenya nuu taʼeera. Geggeessaa gaariin tokko, amaloota warri isa jalatti bulan dinqisiifatanii fi hordofan qaba. Fakkeenya isaaniif taʼuudhaan jijjiirama akka godhan isaan kakaasa. Amaloonni geggeessaan tokko qabaachuu qaba jettee yaaddu kamfaʼi? Ija jabina, ogummaamoo gara laafina? Geggeessaa haala rakkisaa keessatti abdii hin kutanne ni dinqisiifattaa? Seenaa Yesuus lafarratti dabarse yommuu qorattu, amaloota kanaa fi kan biroo hedduu akka qabu hubatta. Yesuus inni eenyummaa Abbaasaa isa samii guutummaatti calaqqisiisu amaloota Waaqayyoo hunda qaba ture. Inni mudaa tokkollee hin qabu. Kanaaf, wanti godhe, wanti dubbatee fi miirri argisiise hundiyyuu fakkeenya nuuf taʼa. Kitaabni Qulqulluun, ‘faana isaa dhiheenyatti akka hordofnuuf fakkeenya akka nuuf taʼe’ dubbata.—1 Pheexiros 2:21.

11. Yesuus “tiksee gaarii” taʼuusaa kan argisiise akkamitti?

11 Sadaffaa, Kiristoos, “Ani tiksee gaarii dha” jedheera; wanta dubbate kanas guutummaatti hojiirra oolcheera. (Yohaannis 10:14) Fakkeenyi akkasii namoota yeroo sana turaniif haaraa hin turre. Tiksitoonni hoolota tikasaanii jala jiraniif kunuunsa gochuuf carraaqqii guddaa godhu. ‘Tiksee gaariin,’ nageenya ofiisaa caalaa nageenya hoolotasaatiif dursa kenna. Fakkeenyaaf, abaabilii Yesuus kan taʼe Daawit ijoollummaasaatti tiksee ture; hoolotasaa bineensa hamaa jalaa oolchuuf yeroo garaagaraatti lubbuusaa balaadhaaf saaxilee beeka. (1 Saamuʼel 17:34-36) Yesuusimmoo wanta kanarra caalu godheera. Duuka buutotasaatiif jecha lubbuusaa dabarsee kenneera. (Yohaannis 10:15) Geggeessitoonni ilmaan namootaa aarsaa akkasii ni kaffaluu?

12, 13. (a) Tikseen tokko hoolotasaa hammam beeka? Isaanoo hammam isa beeku? (b) Yesuus inni Tiksee Gaarii taʼe akka si geggeessu kan barbaaddu maaliifi?

12 Wanti Yesuus “tiksee gaarii” akka taʼe argisiisu kan biraanis jira. “Ani hoolota koo beeka, hoolonni koos na beeku” jedheera. (Yohaannis 10:14) Mee fakkeenya Yesuus dubbate kanarratti yaadi. Namni karaarra darbu tokko tuuta hoolotaa kan ilaalu akkuma uumamawwan wal fakkaatanii fi wal faana yaaʼanitti qofa taʼuu dandaʼa. Tikseen tokko garuu hoolotasaa dhuunfaatti beeka. Hoolonni haadhoon dhaluuf jedhanii fi gargaarsasaa barbaadan, ilmoolee xixinnoon karaa fagoo deemuu hin dandeenyee fi baatamuu qaban, akkasumas hoolonni dhukkubsatan ykn miidhaman kamfaa akka taʼan beeka. Hoolonnis tikseesaanii beeku. Sagaleesaa waan beekaniif, sagalee tiksee kan biraatiin hin gowwoomfaman. Yeroo sagalee isaatiin mallattoo garaagaraa isaaniif kennu dafanii tarkaanfii fudhatu. Bakka inni isaan geessu hundumaattis isa duukaa buʼu. Innis eessa akka isaan geessu beeka. Margi lalisaan, bishaan qulqulluunii fi kaloon balaarraa walaba taʼe eessatti akka argamu beeka. Yommuu inni isaan eegu tasgabbiitu isaanitti dhagaʼama.—Faarfannaa 23.

