Fedha Yihowaa Raawwachuu Ni Barbaaddaa?
Waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa, waaʼee hojii keenyaafi waaʼee jaarmiyaa keenyaa baruuf, yeroo fudhattee birooshura kana waan dubbisteef si galateeffanna. Yeroo harʼaa fedha Yihowaa raawwachaa kan jiran nu taʼuu keenya addaan baastee baruuf si gargaareera jennee abdanna. Waaʼee Waaqayyoo barachuukee akka itti fuftu, wanta barachaa jirtu maatiikeefi hiriyoota keetti akka himtuufi yeroo hundumaa walgaʼii Kiristiyaanaa keenyarratti nuu wajjin akka walitti qabamtu si jajjabeessina.—Ibroota 10:23-25.
Waaʼee Yihowaa gadi fageenyaan yommuu barachaa deemtu, jaalala guddaa akka inni siif qabu hubachaa deemta. Kunimmoo atis jaalala isaaf qabdu argisiisuuf wanta sii dandaʼame hunda gochuuf akka kakaatu si godha. (1 Yohannis 4:8-10, 19) Haataʼu malee jireenyakee keessatti jaalala Yihowaadhaaf qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti? Abboommiisaa eeguunkee hunda caalaa kan si fayyadu maaliifi? Nuu wajjin taatee fedha Waaqayyoo raawwachuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa? Atiifi maatiinkee ‘jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguudhaan jireenya barabaraa’ argachuu akka dandeessaniif, namni Macaafa Qulqulluu si qayyabsiisu deebii gaaffiiwwan kanaarratti sii wajjin mariʼachuun isa gammachiisa.—Yihudaa 21.
Karaa dhugaarra deddeebiʼuudhaan guddina argisiisuukee itti fufuu akka dandeessuuf kitaaba armaan gadi jiru akka qayyabattu si afeerra.