Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 13

Ayyaana Heduufi Qoricha Namatti Gochuun Cubbuudha

Ayyaana Heduufi Qoricha Namatti Gochuun Cubbuudha

Seexanni akka ayyaana heddu barbaada. Namoonni baayʼeen, waan hamaarraa akka isaan oolchaniif firoottansaanii warra duʼaniif aarsaa dhiheessu. Kana kan godhanis humnoota hafuuraa waan sodaataniifidha. Qubeelaa ykn amartii qorichi itti godhame godhatu. “Qoricha” namoota beekaadha jedhamaniin hojjetame ni dhugu ykn qaamasaaniitti dibatu. Namoonni tokko tokko wanta balaarraa nu eega jedhanii abdatan manasaanii keessatti ykn lafa qotanii dhoksu. Warri kaanimmoo daldalasaaniirraa buʼaa argachuuf, qormaata darbuuf ykn kaadhima argachuuf ‘qorichatti’ fayyadamu.

Dhiibbaa Seexanaarraa eegumsa argachuuf karaan hundarra caalu Yihowaa michuu godhachuudha. Yihowaafi ergamoonnisaa, Seexanaafi hafuurota hamoo caalaa humna qabu. (Yaaqoob 2:19; Mulʼata 12:9) Yihowaan michootasaa warra guutummaatti isaaf amanamoo taʼan gargaaruuf humnasaatti fayyadama.—2 Seenaa 16:9.

Dubbiin Waaqayyoo, “Ayyaana hin hedinaa” jedha. Ayyaana heduufi qoricha namatti gochuun, nama tokko toʼannaa Seexanaa jala waan galchuuf, Yihowaan namoota gocha akkasii raawwatan ni balaaleffata.—Lewwoota 19:26.