KUTAA 5
Firoota Keessanii Wajjin Nagaa Qabaachuu Kan Dandeessan Akkamitti?
“Gaarummaa, gad of deebisuu, garraamummaa obsas akka uffataatti uffadhaatii keessa jiraadhaa!”—Qolosaayis 3:12
Gaaʼelli maatii haaraan akka uumamu godha. Warra keessan yoomiyyuu kan jaallattaniifi kan kabajjan taʼus, erga gaaʼela godhattanii booda namoota lafarra jiran hunda caalaa iddoo guddaa kan kennitan hiriyaa gaaʼelaa keessaniifidha. Kana amananii fudhachuun firoota keessan tokko tokkotti ulfaachuu dandaʼa. Haataʼu malee, gama kanaan madaallii keessan eeguudhaan hariiroo hiriyaa gaaʼelaa keessanii wajjin qabdan utuu hin miidhin, firoota keessanii wajjin nagaa qabaachuu akka dandeessaniif, seerri buʼuuraa Macaafa Qulqulluu isin gargaaruu dandaʼa.
1 FIROOTA KEESSANIIF ILAALCHA SIRRII QABAADHAA
MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni!” (Efesoon 6:2) Umriinkee hammamiyyuu yoo taʼe, yoomiyyuu taanaan abbaakeefi haadhakee kabajuu qabda. Akkasumas, hiriyaan gaaʼelaakees warrasaa ykn warrasheetiif xiyyeeffannaa kennuu akka qabu ykn akka qabdu hin dagatin. “Jaalalli hin hinaafu.” Kanaaf, hariiroon hiriyaan gaaʼelaakee warrashee wajjin qabdu, dhiibbaa akka sirraan geessisu sitti hin dhagaʼamin.—1 Qorontos 13:4; Galaatiyaa 5:26.
WANTA GOCHUU DANDEESSU:
-
Yaadawwan kanneen akka “Warrikee yeroo hunda ilaalcha sirrii anaaf hin qaban” ykn “Wantin godhu haadhakee matumaa hin gammachiisu” jedhan dubbachuurraa of eeggadhu
-
Dhimmicha iddoo hiriyaa gaaʼelaakee taʼiitii ilaaluuf yaali
2 YEROO BARBAACHISAA TAʼETTI EJJENNOO CIMAA QABAADHAA
MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in taʼu.” (Uumama 2:24) Erga gaaʼela dhaabbattee boodas, warrikee ammayyuu waaʼeenkee akka isaan ilaallatu itti dhagaʼamuu dandaʼa; kanaaf hamma barbaachisaa taʼe caalaa gaaʼelakee keessa seenuu barbaadu.
Gaaʼela keessan keessa hammam seenuu akka qaban kan murteessuu siifi hiriyaa gaaʼelaakeeti; murtoo gootanis utuu isaan hin mufachiisin itti himaa. Amala hin taane utuu isaanitti hin argisiisin ifaafi kallattiidhaan itti himuu dandeessu. (Fakkeenya 15:1) Gad of deebisuu, garraamummaafi obsa qabaachuun firootakee wajjin hariiroo gaarii akka qabaattuufi ‘jaalalaan wal dandaʼuuf’ si gargaara.—Efesoon 4:2.
WANTA GOCHUU DANDEESSU:
-
Firoonnikee gaaʼela keessan keessa baayʼee akka seenan yoo sitti dhagaʼame, haallisaa yommuu mijatutti hiriyaa gaaʼelaakee wajjin mariʼadhu
-
Dhimmichaaf furmaata akkamii akka kennitanis waliin taʼaatii murteessaa