Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 3

Miirri Keenya Miidhamuu ‘Komachuuf’ Sababii Yommuu Qabaannu

Miirri Keenya Miidhamuu ‘Komachuuf’ Sababii Yommuu Qabaannu

“Obboleettiin gumii koo keessa jirtu tokko qarshii akka ani ishii jalaa hate gootee dogoggoraan na himatte. Warri gumii keessa jiran kaanis dhimma kana dhagaʼanii ishii irra goruu jalqaban. Yeroo booda obboleettiin kun odeeffannoo haaraa himta irraa walaba na godhu argachuu ishii natti himte. Obboleettiin kun dhiifama kan na gaafatte taʼus, ani garuu garaa kootti wanta ana irra gaʼeen kan kaʼe matumaa dhiifama ishiidhaaf gochuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼame.”—Liindaa.

ATOO akkuma Liindaa ishii gocha obboleettii ishiitiin baayʼee miidhamte sanaa sitti dhagaʼamee beekaa? Kan nama gaddisiisu, namoonni tokko tokko gocha warra kaaniitiin baayʼee waan jeeqamaniif sochiin hafuuraa isaanii jalaa miidhameera. Atoo haalli akkasii si irra gaʼeeraa?

Namni ‘Jaalala Waaqayyoo Irraa Gargar Nu Baasuu’ Dandaʼu Jiraa?

Obboleessa keenya nu miidhe tokkoof dhiifama gochuun baayʼee nutti ulfaachuu akka dandaʼu beekamaa dha. Kiristiyaanonni immoo wal jaallachuu qabu. (Yohaannis 13:34, 35) Obboleessi tokko wanta sirrii hin taane nu irratti raawwateera yoo taʼe gaddii fi dhiphinni nu irra gaʼu baayʼee nu miidhuu dandaʼa.—Faarfannaa 55:12.

Dhugaa dha, Kitaabni Qulqulluun yeroon Kiristiyaanonni ‘wal komachuuf sababii’ itti qabaatan akka jiru ni dubbata. (Qolosaayis 3:13) Taʼus haalli akkasii dhuunfaatti yommuu nu irra gaʼu haala kana moʼuun baayʼee nutti ulfaachuu dandaʼa. Gama kanaan wanti nu gargaaruu dandaʼu jiraa? Mee seerawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu sadii haa qorru:

Abbaan keenya inni samii wanta hunda ni beeka. Yihowaan daba nu irratti hojjetamee fi rakkina sababii kanaan nu irra gaʼe dabalatee wanta raawwatame hunda ni ilaala. (Ibroota 4:13) Kana malees, Yihowaan yeroo nuti rakkannu nuuf ni gadda. (Isaayaas 63:9) Waaqayyo, namni isa tajaajilus taʼe, ‘rakkinni ykn dhiphinni’ ykn wanti akkamii iyyuu, ‘jaalala isa irraa akka gargar nu baasu’ hin heyyamu. (Roomaa 8:35, 38, 39) Kun, wanti akkamii illee ykn namni tokko illee nuu fi Yihowaa gidduu akka seenu heyyamuu dhiisuudhaan nutis akkasuma akka goonu nu hin kakaasuu?

Dhiifama gochuu jechuun akkasumaan bira darbuu jechuu miti. Namoota dogoggora nu irratti hojjetaniif yommuu dhiifama goonu, gocha isaanii xiqqeessina, sirrii fakkeessuuf yaalla, sababii dhiheessina ykn gocha isaanii akkasumaan bira darbina jechuu miti. Yihowaan dhiifama gochuuf sababiin yommuu jiraatu dhiifama godha malee matumaa cubbuu akka hin deggerre yaadadhu. (Faarfannaa 103:12, 13; Anbaaqom 1:13) Yihowaan warra kaaniif dhiifama akka goonu yommuu nu jajjabeessu fakkeenya isaa akka hordofnu nu gaafachaa jira. Inni, “bara baraanis akka dheekkametti hin hafu!”—Faarfannaa 103:9; Maatewos 6:14.

Haaloo qabachuu dhiisuun keenya numaan fayyada. Karaa kamiin? Mee haala armaan gadii irratti yaadi. Dhagaa tarii kiiloo giraama muraasa ulfaatu tokko ol fuutee harka kee diriirsitee baachaa jirta haa jennu. Tarii yeroo muraasaaf dhagicha baachuun si hin rakkisu taʼa. Haa taʼu malee, yeroo dheeraadhaaf dhagicha baachuuf yoo yaalte hoo? Dhagicha yeroo hammamiitiif baachuu dandeessa? Daqiiqaa muraasaa? Saʼaatii tokkoo? Moo sana caalaa? Yoo akkas goote irreen kee baayʼee akka dadhabu hin shakkisiisu! Ulfaatinni dhagichaa akka hin jijjiiramne beekamaa dha. Haa taʼu malee, yeroo dheeraadhaaf yommuu baatu, caalaatti ulfaachaa akka deemu sitti dhagaʼama. Haaloo qabachuunis kanumaa wajjin wal fakkaata. Dhimma xinnoo yoo taʼe illee haaloo qabannee yoo turre, caalaatti of miidhaa deemna. Kanaaf, Yihowaan haaloo qabachuu akka dhiisnu nu jajjabeessuun isaa nama hin dinqisiisu. Dhuguma iyyuu haaloo qabachuu dhiisuun keenya numaan fayyada.—Fakkeenya 11:17.

Haaloo qabachuu dhiisuun keenya numaan fayyada

“Akkuma Waan Yihowaan Natti Dubbachaa Jiruutti Natti Dhagaʼame”

Liindaan wanta obboleettiin ishii ishii irratti raawwattetti haaloo akka hin qabanne kan ishii gargaare maal ture? Wantoota goote keessaa tokko, sababii itti dhiifama gochuu qabnu ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu irratti xiinxaluu ture. (Faarfannaa 130:3, 4) Liindaan keessumaa yommuu nuti warra kaaniif dhiifama goonu, Yihowaanis dhiifama akka nuu godhu beekuun ishii kana akka gootu ishii kakaaseera. (Efesoon 4:32–5:2) Kana yaaduun ishii hammam dhiibbaa akka ishii irratti godhe ilaalchisee, “Akkuma waan Yihowaan natti dubbachaa jiruutti natti dhagaʼame” jetteetti.

Liindaan yeroo booda haaloo qabachuu dhiisuu dandeesseetti. Obboleettii sanaaf tola dhiifama kan goote siʼa taʼu, amma obboleettiin sun michuu ishiin baayʼee jaallatu dha. Liindaan Yihowaa tajaajiluu ishii itti fufteetti. Yihowaan atis akkasuma akka gootu si gargaaruu kan barbaadu taʼuu isaa mirkanaaʼaa taʼi.