Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 2

Yaaddoo—‘Karaa Hundumaan Gad Dhiibamna’

Yaaddoo—‘Karaa Hundumaan Gad Dhiibamna’

“Anii fi abbaan manaa koo gaaʼelaan waggaa 25f erga waliin jiraannee booda wal hiikne. Ijoolleen koos dhugaa dhiisan. Ani immoo dhibee fayyaa hedduu ciccimaa taʼeen nan qabame. Achiis dhiphachuun jalqabe. Kanaan kan kaʼes samii fi lafti akka ana irratti garagalee fi sana booda rakkina tokko illee dandaʼuuf humna akkan hin qabne natti dhagaʼame. Gara walgaʼii dhaquu nan dhiise, karaa hafuuraas nan qabbanaaʼe.”—Juun.

YAADDOON, saba Waaqayyoo dabalatee nama hundumaa irra ni gaʼa. Faarfatichi, ‘yaaddoon garaa kootti baayʼate’ jechuudhaan barreesseera. (Faarfanna 94:19) Yesuus yeroo dhumaatti, ‘yaaddoon jireenyaa’ Yihowaa tajaajiluun baayʼee rakkisaa akka taʼu gochuu akka dandaʼu dubbateera. (Luqaas 21:34) Atoo haalli akkasii si mudateeraa? Rakkinni dinagdee, rakkinni maatii ykn rakkinni fayyaa akka sitti baayʼate sitti dhagaʼamaa? Yihowaan rakkoowwan kana akka mootu akkamitti si gargaaruu dandaʼa?

‘Humna Humna Caalu’

Yaaddoo nu irra gaʼu ofuma keenyaan moʼuu hin dandeenyu. Phaawulos ergamaan, “Nuti karaa hundumaan gad dhiibamna, . . . ni burjaajofna, . . . rukutamnee kufna” jechuudhaan barreesseera. Haa taʼu malee, “Sochoʼuu hin dadhabnu,” “Matumaa karaa itti keessaa baanu hin dhabnu,” akkasumas “Hin badnu” jedhee barreesseera. Maarree rakkoowwan kana moʼuuf maaltu nu gargaara? ‘Humna humna caalu,’ jechuunis humna Waaqa keenya Yihowaa isa hundumaa dandaʼu biraa dhufu dha.—2 Qorontos 4:7-9.

Kanaan dura ‘humna humna caalu’ kana akkamitti argachaa akka turte yaadi. Haasaan nama jajjabeessu tokko, dinqisiifannaa jaalala Yihowaa isa amanamaa taʼeef qabdu akkamitti akka siif guddise ni yaadattaa? Waaʼee abdii Jannataa warra kaan yommuu barsiistu, amantiin ati abdii Yihowaa irratti qabdu caalaatti cimee turee? Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti yommuu hirmaannuu fi waaʼee amantii keenyaa namoota kaanitti yommuu himnu, jabina yaaddoo jireenyaa dandaʼuuf nu gargaaru, akkasumas nagaa sammuu gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluuf nu gargaaruu dandaʼan arganna.

‘Gaarummaa Waaqayyoo Miʼeeffadhaa Ilaalaa!’

Yeroo tokkotti kallattii hedduudhaan asii fi achi harkifamaa akka jirtu sitti dhagaʼamuu akka dandaʼu beekamaa dha. Fakkeenyaaf, Yihowaan hundumaa dura Mootummicha akka barbaannuu fi sochii hafuuraa dhaabbataa taʼe akka qabaannu nu irraa barbaada. (Maatewos 6:33; Luqaas 13:24) Haa taʼu malee, mormiin, dhibeen fayyaa ykn rakkoowwan maatii humna kee yoo si jalaa fixan hoo? Yookiin hojiin qacaramtee hojjettu, yeroo fi humna gumiidhaaf oolchuu dandeessu yoo si jalaa fudhate hoo? Wantoonni hojjechuu qabdu hedduun kan jiran taʼus, yeroo fi humni wantoota kana hojjechuuf qabdu xinnoo waan taʼeef, kun humna keetii ol akka taʼe sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Tarii Yihowaan wanta hedduu ana irraa barbaadaa laata jettee yaadda taʼa.

Yihowaan haala namni tokko keessa jiru ni hubata. Akkasumas hamma nuti kennuu dandeenyu caalaa matumaa nu irraa hin eegu. Kana malees, rakkina qaamaa fi rakkina miiraa nu irra gaʼu irraa bayyaanachuun yeroo akka fudhatu ni hubata.—Faarfannaa 103:13, 14.

