Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Abdii Dinqisiisaa Fuulduratti Dhufu

Abdii Dinqisiisaa Fuulduratti Dhufu

Seexanniifi hafuuronni hamoon yeroo dhihootti ni dhabamsiifamu

Seexanniifi hafuuronni hamoon kana booda yeroo dheeraa namoota itti wallaalchisan hin qaban. Yihowaan samiirraa isaan darbateera. (Mul’ata 12:9) Yeroo dhi’oottis, Waaqayyo tarkaanfii isaanirratti fudhata. Yohannis ergamaan mul’ata Waaqayyo biraa isaaf kennamerratti akkas jedheera: “Kana booddees ergamaan banaa iddoo isa lafa jalaa sanaa, fuuncaa guddaas of harkaa qabu tokko, waaqa keessaa gad bu’uu isaa nan arge. Inni bineensa akka jawwee, bofa bara durii, Diiyaabilos, Seexana sana qabee, waggaa kuma tokkoof in hidhe. Waggaan kumni sun hamma raawwatamutti, akka inni deebi’ee saba biyya lafaa hin wallaalchifnetti, iddoo isa lafa jalaa sanatti darbatee, balbala itti cufee mallattoo itti godhe.” (Mul’ata 20:1-3) Boodas, Seexanniifi hafuuronni hamoon barabaraaf balleeffamu.—Mul’ata 20:10.

Namoonni hamoon lafarratti argamanis isa wajjin balleeffamu.—Faarfannaa 37:9, 10; Luqaas 13:5.

Warri Du’an Ni Ka’u!

Namoonni du’an du’aa ka’anii lafarra jiraatu

Seexanniifi hafuuronni hamoon erga balleeffamanii booda, Yihowaan ilmaan namootaatiif eebba baay’ee fida. Namoonni du’an amma jireenya akka hin qabneefi lubbuudhaan akka hin jirre barachuukee ni yaadatta. Yesus du’a hirribaa wajjin, jechuunis hirriba jabaa abjuu hin qabnee wajjin wal fakkeesseera. (Yohannis 11:11-14) Akkas kan jedhe, namoonni du’aan obbaafatan du’aa kaafamanii yeroon itti dhufu akka jiru waan beekuufidha. Akkas jedhe: “Warri du’anii awwaalaman . . . awwaala keessaa in ba’u.”—Yohannis 5:28, 29; Hojii Ergamootaa 24:15 wajjin waliin ilaali.

Du’aa kaafamanii lafa kanarra jiraatu. Beeksisawwan waa’ee namoota du’anii ibsanii mannaa, oduuwwan gammachiisaa waa’ee namoota du’aa kaafaman ibsantu dhaga’ama! Namni jaallataniifi du’aan dhaban yommuu awwaalaa ka’u simachuun baay’ee nama gammachiisa!