13 Ati geggeessaa akkasii argachuuf hin hawwituu? Yesuus inni Tiksee Gaarii taʼe duuka buutotasaatti gaarummaa akkasii argisiiseera. Tikseen kun yeroo ammaatti jireenya gammachiisaa taʼe, gara fuulduraattimmoo jireenya barabaraa akka siif kennu waadaa galeera. (Yohaannis 10:10, 11; Mulʼata 7:16, 17) Kanaaf, Kiristoos duukaa buʼuun maalfaa akka dabalatu beekuu qabna.

Duuka Buutuu Kiristoos Taʼuu Jechuun Maal Jechuudha?

14, 15. Duuka buutuu Kiristoos taʼuuf, Kiristiyaana akka taane ykn Yesuusiin akka jaallannu dubbachuun qofti gaʼaa kan hin taane maaliifi?

14 Yeroo harʼaatti namoonni hedduun affeerrii Kiristoos akka fudhatan isaanitti dhagaʼama. Kana malees, Kiristiyaanota akka taʼan dubbatu. Namoonni kun amantaa warrisaanii kiristinnaa itti isaan kaasisan hordofu taʼa. Yookiinimmoo Yesuusiin akka jaallatanii fi Fayyisaasaanii godhanii akka isa fudhatan dubbatu taʼa. Haa taʼu malee, kun duuka buutota Kiristoos taʼuusaanii argisiisaa? Yesuus duuka buutotasaa akka taanu yeroo nu affeeretti yaada kana sammuutti qabatee turee? Duuka buutuu Kiristoos taʼuun kana caalaa wanta dabalatu qaba.

15 Biyyoota lammiileen isaanii hedduun amantaa Kiristiyaanaa akka hordofanii fi duuka buutota Kiristoos akka taʼan dubbatan akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Namoonni Kiristiyaana ofiin jedhan kun barumsa Yesuus Kiristoos hojiirra ni oolchuu? Moo akkuma namoota addunyaa keessa jiran kaanii jibba, cunqursaa, yakkaa fi jalʼina babalʼisu?

16, 17. Namoonni Kiristiyaana ofiin jedhan yeroo baayʼee maaltu isaanitti hirʼata? Namoota dhugumaan duuka buutota Kiristoos taʼan adda baasee kan beeksisu maalidha?

16 Yesuus, duuka buutonnisaa wanta dubbataniin ykn maqaa ofiif moggaasaniin qofa utuu hin taʼin, adda durummaadhaan hojiisaaniitiin akka beekaman dubbateera. Fakkeenyaaf, “Mootummaa samiitti kan galu, nama fedhii Abbaa koo isa samii raawwatu qofa malee nama, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jedhu hunda miti” jedheera. (Maatewos 7:21) Namoonni Yesuus Gooftaasaanii akka taʼe dubbatan hedduun fedhii Abbaasaa utuu hin raawwatin kan hafan maaliifi? Dargaggeessa bulchaa sooressa taʼe sana yaadadhu. Namoonni Kiristiyaanota ofiin jedhanis ‘wanti tokko isaanitti hirʼata’: Yesuusiinis taʼe Waaqa Yesuusiin erge garaadhaa hin jaallatan.

17 Kun akkamitti taʼuu dandaʼa? Namoonni Kiristiyaana akka taʼan dubbatan hedduun Kiristoosiin ni jaallanna jedhu mitii? Eeyyee, namoonni hedduun akkas jedhu. Haa taʼu malee, Yesuusii fi Yihowaa jaallachuun afaaniin dubbachuu caalaa waan dabalatu qaba. Yesuus, “Namni na jaallatu hundi dubbii koo ni eega” jedheera. (Yohaannis 14:23) Akka tiksee tokkootti yommuu of ibsummoo, “Hoolonni koo sagalee koo ni dhagaʼu, ani isaan beeka, isaanis ana duukaa ni buʼu” jedheera. (Yohaannis 10:27) Eeyyee, jaalalli Kiristoosiif qabnu kan mulʼatu, dubbii ykn miira keenyaan qofa utuu hin taʼin, adda durummaadhaan hojii keenyaani.

