Dimshaasha 2017
Waajjiroota Damee Dhugaa Baatota Yihowaa: 90
Lakkoofsa Biyyoota Gabaasni Dhihaate: 240
Lakkoofsa Gumiiwwanii: 120,053
Lakkoofsa Namoota Ayyaana Yaadannoo Irratti Argaman: 20,175,477
Namoota Maxinoo fi Wayinicha Irraa Fudhatan: 18,564
Lakkoofsa Guddina Babalʼistootaa *: 8,457,107
Lakkoofsa Gidduu Gala Babalʼistootaa Jiʼa Jiʼaan Lallabaa Irratti Hirmaatan: 8,248,982
Bara 2016tti dhibbantaa dabalame: 1.4
Lakkoofsa Dimshaashaa Namoota Cuuphaman *: 284,212
Gidduu Gala Lakkoofsa Qajeelchitootaa * Jiʼa Jiʼaan: 1,249,946
Gidduu Gala Lakkoofsa Qajeelchitoota Gargaaraa Jiʼa Jiʼaan: 439,571
Saʼaatii Dimshaashaa Tajaajila Irratti Dabarfame: 2,046,000,202
Lakkoofsa Gidduu Gala Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu * Jiʼa Jiʼaan: 10,071,524
Waggaa tajaajilaa 2017tti *, Dhugaa Baatonni Yihowaa qajeelchitoota addaa, misiyoonotaa fi daawwattoota ol aanaa aanaa taʼanii tajaajilaa jiran deggeruuf doolaara Ameerikaa miliyoona 202 ol baasaniiru. Addunyaa maratti, dimshaashumatti tajaajiltoonni 19,730 taʼan waajjiroota damee keessa tajaajilaa jiru. Hundi isaanii miseensota Waldaa Obbolummaa Tajaajiltoota Yeroo Guutuu Addaa Dhugaa Baatota Yihowaa ti.
^ key. 7 Babalʼisaa kan jedhamu nama misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo babalʼisuu ykn lallabuu irratti hinaaffaadhaan hirmaatu dha. (Maatewos 24:14) Gabaasa kana ilaalchisee ibsa guutuu argachuuf, mata duree weeb saayitii jw.org irra jiruu fi “Addunyaa Irra Dhugaa Baatota Yihowaa Meeqatu Jira?” jedhu ilaali.
^ key. 10 Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼanii cuuphamuuf tarkaanfii fudhatamu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree weeb saayitii jw.org irra jiruu fi “Dhugaa Baatuu Yihowaa Taʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhu ilaali,
^ key. 11 Qajeelchaa kan jedhamu Dhugaa Baatuu cuuphamee fi fakkeenya gaarii taʼu, misiraachoo lallabuu irratti jiʼa jiʼaan saʼaatii murteeffame dabarsuuf fedhii kan qabu dha.
^ key. 14 Odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree weeb saayitii jw.org irraa jiruu fi “Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu Maalidha?” jedhu ilaali.
^ key. 15 Waggaan tajaajilaa 2017, Fulbaana 1, 2016 jalqabee hanga Hagayya 31, 2017 kan jiru dha.