GAAFII 7
Saalqunnamtii Akkan Raawwadhu Dhiibbaan yoo Ana Irratti Godhame Maalan Godha?
UTUU SI TAʼEE MAAL GOOTA?
Mee haala kana yaadi: Lalisee fi Naaʼol erga wal baranii reefuu jiʼa lama taʼus, yeroo dheeraadhaaf waan wal beekan ishiitti fakkaata. Yeroo hunda ergaa walii ergu, bilbilaan saʼaatii dheeraadhaaf haasaʼu, akkasumas hanga yaada walii beekuutti illee gaʼaniiru! Haa taʼu malee Naaʼol hariiroon isaanii haasaa irra kan darbe akka taʼu barbaade.
Jiʼoottan lamaan darbanitti Naaʼolii fi Laliseen harka wal qabachuu fi wal dhungachuu irra darbanii wanta kan biraa hin goone. Laliseen kana irra darbitee deemuu hin barbaaddu. Taʼus Naaʼoliin dhabuu hin feetu. Bareedduu fi warra kaan irraa adda akka taate akka ishiitti dhagaʼamu kan godhu isa qofa dha. ‘Kana malees anii fi Naaʼol wal jaallanneerra . . . ’ ofiin jetti.
Walitti dhufeenya jaalalaa jalqabuuf umuriin kee gaʼeera yoo taʼe, haalli akka Lalisee utuu si mudatee maal goota?
TAKKA YAADI!
Seera uumamaa kan akka harkisa lafaa yoo cabsite miidhaan akka si irra gaʼu beekamaa dha. Seera naamusaa isa, “Halalummaa irraa fagaadhaa” jedhu yoo cabsites miidhaan si irra gaʼuun isaa hin oolu. —1 Tasalonqee 4:3.
Ajaja kana cabsuun miidhaa akkamii geessisa? Kitaabni Qulqulluun, “Namni halalummaa raawwachuu amaleeffate . . . qaama isaa irratti cubbuu hojjeta” jedha. (1 Qorontos 6:18) Kun dhugaa dhaa?
Qorattoonni, dargaggoonni gocha kana raawwatan hedduun miidhaawwan armaan gadii keessaa tokko ykn isaa ol akka isaan irra gaʼe dubbatu.
-
GADDA. Dargaggoonni gaaʼela dura saalqunnamtii raawwatan hedduun sana booda akka gaabban dubbataniiru.
-
SHAKKII. Saalqunnamtii erga raawwatanii booda lamaan isaanii iyyuu, ‘Nama kan biraa wajjin saalqunnamtii raawwateeraa ykn raawwatteettii laata?’ jedhanii yaadu.
-
YAADDOO. Shamarran hedduun dhiira isaan eegu malee dhiira isaanitti fayyadamu hin barbaadan. Dhiironni hedduun immoo shamarree tokko irraa wanta barbaadan erga argatanii booda shamarreen sun baayʼee isaan hin hawwattu.
-
Dhugaa jiru: Gaaʼela dura saalqunnamtii kan raawwattu yoo taʼe wanta gatii guddaa qabu balleessuudhaan of salphista. (Roomaa 1:24) Qaama kee akka waan gatii guddaa qabuutti ilaaluu qabda!
Kanaaf cimina ‘halalummaa irraa fagaachuuf’ si dandeessisu akka qabdu argisiisi. (1 Tasalonqee 4:3) Gaaf tokko yommuu gaaʼela godhattu saalqunnamtii raawwachuu dandeessa. Yaaddoo fi gaabbii gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuun yeroo baayʼee geessisu irraa walaba taʼuudhaan gammachuu guutuu argachuu dandeessa. —Fakkeenya 7:22, 23; 1 Qorontos 7:3.
Maal Sitti Fakkaata?
-
Namni dhugumaan si jaallatu, wanta qaamaa fi miira kee miidhu si irratti ni raawwataa?
-
Namni dhugumaan siif yaadu wanta hariiroo Waaqayyoo wajjin qabdu balaadhaaf saaxilu akka raawwattu si gaafataa?—Ibroota 13:4.