Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 5

‘Gara Tiksee Fi Ilaaltuu Ol aanaa Lubbuu Keetti Deebiʼi’

‘Gara Tiksee Fi Ilaaltuu Ol aanaa Lubbuu Keetti Deebiʼi’

Rakkoowwan birooshura kana keessatti ibsaman keessaa tokko ykn isaa ol kan taʼan si irra gaʼaniiruu? Taanaan rakkinni akkanaa kan irra gaʼe si qofa miti. Tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoon bara duriittis taʼe yeroo ammaa jiraatan hedduun rakkoowwan akkanaa isaan irra gaʼaniiru. Akkuma isaan rakkoowwan akkanaa moʼuuf Yihowaa irraa gargaarsa argatan, atis gargaarsa argachuu ni dandeessa.

“Yihowaan matumaa akka ana hin dhiisne hubachuun jalqabe; wanti na barbaachisu karaan itti gara isaatti deebiʼu argachuu qofa ture”

ATI gara Yihowaatti yoo deebite inni akka si gargaaru mirkanaaʼaa taʼi. Yihowaan dhiphina si irra gaʼu akka dandammattu, miirri kee inni miidhame akka fayyu, akkasumas nagaa sammuu fi garaa isa qalbii qulqulluu qabaachuu irraa argamu akka argattu si gargaara. Achiis namoota akkuma kee Yihowaa waaqeffatanii wajjin deebitee isa tajaajiluuf kakaʼuu dandeessa. Haalli kee haala Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa Pheexiros ergamaan, “Isin akka hoolota karaa irraa maqanii turtan; amma garuu gara tiksee fi ilaaltuu ol aanaa lubbuu keessaniitti deebitaniittu” jechuudhaan isaaniif barreesse tokko tokkoo wajjin wal fakkaachuu dandaʼa.—1 Pheexiros 2:25.

Gara Yihowaatti deebiʼuun wanta gochuu qabdu keessaa isa hunda irra caalu akka taʼe beekamaa dha. Akkana kan jennu maaliifi? Kana gochuudhaan garaa Yihowaa gammachiista. (Fakkeenya 27:11) Akkuma beektu Yihowaan miira qaba, kanaaf gochi keenya isa gammachiisa ykn isa gaddisiisa. Dhugaa dha, Yihowaan akka isa jaallannus taʼe akka isa tajaajillu nu hin dirqisiisu. (Keessa Deebii 30:19, 20) Hayyuun Kitaaba Qulqulluu tokko, “Balballi garaa namaa alaan qabannoo hin qabu. Kanaaf, karaa keessaa banamuu qaba” jechuudhaan dhimma kana ibseera. Nutis garaa jaalalaan guutameen Yihowaa waaqeffachuudhaan, balbala sana banuu filachuu dandeenya. Yommuu kana goonu, kennaa gatii guddaa qabu, jechuunis amanamummaa keenya isaaf kennina; akkasumas garaa isaa guddaa gammachiisna. Dhuguma iyyuu, wanti gammachuu waaqeffannaa Yihowaadhaaf malu isaaf kennuudhaan argamuu wajjin wal gituu dandaʼu tokko illee hin jiru.—Hojii Ergamootaa 20:35; Mulʼata 4:11.

Kana malees, sochii Kiristiyaanummaa kee deebistee yommuu jalqabdu, fedhiin hafuuraa kee siif guutama. (Maatewos 5:3) Karaa kamiin? Namoonni addunyaa maratti argaman, ‘Lafa irra kan jiraannu maaliifi?’ jedhanii gaafatu. Kaayyoo jireenyaa ilaalchisee gaaffiiwwan kaʼaniif deebii argachuuf hawwii guddaa qabu. Yihowaan fedhii kanaa wajjin waan isaan uumeef, namoonni fedhii akkanaa qabu. Inni isa tajaajiluudhaan milkaaʼina akka argannu godhee nu uume. Gammachuu isa jaalalaan kakaanee Yihowaa waaqeffachaa akka jirru beekuudhaan argamu caalaa, wanti gammachuu nuuf argamsiisu hin jiru.—Faarfannaa 63:1-5.

Yihowaan gara isaatti akka deebitu kan barbaadu taʼuu isaa beeki. Waaʼee kanaa akkamitti mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa? Mee yaadi: Birooshurri kun kadhannaa hedduun erga godhamee booda of eeggannoodhaan qophaaʼe. Birooshura kana kan siif kenne jaarsa ykn dhugaa baatuu kan biraa tokko taʼuu dandaʼa. Achiis dubbisuu fi ergaa isaa hojii irra oolchuuf kakaate. Kun hundi Yihowaan akka si hin irraanfanne mirkaneessa. Suuta jedhee deebisee ofitti si harkisaa jira.—Yohaannis 6:44.

Yihowaan tajaajiltoota isaa badan matumaa akka hin irraanfanne beekuudhaan jajjabina argachuu dandeenya. Obboleettiin Doonaa jedhamtu dhugaa kana hubachuu dandeesseetti. Akkana jetteetti: “Dhugaa irraa kanan fagaadhe suutuma suuta ture, taʼus yeroo baayʼee Faarfannaa 139:23, 24 irratti nan xiinxala. Caqasichi, ‘Qorii na ilaali, yaa Waaqayyo, garaa koos beeki! Na fonqolchi, yaada koos beeki! Karaa nama miidhu irra buʼeen jira yoo taʼe ilaali, karaa bara baraan jiraatu irra na geessi!’ jedha. Ani kan addunyaa akkan hin turre beeka, matumaa addunyaa wajjin wal hin simu; kana malees, bakki taʼuun anaaf malu jaarmiyaa Yihowaa keessa taʼuu isaa beekan ture. Yihowaan matumaa akka ana hin dhiisne hubachuun jalqabe; wanti na barbaachisu karaan itti gara isaatti deebiʼu argachuu qofa ture. Gara isaatti deebiʼuu koottis baayʼee gammadeera!”

Ati gara isaatti yoo deebite Yihowaan si gargaara

Atis deebitee ‘gammachuu Yihowaa’ akka argattu kadhannaa garaadhaa madde sii dhiheessina. (Nahimiyaa 8:10, NW) Gara Yihowaatti deebiʼuu keetti matumaa hin gaabbitu.