Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ekeraan Namoota Kanaan Dura Lafarra Jiraatanii Duʼan Miti

Ekeraan Namoota Kanaan Dura Lafarra Jiraatanii Duʼan Miti

Dhugumayyuu, hafuuronni ijaan hin argamne jiru! Addunyaa hafuuraa ijaan hin argamne keessa hafuuronni gaariifi hamoon jiru. Isaan namoota kanaan dura lafarra jiraatanii du’anidhaa?

Waawuu isaan miti. Akka namoonni hedduun yaadan, namni tokko yommuu du’u gara addunyaa hafuuraatti hin darbu. Akkamitti beekuu dandeenya? Macaafni Qulqulluun waan akkas jedhuufidha. Macaafni Qulqulluun, kitaaba dhugaa qabateefi Waaqa dhugaa isa maqaansaa Yihowaa jedhamu biraa kan argamedha. Namoota kan uume Yihowaa waan ta’eef, namoonni yommuu du’an maal akka ta’an sirriitti kan beeku isadha.—Faarfannaa 83:18, NW; 2 Ximotewos 3:16.

Addaam biyyoorraa uumamee biyyootti deebi’e

Macaafni Qulqulluun, Yihowaan Addaam nama isa jalqabaa, “biyyoo lafaattii” akka uume dubbata. (Uumama 2:7) Waaqayyo dhaaba Eeden keessa, jechuunis Jannata keessa isa kaa’e. Addaam utuu Yihowaaf abboomameera ta’ee utuu hin du’in hanga har’aatti lafarra jiraata ture. Haata’u malee, Addaam ta’e jedhee yommuu abboomii Waaqayyoo cabsu Waaqayyo, “Deebitees biyyoo in taata; ati biyyoo lafaattii waan kutamteef gara isaatti [in deebita]” ittiin jedhe.—Uumama 3:19.

Akkas jechuun maal jechuudha? Yihowaan biyyoo lafaattii utuu isa hin uumin dura Addaam eessa ture? Eessayyuu hin turre. Hafuura samii jiraatuufi hin dhalanne hin turre. Gabaabaadhumatti hin jiru ture. Kanaaf, Yihowaan, Addaam ‘biyyootti akka deebi’u’ yommuu itti himu akka du’u itti himuusaa ture. Inni gara addunyaa hafuuraatti hin darbine. Addaam yeroo du’e jireenya kan hin qabne ykn jireenyaa ala ta’e. Du’a jechuun jireenyaa ala ta’uu jechuudha.

Ta’us namoonni du’an kaanoo? Isaanis akkuma Addaam matumaa jireenya kan hin qabne ta’aniiru jechuudhaa? Macaafni Qulqulluun akkas jechuun deebii kenna:

  • “Hundumti isaanii [namoonniifi bineensonni] gara iddoo tokkoo in dhaqu; hundumti isaanii biyyoo irraa dhufan, gara biyyoottis in deebi’u.”—Lallaba 3:20.

  • “Warri du’an . . . waan tokko iyyuu hin beekan.”—Lallaba 9:5.

  • “Jaalalli isaanii fi jibbi isaanii, hinaaffaan isaaniis egaa badeera.”—Lallaba 9:6.

  • “Iddoo lafa jalaa lafa dhaquuf jirtu sana, hojjechuun, itti yaadanii waa qopheessuun, beekumsi, ogummaanis hin jiru.”—Lallaba 9:10.

  • “[Namni] deebi’ee biyyoo in ta’a; guyyuma sanas akeeki isaa in bada.”—Faarfannaa 146:4.

Wantoota kana namoota lubbuudhaan jiran qofatu raawwata

Caqasawwan kana fudhachuun sitti ulfaataa? Akkas taanaan wanta armaan gadiirratti yaadi: Maatiiwwan hedduu keessatti qarshii hojjetee argateen maatiisaa kan bulchu dhiiradha. Yeroo baay’ee namni kun yommuu du’u maatichi balaaf saaxilama. Al tokko tokko haati manaafi ijoolleensaa qarshii nyaata ittiin bitatan hin argatan. Tariimmoo, diinonni namichaa maaticha ni hacuucu ta’a. Amma akkas jedhii of gaafadhu: ‘Namni kun addunyaa hafuuraa keessa jiraannaan, wanta maatiisaatiif barbaachisu dhiheessuusaa maaliif itti hin fufne? Maatiisaa namoota hamoorraa kan hin eegne maaliifi?’ Caqasoonni armaan olii sirrii waan ta’aniifidha. Namni kun waa gochuu kan hin dandeenyeefi jireenya kan hin qabnedha.—Faarfannaa 115:17.

Namoonni du’an warra beela’an gargaaruus ta’e miidhaa irra ga’u isaanirraa ittisuu hin danda’an

Kana jechuun garuu namoonni du’an matumaa deebi’anii jiraachuu hin danda’an jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Waa’ee du’aa ka’uu booda mari’anna. Haata’u malee, namoonni du’an wanta ati gochaa jirtu hin beekan jechuudha. Si arguu, si dhaga’uu ykn si wajjin dubbachuu hin danda’an. Kanaaf isaan sodaachuu si hin barbaachisu. Si gargaaruus ta’e si miidhuu hin danda’an.—Lallaba 9:4; Isaayaas 26:14.