Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 4

Of Ceephaʼuu—‘Cubbuu Koo Irraa Ana Qulleessi’

Of Ceephaʼuu—‘Cubbuu Koo Irraa Ana Qulleessi’

“Hojiin koo inni haaraan jireenya maatii keenyaa kan fooyyesse taʼus, gochawwan dogoggora taʼan hundumaa irratti akkan hirmaadhu na godhee ture. Ayyaanota kabajuu, sochiiwwan siyaasaa irratti hirmaachuu fi gara mana sagadaa dhaquu nan jalqabe. Waggaa 40f qabbanaaʼeen ture. Caalaatti yeroon darbaa yommuu deemu, Yihowaan dhiifama akka naaf hin goone caalaatti natti dhagaʼamaa deeme. Sammuun koos yeroo hunda na ceephaʼa ture. Kana malees, daandii dogoggoraa irra deemuu jalqabuu koo dura dhugaa isaa nan beekan ture.”—Maartaa.

OF CEEPHAʼUUN baʼaa nama caccabsu taʼuu dandaʼa. Daawit Mootichi, “Irra-daddarbaan koo mataa koo irra ol darbeera, miijanni isaas baʼaa ani baachuu hin dandeenye taʼee anatti ulfaateera” jedhee barreesseera. (Faarfannaa 38:4) Kiristiyaanonni tokko tokko Yihowaan matumaa dhiifama akka isaaniif hin goone of amansiisuudhaan, gadda guddaadhaan liqimfamaniiru. (2 Qorontos 2:7) Akkasitti yaaduun isaanii sirrii dhaa? Cubbuu cimaa kan hojjette yoo taʼe illee, Yihowaan matumaa dhiifama hamma siif hin goonetti isa irraa fagaatteetta jechuudhaa? Lakki, akkas jechuu miti!

“Kottaa Rakkina Gidduu Keenyatti Uumame Mariʼannee Ni Hiikna”

Yihowaan cubbamoota yaada geddaratan hin gatu. Kanaa mannaa isaan gargaaruuf carraaqqii godha. Yesuus, fakkeenya waaʼee ilma badee argamee dubbatu keessatti Yihowaa abbaa jaalala qabeessa ilmi isaa maatii isaa dhiisee deemee fi jireenya gadhiisii jiraatee wajjin wal fakkeesseera. Yeroo booda ilmi sun gara manaatti deebiʼuuf murteesse. “Utuma inni [ilmi isaa] fagoo jiruu abbaan isaa isa argee garaan isaa ni raafame; itti fiigees isatti maramee isa dhungate.” (Luqaas 15:11-20) Atoo caalaatti Yihowaatti dhihaachuu kan barbaaddu taʼus, isa irraa ‘fagoo akka jirtu’ sitti dhagaʼamaa? Akkuma abbaa fakkeenya Yesuus keessatti ibsame sanaa Yihowaanis gara laafinaan kakaʼee si gargaara. Inni deebisee si simachuuf hawwii guddaa qaba.

Haa taʼu malee cubbuuwwan guguddaa ykn cubbuuwwan ciccimaa waan hojjetteef, Yihowaan dhiifama akka siif hin goone kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe hoo? Afeerrii Yihowaa isa Isaayaas 1:18 (NW) irratti galmeeffamee fi “‘Kottaa rakkina gidduu keenyatti uumame mariʼannee ni hiikna’ jedha Yihowaan. ‘Cubbuun keessan akka dhiigaa yoo diimate, akka cabbii ni addaata.’” jedhu ilaali. Eeyyee, cubbuu akka halluu diimaa uffata adii irratti goggoge taʼeef illee dhiifama gochuun humna Yihowaatii ol miti.

Yihowaan yeroo hunda qalbiin kee si ceephaʼaa akka jiraattu hin barbaadu. Maarree boqonnaa isa dhiifama Waaqayyoo argachuu fi qalbii qulqulluu qabaachuudhaan argamu argachuu kan dandeessu akkamitti? Tarkaanfii Daawit Mootichi fudhate lama ilaali. Jalqaba, “Irra-daddarbaa koo Waaqayyotti nan himadha” jedheera. (Faarfannaa 32:5) Yihowaan kadhannaadhaan akka isatti dhihaattuu fi ‘rakkina gidduu keessanitti uumame mariʼattee akka hiiktu’ akka si afeere yaadadhu. Afeerrii kana fudhadhu. Cubbuu kee Yihowaatti himadhu, akkasumas miira kee isaaf ibsi. Daawit muuxannoo dhuunfaa isaa irraa kaʼuudhaan, ‘Cubbuu koottii ana qulleessi! Yaa Waaqayyo, ati garaa cabaadhaa fi bullaaʼaa hin tuffattu!’ jedhee amanannaadhaan kadhachuu dandaʼeera.—Faarfannaa 51:2, 17.