18, 19. (a) Waaʼee Yesuus barachuun keenya jijjiirama akkamii nurratti fiduu qaba? (b) Kaayyoon kitaabni kun itti qophaaʼe maalidha? Namoota waggoota hedduudhaaf duuka buutota Kiristoos akka taʼanitti of ilaalaa turan kan fayyaduhoo akkamitti?

18 Haa taʼu malee, wanti gocha keenyaaf buʼuura taʼu jira. Gochi keenya keessa namummaa keenya argisiisa. Kanaaf, keessa namummaa keenyaa sirreessuuf carraaquun keenya baayʼee barbaachisaadha. Yesuus, “Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si Waaqa dhugaa isa tokkichaa fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu qabu” jedheera. (Yohaannis 17:3) Yesuusiin ilaalchisee beekumsa dhugaa yoo argannee fi beekumsa kanarratti yoo xiinxalle garaan keenya ni tuqama. Guyyaa guyyaadhaan fedhii isa duukaa buʼuuf qabnu guddifachuudhaan caalaatti isa jaallachaa deemna.

19 Kaayyoon kitaabni kun itti qophaaʼes kanadha. Kitaabni kun kan qophaaʼe waaʼee jireenyaa fi tajaajila Yesuus nuu ibsuuf utuu hin taʼin, akkamitti isa duukaa buʼuu akka dandeenyu caalaatti akka hubannu nu gargaaruufi. b Kitaaba Qulqulluurratti hundoofnee, ‘Dhuguma Yesuus duukaa buʼaan jiraa?’ jennee akka of gaafannus nu gargaara. (Yaaqoob 1:23-25) Tarii waggoota hedduudhaaf Yesuus duukaa buʼaa akka jirtu sitti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, wanti fooyyessuu qabdu akka jiru sitti hin dhagaʼamuu? Kitaabni Qulqulluun, “Amantii keessa jiraachuu keessan beekuuf yeroo hunda of qoraa; eenyummaa keessan beekuuf yeroo hunda of gamaaggamaa” jechuudhaan nu gorsa. (2 Qorontos 13:5) Yeroo hunda Yesuus isa Tiksee Gaarii taʼee fi Yihowaan nuu muudeen geggeeffamaa akka jirru mirkaneeffachuun keenya barbaachisaadha.

20. Boqonnaa ittaanurratti waaʼee maalii qorra?

20 Kitaaba kana qoʼachuun kee jaalala Yesuusiifis taʼe Yihowaadhaaf qabdu guddifachuuf kan si gargaaru akka taʼu hawwina. Jaalala akkasiitiin yommuu geggeeffamtu, addunyaa moofaa kana keessatti nagaa fi gammachuu guddaa argatta, akkasumas Yihowaan Tiksee Gaarii kana waan nuu kenneef barabaraaf isa galateeffatta. Kiristoosiin ilaalchisee qoʼannaan goonu beekumsa dhugaarratti kan hundaaʼe taʼuu qaba. Kanaaf, Boqonnaa 2​ffaarratti gaʼee Yesuus kaayyoo Yihowaa galmaan gaʼuurratti qabu qoruun keenya sirriidha.

a Yesuus, qabeenya isaanii hunda warra kaaniif akka kennan kan gaafate namoota isa duukaa buʼan hunda miti. Mootummaa Waaqayyootti galuun sooressa tokkoof baayʼee rakkisaa akka taʼe kan dubbate taʼus, itti aansuudhaan, “Waaqayyoof wanti hundi in dandaʼama” jedheera. (Maarqos 10:23, 27) Namoonni sooreyyii turan tokko tokkoyyuu duuka buutota Kiristoos taʼaniiru. Namoonni kun gumii Kiristiyaanaa keessatti gorsi kan isaaniif kenname taʼus, qabeenyasaanii hunda hiyyeessotaaf akka kennan hin gaafatamne.—1 Ximotewos 6:17.

b Jireenyaa fi tajaajila Yesuus ilaalchisee seenaa guutuu fi duraa duuba yerootiin ibsame argachuuf kitaaba, Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya jedhamuu fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe ilaali.