Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 5

Michoonni Waaqayyoo Jannata Keessa Jiraatu

Michoonni Waaqayyoo Jannata Keessa Jiraatu

Jannanni, haala biyya lafaa kanaa wajjin tokko miti. Waaqayyo lafti kun jeequmsa, gadda, waraansaafi rakkinaan akka guutamtu hin barbaadu. Gara fuulduraattis lafa kana jannata godha. Jannanni maal fakkaatti? Mee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu haa ilaallu:

Namoota gaarii. Michoonni Waaqayyoo jannata keessa jiraatu. Achi keessattis waan gaarii waliif godhu. Seera Waaqayyoo eeganiis ni jiraatu.—Fakkeenya 2:21.

Nyaata baayʼee. Jannata keessa beelli hin jiraatu. Macaafni Qulqulluun, “Biyyicha keessa midhaan baayʼatee irraa haa hafu” jedha.—Faarfannaa 72:16.

Mana bareedaafi hojii gaarii. Jannata keessatti maatiin hundi mana mataasaa qabaata. Namni hundi hojii gammachuu isaaf argamsiisu hojjeta.—Isaayaas 65:21-23.

Addunyaa maratti nagaan ni argama. Namoonni waraana walirratti hin banan, walis hin ajjeesan. Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo “Duulli akka dhaabatu in godha” jedha.—Faarfannaa 46:8, 9.

Fayyaa qabaachuu. Macaafni Qulqulluun, “[Namoota Jannata keessa jiraatan] keessaa namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru” jedha. (Isaayaas 33:24) Namni naafti, namni qaroo hin qabne, namni dhagaʼuu ykn dubbachuu hin dandeenye achi keessa hin jiraatu.—Isaayaas 35:5, 6.

Waraansi, gaddiifi duuti ni badu. Dubbiin Waaqayyoo, “Wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebiʼee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis siʼachi hin jiru” jedha.—Mulʼata 21:4.

Namoonni hamoon ni balleeffamu. Yihowaan, “Warri jalʼoonni garuu biyyicha keessaa in balleeffamu; warri hin amanamnes isa keessaa in buqqifamu” jechuudhaan abdii kenneera.—Fakkeenya 2:22.

Namoonni wal jaallataniifi wal kabajanii jiraatu. Jalʼinni, hacuuccaan, sassanniifi jibbi hin jiraatu. Namoonni tokko taʼu; seera Waaqayyoo eeganiis ni jiraatu.—Isaayaas 26:9.