Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 4

Karaawwan Waa’ee Waaqayyoo Itti Barattu

Karaawwan Waa’ee Waaqayyoo Itti Barattu

Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan waaʼee Yihowaa barachuu dandeessa. Bara duriitti Waaqayyo yaadasaa akka barreessaniif namoota muraasa filatee ture. Wanti isaan barreessanis Macaafa Qulqulluu jedhama. Nuyis macaafa kana dubbisuudhaan waaʼee Waaqayyoo barachuu dandeenya. Macaafichi ergaa Waaqayyoo waan qabateef, Dubbii Waaqayyoo jedhamee waamama. Yihowaan waan hin sobneef, wanta Macaafni Qulqulluun jedhutti amanuu dandeenya. ‘Waaqayyo hin sobu.’ (Ibroota 6:18) Dubbiin Waaqayyoo dhugaadha.—Yohannis 17:17.

Kennaa guddaa Waaqayyo nuu kenne keessaa inni tokko Macaafa Qulqulluudha. Macaafni kun xalayaa abbaan jaalala qabeessi ijoolleesaatiif barreessee wajjin wal fakkaata. Waaqayyo lafa kana jannata gochuuf abdii kennuusaa nutti hima. Wanta inni kanaan dura raawwate, wanta inni amma raawwachaa jiruufi wanta inni gara fuulduraatti namoota amanamoodhaaf godhu nutti hima. Rakkoo keenyaaf furmaata akka argannuufi gammachuu akka argannus nu gargaara.—2 Ximotewos 3:16, 17.

Dhugaa Baatonni Yihowaa michuu Waaqayyoo waan taʼaniif, wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu akka hubattu si gargaaru. Macaafa Qulqulluu qayyabachuu akka barbaaddu itti himi. Qayyabannaa kanaaf qarshii si hin kaffalchiisan. (Maatewos 10:8) Walgaʼii gumiirrattis argamuu dandeessa. Walgaʼiin kun, Galma Mootummaa waaqeffannaadhaaf itti fayyadamnutti geggeeffama. Walgaʼicharratti yoo argamte beekumsa Waaqayyoo argachuudhaan guddina argisiisuu dandeessa.

Wantoota Waaqayyo uumerraas waaʼeesaa barachuu dandeessa. Macaafni Qulqulluun, ‘Waaqayyo bantiiwwan waaqaafi lafa uume’ jedha. (Uumama 1:1) Yihowaan yommuu “bantiiwwan waaqaa” uume, aduus uumeera. Kun Yihowaan humna guddaa akka qabu nu hin barsiisuu? Aduu humna guddaa qabdu uumuu kan dandaʼu isa qofadha. Aduu ishee utuma hoʼaafi ifa maddisiistuu gubattee hin dhumne uumuun ogummaa waan gaafatuuf, inni aduu uumuunsaa ogummaa kan qabu taʼuusaa nu hubachiisa.

Wantoonni Yihowaan uume akka inni nu jaallatu argisiisu. Mee waaʼee kuduraalee garaagaraa yaadi. Yihowaan kuduraa gosa tokkoo qofa nuu uumuu ykn tokkoyyuu uumuu dhiisuu dandaʼa ture. Inni garuu, kuduraalee akaakuu, bifa, hanga, halluufi miʼaa addaddaa qaban hedduu nuu kenneera. Kunimmoo Yihowaan Waaqa jaalala qabeessa, arjaa, kan namaa yaaduufi gaarii taʼuusaa nu hubachiisa.—Faarfannaa 104:24.