Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GAAFII 4

Yommuun Balleessu Maal Gochuun Qaba?

Yommuun Balleessu Maal Gochuun Qaba?

KANA BEEKUUN NA FAYYADAA?

Balleessaa kee amanuun, nama itti gaafatamummaan itti dhagaʼamuu fi amanamu akka taatu si gargaara.

UTUU SI TAʼEE MAAL GOOTA?

Mee haala kana yaadi: Yooseef hiriyoota isaa wajjin utuu taphatuu, kubbaadhaan foddaa ollaa cabse.

Ati utuu Yooseef taatee maal goota?

TAKKA YAADI!

FILANNOO SADII QABDA:

  1. Baqachuu.

  2. Nama kan biraatti qabachuu.

  3. Ollaa keetti wanta uumame himuu fi gatii wanta cabe sanaa kaffaluu.

Filannoo A filachuuf qoramta taʼa. Haa taʼu malee balleessaan raawwatte foddaa cabsuus taʼe wanta kan biraa yeroo hunda balleessaa kee amanuun faayidaa qaba.

Sababii Balleessaa Kee Itti Amantu Sadii

  1. Balleessaa ofii amanuun tarkaanfii sirrii dha.

    Kitaabni Qulqulluun, “Guutummaatti amanamoo [taʼaa]” jedha.—Tiitoo 2:10.

  2. Yeroo baayʼee namoonni nama balleessaa isaa amanuuf dhiifama godhu.

    Kitaabni Qulqulluun, “Namni irra-daddarbaa isaa dhokfatu, hin hiiqu; namni irra-daddarbaa isaa himatu, kan dhiisus garuu araara in argata” jedha.—Fakkeenya 28:13.

  3. Hunda caalaa immoo Yihowaa gammachiisa.

    Kitaabni Qulqulluun, “Namni micciiramaan Waaqayyo duratti in ciiggaʼama, [“warra yaada qajeelaa qabanii wajjin garuu michooma cimaa qaba” NW]” jedha.—Fakkeenya 3:32.

Kaariinaa ishiin umuriin ishii waggaa 20 taʼe, saffisa heyyamamee ol konkolaachisuu ishiitiin waraqaa ittiin adabamte abbaa ishii dhoksuu yaalte. Yeroo booda garuu irratti beekame. Akkana jettetti: “Waggaa tokko booda abbaan koo waraqaa adabbii maqaan koo irra jiru arge. Kun immoo rakkina guddaa keessa na galche!”

Barumsa ishiin argatte: “Dogoggora ofii dhoksuun rakkinicha itti caalchisuu malee faayidaa hin qabu. Oolee bulee rakkina keessa galuun keenya hin oolu!” jetteetti.

BALLEESSAA KEE IRRAA BARADHU

Kitaabni Qulqulluun, “Hundi keenya yeroo baayʼee dogoggora ni raawwanna” jedha. (Yaaqoob 3:2, miiljalee) Akkuma olitti ilaalle, balleessaa ofii yeruma sana amanuun, akka gad of qabnuu fi bilchina akka qabnu argisiisa.

Tarkaanfiin itti aanu balleessaa kee irraa barachuu dha. Shamarreen Veeraa jedhamtu akkana jetteetti: “Balleessaan raawwadhu hunda carraan itti barumsa argadhu godhee ilaaluufan yaala; akkasumas barumsa nama gaarii taʼuu fi yeroo kan biraatti haalicha karaa sirrii taʼeen hiikuuf na gargaarun irraa argadha.” Mee kana gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

Biskileetii abbaa kee heyyamsiistee utuu ooftuu cabsite. Maal goota?

  • Abbaan kee akka si irratti hin beekne abdachuudhaan callista.

  • Wanta taʼe hunda abbaa keetti himta.

  • Wanta taʼe abbaa keetti himtus nama kan biraatti qabatta.

Utuu hin qoʼatin waan hafteef qorumsa kufte. Maal goota?

  • Qorumsichatti qabatta.

  • Qorumsicha kan kufte balleessaa keetiin akka taʼe amanta.

  • Barsiisichi akka si miidhe dubbatta.

Balleessaa kanaan dura raawwatte irra deddeebitee yaaduun, ispookiyoodhaan wanta duuba jiru ilaalaa konkolaachisuu wajjin wal fakkaata

Haalawwan olitti ibsaman ilaali; achiis (1) abbaa kee ykn (2) barsiisaa kee akka taate godhii yaadi. Balleessaa kee yoo amante abbaan kee fi barsiisaan kee waaʼee kee maaltu isaanitti dhagaʼama? Balleessaa kee yoo dhoksite hoo maaltu isaanitti dhagaʼama?

Balleessaa waggaa darbe raawwatte yaadachuuf yaali; achiis gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii kenni.

Balleessaan kee maal ture? Maal goote?

  • Nan dhokse.

  • Nama kan biraattan qabadhe.

  • Balleessaa koo nan amane.

Balleessaa kee hin amanne taanaan maaltu sitti dhagaʼame?

  • Ishoo na irratti hin beekamne jettee gammadde!

  • Dhugaa isaa dubbachuu qaban ture jettee of ceephaate.

Utuu maal gootee wayya ture?

Balleessaa kee irraa maal baratte?

MAAL SITTI FAKKAATA?

Namoonni tokko tokko balleessaa isaanii kan hin amanne maaliifi?

Yeroo hundumaa balleessaa kee kan dhoksitu yoo taʼe namoonni waaʼee kee maal yaadu? Balleessaa kee yoo amantee hoo?—Luqaas 16:10.