Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Xumura

Xumura

Walgaʼii gumii nama jajjabeessu, walgaʼii guddaa nama gammachiisu, muuxannoo gaarii tajaajila irratti argatte, akkasumas maree gaarii obboloota kee wajjin goote ilaalchisee yeroo gaarii saba Yihowaa wajjin dabarsite yaaddee beektaa? Ati Yihowaa hin irraanfanne; innis si hin irraanfanne. Inni tajaajila ati amanamummaadhaan raawwate gammachuudhaan ni yaadata. Kana malees gara isaatti akka deebitu si gargaaruuf ni hawwa.

Yihowaan, “Kunoo, ani ofii kootii hoolota koo nan barbaada, isaanis nan kunuunsa. Akkuma tikseen hoolota isaa tamsaʼan argatee sooru hoolota koo nan kunuunsa. Iddoo isaan itti tamsaʼan hundumaatii isaan nan oolcha” jedheera.—Hisqiʼel 34:11, 12, NW.