Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 16

Jaalala Waaqayyoof Qabdu Argisiisi

Jaalala Waaqayyoof Qabdu Argisiisi

Michoomakee eegdee jiraachuuf, yeroo hunda michuukee wajjin mariʼachuun si barbaachisa. Atis isa dhaggeeffatta, innis si dhaggeeffata. Warra kaanitti waaʼee michuukee waan gaarii dubbatta. Michuu Waaqayyoo taʼuunis kanaa wajjin wal fakkaata. Kana ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu ilaali:

Yeroo hunda kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaadhu. “Waaqayyoon kadhachuuttis cimaa.”—Roomaa 12:12.

Macaafa Qulqulluu dubbisi. “Caaffanni qulqullaaʼaan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa.”—2 Ximotewos 3:16.

Waaʼee Waaqayyoo warra kaan barsiisi. “Egaa dhaqaa, . . . saba hundumaa bartoota koo godhaa! Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa!”—Maatewos 28:19, 20.

Michoota Waaqayyootti dhihaadhu. “Namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in taʼa.”—Fakkeenya 13:20.

Walgaʼii Galama Mootummaatti godhamurratti argami. “Jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis kottaa tuttuqnee yaada walii in kaafnaa! . . . wal jajjabeessina.”—Ibroota 10:24, 25.

Hojii Mootummichaa deggeri. “Namni adduma addaan garaa duuba yookiis giddiidhaan utuu hin taʼin, akka garaa isaatti murtoo godhetti kennuutu isaaf taʼa; Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu in jaallata.”—2 Qorontos 9:7.