Fakkeenyaaf, Yihowaan Eliyaas raajicha akkamitti akka gargaare ilaali. Eliyaas baayʼee abdii kutatee fi sodaatee gara lafa onaatti yeroo baqatetti, Yihowaan raajii kanatti dheekkamee akkasumas gara hojii isaatti akka deebiʼu isa ajajee turee? Lakki. Yihowaan maleekaan tokko suuta jedhee akka isa dammaqsuu fi nyaata akka isaaf kennu siʼa lama gara Eliyaasitti isa ergeera. Eliyaas garuu erga kun taʼe guyyaa 40 booda illee yaaddaʼaa fi sodaachaa ture. Yihowaan isa gargaaruuf wanta kan biraa hoo maal godhe? Tokkoffaa, Yihowaan isa eeguu akka dandaʼu isaaf mirkaneesse. Lammaffaa, “sagalee suuta jedhaa fi laafaa,” [NW] taʼeen isa jajjabeesse. Dhuma irrattis, namoonni kumaan lakkaaʼamanii fi amanamummaadhaan Waaqayyoon waaqeffachaa jiran gara biran akka jiran isaaf ibse. Eliyaasis utuma baayʼee hin turin deebiʼee raajii hinaaffaa qabu taʼeera. (1 Mootota 19:1-19) Kana irraa maal baranna? Eliyaas yommuu yaaddoodhaan moʼametti Yihowaan obsaa fi gara laafinaan isa qabeera. Harʼas Yihowaan hin jijjiiramne. Yihowaan nuunis akkasuma nu kunuunsa.

Wanta Yihowaadhaaf kennuu dandeessu yommuu yaaddu haala kee tilmaama keessa galchi. Wanta yeroo ammaatti hojjechaa jirtu wanta kanaan dura hojjechaa turtee wajjin wal bira hin qabin. Fakkeenyaaf, atleetiin jiʼoota ykn waggoota hedduudhaaf shaakala gochuu dhiisee ture tokko yeruma tokkotti deebiʼee akka isaa duriitti fiiguu hin dandaʼu. Kanaa mannaa, galmawwan yeroo gabaabaa jabinaa fi obsa isaa isaaf cimsan baafachuudhaan jalqaba. Kiristiyaanonni namoota fiiganii wajjin wal fakkaatu. Galma qabatamaa taʼe yaadatti qabatanii shaakalu. (1 Qorontos 9:24-27) Atoo, galma hafuuraa ammuma bira gaʼuu akka dandeessu sitti dhagaʼamu tokko maaliif hin baafatuu? Fakkeenyaaf walgaʼii irratti argamuuf galma baafachuu dandeessa. Galma kee irra gaʼuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. Karaa hafuuraa jabina argachaa yommuu deemtu, ‘gaarummaa Waaqayyoo miʼeeffattee ilaalta.’ (Faarfannaa 34:8) Wanti ati jaalala Yihowaadhaaf qabdu argisiisuuf hojjetu kam iyyuu xinnoo yoo fakkaate illee, isa duratti gatii guddaa akka qabu yaadadhu.—Luqaas 21:1-4.

Yihowaan hamma nuti kennuu dandeenyu caalaa matumaa nu irraa hin eegu

“Jajjabina Ani Argachuuf Eeggachaa Ture”

Yihowaan Juun gara isaatti akka deebitu kan ishii gargaare akkamitti? Akkana jechuudhaan nutti himti: “Yihowaan akka na gargaaru yeroo hunda kadhachaan ture. Sana booda haati manaa ilma koo walgaʼii guddaan tokko magaalaa ani keessa jiraadhutti akka godhamu natti himte. Anis walgaʼichaa irratti guyyaa tokko hirmaachuuf nan murteesse. Saba Yihowaa wajjin deebiʼee walgaʼuu kootti miirri baayʼee adda taʼe natti dhagaʼame! Walgaʼiin sun jajjabina ani argachuuf eeggachaa ture dha. Amma deebiʼee gammachuudhaan Yihowaa tajaajilaan jira. Amma jireenyi anaaf caalaatti hiika guddaa qaba. Yeroo kam iyyuu caalaa obboloonni koo akka na barbaachisanii fi anis gargaarsa isaanii fudhachuu akkan qabu beeka. Yeroo argadhee deebiʼuu kootti nan galateeffadha.”