Lammaffaa, Daawit Naataan raajicha isa bakka buʼaa Waaqayyoo taʼee muudame irraa gargaarsa fudhateera. (2 Saamuʼel 12:13) Yeroo harʼaa Yihowaan cubbamoonni yaada geddaratan michummaa isaa wajjin qaban akka deebifatan gargaaruuf jaarsolii gumii leenjii argatan qopheesseera. Gara jaarsolii yommuu dhaqxu, isaan garaa kee tasgabbeessuuf, miira gadhee sitti dhagaʼamu hirʼisuuf ykn balleessuuf, akkasumas karaa hafuuraa akka fayyitu si gargaaruuf Kitaaba Qulqulluutti fayyadamu; akkasumas kadhannaa garaadhaa madde sii dhiheessu.—Yaaqoob 5:14-16.

Yihowaan boqonnaa qalbii qulqulluu qabaachuun argamsiisu akka argattu barbaada

‘Namni Irra Daddarbaan Isaa Dhiifameef Haa Gammadu!’

Cubbuu kee Yihowaatti himachuu fi jaarsoliitti dhihaattee haasofsiisuun wanta gochuu dandeessu keessaa isa ulfaataa akka taʼe akka sitti dhagaʼamu beekamaa dha. Daawitis akkasuma itti dhagaʼamee akka ture haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Cubbuu isaa ‘himachuu dhiisee’ yeroo muraasaaf callisee ture. (Faarfannaa 32:3) Haa taʼu malee, sana booda cubbuu isaa himachuu fi adeemsa isaa sirreessuun faayidaa akka qabu hubateera.

Faayidaa guddaan Daawit argate inni tokko gammachuu isaa deebisee argachuu isaa ture. Daawit, “Namni irra-daddarbaan isaa dhiifameef, cubbuun isaas deebiʼee akka hin argamne godhameef haa gammadu!” jechuudhaan barreesseera. (Faarfannaa 32:1) Kana malees, “Ati arraba koo hiiki, yaa gooftaa! Afaan koos jajuu kee in hima” jedhee kadhateera. (Faarfannaa 51:15) Daawit qalbii isa ceephaʼu irraa boqonnaa waan argatee fi dhiifama Waaqayyo isaaf godheef dinqisiifannaa waan qabuuf, waaʼee Yihowaa warra kaanitti himuuf kakaʼeera.

Yihowaan atis boqonnaa qalbii qulqulluu qabaachuun argamsiisu akka argattu barbaada. Kana malees, qalbii nama ceephaʼuun utuu hin taʼin, garaa qulqulluu fi gammachuu guddaadhaan waaʼee isaa fi waaʼee kaayyoo isaa warra kaanitti akka himtu barbaada. (Faarfannaa 65:1-4) Afeerrii inni, “Cubbuun keessan akka isiniif haqamuuf . . .Yihowaa biraas yeroon haareffamuu isiniif dhufa” jechuudhaan dhiheesse yaadadhu.—Hojii Ergamootaa 3:19.

Maartaa wajjin haala wal qabateen wanti taʼes kanuma ture.Akkana jetteetti: “Ilmi koo barreeffamoota Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! yeroo hunda anaaf erga ture. Anis suutuma suuta deebiʼeen Yihowaa wajjin michooma uumuu jalqabe. Gara gumiitti deebiʼuuf wanti hunda caalaa natti ulfaate, cubbuun hojjedhe hundaaf dhiifama gaafachuu ture. Dhuma irratti garuu, kadhannaadhaan Waaqayyotti dhihaadheen dhiifama akka anaaf godhu isa gaafadhe. Gara Yihowaatti utuun hin deebiʼin waggaan 40n darbuu isaa amanuun ulfaataa dha. Waggaa dheeraa booda illee namni tokko carraa kan biraa argatee Waaqayyoon tajaajiluu fi deebiʼee jaalala isaa argachuu akka dandaʼu muuxannoon koo ni mirkaneessa.”