Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hafuuronni Hamoon Waaqayyo Irratti Kaʼuu Jajjabeessu

Hafuuronni Hamoon Waaqayyo Irratti Kaʼuu Jajjabeessu

Duudhaawwan tokko tokko soba namoonni du’an nu arguu danda’u jedhurratti kan hundaa’anidha

Haata’u malee, Seexanniifi hafuuronni hamoon namoota gowwoomsuuf hamma kana kan carraaqan maaliifi? Gocha Waaqayyotti ka’uurratti isaanii wajjin akka hirmaannu waan barbaadaniifidha. Akka isaaniin waaqeffannu barbaadu. Sobasaanii akka amannuufi gocha Yihowaan hin jaallanne akka raawwannu barbaadu. Gochawwan kana keessaa baay’eensaanii barsiifatawwan namoota du’anii wajjin kan wal qabatanidha.

Namni jaallatan yommuu du’u baay’ee kan nama gaddisiisu si’a ta’u, gadda ofii kana ibsuunis beekamaafi wanta sirrii ta’edha. Yesus michuunsaa Alaazaar yommuu du’e ‘imimmaan isaa dhangalaaseera.’—Yohannis 11:35.

Barsiifatawwan du’aa wajjin walitti dhufeenya qaban baay’ee si’a ta’an, isaanis biyyaa biyyaatti garaagarummaa qabu. Baay’eensaanii Macaafa Qulqulluu wajjin wal hin faallessan. Barsiifatiwwan tokko tokko garuu, ilaalcha namoonni du’an lubbuudhaan jiru, namoota lubbuudhaan jiranis arguu danda’u jedhurratti kan hundaa’anidha. Halkan guutuu reeffa bira buluu, boo’icha to’annaa ala ta’eefi sirnawwan awwaalchaa garmalee bal’aa ta’an hundi kan raawwataman, ekeraa namoota du’anii sodaachuurraa kan maddanidha. Ta’us, warri du’an ‘waan tokkoyyuu waan hin beekneef’ namoonni gocha akkasii raawwatan soba Seexanaa babal’isaa jiru.—Lallaba 9:5.

Duudhaawwan kaanimmoo, soba namoonni du’an gargaarsa keenya barbaadu jedhurratti kan hundaa’anidha

Barsiifatawwan ykn ayyaanawwan tokko tokkommoo, namoonni du’an gargaarsa namoota jiranii waan barbaadaniif fedhiinsaanii kun guutamuufii baannaan, namoota lubbuun jiran miidhu jedhurraa kan maddedha. Biyyoota tokko tokkotti namni tokko erga du’ee guyyaa 40 booda ykn waggaasaatti nyaataafi aarsaatu dhihaataaf. Akkas gochuun namni du’e kun gara addunyaa hafuuraatti akka ce’u isa gargaara jedhamee yaadama. Gochi baramaa ta’e garabiraanimmoo, nama du’e sanaaf nyaataafi dhugaatii kaa’uudha.

Wantoonni kun soba Seexanni waa’ee warra du’anii dubbate kan babal’isu waan ta’aniif, dogoggoradha. Yihowaan barsiifatawwan barumsa hafuurota hamoorratti hundaa’an kamiyyuu yoo raawwanne ni gammadaa? Matumaa!—2 Qorontos 6:14-18.

Tajaajiltoonni Waaqa isa dhugaa, barsiifatawwan barumsa Seexanaa isa sobaa deggeran kamirrattiyyuu hin hirmaatan. Kanaa mannaa, namoota lubbuun jiran jaalalaan gargaaruufi jajjabeessuurratti hirmaatu. Namni tokko erga du’ee booda Yihowaa malee isa gargaaruu kan danda’u akka hin jirre beeku.—Iyoob 14:14, 15.

Hojiin Hafuurota Hamoo Waaqayyo Biratti Ciigga’amaadha

Namoonni tokko tokko kallattiin ykn karaa namootaa hafuurota hamoo wajjin walitti dhihaatu. Kun hojii hafuura xuraa’ummaa jedhama. Vuuduun, qoricha namatti tolchuu, nama raatessuu, moortuufi warra du’an gaafachuun hundisaanii hojii hafuura xuraa’oo kan argisiisanidha.

Waaqayyo gochawwan gadhee akkasii ni morma. Isa qofa akka waaqeffannu barbaada.—Ba’uu 20:5

Macaafni Qulqulluun wantoota kana akkas jechuudhaan balaaleffata: “Namni hooda dubbatu, namni duumessa ilaalee ayyaana hedu, beekaan, namni qoricha namatti godhus tokko illee si keessatti hin argamin! Namni nama dawweessu, namni ekeraa dubbisu, qaalluun yookiis namni warra du’an waamu si keessatti hin argamin! Eenyu illee kana yoo godhe Waaqayyo duratti ciigga’amaa in ta’a.”—Keessa Deebii 18:10-12.

Yihowaan gochawwan akkasiirraa akka fagaannu cimsee kan nu akeekkachiisu maaliifi?

Yihowaan gochawwan hafuura hamoo kamirraayyuu akka fagaannu kan nu akeekkachiisu faayidaa keenyaaf jechadha. Inni namoota ni jaallata, isaaniifis ni yaada; namoonni gocha hafuura xuraa’oorratti hirmaatanis dhiphinni akka isaanirra ga’u beeka.

Namoota hafuurota hamoo wajjin hariiroo uumuudhaan rakkoon isaanirra ga’e keessaa tokko Niildaa ishee biyya Biraaziil jiraattuufi eker-dubbistuu turtedha. Hafuuronni hamoon jireenyishee dhiphinaan akka guutamu godhaniiru. Akkas jechuun dubbatti: “Hafuuronni hamoon kun . . . erga natti galanii booda akka barbaadanitti na ajajuu jalqaban. Yeroo hedduu ergan of wallaalee turee booda deebi’ee kanan of baru si’a ta’u, dhibeen sammuu waan na mudateefis mana yaalaan seene. Hafuuronni hamoon kun hanga narviikoorra miidhaan ga’utti garmalee na dhiphisan. Qorichawwan hirriba nama qabsiisan fudhachuu, utuu gargar hin kutin dhugaatii dhuguufi tamboo xuuxuun jalqabe. Gochi kunis waggoota hedduudhaaf itti fufe.”

Namoonni gocha hafuurota hamoo raawwatan yeroo baay’ee miidhaa guddaatu irra ga’a. Mana, mirgaafi lubbuusaaniillee isaan dhabsiisuu danda’a

Niildaan yeroo booda gargaarsa Yihowaafi tajaajiltootasaa lafarratti argamaniin, hafuurota hamoofi dhiibbaasaaniirraa walaba ba’uun jireenya gaarii kan jiraattu yommuu taatu fayyaas argatteetti. Akkas jetti: “Namoonni hundi yeroo muraasaafillee hafuurota [hamoo] wajjin walitti dhufeenya akka hin qabaanneen gorsa.”