Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 11

Amantii Sobaarraa Fagaadhu!

Amantii Sobaarraa Fagaadhu!

Seexanniifi hafuuronni hamoon Waaqayyoon akka tajaajiltu hin barbaadan. Utuu dandaʼanii namoota hunda Waaqayyorraa fageessuu barbaadu. Kana kan godhan akkamitti? Karaan inni tokko amantii sobaati. (2 Qorontos 11:13-15) Amantiin, dhugaa Macaafa Qulqulluurra jiru hin barsiisne amantii sobaati. Amantiin sobaa qarshii sobaa wajjin wal fakkaata; qarshiin akkasii sirrii fakkaachuu dandaʼus gatii hin qabu. Kanarra darbees rakkina hedduu sitti fiduu dandaʼa.

Amantiin sobaa, matumaa Yihowaa hin gammachiisu. Yesus yommuu lafarra ture gareen amantii isa ajjeesuu barbaadu tokko jira ture. Miseensonni amantii kanaas waaqeffannaansaanii dhugaa akka taʼe itti dhagaʼama ture. “Nuyi abbaa tokkicha qabna, innis Waaqayyoo dha” jedhaniiru. Yesus yaadasaanii fudhateeraa? Hin fudhanne. Kanaa mannaa, “Isin kan abbaa isa tokkoo, kan Seexanaa ti” isaaniin jedheera. (Yohannis 8:41, 44) Yeroo ammaattis, namoonni baayʼeen Waaqayyoon waaqeffachaa akka jiran kan itti dhagaʼamu yoo taʼeyyuu, Seexanaafi hafuurota hamoo waaqeffachaa jiru.—1 Qorontos 10:20.

Akkuma mukti gadheen ija gadhee godhatu, amantiin sobaas namoota waan gadhee raawwatan godhata. Namoonni waan gadhee waan raawwataniif biyyi lafaa rakkinaan guutameera. Saalqunnamtiin seeraan ala taʼe, lolli, hanni, hacuuccaan, ajjeechaaniifi dirqisiisanii gudeeduun babalʼateera. Namoonni kana godhan hedduun amantii kan qaban taʼuyyuu, amantiinsaanii waan gaarii akka godhan isaan hin kakaasne. Namoonni kun wanta gadhee raawwachuu yoo dhiisan malee, michuu Waaqayyoo taʼuu hin dandaʼan.—Maatewos 7:17, 18.

Amantiin sobaa namoonni waaqayyolii tolfamoodhaaf kadhannaa akka dhiheessan barsiisa. Yihowaan, waaqayyolii tolfamoodhaaf kadhannaa akka hin dhiheessine nu dhowweera. Ajaja akkasii kennuunsaas sirriidha. Namni tokko sitti utuu hin taʼin suuraa keetti utuu dubbatee sitti tolaa? Namni kun michuukee isa dhugaa sii taʼuu dandaʼaa? Matumaa taʼuu hin dandaʼu. Yihowaanis namoonni isatti malee bifawwan ykn fakkiiwwan lubbuu hin qabnetti akka dubbatan hin barbaadu.—Baʼuu 20:4, 5.

Amantiin sobaa yeroo waraanaatti warra kaan ajjeesuun sirriidha jedhee barsiisa. Yesus michoonni Waaqayyoo akka wal jaallatan dubbateera. Namoota waan jaallannuuf isaan hin ajjeesnu. (Yohannis 13:35) Namoota hamoo ajjeesuunillee sirrii miti. Yesus diinonnisaa yommuu isa qabuu dhufan, bartoonnisaa lola kaasuudhaan akka isa oolchan hin goone.—Maatewos 26:51, 52.

Amantiin sobaa namoonni hamoon ibiddaan gubatu jedhee barsiisa. Macaafni Qulqulluun garuu, cubbuun duʼa akka namatti fidu barsiisa. (Roomaa 6:23) Yihowaan Waaqa jaalalaati. Waaqni jaalalaa barabaraaf ibiddaan nama gubaa? Matumaa hin gubu. Jannata keessatti amantii Yihowaa biratti fudhatama qabu tokko qofatu jiraata. (Mulʼata 15:4) Amantiin soba Seexanaarratti hundaaʼe hundi ni balleeffama.