Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 9

Michoonni Waaqayyoo Eenyufa’i?

Michoonni Waaqayyoo Eenyufa’i?

Yesus Kiristos Ilma Yihowaafi michuusaa isa hundarra caaludha. Yesus nama taʼee lafarra jiraachuusaa dura, qaama hafuuraa humna guddaa qabu taʼee samiirra jiraachaa ture. (Yohannis 17:5) Sana booda, dhugaa waaʼee Waaqayyoo ibsu namoota barsiisuuf gara lafaa dhufe. (Yohannis 18:37) Ilmaan namootaa warra ajajamoo taʼan cubbuufi duʼa jalaa oolchuufis lubbuusaa kenneera. (Roomaa 6:23) Yesus yeroo ammaatti Mootii Mootummaa Waaqayyoo siʼa taʼu, Mootummaan kunis samiirratti kan argamuufi lafa kana Jannata kan godhudha.—Mulʼata 19:16.

Ergamoonnis michoota Waaqayyooti. Ergamoonni kan uumaman akka namootaa lafarra akka jiraataniif miti. Waaqayyo lafa uumuusaa dura samiirratti isaan uume. (Iyoob 38:4-7) Baayʼinni ergamootaa miliyoonaan kan lakkaaʼamudha. (Daaniʼel 7:10) Michoonni Waaqayyoo samiirra jiraatan kun, ilmaan namootaa waaʼee Yihowaa dhugaasaa akka beekan barbaadu.—Mulʼata 14:6, 7.

Waaqayyo lafarraas michoota kan qabu siʼa taʼu, isaaniinis dhugaa baatotakoo jedhee waama. Namni dhugaa baʼuuf mana murtiitti waamame, waaʼee nama ykn wanta beeku tokkoo ni dubbata. Dhugaa Baatonni Yihowaas, waaʼee Yihowaafi waaʼee kaayyoosaa wanta beekan warra kaanitti himu. (Isaayaas 43:10) Akkuma ergamootaa, Dhugaa Baatonni kunis waaʼee Yihowaa akka barattu si gargaaruudhaan michuu Waaqayyoo akka taatu barbaadu.