Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 8

Diinonni Waaqayyoo Eenyufa’i?

Diinonni Waaqayyoo Eenyufa’i?

Diinni Waaqayyoo inni guddaan Seexanadha. Inni qaama hafuuraa Yihowaarratti kaʼedha. Seexanni Waaqayyoon mormuufi ilmaan namootaarrattis rakkina guddaa fiduusaa itti fufeera. Seexanni hamaa, sobduufi kan nama ajjeesudha.—Yohannis 8:44.

Uumamawwan hafuuraa kaanis Waaqayyorratti kaʼaniiru. Macaafni Qulqulluun hafuurota hamoo jedhee isaan waama. Akkuma Seexanaa, hafuuronni hamoon kunis diinota ilmaan namaati. Namoota miidhuu barbaadu. (Maatewos 9:32, 33; 12:22) Yihowaan Seexanaafi hafuurota hamoo barabaraaf waan balleessuuf, namootarratti rakkina kan geessisan yeroo muraasaaf qofadha.—Mulʼata 12:12.

Michuu Waaqayyoo taʼuuf wanta Seexanni barbaadu raawwachuu hin qabdu. Seexanniifi hafuuronni hamoon Yihowaa ni jibbu. Akkumasaanii atis diina Waaqayyoo akka taatu barbaadu. Kanaaf, Seexanaafi Yihowaa keessaa eenyuun gammachiisuu akka barbaaddu filachuu qabda. Jireenya barabaraa argachuuf fedha Waaqayyoo raawwachuu filachuu qabda. Seexanninamootagowwoomsuufhaxxummaaaddaddaatti fayyadama. Kanaan kan kaʼes, namoonni hedduun Seexanaan gowwoomfamaniiru.—Mulʼata 12:9.